Tapha deebii Kaaraabaawoon Arsenaal Niwkaastil waliin har’a taphata
Morkii darbe dirree isaa irratti 2-0 kan injifatame Arsenaal marsaa itti aanutti darbuuf dirqama goolii 3-0 fi isaa ol lakkoofsisuu gaafata.
Morkii Seentu Jamsi Paarki irratti gaggeeffamuun marsaa jalqabaan dirreen ala kan injifate Newkaastil tapha har’a deeggartoota isaa duratti gaggeessu kanaan tilmaama marsaa itti aanutti darbuu argateera.
Maanchistar Yuunayitidiin injifatamee waancaa FA Cup ala kan ta’e gareen Arteettaa tapha har’aa kana kan injifatamu yoo ta’e, morkii waancaawwan keessatti hirmaataa jiru afur keessaa 2tti hir'isa.
Arsenaal tapha Pirimeerliigii torbee 24 ffaa dirree isaa irratti Maanchistar Siitii keessummeessee gahuumsa dinqisiisaan 5-1 injifachuun isaa ni yaadatama.
Gahumsa Maanchistar Siitii irratti agarsiise yoo irra deebi’e gara marsaa itti aanutti darbuuf wanti isa dangeessu hin jiruun yaada Ispoorteessitoota hedduuti .
Taphni kun har’a galaga sa’aatii 5:00 irraa eegalee gaggeeffama.