SEENA NAMICHA BOFTI IDDEE
Namicha tokkotu bofti tokko osoo ibiddaan gubachaa jiruu arge. Bofa gubachaa jiru kana lubbuu isaa baraaruun qaba jedhee murteessee osoo boficha ibidda keessaa baasaa jiruu, bofichi namicha kana hidde. Namichis lubbuu isaa baraaruuf osoo tattaffatuu bofichi ibidda keessatti deebi'ee kufe.
Namichi kuni gaddee, bofichi kuni ibidda kanatti kan kufe sababuma isaatiin jedhee bitaa fi mirga yeroo ilaalu sibiila dheeraa tokko argatee boficha ibidda keessaa baasee lubbuu isaa baraare.
Yeroo dhimmi kuni hundi ta'u namtichi ilaalaa ture tokko "bofti kuni ati lubbuu isaa baraaruuf ibidda keessaa osoo baasaa jirtu si hiddee maalif ibidda keessaa isaa baafte?" jedhee gaafate. Namichis deebisee "na hidduun isaa kuni amala qoshaashaa bofichaati! amala isaa fokkuu kanaaf jedhee gaarummaa fi gara laafummaan uumamaan qabu hin jijjiiru" jedheen.
Kanaaf, namni tokko na miidhe jettee gaarummaa fi gara laafummaa uumamaan qabdu sana hin jijjiirin. Hammeenya isaa gaarummaadhaan deebisiif.
Sababnis, amalli gaarummaa fi gara laafummaa namoota kabajamoo fi kabaja guddaa namaaf qaban biratti argama waan ta'eef.
Jireenya keenya keessatti namoonni amala bofaa qaban hedduun nu mudachuu danda'u rabbiin summii namoota bofa ta'anii kana irraa nu haa eegu!
Seena kana eega dubbifte booda oo sitti tole yaada nuuf laadha galatooma waan dubbiftanif🙏🥰
Share➬ @hard_potential