Boossuu
Haadha ulfa baatii saddeetii
Abiddaan guban qe'ee keetti
Viidiyoo dhaan waraabanii
Fuula kee dura dhaabanii
Guyyaa sadiif boossee dhiiste
Madicha dagattee of gattee ciistee
Akka hoolaa masqalaaf kormaa
Obboleessa kee kutanii mormaa
Goorroo kee balfaan yaabanii
Sitti fidan viidiyoodhaan waraabanii
Dhiiga kee dhuganii foon kee nyaachaa
Morman obboleessa kee godhatanii faacha
Ammas guyyaa 2'f boo'ichaan iyyitee
Suubiisaa'mmoo kaatee kokkolfaa sirbite
Kunoo inni bare dhiiga kan kee xuuxuu
Ammas mukatti hidhee albertiin ciccire qaama Oromoo guutuu
Atis akkuma barte gootee
Imimmaan kee lolaasaa akka leccuu miidiyaarra lootee
Inni beeku dadhabina kee
Ammas basumaam jedhee maqaa Waaqaa kadhatee
Gaallaadhaan si waamee
kichuu kee morma qalatee
Atis kunoo eegalte
coccobsuu imimmaan naachaa
Boossuu qofa taatee
gootummaa kee hormaaf laachaa
Hamma yoomiitt boossa
imimmaanni kennaa keetii?
Beeki imimmaanni aayyoo
dirmannaa ilmashee feetii
Yoo ammas gamtoomuu baatte
Ofiin du'atti of laatte
Boo'ichi homaan jijjiiru
yoo horma gammachiise malee
Waan dandeessu hojiin mul'isi
dhumni dubbii yoo siif gale
© Kenbon Abraham
Haadha ulfa baatii saddeetii
Abiddaan guban qe'ee keetti
Viidiyoo dhaan waraabanii
Fuula kee dura dhaabanii
Guyyaa sadiif boossee dhiiste
Madicha dagattee of gattee ciistee
Akka hoolaa masqalaaf kormaa
Obboleessa kee kutanii mormaa
Goorroo kee balfaan yaabanii
Sitti fidan viidiyoodhaan waraabanii
Dhiiga kee dhuganii foon kee nyaachaa
Morman obboleessa kee godhatanii faacha
Ammas guyyaa 2'f boo'ichaan iyyitee
Suubiisaa'mmoo kaatee kokkolfaa sirbite
Kunoo inni bare dhiiga kan kee xuuxuu
Ammas mukatti hidhee albertiin ciccire qaama Oromoo guutuu
Atis akkuma barte gootee
Imimmaan kee lolaasaa akka leccuu miidiyaarra lootee
Inni beeku dadhabina kee
Ammas basumaam jedhee maqaa Waaqaa kadhatee
Gaallaadhaan si waamee
kichuu kee morma qalatee
Atis kunoo eegalte
coccobsuu imimmaan naachaa
Boossuu qofa taatee
gootummaa kee hormaaf laachaa
Hamma yoomiitt boossa
imimmaanni kennaa keetii?
Beeki imimmaanni aayyoo
dirmannaa ilmashee feetii
Yoo ammas gamtoomuu baatte
Ofiin du'atti of laatte
Boo'ichi homaan jijjiiru
yoo horma gammachiise malee
Waan dandeessu hojiin mul'isi
dhumni dubbii yoo siif gale
© Kenbon Abraham