#Istandaardii_Manneen_Barnootaa #Eegsisuuf #Gumaachi_Dhaabbilee #Deeggartoota Misoomaa Guddaadha Jedhame
######
BBO, Amajjii 26/2017 Manneen barnootaa gara istandaardiitti fiduuf hojiin Ijaarsa Mana Fincaaniifi Bishaanii Pirojektiin One Wash Waggoottan Shanan darban keessatti hojjetamaa ture gumaacha guddaa taasisuun marii guyyaa har'aa gaggeeffamerratti ibsamee jira.
Karoorri ijaarsa pirojektii #Aanaalee 76 keessatti manneen barnootaa 204 ta'aniif #mana_fincaanii,#Bishaaniifi #Bakka haaragalfii (MHM) barattoota shamarranii qaqqabamaa gochuuf waggoottan shanan darban keessatti raawwatamaa tureefi Raawwii kur.2ffaa Bara 2017 jiru manneen barnootaa fayyadamoo gochuurratti bakka hooggansi BBO, Itti gaafatamtoonni godinaalee, Fookaalonni pirojektii Wash #manaajarri Wash aanaalee argamanitti raawwii waliigalaa hojii ijaarsa pirojektichaa hanga ammaa jiru qoratameera.
Sagantaa marii kana Itti A/Hogg.BBO #Obbo #Girmaa_Baayisaa jalqabsiisanii jiru. Haasawa hirmaattotaaf godhaniin hojiin manneen barnootaa istandaardii eegsisuu hojii #murteessaafi_furtuu akka ta'e eeruun hojiin bishaaniifi mana fincaanii mana barumsaa keessatti ijaaruun rakkoo barnoonni keenya qabu furuu keessatti gumaacha guddaa akka taasisu ibsanii jiru.
Hojii pirojektiin Sagantaan One Wash Biyyaalessaa (One Wash National Program) rakkoo manneen barnootaa qaban furuuf hojjetaa ture bu'aa guddaa argamsiisaa jiraachuus ibsaniiru Obbo #Girmaan.
Akkasumas ijoolleen bishaaniifi mana fincaanii yoo argatte hojii baruufi barsiisuu qajeeltoon gaggeeffamuufi qulquliina barnootaa mirkaneeffachuufillee gumaacha guddaa kan taasisu ta'uu dabaluun, godinaaleen gabaasa yeroo dhiyeessan hojiin hojjetame muuxannoo ta'uu kana danda'u akka irraa baratamuu qabutti, bakka hanqinni mul'atetti ammoo irraa baratamuu akka qabutti akka dhiyeessan kallaattii dhiyeessii gabaasaas kaa'aniiru. Akkaatuma kallattii kaa'ameen gabaasnis dhiyaateera.
BBOtti Ogeessi Saaniteeshiniifi Haayijinii(Sanitation and Hygiene Specialist WASH) Obbo #Tafarii_Dajanee gabaasa waliigalaa ijaarsaa waggoottan shanan darbaniifi raawwii kur.2ffaa bara 2017 dhiyeessanii jiru.
Gabaasa dhiyeessan keessattis raawwii godinaaleefi aanaalee walitti qabaan dhiyeessan keessatti godinaalee sababa garaa garaan rawwiin irraa harkifate dhiyeessanii jiru.
#Gabaasa dhiyaaye irratti bu'uureffachuun marii bal'aan hirmaattotaan gaggeeffameera. Haaluma kanaan maallaqni deeggarsaan misooma biyyaaf gumaachuuf dhufu yeroodhaan kan daanga'e waan ta'eef, ijaarsi bakka tokko tokkotti harkifataa ta'uunfi herreegni isaa dafee bu'uu dhabuun akka hanqinaatti gabaasa dhiyaate irraa hubatameenis hooggansi godinaafi aanaa xiyyeeffannoo guddaan hordofuu akka qabanis dubbatameera.
#Manneen_barnootaa hojii baruufi barsiisuuf mijataa gochuufi istandaardii eegsisuuf Biiroon Barnootaa hojii inisheetiivii guddaa tokko godhee baajata ramadee xiyyeeffannoon hojjetaa jira. Hawaasa sochoosuun barnootarratti hojii hojjetameenis bu'aa guddaan galmaa'aa jira.
Dhaabbileen deeggartoota misoomaas hojii misooma barnootaa milkeessuu keessatti gahee isaanii bahataa jiru.
Dhumarratti bakkeewwan ijaarsi harkifataa ta'etti hooggansi itti #xiyyeeffatee_ji'oottan lamaan dhufan keessatti ijaarsi duguugamee xumuramuu akka qabaatu waltajjiirraa hoggansa godinaafi aanaaleef kallattiin kaa'amee sagantaan marii raawwateera.
Oromia Education Bureau