๐™ƒ๐™ž๐™ž๐™ ๐™–๐™– ๐™”๐™–๐™–๐™™๐™–๐™– โœ๏ธโœ๏ธโœ


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha


๐Ÿ’Š Arraba kee eeggadhu!
๐Ÿ’Š Fayyaa kee eeggadhu!
๐Ÿ’Š Kabaja kee eeggadhu!
Buy ads: https://telega.io/c/hiikaayaadaa

ะกะฒัะทะฐะฝะฝั‹ะต ะบะฐะฝะฐะปั‹  |  ะŸะพั…ะพะถะธะต ะบะฐะฝะฐะปั‹

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Statistika
Postlar filtri






Godina Salaalee aanaa Dharraatti hidhattoonni Finxaaleyyii Faaannoo nama nagaa irratti ajjeechaa suukkaneessaa raawwatan

Godina Salaalee aanaa Dharraatti viidiyoo wayita gareen fiinxaaleyyiin ajjeechaa suukanneessaa kana raawwatan mul'isu marsaalee hawaasaa irratti tamsaafamuu hordofee dheekkamsa jabaa uume.

๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ
Abbaa koo
Harmee Koo
Obboleessa koo
Obboleettii koo
Maatii koo
Hiriyaa koo
Ollaa koo
Biyyaa koo

Yaa Rabbii Araaraa kee ๐Ÿ˜ญ


Dhumni dukkanaa Ifadha.
Dhumni Nama Obsuus milkiidha.


Dr. Mehdi'n ogeessa baqaqsanii hodhuu waliigalaa biyya Iraaq ture. Bara 1995tti haadha isaaf yaala baqaqsanii hodhuu otuu hojjechaa jiruu haati isaa rakkoolee tokko tokko mudateen harka isaa irratti duute. Ergasii booda miidhaa sammuu isarra gahe irraa dandamachuu waan hin dandeenyeef, daandii naannoo isaa irra naanna'ee, dallaa irratti "Haadhakoo dhiifama naaf godhi, baay'een si jaalladha, garuu si oolchuu hin dandeenye." Jedhee barreessaa oola.

Sadarkaan haadha tokkoo maal akka ta'e ofuma keessanii tilmaamaa, kanaaf warri haati keessan lubbuun jirtu akka gaariitti kunuunsaa. Warri haati keessan du'aan boqotte hundaaf immoo Waaqayyoo isin haa jabeessu!

#haadha koo โค๏ธ



@Hiikaayaadaa


"Kan Dhugaa fi Seenaa qabuu Laphee fi jireenya Nama keessa hin baduu"

===================
@Hiikaayaadaa


Oduu: Abdirahmaan Mohaammad Abdullaahi filannoo pirezidantummaa #Somaalilaand moโ€™atan

Filannoo pirezidantummaa Somaalilaand guyyoota muraasa dura gaggeeffameen kaadhimamaan paartii mormituu โ€˜Waddaaniiโ€™ jedhamu kan taโ€™an Abdirahmaan Mohaammad Abdullaahi injifachuu Komishinii Filannoo Somaalilaand beeksise.

Paartii Kulmiyyee bakka buโ€™uun kan dorgoman Pireezidaantiin Somaalilaand ammaa Musee Bihii Abdii filannoo kana irratti hin milkoofne.

Jalqabumaa kaasee filannoo kana irratti morkataa jabaa tahuu akka dandaโ€™an tilmaamamaa kan turan Abdirahmaan Mohaammad Abdullaahi ykn maqaa โ€œIrooโ€ jedhuun beekaman, filannicha caalmaa olaanaan injifatan.

Akkaataa buโ€™aa sagalee ifoomeen kaadhimamaan paartii โ€œWaddaaniiโ€ Abdirahmaan Mohaammad Abdullaahi sagalee 63% ol argachuun injifatan. Morkataa isaanii kaadhimamaa Paartii โ€œKulmiyeeโ€ Musee Bihii ammoo sagalee kenname 34.81% argachuu gabaafameera.



@hiikaayaadaa


๐Ž๐… ๐‡๐”๐๐€๐‚๐‡๐”๐”
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย 
โ Of hubachuun waa'ee ofii kee beekumsa guutuu qabaachuudha. Adeemsa jireenyaa keessatti yaadrimee kana olkaastee itti fayyadamuun akkaan barbaachisaadha.
โƒ "Fedhi koo maali?
โƒ Yaadi koo?
โƒ Maalan barbaada?
โƒ Ani wanta namoota biroo irraa adda na godhu maalan qaba?
โƒ Dandeettiin koo maal?
โƒ Maalan hojjechuu barbaada?
โƒ Maal qabaachuun barbaada?"

โ Gaaffileen kun gaaffilee Of hubachuuf gaafatamaniidha. Gaaffilee kanaaf deebii sirrii qabaachuun, fiigicha jireenyaa kee milkeessuuf ati taasiftu keessatti dhimma murteessaadha. Of beektee isa ta'uu barbaaddu taatee argamuuf, gaaffilee kanaaf xiyyeeffannoo kennuun duubatti harkifannaa jireenya kee mudatu kamirraayyuu si oolcha. Gaaffileen armaan olii waa'ee ofii kee fakkii sirrii (right image); akka qabaattuuf gargaaru. Kun immoo jireenya kee keessatti madda humnaa fi anniisaa ta'ee si gargaara. Yeroo kana daandii milkaa'inaa irratti gufuu si mudatu kamiifuu deebii sirrii laatta. Fiixee milkaa'inaa irra qaqqabuu kan dandeessu haala kanaan.

โ Kanaaf ofii keef hubannoo sirrii qabaadhu! Jireenya kee utubi! Beekumsi kee, muuxannoon kee, ga'umsi kee akka si gargaaruuf ogummaa fayyadami! Fuulduree keef abdii ta'i! Of hubadhu!
โœ“ @Hayilug2016

@Hiikaayaadaa
@Hiikaayaadaa


๐Ÿ“™Ilaalcha Kontofataa qabachuu irraa bineensii Kontofataa sii nyaachuu wayya....... I thank...


@Hiikaayaadaa


๐™ƒ๐™ž๐™ž๐™ ๐™–๐™– ๐™”๐™–๐™–๐™™๐™–๐™– โœ๏ธโœ๏ธโœ dan repost
Bu'aa Bahii Yaada Kee
Kaayyoo Fulduraa kee
Deemsa Kaayyoo Kee
Ilaalcha Yaadaa Kee
Ogummaa Sammuu kee
Kutannoo Yaadaa Kee
Xinxalaa Yaadaa Kee
Murteeffanna Yaadaa Kee

Wanti Ta'u Hundu Kaayyoo
Eeguuf Obsuun Gatti qaba

@HiikaYaadaa
@HiikaYaadaa










Har'a Finfinnee Markaatootti bakka "Dinnich Barandaa" jedhamee beekamutti balaan abiddaa uumamee ture.

Komishiniin Hoggansa Balaa Ibiddaa magaalaa Finfinnee akka ibsetti ibiddi kun waaree booda saโ€™aatii 6:30 irratti kan kaโ€™e yoo taโ€™u, osoo hin babalโ€™atin akkasumas miidhaa guddaa osoo hin geessisin toโ€™atameera.

Sababa balaa kana hanga yoonaa wanti beekame hin jiru.

Dhiheenya kana Markaatoo "Shamnaa Taraatti" balaa ibiddaa guddaa ka'een lammiileen hedduun qabeenya isaanii akka dhaban ni yaadatama.


@Hiikaayaadaa


๐ŸŒGaafa waa Dubbanu fi
๐ŸŒŽGaafa waa nyaannu
๐ŸŒGaafa waa ilaaluu
๐ŸŒGaafa waa .........
Keessatti ofii ilaalu dha

@Hiikaayaadaa
@Hiikaayaadaa


#Hiriyaa akkamii qabda??

Yeroo wal argitan waaโ€™ee maalii haasoftu??

1.Waaโ€™ee Daldaluu/Biizinaasii
2. Waaโ€™ee Invest gochuu?
3. Waaโ€™ee Ispoortii hojjechuu fi Nyaata ofii beekuu?
4. Jijjirama Sammuu?
5. Of Jijjiruu?

Warreen armaan olii taanan hiriyaa dansaa qabda itti fufi Kanaan ala waan waaโ€™ee hin baafne dubbachaa ooltu taanan dammaquu qabda

Rakkoon naafummaa sammuu caale hin jiru. Gidiraan sammuun gabroomuu caale hin jiru, hin jiraatus. Rakkoo kana jalaa bahuuf immoo sammuu keenya leenjisu qabna. Sammuun leenji'e burjaajjii irraa nu bilisoomsee yaada keessoo keenyaa akka jiraannuu fi hiika dhalachuu keenyaa akka jiraannu nu taasisa!.

#Jireenya kee harka caalu #sammuu kee keessatti dabarsita. Mana yeroo dheeraa keessa jiraattu kanammoo; jibba, inaafaa, ofittummaafi gandummaa irraa bilisa godhadhu Guyyaa milkii

Namoonni amaloota armaan olii qabdan kesssaan na dubbisaa waliin hojjanna @Hayilug irratti na dubbisaa



@Hiikaayaadaa
@Hiikaayaadaa




๐Ÿ’ฅ๐Ÿ’ฅ๐Ÿ’ฅ๐‘ฐ๐‘ณ๐‘จ๐‘จ๐‘ณ๐‘ช๐‘ฏ๐‘จ๐‘จ๐Ÿ’ฅ๐Ÿ’ฅ๐Ÿ’ฅ

๐Ÿ‘‰Ilaalchaa kee namni siif hin filatu.
๐Ÿ‘‰Ati ilaacha kee fakkata .ย 
๐Ÿ‘‰Si malee namni ilaacha kee fakkaatuu hin jiru.
๐Ÿ‘‰Namni ilaalcha sirrii hin qabne namoota Ilaalcha sirrii qaban geggeessuu hin daandaโ€™u.
๐Ÿ‘‰Osoo dhalootaaf buโ€™aa hin buusiin buโ€™aa kee qofaaf hin jiraatiin.
๐Ÿ‘‰Galma gaโ€™uu fi kufuu keetiifis sababni guddaan ilaalcha keetti.

๐Ÿ‘‰Guyyaa gaarii fi guyyaa gadhee jechuufis kan murteessuu ilaalcha keetti.

๐Ÿ‘‰Bakka yaadde gahuuf ilaalcha gaarii qabaadhuu
.


๐‘พ๐’‚'๐’†๐’† ๐‘ฐ๐’๐’‚๐’‚๐’๐’„๐’‰๐’‚๐’‚ ๐‘พ๐’‚๐’‚๐’ ๐‘ฟ๐’Š๐’’๐’’๐’๐’ ๐‘ด๐’Š๐’•๐’Š ๐‘จ๐’‹๐’‚๐’‚๐’๐’…๐’‚ ๐‘ฎ๐’–๐’…๐’…๐’‚๐’‚ ๐‘ซ๐’‰๐’‚
@Hayilug2016


@Hiikaayaadaa
@Hiikaayaadaa


Seenaa kanarra haa barannu
โœจ๏ธโœจ๏ธโœจ๏ธโœจ๏ธโœจ๏ธโœจ๏ธโœจ๏ธโœจ๏ธโœจ๏ธโœจ๏ธโœจ๏ธ

๐Ÿ‘‰Namichatu waan baayyee rakkatee Waaqayyoon yeroo dheeraadhaaf kadhachaa ture. Kadhannaan isaas waan lama giddu galeessa kan godhateedha. Inni duraa ofii isaatiif waan hin qabnee fi waan barbaadu hundumaa Waaqayyo harkaa fudhachuuf gaafachuu yommuu ta'u; inni lammaffaan immoo akka Waaqayyo obbolleessa isaa isanni baayyee jibbu balleessu ture. Waaqayyos kadhata namichaa dhaggeeffate. Irra deddeebi'ee yommuu inni waan gaarii ofii isaatiif barbaadu gaafatus, yommuu inni obboleessa isaa irratti badiisa kadhatus itti fufeema dhaggeeffate. Dhuma irrattis Waaqayyo namicha gaaffii tokko gaafate. Innis, "Waan gaarii ati na gaafatte kana hundumaa akkan siif godhu barbaadda?" kan jedhu ture. Namichis gammachudhaan, "Eeyyee" jedheen. Waaqayyos deebiseefi, "Tole mucaako. Waan gaarii ati gaafatte kana hundumaa siifan godha. Otoon waan ati barbaaddu sana siif hin godhin dursee garuu wanti an sitti himuu fi irratti waliif gallu tokko ni jira. Innis siif waan gaarii ati na gaafatte hundumaan siif kenna. Innis akkumakee mucaa kooti waan ta'eef obboleessakee isa ati baayyee jibbitu sanaaf immoo waanan siif kennu hunduma dachaa lama godheen kennaafii" jedheen.

โšก๏ธ๐Ÿ‘‰Jechi Waaqayyoo kun namicha obboleesa isaa sababii malee jibbu sana baayyee aarse. "Akkamitti waan anaaf gootu hundumaa isaaf immoo dachaadhaan goota? Kanan si gaafachaa ture akkati waan gaarii naaf gootuudha malee akkati obboleessa kootiif gootu sin gaafanne. Erga waan anaaf gootu isaaf immoo dachaadhaan goota ta'e, ija kankoo tokko jaamsiiti kan obboleessa kootii immoo lamaan isaa jaamsii" jedheen. Waaqayyos, "Dachaa laman isaaf godha waanan jedheef hin gaddin. Dachaa lama akka hin fudhanne waan of gooteef malee siifis ni kennama ture.

Amma garuu sababii an waanan siif godhe dachaa lama obboleessa keetiif gochuuf murteesseef beekuu ni barbaaddaa" jedhee gaaffii dhumaa gaafate. Namichis, "Eeyyee yaa Waaqayyo natti himii" jedhee deebiseef. "Ati ofii keetiif waan gaarii barbaaddu hundumaa, obboleessa keetiif immoo badiisa kadhachaa turte. Obboleessi kee inni ati jibbituu fi badiisa isaa barbaaddu sun garuu waan gaarii ofii isaatiif kadhatu hundumaa siif immoo akka ta'u kadhachaa ture.

Kanaaf waan gaarii inni siifis, ofii isaatiifis kadhachaa ture walitti dabaleen dachaa lama godhee isaaf kennaaf. Ati immoo ofii keetiif malee isaaf waan gaarii hin kadhanne waan ta'eef dachaa lama isa silaa kan isaaf kadhattee fi ofii keetiif hawwite walitti dabaltee fudhattu sana isaaf badiisa kadhachuu keetiin walakkaa waan fudhachuu qabduu of dhabsiistee jirta" jedheen
โœจโœจโœจโœจโœจโœจโœจโœจโœจโœจโœจโœจ
#Ergaa_seena_kana

Namni si jibbu waa'ee kee hamaa yoo kadhate iyyuu atis deebistee hamaa hin kadhatiniif yeroo Hunda Waan gaarii isaaf kadhadhu

maalo atis waa'ee nama kamiiyyu hamaa hin kadhatiin inni isa uume waaqayyoo kaayoof godhe. waaqayyoo Nama akka mataa keetti jaaladhu malee jibbi hin jenne

kanaafuu Waliif haa kadhannu โ€ผ๏ธ
Wal haa jaallanu๐ŸŽ—๐ŸŽ—


@Hiikaayaadaa
@Hiikaayaadaa

20 ta oxirgi post koโ€˜rsatilgan.