FOON UFFATEE AMALA NAMUMMAATIIN DHUFE.
โ๏ธDhoksaan foon uffatee dhufuusaa kun:
โ. cubbuu isaa namni foonii hojjete balleessuudhaaf foon uffatee dhufe.
๐ Rom 8:3 โSababii nama fooniitiif seerri hojii isaa hojjechuu dadhabe, Waaqayyo ilma ofii isaatii ergee, cubbuu isa nama foonii keessaatti farade; ilmi isaa kun foon isa namni cubbamaan uffatu uffatee, cubbuu balleessuu dhufe.โ
โถ. Obbolootasaa (ilmaan namaa) fakkaatee fayyisuu waan dhufeef foon uffate.
โ๏ธ Namni tokko kan nama oolchuu dandaโu yoo nama sana fakkaatee jireenyasaaarra hirmaate male nama sana oolchuu hin dandaโu.
โ๏ธ Ergamoonniif raajionni gaafa dhufan nu fakkaatanii hin dhufne kanaaf nu oolchuu hin dandeenye.
๐ Ibr 2:17 โKanaafis inni fuula Waaqayyoo duratti angafa lubootaa isa oo'a-qabeessaa fi amanamaa ta'uudhaaf, namoota dhiifamuu cubbuu argachiisuudhaaf, karaa hundumaa obboloota isaa fakkaachuu isa barbaachise.โ
โธ Aangoo seexanaa isa biyya lafaa irratti moโe kana duโasaatiin cabsuudhaaf foon uffatee mulโate.
๐ Ibr. 2:14 โIjoollonni kun foonii fi dhiiga akkuma ta'an, inni "Obboloota koo" jedhee isaan waamu kunis akkuma isaanii ta'e; du'a isaatiin Seexana isa humna du'aa qabu balleessuudhaaf nama ta'e.โ
โ๏ธKanaaf nuti kiristaanonni kiristoos nama dhugaa akka taโe foon uffatee akka dhufe amanna.
โ๏ธ Kanatti kan hin amanne hundinuu hafuura isa dhugaa utuu hin taane Inni morma ykn kiristoosiin mormuu isaati.
โ๏ธ Macaafni qulqulluun yesuus fooniin dhufuusaa amanee kan hin beeksisne hundinuu kan Waaqayyoo miti jedha.
๐1yoh 4:2-3 ยฒ Hafuurri, Yesus Kiristos fooniin dhufuu isaa amanatee beeksisu hundinuu kan Waaqayyoo ti; kanaanis hafuura Waaqayyoo ta'uu isaa in hubattu. ยณ Hafuurri akka kanatti Yesusin amanatee hin beeksifne hundinuu garuu, kan Waaqayyoo miti; inni kun hafuura isa Kristosiin mormu, isa isin akka inni dhufu dhageessanii dha. Inni ammumaa biyya lafaa keessa jira.
@Jaala_Dhugaa