Postlar filtri


🗣️ Beellama itti hin kennin!

Yeroo tokko tokko waan jireenya keenya miidhuu danda'u osoo arginuu irra darbina. Waan dhorkamuu qabu dhorkuuf beellama itti kennina. Rakkoo akka hin qabneetti irra darbinee gaafa rakkoo mul'atu nutti fidu yaaddoo fi sodaa jala galla. Waanuma dura haala salphaan sirreessuun danda'amutu dhibee yookiin rakkoo jabaataa ta'ee nutti dhufa. "Har'an sirreessa,... borun hojjedha...., rakkoo hin qabu,. kun salphaadha,.." jechaa waan nuyi beellama hin taane itti kenninee darbinu aarsaa hin taane nu kaffalchiisa. Aarsaa bakkaa fi yeroo isaa hin eegganne nurraa fudhatee darba. Maal kana qofaa dhibaa'ummaan nu fudhateeyyuu darbuu danda'a.

Waan jireenya keenya irraa adda baasuun irra jiraatu waan foyyessuun nu irraa eegamu irratti hojjechuuf yeroon filatamaa fi nutti dhiyoo ta'e ammuma. Waan jireenya keenya irratti gufuu ta'u hundeen buqqisuun nu irra jiraata. Kana gochuuf immoo beellama itti kennuu haa dhiifnu. Beellama itti hin kennin! Yeroon jijjiiramaa inni sirriin ammuma.

@Barruu_Beektotaa 📔


🗣️ What is Success (milkaa'inni maali?)

✉️ Hojii cimaa, obsa, dadhabbii, carraaqqii, cichoomina, barachuu, qorachuu, qo'achuu fi wareegama mul’anni kee barbaadu kafaluudha. Garuu hunda caalaa jaalala waan hojjettuu yookiin hojjechuuf barbaadaa jirtu qabaachuu dha.
Waan jaalatan hojjechuutti cichuun, gowwummaa osoon taane, boqonnaa sammuu ofiiti. Imala milkaa’ina ofiitis!  Waan sammuu keef boqonnaa kennu, waan miira keef kaka'umsa uumu, waan fedhii keessa keetiin wal siif unatu kamuu hojjedhu. Hojii hojjettutti gammadi! Milkaa’inni hojii ofii hojjettu jaalachuudha. Jalqaba sammuu keetu milkaa’inni imala keef mirkana. Miira keetu qajeelchituudha. Waan deddeebitee raawwattu waan itti gammadduuf raawwatta. Siif galma, warra galma kee hin hubanneef immoo, gowwummaa qofaa miti doofummaadha.
...

🗣️ ስኬት ማለት ሱቅ ውስጥ ገብተህ እንደ ማስቲካ ገዝተህ የምትተፋበት ነገር አይደለም!

💬 ጠንክሮ መሥራት, ትዕግስት, ጠንክሮ መሥራት, ጥረት, ጽናት, መማር, ምርምር, ጥናት እና ራዕይ የሚፈልገውን መስዋዕትነት መክፈል. ነገር ግን ከሁሉም በላይ, እርስዎ ለሚያደርጉት ወይም ለማድረግ ለሚፈልጉት ነገር ፍቅር ስለማግኘት ነው. የሚወዱትን ነገር ለማድረግ መገፋፋት ሞኝነት ሳይሆን የአእምሮ ሰላም ነው። እራስን የመቻል ጉዞም ነው! አእምሮዎን የሚያዝናና ማንኛውንም ነገር ያድርጉ, ስሜትዎን የሚያነቃቁ, ውስጣዊ ፍላጎቶችዎን የሚያሟላ ማንኛውንም ነገር ያድርጉ. በሚሰሩት ስራ ይደሰቱ. ስኬት የምትሰራውን ስራ መውደድ ነው።  አእምሮህ የጉዞህ ስኬት መጀመሪያ ነው። ስሜትህ መሪ ነው። የምታደርገውን ነገር ስለወደድክ ደጋግመህ ታደርጋለህ።  ለእናንተ ግብ ነው፣ ግባችሁን ለማይረዱት ደግሞ ሞኝነት ብቻ ሳይሆን ሞኝነትም ነው።

@Barruu_Beektotaa 📔


🗣️ Yaada guddinaa kee guddisuuf tarkaanfiiwwan muraasni fudhachuu dandeessu kunooti. 

1. Kufaatii akka carraatti ilaali. Yeroo wanti karaa kee hin deemne akka muuxannoo barumsaatti yaaduuf yaali.

2. Ofii keef dammaqiinsa uumi. Ciminaa fi hanqina kee hubachuuf yaali! Bakka guddinni barbaachisu irratti xiyyeeffachuu akka dandeessuuf ilaalcha suuraa guddaa qofa fudhadhu.

3. Barnoota umurii guutuuf qophaa'i. Tarkaanfiin imala fayyaa keessanii hunduu yeroo itti aanutti akkamitti akka fooyya’aa ta’e barachuuf carraadha.

4. Qormaata fudhadhu. Jijjiiramni ulfaataadha. Tokkoon tokkoon gufuu ati qaxxaamurtu dandeettii fi tooftaa haaraa akka guddifattu si gargaara.

5. Injifannoo kabaji. Milkaa'inni xiqqaan jedhamu hin jiru! Jijjiiramni, barumsi yookiin yaadni gaariin kamiyyuu xiyyeeffannoo argachuu qaba. Yaada “Guddina malee guutuu ta’uu miti” jedhu hammadhu. Yaada kee jijjiiri; Amala kee jijjiirta!

@Barruu_Beektotaa 📔


THE POWER OF DISCIPLINE

🗣️ Barnootawwan 10n kitaaba "Humna Naamusaa" jedhu kan Daani'eel Waalter barreesse irraa fudhatame:

1. Naamusni garaagarummaa milkaa’inaafi kufaatii gidduu jirudha.
2. Of to’achuun bu’uura naamusaati. Kaayyoo kee galmaan gahuu yoo barbaadde miiraa fi fedhii kee to’achuu barachuu qabda.
3. Jabinni sammuu kan mo'attoota mo'amtoota irraa adda baasudha. Jabinni sammuu qaamaan cimaa ta'uu osoo hin taane, cimina yaadaa qormaata keessa darbuu nama dandeessisu qabaachuudha.
4. Naamusa guddifachuuf walitti fufiinsaan irratti hojjachuun furtuudha. Guyyaa guyyaan hojiitti jijjiiruu qabda.
5. Naamusa guddisuun adeemsani. Waan halkan tokkotti ta'u osoo hin taane, imala obsa, cichoominaa fi of kennuu barbaadudha.
6. Milkaa’inni mudaa kan hin qabne ta’uu osoo hin taane, guyyaa guyyaan galma kee bira ga’uuf tarkaanfachuudha. Yeroo wanti ulfaataan si muudatetti illee gara fuulduraatti tarkaanfachuu itti fufuudha.
7.  Sammuun maashaa akkuma maashaalee qaama kamiiyyuu leenji'uu qabudha. Jabinni sammuu sammuu kee hanga daangaa isaatti dhiibuu irraa dhufa.
8. Waan guddaa tokko galmaan gahuu yoo barbaadde wareegama baasuuf fedhii qabaachuu qabda. Naamusni waan gara fuulduraatti caalaatti barbaadduuf waan amma barbaaddu kennuu gaafata.
9. Sababeessuun diina naamusaati. Yeroo hundumaa  waan tokko hojjachuu dhiisuuf sababni ni jiraata, garuu karaa kamiinuu ta'u hojiitti jijjiiruun sirratti hundaa'a.
10. Naamusni adabbii osoo hin taane, kennaa ati ofiif kennitudha. Jireenya itti boontu uumuu fi abjuu galmaan ga'uuf furtuudha.

@Barruu_Beektotaa 📔


🗣️ Bakka Si Madaalutti Argami!

Maanguddoo tokkotu dulloomee fiixee du'aarra yoo gahu ilma isaa offitti waamee, "yaa ilma koo sa'aatii harkaa kana abbaa kootu naaf kenne isaaf immoo abbaa isaatu laateefii ture amma sa'aatiin kun gara waggaa dhibba lamaa darbeera anis ilman qabuufii waan gati jabeessa dhaalchisu si waan ta'eef siifan laadha. Garuu, dursa deemiitii manneen daldalaarra naanna'ii hangamiin akka sirraa bitan gaafadhu" jedheen. Mucichis suuqii garaa garaa irra naanna'ee gaafachuu eegale. Daldaltoonnis "sa'aatiin kun moofaadha, sanumaayyuu immoo ligidii qaba qarshii shan caalaadhaan yoo binne nuuf hin baasu" jedhaniini. Daldaltoota jijjiiree biyyaa biyyatti deemee yoo gaafatus kan gadi hir'isu malee nama ol kaasuuf dhabe. Sana booda deebi'ee abbaa isaatiin, "Abbaa koo daldaltoota hedduu suuqii qaban gaafadhee qarshii shanii oliin hin binnu jedhaniiru "jedheeni. Abbaanis "amma immoo gara god-hambaa yookiin muuziyeemii biyyoolessaa dhaqiitii gaafadhu" jedheen. Mucichis gaafa hoggantoota muuziyeemii biyyoolessaa dhaqee gaafatu qarshii miiliyoona lamaan sirraa binna jedhaniin, mucichis gammadaa gara abbaa isaatti deebi'ee, "abbaakoo kunoo reefan bakka ta'u deeme, isaan qarshii miliyoona lamaan sirraa binnaa fidi" naan jedhan jedhee itti hime,

▶️ Abbaan isaa manguddoon beekaan kunis "Egaa argitee bakka si hin madaalle yoo dhaabbatte gatii kee gadi cabsa, si salphisa; bakka si madaalu yoo oolte garuu eebba qaba; kabaja siif kenna. Kanaafuu yoo namni si cabse, si salphise hin rifatin, waan si hin beekneefi. Ati bakka si madaaluu fi nama barbaachisummaa kee beeku biratti ni kabajamta" jedhee gorse. Ati gaafa iddoo kee malee dhaabbattu rakasta malee rakasa miti.

@Barruu_Beektotaa 📔


🗣️ Firaakshinii Jireenyaa!
Hanga Siif Safarame Hin Jiraatin!

Barataa kutaa tokkoo fi lamaa yeroon turetti barsiisaan herreegaa keenya lama sadiif (2/3) hiruun hin danda'u jedhee nu barsiisaa ture. Harka baaseen akkas jedheen "erga hin danda'amnee maalif kitaaba keenya irratti barraa'e ree?" Daa'imummaan bar bilisummadhaa. Sodaa hin qabdukaa waan barbaadde gaafachuuf.

Barsiisichis "Amma sadarkaa keessanitti hin danda'amne malee, kutaa gara oliitti akkamitti akka danda'amu ni barattaa obsi" naan jedhe. Tole jedheen callise.

Kutaa afur yoon gahu 2/3 akka danda'amu kitaaba herreegaa hamma bilbila "Taplet" geessu san irratti arge, barsiisaan nu barsiise. Firaakshinii jedhama jedheetu yaad-rimee Firaakshinii waliin akka nuuf galutti baranne. Kan waggaa lama dura hiramuu hin dandeenye har'a danda'ame. 'Uggum' kun taatee bara 2003 A.L.I, waggaa 13 duraati. Maaltu kana na yaadachiise itti dhiyaadhaa. 👇

     🗣️ Firaakshinii Jireenyaa!

Jireenya kee keessatti, wanti akka qabaattu barbaaddu baay'ee akka ta'e abdiin qaba. Mul'ataa fi wanti ati milkeessuu barbaaddus danuudha jedheen amana. Yaaddee kan hin milkeessin, jalqabdee kan hin xumurinii fi hawwitee kan hin argatin hundi isaayyuu galma gahuun isaanii dhimma filannoo utuu hin taane dirqama. Sun ta'uuf immoo hamma argattuu gaditti, wanti sirraa eegamu waan tokko qofa innis "Firaakshinii Jireenya." hubachuudha. Firaakshinii jireenyaa hubachuu jechuun, Guddinni yookiin milkaa'inni adeemsaan ta'uu hubachuudha (Development is a process). Yeroon kutaa lama jirutti lakkoofsi waliif hiramuu hin dandeenye, kutaa afur geenyan kan danda'ameef, utuun isaan waliif hiramuu akka danda'an hin baratin, yaadonnii fi barumsi isaan dursu yookiin adeemsin dirqama keessa darbuu qabu waan jiruufi.🗣️

Yaadama kana jireenya keenyatti yoo fidnu, wanti har'a nuuf hin danda'amne adeemsa keessa darbuu qabutu jira malee, galma gahuun isaa hin hafu. Guddinnii fi milkaa'inni adeemsa ta'uu hubattee yoo waan hojjechaa jirtu irratti hin cichine garuu abjuu ta'ee hafuun isaa waan hin oolle. Kanaaf "Firaakshinii Jireenyaa" hubachuun kan barbaachisu. Abbabaa Biqilaa gurraacha addunyaa 'ajab' jechisisee fi biyyi Itiyoophiyaa jedhamtu maqaashee dhiistee "Abebe Bikilas Country" (Biyya Abbabaa Biqilaa), sadarkaa jedhamtutti kan fiigichaan fiixee milkaa'inaa gahee fi gurraachatti maqaa hore, guyyuma tokko lafaa ka'ee fiigee utuu hin taane adeemsa dadhabsiisaa fi Wal xaxaa keessa darbee akka ta'e seenaan isaa ni dubbata. Miti sadarkaa addunyaatti fiiguu, asuma biyya keessatti dorgommii garagaraa irratti utuu hin injifatin hafuun, akka waldorgommii addunyaaf hin dhiyaanne murtaa'ee ture. Kana hiriyaa isaa kan ture, Atileet Waamii Birraatuun kan ragaa bahan turtii miidiyaa FBC waliin godhaniin. Seenaa addunyaa keessattis namoonni halkan tokkoon galma barbaadan gahan kan ibsu hin jiru. Anii fi atis wanti amma yaallee hin milkoofne, kan gochuufis nutti ulfaatu danuun, guyyaa isaa eeggatee adeemsaan (Process) ni ta'a. Milkaa'inni adeemsaan ta'uu kan hubattu yoo "Firaakshiniin Jireenyaa" siif galedha. Milkii fi galma barbaadde gahuuf, adeemsa keessa darbitutu jira jechuun, teessee waan umurii (yeroon) fidu eeguu qabda jechuu miti. Yeroo baay'ee namni kan yaadan bilchaatuu fi kan jireenyi galuuf gaafa ganna 40 gahe jedhama. Kun yaadama saanduqa hawaasa keenya keessatti argamuudha. Saanduqichaan alatti (out of the box) yookiin yaadama safaramee nuuf seeneffamu hunda jiraachuun sirrii waan hin taaneef, wanta yeroon fidu utuu hin taane yerootti fayyadmnee adeemsaa fi qormaata  dirqama keessa darbuu qabnu dandamannee fiixee milkaa'inaa gahuu kan dandeenyu yoo  "Firaakshiniin Jireenyaa" nuuf galedha jedheen amana. Utuu jennuu, gosa barnootaa herreegaa keessatti hanga ammaa gatiin "X" barbaadamaa jiraa? yoo hanga ammaa barbaadamaa jira ta'e, atis hanga gatiin "X" barbaadamuun dhaabbatutti, imala gara milkaa'inaa gootu hin dhiisin!

@barruu_beektotaa


🗣️ Namoonni baay'een gaafuma dhalatan du'an. Muraasni immoo gaafa du'an dhalatu. Ati hoo? Osoo nama hin ta'iin, namaaf ta'uun hin jiru.
- Mihiratuu Shaanqoo

Of beekuuf murtoo hin qabdu taanaan yoo of beektes murtoo hin murteessitu. Barachuun beekuu hin ibsu. Beekuun garuu barachuu ibsa.

🗣️ Gad-aantummaa × Hirkattummaa × of awwaaluu = Of wallaaluu.

Of wallaaluun of Awwaaluudha. Dhala namaa malee addunyaan duwwaadha. Qabeenyi bakka malee kufee fi dagatame dhala namaati.

🗣️ Of beekuun foormulaa hin qabu!

Namni lakkoofsa guutuuf dhalate hin jiru. Lakkoofsa guutuu ta'ee dhalata malee. Ati of daangesitee teessa taanan eenyutu daangaa si ceesisa? Addunyaa keessa jirramoo addunyaatu nu keessa jiraa? Yoo qophaa'aa taate guyyaan borii qabeenya ati qooddachuuf eeggattudha. Jaarraan kun jaarraa mul'ataan injifataniidha malee jaarraa mufachuun injifatanii miti. Ilaamee! Addunyaan sammuukee fi jecha ati waa'ee keef qabdu keessa jirti. Nama jechuun bu'aa yaada isaati. namni waanuma nyaatu fakkaata. Barrisuu kan dandeessu hanga barrisuu dandeessu yoo amante qofaadha. Of hin shakkin inni namni biraa si shakku iyyuu si ga'aa. Dirree itti injifatamte keessatti lubbuun jiraachaa hafuukee caalaa dirree itti injifatte keessatti duutee awwaalamuu siif wayya. Meeshaa ammayyaa caalaa sammuu injifannoo qabaadhuutii gara dirree seeni. Tulluun ofiin beekee si duraa kufu hin jiru akkasumas tulluun ati dhiibdee si duraa kufuu didus hin jiru. Sammuu injifannoo malee hidhamee jiru qabaachuun rakkisaadha. Sammuu hidhamaadhaan addunyaa hiikamaa keessa jiraachuu irra qaamaan hidhamanii sammuu hiikamaa qabaachuu wayya. Rakkina kaleessa sirra ga'e har'as rakkina jettee dubbatta taanaan, har'a iyyu namatu siif hin argine malee ati rakkina isa kan kaleessa caalu keessa jirta. Of booda hin ilaalin! Borii kee namni siif ilaalu hin jiru.

@Barruu_Beektotaa 📔


🗣️ Barruu Beektotaa Irraa

⭕ “Eegalteerta kan jedhamu, yommuu odeessuu dhaabdee hojjechuu eegalte.” — Walt Disney
⭕ “Beekumsi jalqabaa wallaalummaa ofii amanuu; beekuun immoo yaaduu irraa eegala.” — Socrates
⭕ “Rakkooleen addunyaa kana irra jiran kan dhufan wallaalummaa irraa, kanaafuu malli jiru immoo beekumsa qofa.” — Socrates
⭕ “ Waraana injifachuu ni dandeenya; garuu nagaa hin injifannu malee.” — Aayinistaayin
⭕ “Ana kan na kolfisiisu, nama beekaa ati naan jedhu.” — Aayinistaayin
⭕ “Dubbattee amansiisuu yoo hin dandeenye hin dubbatin.” “Jireenyi koo akka kitaaba banamee dha.” — Mahatahama Gandhi
⭕ ‘Hojii amantaa irraa hin qabne yeroo hojjettu dhuma irraattii boolla bira hin gahamnetti akka kufuutti laakka’ama.” — Mahatama Gandhi
⭕ “Yaadaan walii galuu dhabuun jibbiinsa miti; osoo akkas ta’ee haadha manaa koo caalaa dinni koo hin jiru ture.” — Mahatama Gandhi
⭕ “Dhalli namaa nyaachuu fi dhuguu ni beeka garuu dhandhamuu kan beekan muraasa.’ — Konfishiyaas

@Barruu_Beektotaa 📔


🗣️ Wantoota Dhala Namaa Milkeessan Sadan (#C3)

✪ Competence (Dandeettii)
✪ Character (Amala)
✪ Chemistry (Keemistirii)


➛ Namni tokko dirree ogummaa isaatti barbaadamummaa, fudhatamummaa akkasumas nageenyummaa isaa mirkaneessuuf wantoota armaan olitti eeraman sadan walfaana horachuu qaba jedhama.

⓵. Dandeettii: Dandeettii qabda taanaan bakka hundatti barbaadamta. Furmaata tokkoof situ furtuu waan ta'eef hanga ati bakkicha geessutti namni hunduu balbala furmaataa ta'ee siin eega. Situ dhaqee banee hiika kennaaf.

Dandeettii kee kanaan:
➛ Addunyaatu si mararsiifata;
➛ Kan rakkatetu si iyyaafata;
➛ Halkan hirriibaa si kaafata;
➛ Rakkoo isaaf fala si gaafata;

Eeyyeen, dandeetticha keetu kanaan si gahe.
Qabda taanaan ittumaa jabeeffadhu; hin qabdu taanaan hulaa isaa irra gori! Dandeetticha horadhu!

⓶. Character/Amala: Amalli kee namoota biratti kabaja akka qabaattu si gargaara. Fudhatamummaa keefis utubaadha. Amala hin qabdu taanaan garuu dandeettii hangamuu qabaattu gateettiin namootaa danda'ee si hin baatu.

⓷. Chemistry/Keemistirii:
Keemistirii yeroo jennu wal nyaatinsa, yaa'a fi jijjiiramummaa ati naannoo kee waliin taasiftudha. Kunis jijjiirama fudhachuu, ilaalchaa fi ejjennoo ofii irra deebi'anii ilaaluun kan warra kaanii waliin walitti araarsuudha. Kana yeroon jedhu, "bakka hundatti amala gaararraa qabaachuu qabda" jechuu osoo hin taane, yaadaa fi ilaalcha tokko kanuma koo qofatu sirriidha jettee rincicaa ta'uu dhiistee, yaada haaraa fudhachuufis qophaa'oo ta'iidha. Kun yoo hin taane nageenyi kee yaaddessaa dha. Umuriin naannoo sana turuu kees ni xiqqaata.
➛ Walumaa galatti dandeettiin kee barbaadamummaa kee murteessa. Amalli kee fudhatamummaa kee murteessa. Keemistiriin kee nageenya kee murteessa.

@Barruu_Beektotaa 📔


🗣️ "Dargaggoo qophaa'eef balballi addunyaa banaadha, kan hin qophoofneef balballi mana isaa iyyuu cufaa dha."

— G/Pirofesaraa Miratuu Shaanqoo

@barruu_beektotaa 📔


🗣️ I'm a slow walker, but I never walk back."
("Suuta deema, garuu gonkumaa duubatti hin deebi'u")

— Abraham Lincoln™

@barruu_beektotaa 📔


🗣️ Hubadhu:

1. Ati waan yaaddudha. Yaadni kee sanyii amala fi hiree kee irraa kan biqiludha.
2. Haalli kee yaada keetiin bocama. Wanta si mudatu hunda toʼachuu hin dandeessu, garuu akkaataa itti deebii itti kennitu toʼachuu dandeessa.
3. Fedhiin kee, addunyaa naannoo kee uumtu qajeelcha.  Wanti ati irratti xiyyeeffattu balʼaa waan taʼeef, yaada kee sirriitti filadhu.
4. Waan tokko hawwuu qofa osoo hin taane argachuu qabda. Milkaaʼinni kan argamu hojii cimaa, of kennuu fi ciminaan hojjechuudhaani.
5. Yaadni kee fayyaa qaama kee irratti illee dhiibbaa qaba.  Yaadni gaariin sirna ittisa qaamaa kee guddisuu fi dafee akka fayyitu si gargaaruu danda'a.
6. Ati abbaa sammuu ofiiti. Yaada kee filattee dhugaa mataa keetii uumuuf humna qabda.
7. Yaadni kee dubbii kee ta'a.  Dubbiin kee gocha kee ta'a. Gochi kee amala kee ta'a.
8. Amalli kee hiree kee murteessa. Yaada kee ogummaadhaan filadhu, egeree kee waan uumuuf.
9. Gammachuu ofii keetiif itti gaafatamummaa qabda.  Namni biraa si gammachiisuu hin danda’u; yaada gaarii horachuun kan kee ti.
10. Ati uumaa jireenya ofiiti.  Jireenya barbaadde uumuuf humna yaada keetii fayyadami!

#As_A_MAN_THINKETH  By #JamesAllen

@barruu_beektotaa 📔


🗣️ Namni akkuma kompiitaraa qaama hardware fi software ta'e qaba. Yaadaa fi qaama ijaan argamuu danda'u dha. Akkuma hardware'n Kompiitaraa software isaatiin madaalamu yaadni eenyummaa nama tokkoo ni murteessa. Uumamaan namni waan itti kolfamu utuu hin taane wanta ittiin kolfamu qaba. Amantiin meeshaa waraanaa guddichaa fi adda ta'e wanta neucler ajjeessuu fi dhoowuu hin dandeenye loltoota hin mul'annee fi mul'atan ittiin lolani dha. Jireenyi bu'aa ba'ii dha. Bu'aa ba'iinis jireenya dha.

To live a content life live for one dream, for one God, for one you, accept all what is yours, be a thankful, love your self, live for one family, for one country, one world!

@barruu_beektotaa 📔


4 Types of Mindsets for Success 🗣️

      1) Growth Mindset
This mindset has been linked to success in numerous life domains. Our brains attitudes, beliefs, perspectives - and we, have the ability and capacity to change and grow through learning and developing new ideas & skills.

    2) Positive Mindset
Through focusing on the positive like gratitude, reframing, meaning, purpose, and self-compassion - we gain health benefits, life satisfaction, and more constructive ways to deal with stress.

    3) Entrepreneurial Mindset
Skills and attitudes make up this mindset including: comfort with risk, desire to learn, critical and strategic thinking, internal locus of control, initiative, future orientation, creativity, curiosity, innovative thinking, adaptability and mental agility, communication, and collaboration.

     4) Challenge Mindset
Dealing with uncertainty can be stressful. However, considering the unknown as a challenge rather than a threat can improve our coping strategies, appraisal, motivation, and ability to deal with change.

@barruu_beektotaa 📔




📚 Kitaaba "Icciitii Namoota Milkaa'oo 20n (1)" jedhu kan Yohaannis Qureshiin barreeffame irraa barnoota 10: 🗣️

1. Milkaa'inni DHIMMAA CARRAA MITI. Namoonni milkaa’an carraa qofa miti; tarkaanfii fudhachuu fi duubatti deebi’iinsa keessa darbee cichuudhaan carraa ofii isaanii tolfatu.

2. MILKAA'INNI IMALA MALEE GALMEE MITI. Milkaa'inaaf foormulaan nama hundaaf ta'u hin jiru. Wanti nama tokkoof hojjetu nama biraatiif hojjechuu dhiisuu danda’a. Wanti guddaan daandii milkaa’ina mataa keetii barbaaduu fi karaa irratti aarsaa barbaachisu kaffaluuf fedhii qabaachuudha.

3. Milkaa'inni Qarshii MITI. Maallaqni barbaachisaa ta’us, milkaa’inaaf kan madaalamu isa qofa miti. Namoonni milkaa’oo ta’anis hojii isaanii keessatti gammachuu argachuun addunyaa irratti dhiibbaa gaarii geessisu.

4. Milkaa'inni AMALA. Namoonni milkaa’an amala kaayyoo isaanii galmaan ga’uuf isaan gargaaru horataniiru. Amalli kun wantoota akka galma kaa’uu, tarkaanfii fudhachuu fi gonkumaa abdii kutachuu dhiisuu dabalata.

5. Milkaa'inni YAADHA. Namoonni milkaa’an yaada gaarii gufuu osoo hin taane waan ta’uu danda’u akka argan isaan dandeessisu qabu.

6. MILKAA'INAAN WAA'EE GUDDINA DHUUNFAA TI. Namoonni milkaa’an yeroo hunda barachaa guddachaa jiru. Naannoo mijataa isaaniitiin ala tarkaanfachuun waan haaraa yaaluun hin sodaatan.

7. MILKAA'INNI WAA'EE DEEBISUU KENNUUTI. Namoonni milkaa’an milkaa’ina argatan namoota biroo gargaaruuf itti fayyadamu. Kophaa isaanii akka hin taane beeku, hawaasaaf deebisee kennuunis itti gaafatamummaa itti dhagahama.

9. MILKAA'INNI DHALA DHIHEESSUU JEDHA. Namoonni milkaa'an addunyaa kanarratti jijjiirama fiduu barbaadu. Gumaacha gaarii taasisaniin yaadatamuu barbaadu.

10. MILKAA'INNI NAMA HUNDAAF NI DANDA'AMA. Eessaa dhufte ykn haalli kee maal haa ta'u, abjuu kee galmaan gahuu dandeessa. Hojii cimaa, of kennuu fi cimina kan gaafatu taʼus, dandeettii kee guutuu galmaan gaʼuun ni dandaʼama

@barruu_beektotaa 📔


🗣️ "Milkaa'inni Filannoodha" kan John C. Maxwell barreesse irraa barumsa ajaa'ibaa 10 kunooti:

1. Milkaa'inni Ilaalcha Gaariin Jalqaba
Ilaalchi gaariin bu’uura milkaa’inaati. Akkaataan qormaataa fi carraa itti ilaaltu bu’aa kee irratti dhiibbaa guddaa qaba.

2. Mul’ata Ifa ta’e horachuu
Milkaa’inni kan oofu ifa ta’uu dha. Mul’ata ifa ta’e waan galmaan gahuu barbaaddu hundeessuun kallattii fi xiyyeeffannoo siif kenna.

3. Itti Gaafatamummaa Dhuunfaa Fudhachuu
Milkaa’inni dhumarratti filannoo dhuunfaa ti. Gochaa fi murtoo keetif itti gaafatamummaa fudhachuun egeree kee to’achuuf humna siif kenna.

4. Galmoota Addaa, Safaramuu Danda’an Kaa’uu
Galma ifa ta’ee fi safaramuu danda’u kaa’uun milkaa’ina hordofuu kee keessatti xiyyeeffannoo, kaka’umsaa fi itti gaafatamummaa akka qabaattu si gargaara.

5. Walsimachuun Murteessaadha
Yeroo booda carraaqqiin wal irraa hin cinne gochuun bu’aa argamsiisa. Milkaa’inni darbee darbee carraaqqii dho’uu osoo hin taane, tarkaanfii dhaabbataa fi naamusa qabuudha.

6. Kufaatii irraa baradhu
Kufaatiin milkaa’inaaf waan hin oolledha. Kufaatii akka carraa barumsaa fooyya’iinsaa fi guddinaaf barumsa gatii guddaa qabutti hammachuu.

7. Namoota Sirriitiin Of Marsi
Namoonni ati waliin wal qunnamtu milkaa’ina kee irratti dhiibbaa guddaa qabu. Namoota dhuunfaa gaarii, si deeggaran, fi milkaa’oo ta’anii fi si kakaasan fi si qormaata ta’aniin of marsi.

8. Barnoota Umurii Guutuu Barachuuf Waadaa galuu
Milkaa’inni guddina itti fufiinsa qabu gaafata. Barumsa umurii guutuuf of kennuunis jijjiirama wajjin wal simsiisuu, dandeettii kee babal’isuu fi damee kee irratti dursitee akka turtu si gargaara.

9. Yeroo Bulchuun Furtuudha
Namoonni milkaa’an yeroo isaanii haala bu’a qabeessa ta’een bulchu. Hojiiwwan barbaachisoo ta’aniif dursa kennuu fi wantoota yaada namaa jeeqan dhabamsiisuun hojii xiyyeeffannoo fi bu’a qabeessa ta’e akka hojjetamu taasisa.

10. Milkaa'ina Argachuuf Namoota Kaan Tajaajiluu
Milkaa’inni bu’aa dhuunfaa qofa osoo hin taane, namoota biroo tajaajiluudha. Namoonni biroo kaayyoo isaanii akka galmaan gahan gargaaruu fi milkaa’ina hawaasa keessaniif gumaachuun imala mataa keessanii badhaadhina.

@barruu_beektotaa 📔


Ilaalcha keenyaaf itti gaafatamaan nudha. (we are responsible for our attitude.)

Kaayyoofi mul’ata keenya milkeessuuf haalota komachuu fi qaama biraa irraa waa eeguun gonkumaa hin barbaachisu. Jireenyi dhala namaa wantoota ajaa’ibsiisoo, gaddisiisoo, ulfaatoofi rakkisoo ta’aniin kan guutamedha. Wantoota kanneen guutummaan guututti dhabamsiisuun yoo dadhabames, ilaalcha keenya jijjiiruun wantoota kanneen irra tarkaanfannee galma yaadne gahuu dandeenya. Fakkeenyaaf bubbee cimaan danbalii galaanaa waliin rukutu yoo uumame.

1. Namni ilaalcha gadhee qabu waa’ee bubbee qofa haasa’uun yaaddoon of weerara.

2. Namni ilaalcha gaarii qabu immoo bubbeen darbee akka ce’uun danda’amu abdiin eega.

3. Gaggeessaan (leader) immoo doonii isaa akka humna bubbee sana irra tarkaanfatee ce’utti sirreeffachuun deemsa isaa itti fufa. Kun hunduu kan ta’eef haala tokkoof ilaalcha namoonni qaban irraa madda. Anis ta’ee atis ilaalcha amma qabnu kana akka qabaannuuf darbees tursiifachuuffis ta’ee jijjiiruuf aangoo kan qabu tokkoon tokkoon keenyadha. Jireenya keenya keessatti milkaa’inaafi wantoota ajaa’ibsiisoo kan dalagnu guyyaa ilaalcha keenyaaf itti gaafatamummaa fudhanne irraa eegalleeti. Ilaalchi gaariin raaceta ittiin galaa milkaa’inaa qopheeffannudha. Addunyaa kana irratti umurii waggaan lakkaawwamu hanga isaa murteeffachuu hin dandeenyu ta’a. Garuu ilaalcha keenya jijjiiruun waggoota jiraannu keessatti wanta barkumee hedduu darbu hojjechuun onneefi sammuu dhalootaa keessa jiraachuun ni danda’ama. Kunis kan ta’u ilaalcha keenya jijjiiruudhaani.
Ilaalcha gadhee yoo qabaatte jijjiiri. Ilaalcha gaarii qabdu tikfadhu!

@barruu_beektotaa 📔


ATI SODAA MALEE DHALATE


Mucaan sodaa tokko malee dhalata.Sodaan biroo hundi akkuma daa’imni guddachaa deemuun amala barsiifamuudha.

Sodaan gurguddoon lamaan hundi keenya horannu sodaa kufaatii ykn dhabuu fi sodaa qeeqa ykn diduu dha.Sodaa kufaatii barachuu kan jalqabnu yoo waan haaraa ykn adda ta’e tokko yeroo yaallu itti fufiinsaan qeeqamuu fi adabamuudha. ''Lakki! Achirraa fagaadhaa! Sana dhiisaa! Sana lafa kaa'i!'' Adabbiin qaamaa fi jaalala dhowwuun, carraawwan nu sodaachisuu fi tasgabbii dhabuu nutti dhaga'amu, yeroo baay'ee iyyaa fi qeeqa kana waliin deemu.

Yeroo muraasa booda baayʼee xinnoo, baayʼee dadhaboo, gaʼumsa kan hin qabne, gaʼumsa kan hin qabnee fi wanta haaraa ykn adda taʼe tokko hojjechuu akka hin dandeenye amanuu jalqabna. Miira kana jechoota ''Hin danda'u, hin danda'u, hin danda'u'' jedhaniin ibsina.''Yeroo waan haaraa ykn qormaata ta'e hojjechuuf yaadnu hundatti, ofumaan miira sodaa, raafamuu deebii kennina .Nuti sirriitti akka waan dandeettii argachuu sodaanneetti deebii kennina.Irra deddeebinee ''hin danda'u'' jenna.

Sodaan kufaatii jireenya ga’eessotaa keessatti kufaatiidhaaf sababa jalqabaati. Bu’aa qeeqa diigumsaa ijoollummaa keessatti uumamu irraa kan ka’e akka nama guddaatti of duubatti deebina. Gabaabsinee of gurgurra. Yeroo jalqabaaf illee osoo hin yaalin dhiisne. Sammuu keenya ajaa’ibsiisaatti fayyadamnee akkamitti waan barbaannu akka argannu adda baasuu mannaa, dandeettii sababeeffachuu keenyatti fayyadamnee sababoota maaliif akka hin dandeenye, fi wantootni barbaannu maaliif akka nuuf hin danda’amne uumna.

@barruu_beektotaa 📔


Ajaa'iba,...

🗣️ Qaamaan bareedduudha, ijji ishee garuu, dhaloota irraa kaasee lafa hin argu ture. Addunyaa kana irraa kan ishee gammachiisuu fi abdii isheef kennu jaalallee ishee dhiiraa kan yeroo hunda ishee biraa hin dhabamne sana ture. "Utuun gaaftokkoo ija koo banadhee si argee sitti heerumee....." jetti turte. Guyyaa gaaftokkoo namni ija arjoomeefii, ija lamaan argatte, ijji ishee banamee ifa addunyaa argite....jaalallee ishee kan duraan arguuf hawwaa turte sanas yoo ilaaltu, innis ijji isaa lamaanuu lafa hin argu, qaro-dhabeessadha. Erga kana argitee booda itti heerumuu diddee biraa deemte. Innis akkas jedhee xalayaa barreesseef "Ijoota koo lamaan kunuunsii qabadhu..." jedhe. Ija lamaan isatu kenneef ture, ofiisaa jaamee qaroosaa kenneef...✍️

@Barruu_Beektotaa 📩

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.