JAALALAA FAGEENYARA!
▭▭▭▭▭▭▭▭▭▭▭▭
⛤Jaalala fageenyarraa warri jalqabdanii wal jaallattaniis jirtan. Waantota gurguddaa armaan gadii yoo raawwattan 90% kan tahu jaalalli keessan itti fufuu dandaha. Na amani waantota ani si gorsu kana yoo haalan itti fayyadamteef, gaa'elaa kee haala bareedaa fi Waaqayyotti toluun ijaaratta.
Isaanis:-
❶.block wal gochuu dhiisuu
Hubadhu! Fageenyarra jirta, karaa ati ittin wal arguuf carraa bal'aa qabduu fi jaalala kee ijaarattu, Bilbila kee qofa. Sanumaayyuu walitti aartemoo #block wal goota taanan baay'ee wal hubachuu dhiisuu dhufa. Kunimmoo salphaatti akka walirraa fagaachaa deemaniif carraa bana. Yoo Dandahame Rakkoo keessa keessan jiru wal Dhaggefachaa, fala barbaada malee tasuma #block wal gochuu Irraa fagaadha. Kun jaalala keessaniif baay'ee utubaadha
❷.rakkoo keessan iccittin of giddutti qabadhaa
Akka ofiikoo jettee inni ati hiriyyaa keetti himattu sun, boolla ofitti qotaa jiraachuu kee ibsa. Cimsee waanan isin gorsu rakkoo isin lamaan giddutti uumamus tahe wanta jaalalleekee waliin haasoftu kam namatti himuu irraa of eegi. Anatu siin jedhe of eegi. Yoo dandahame waantota isin giddutti tahuuf qaama 3ffaa hin barbaadinaa.caalaatti shammarran as irratti dadhabina baay'ee guddaa qabdu. Irraa of eegaa!
❸.utuu wal hin hubachiisin hin badinaa
Online irraa yeroo baddan, sababa maaliif akka badde dursii jaalallee keetti himi. Kanaan ala jaalala kee dhiphisuu taha. Sababa kana kanaaf Har'a online hin seenuu jedhii dursa itti himi. Jaalallekees maaliif na jalaa badde/de jedhee dhiphachuu irraa bilisa ta'a/taati
❹.yeroo haasoftan maal gochuu akka qabdan mari'adhaa
Yeroo kamuu waa'ee jireenya keessan fuulduraa dubachuu filadhaa. Waan har'a darbuun qilleensa wal hin godhinaa. Wal gammachisuufis jecha qoosa hin baayisinaa. Callisanii kolfuu,iyyuu fi maraachuu qofti atubaa jaalala ni jabeessa hin jedhinaa. Waan hundumaa ogummaan dubbachuu yaalaa. Wal hubadhaa. Yeroo waliif kennaa dubbadhaa
❺.video call waliin haasahuu ykn photo ofii waliif erguu.
Karaa namatti toluuf ija jabummaa isiniif kennuun carraa isin Fageenyarra teessanii waliin dubbattan #videocall ha tahu. Kunis akkuma dubbadhe dhimma keessan ija jabinaan fi amantaa guutuun akka dubbattan isin godha. Yeroo haasoftanis akka nama waaqayyo tokkootti maal akka haasoftan beeka. Ogummaa isa waaqayyo isin irraa barbaduun dhimma keessan bu'ureffadhaa. Photo keessan kan waliif ergitanis ogummaan ha tahu.
❻.suura walii keessanii profile hin godhinaa. Isa kana sirriitti dubbisi hubadhu!
Inni kun dadhabina namoota baay'ee gaa'elaa isaanii diigeedha. 100% godhee waanan isinitti himu social media (Facebook, telegram, tiktok,...)irratti suura fi video jaalallee kee hin maxxansin. Anatu siin jedhe sababa baay'ee narraa hin eegin. Garuu hin maxxansin. Inni kun yeroo hundumaa jaalallewwan lamaan gudduutti dubbii kaasa. "Suura jaalallee koo maxxanse immoo maaltu gad dhufa?" jettee jennaan itti fufi. Guyyaa tokko garuu waanan amma sitti himu kana yaadatte akka gaabbitu hin dagatin. Ati jaalalle kee akka si amanuuf si jaallatuuf gochuu malta. Garuu jalalleekee Account kan biraa irratti yoo profile si godhate/tte account kan biraan immoo nama kana biraa waliin waliin dubbata/tti mala. Namni tokko tokko account 4 ol qabaachu mala😁kanaafuu media irratti wal maxxansuun amanamunnaaf sababa hin tahu
❼.yeroo dhaabbata waliin haasoftan qabaadhaa.
Yeroo siif mijate qofatti jaalalle keef dawwaluu hin yaadin. Yeroo lamaan keessan free taatan waliif gala waliin Bilbilaa.
❽.maatii walii keessanii wal barsiisaa.
Jaalalli keessan sadarkaa barbaachisurra gaafa gahu, maatii kee hundumaa jaalallekee waliin wal barsiisuu yaali. Kunis maatii irraa gorsa barbaachisaa fi ofitti amanamummaa jaalalaaf akka qabattu si godha.
GALATOOMA!❤
Seenawwan babbareedo ta,aanif kana nama barsiisaan akkasumas kan nama bohaarsan namooni argaachu feetan follow godha!
FOLLO ⛤➨ Åbbi Js Oromoo dha!