Waaqayyo, "Ifni haa ta'u! jedhe."
📖 Uumama 1:3 Waaqayyo, Ifni haa ta'u! jedhe; ifnis in ta'e. 4 Waaqayyo ifichi gaarii akka ta'e in arge; ifichas dukkanichattii gargar in baase. 5 Waaqayyo ificha Guyyaa, dukkanichas Halkan jedhee in moggaase; galgallis ta'e, ganamnis ta'e; kun guyyaa tokkoffaa dha.
💡Ifni wanta gaariidha. Sababiinsaa akkuma macaafni jedhu, namni guyyaadhaan adeemu, ifa aduu waan arguuf hin gufatu.(Yohannis 11:9)
💡 Ifa keessatti sobniif dhugaan salphaadhumatti gargar ba'u.
❓ Ifti kun maali? Ifa uumamaa kannee akka ifa aduu, urjii yookiin addeessaati?
💡 Ifti kun waantota sadii kan bakka bu'u yoo ta'u isaanis:
👉 Yesus Ilma Waaqayyooti
👉 Sagalee Waaqayyooti
👉 Nuun, ilmaan waaqayyooti.
👉 Me gaabsinee kanneen sadan haa ilaalluu.
➀. Ifti kun Yesus Ilma Waaqayyoo bakka bu'a.
📖 Yohannis 8:12 "Yesus ammas namootatti dubbatee, Ani ifa biyya lafaa ti, namni ana duukaa bu'u ifa jireenyaa in qabaata malee, dukkana keessa hin adeemu isaaniin jedhe."
🌏 Biyyi lafaa kun harka isa hamaa jalațti koloneeffatamtee jirti. Isatus ishee seerratta. Yesus garuu namoota mootummaa dukkana kana jalaa baasuuf ifa ta'ee mula'ate.
🌏 Sababiii hojii ishee isa dukkanaan guutuu kana, biyyi lafaa kun ificha simachuu hin dandeenye.
📖Yohannis 1:9 Ifichi inni dhugaan, inni gara biyya lafaa dhufe, namoota hundumaaf in ibsa. 10 Inni biyya lafaa keessa ture; biyyi lafaas isumaan ta'e; biyyi lafaa garuu isa hin beekne. 11 Gara biyya dhuunfaa isaa dhufe; namoonni isaa garuu isa hin simanne.
➁. Sagalee Waaqayyooti
👉 Macaafni qulqulluun, " Saaqamuun dubbii keetii ifa in kenna, wallaalota iyyuu in hubachiisa." (Faarfannaa 119:130) akkuma jedhu dubbiin waaqayyoo madda ifaati. Akkuma kana Far. 119:105 irrattis "Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha, daandii koo irrattis in ifa."jedha. Kanaaf dubbiin isaa ifa.
👉 Dukkana isa nukeessaayyuu kan ari'e ifa sagalee isaati.
📖2 Qor 4:6 (MACQUL) Waaqayyo isa, Dukkana keessaa ifni haa ifu! jedhetu, beekumsa ulfina isaa isa fuula Kristos irraa mul'atu ifatti baasuudhaaf garaa keenya keessatti nuuf ibse.
➂. Ifti kun duuka buutota Yesus bakka bu'a.
💡Gooftaa Yesus Mat. 5:14 iratti, “Isin ifa biyya lafaa ti, mandarri tulluu gubbaatti ijaarame dhokachuu hin danda'u.”nuun jedhe.
👉 Akkanu ifa taanu kan ni taasise, Kiristoos isa nu keessati. Kanaaf macaafni qulqulluun 2Phex.1:19 irratti, "Ammas dubbiin raajonni dubbatan kun caalchisee nuuf cime; isinis hamma boruun baqaqutti, bakkalchi garaa keessan keessa ibsus hamma ba'utti, dubbii kana akka ibsaa iddoo dukkanaatti ibsutti yaadaan duukaa yoo buutan gaarii gochuu keessan."jedha.
🔊 Har'as sagalee Waaqayyoon, "Mana keerratti, hojii keerratti, barnoota keerrattii, ifni haa ta'u!
Galatomaa.
@Kakuu_StudioSinger Megertu Official