Postlar filtri


















Waliin Waliif Biyya Ijaarra !
=
Biyyi gaaddisa guddaafi qabeenya walooti. Biyya malee jiraachuun hin danda’amu. Lammiin biyya hin qabne homaa qabaachuu hin danda’u. Kanaaf biyyi ofii waan hunda ofiiti.
Lammiin kamuu biyyasaa keessatti kabaja, jaalalaafi ulfinaan jiraachuu danda’a. Biyya waloon qabnu kana waliin ta’uufi waliif yaaduun biyya cimtuu birmadummaan ishee eeggameefi dinagdeen badhaate miira tokkoomeefi obbolummaatiin ijaarrachuun gahee lammiilee hundaa ta’uu qaba.
" Mixiin Wal qabattee laga ceeti’’ akkuma jedhamu lammiileen biyyattii hundi dhimma biyyaa irratti tokkummaa kaleessaa abbootii keenyaa cimsachuun waliifi waloomaan hojjechuun humni diinagdee biyyaa akka cimu,sirni dimokraasiin akka dagaaguufi biyya keenya tarree biyyoota badhaadhaniitti qixxeessuuf miira xiiqiitin hojjechuu kan gaafatuudha. Kana milkeessuuf ammoo duudhaa tokkummaafi waliin jireenya Ummattootaa caalmatti cimsaa deemuun murteessaadha.
Odeeffannoo Dabalataatiif
Facebook:
https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube:
https://www.youtube.com/@BKONews
------
TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com




Injifannoon Daandii Nagaa Biyya Ijaara!
=
Sadarkaa biyyaatti hojii hawaas-diinagdeefi siyaasaa akkasumas sadarkaa nama dhuunfaatti kallattii hundaan hojjetanii guddachuuf nageenyi hundaa ol murteessaadha. Nagaan waa hunda jedhama.

Hojii Mootummaan nagaafi tasgabbii mirkaneessuuf hojjechaa jiru kan milkaa’u uummanni tumsa barbaachisu yoo taasiseedha.Hawaasni sadarkaan jiru qaamoota nageenyaa waliin ta’uun nagaasaatif waardiyaa yoo dhaabbate nageenyi waara’a.Wantoota walitti bu`iinsa uumaniifi waliin jireenya hawaasaa danqan maqsuun jaalala,obbolummaafi tokkummaa ijaaruun nageenya mirkaneessuuf gumaacha guddaa taasisa.

Imalli nagaa waaressuu mariifi marabbaa ilaafi ilaameen dubbii fixuun qofa. Humnootni daandii nagaa filachuun galan qaama lamaanuu injifataa taasisaniiru. Harka mootummaan nagaaf diriirse simachuun misooma uummataaf yaaduu dha. Hawaasa keenya jireenya gadadoo keessaa baafnee gara boqonnaa haaraatti ceesisuuf nageenya isaa bakkatti deebisuutu barbaachisa.

Biyyaafi hawaasa kan ijaaru nageenya, misoomaafi cimanii hojjechuudha malee jibbiinsaafi qoodinsa miti. Kanaafuu, walhubannoo gaarii qabaachuun nageenya waaressuuf hojjechuu qabna.

Odeeffannoo Dabalataatiif

Facebook:
https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube:
https://www.youtube.com/@BKONews
------
TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com



















20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.