Coba Yaadaa💧


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha
Toifa: San’at


✍️ Maxxansa, Sagaleewwanii fi barruuwwan nama sissi'eessan, Seenaa barsiisoo fi barruuwwan gaggabaaboo asirraa ni argattu.
✍️ Kan isinitti tole hiriyoota keessaniif qooduu hin dagatinaa.

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Statistika
Postlar filtri


✅ "Yeroo baay'ee dhalli namaa  rakkina mo'atee jireenya qananii jiraachuu kan isa dhorku Sababiilee gadi fageenyaan beekamoo hin taane 7tu jiru... ➡️ See More

↪️ See More
See More
.


1. To get motivational and inspiration education channels click here and Join

👇👇

💗 'https://t.me/addlist/4e8EfR1mqNFlY2E8' rel='nofollow'>Click here
Click here

2. To get spiritual and books by pdf join us now ☺️

👇👇

 💖  Click here
Click here

.
3K+ Free Promotion addlist: @Getu_Abera


🎲Jaalala keessatti " 😀" wanti guddaan miira walii ciminaan hubachuudha. Sababni isaa... ↪️ See More

▶️ See More
See More


Ergaalee Jaalalaa 10...➡️ See More


1. To get motivational and inspiration education channels click here and Join

👇👇

💗 'https://t.me/addlist/4e8EfR1mqNFlY2E8' rel='nofollow'>Click here
Click here

2. To get spiritual and books by pdf join us now ☺️

👇👇

 💖  Click here
Click here

.
3K+ Free Promotion addlist: @Getu_Abera


🥰

➡️ Channel jaalatamoo ergaalee ajaaibsiisoo fi barsiisoo ta'an qabu kana irratti gadi tuquudhaan JOIN taasisaa! ➡️ JOIN 📌

1️⃣ 💡💡💡💡💡💡💡

     🚘 'https://t.me/addlist/4e8EfR1mqNFlY2E8' rel='nofollow'>JOIN
    JOIN

2️⃣ 💡💡💡💡💡💡💡

    🚩 MORE JOIN  🚩
   🚩 MORE JOIN 🚩


3️⃣💡💡💡💡💡💡💡
    🍰MORE JOIN  🕯
   🍰 MORE JOIN 🕯


𝙰𝚍𝚍 𝚢𝚘𝚞𝚛 𝙲𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
ᥲძძ ᥡ᥆ᥙr ᥴһᥲᥒᥒᥱᥣ

📌 Channel keessan tolaan nu waliin beeksifadhaa


📌Biiftuun siif jettee baatuu fi lixxu hin jirtu. Isheen galgalaa'uu fi bari'uu keessa seenaa jireenya ishee jijjiiruuf hojjattu garuu, goota dha. Goota bara keetii ta'uudhaaf jabaadhu!

📌Hirkoo kee nama(Ofii kee, Hiriyaa, fira, Jaalallee, abbaa manaa, maatii kee) utuu hin taane Waaqa yeroo taasifattu dubartummaan kee surraa qabaata!

📌Mana keetti maaliyyuu dura Waaqni mana kee akka seenuuf affeeri!

📌 Wanta hin barreeffamne dubbisuun waan hin dubbatamne dubbachuu irra waan barreefamuu qabu barreessuun waan dubbatamuu qabu dubbachuun wayyaa dha.

📌Wanti waaqa gaafattee siif hin kennamne waan siif hin kennamne waan ta'eef dha.

📌Waaqayyo waan gaafanne hundi akka nu hin barbaachisne waan beekuuf nuuf hin kennu!

📌 Namni baayyeen "Biyyaaf eebba ta'i." jedhamee uumamee dhalootatti abaarsa ta'aa jiraata!

📌Obboleettii koo, laphee jaalalli dhiiraa caccabse akka fayyuuf jaalalaaf dhiira biraatti hin kennamu. Fayyummaa qabeenya isaa iddootti kan deebisu Waaqayyo dha. kanaafuu, laphee kee isatti kennadhu!

📌Qajeelummaa namaa malee qajeelummaan Waaqaa xumura hin qabu!

📌Dubartii Ogeettiin abbaa manaa ishee ni kabajji.

📌Karaa/haalli ittiin dhalli namaa kun badu hedduu dha. Karaan ittiin fayyan garuu tokko dha.

📌Bishaan dhangala'e deebisanii akka hin waraabne guyyoota kaleessa darbanis hin deebisani. Jireenya keenya kaleessaa irratti utuu hin taane kan har'aa; ammaa irratti xiyyeeffachuu qabna!

Coba Yaadaa 💧✍️


Dubartii Ogeettii dan repost
Dubartii Ogeettiin:
✍️Dadhabina ishee beekti.
✍️Dadhabina ishee irraa barattee fuulduratti deemti
✍️Maal naan jedhuun karaa deemuu qabdu irraa ishee hin maqsu
✍️Maaliif akkas naan jedhuu utuu hin taane waan jedhamte sana dhaggeeffachuu dhiisuu akka dandeesu ni beekti
✍️Waaqa ishee sirriitti beekti.
✍️Ogummaan isheedhaaf faaya dha.
✍️Ogummaan bareedina ishee irraa hin dabarredha.

@DubartiiOgeettii 🌷


✍️ Dhukkubni cimaan dhukkuba ilaalcha negetive waliin jiraachu dha.
✍ Ba'aa ulfaataan jibba dha.
✍️ Wanti uffatanii namatti hin taane fi nama irraa fokkisu eenyummaa nama biraa uffachuu dha.
✍ Wanti ta'anii nama irra hin teenye akka namni biraa ta'e ta'anii ofirra teesisuu dha.
✍ Wanti yeroo hundaa qulqullummaa isaa eeguu qabnu ilaalacha ofii ti.
✍ Wanti namni kamiyyuu ta'uu hin dandeenye nama biraa ta'uu dha.

Coba Yaadaa 💧✍️


Dubartii Ogeettii dan repost
Obboleettii koo, ati dubartii waan taateef:
Heeruma qofaaf hin uumamne
Haadha ta'uu qofaaf hin uumamne,
Nyaata bilcheessuu qofaaf hin uumamne,
Haadha manaa qofa akka taatufis hin uumamne,
Gadi qabamtee akka jiraattuuf hin uumamne,
Sodaa keessa akka jiraattuuf hin uumamne,
Lolamaa akka jiraattuuf hin uumamne,
Eeggattuu nama biraa taatee akka jiraattuuf hin uumamne,
Uumama mul'ata hin qabne taatee hin uumamne,

Ati Dubartii:

Mul'ata qabdu.
Dubartii Mul'ata isheetti jiraattu,
Dubartii ofii ishee, hawaasa, bultii ishee jaalattu.
Dubartii adunyaa waltajjii ishee taasifattee uummata adunyaatti dubbattu.
Dubartii rakkinni mana baruumsaa akka tahe hubattu,
Dubartii dhabni dhaabuu hin dandeenye,
Dubartii humna yaada bilchaataa qabdu,
Dubartii gola nageenyaa fi jaalalaa taatu,
Dubartii qaaristee agartu dha.

Awwaarri si daalacheessee jiru, haalli si moo'achuuf jedhu,
Iddoo amma jirtutti wanta si sakaalanii qaban ofirraa ciruun fuulfura keetti tarkaanfadhu.
Haala amma si hudhaa jiran hundaaf balbala furmaataa barbaaduu jalqabi.
Balbaloota milkaa'inaa kee kan ittiin seentu argadhu.
Kennaa uumamaa Waaqayyo dhuunfatti siif kenne adunyaadhaaf qoodi.
Ka'i karaa dheeraa dura hin deemne sana deemuu jalqabi.

Ammuma jalqabi.

@DubartiiOgeettii 🌷


Dhukkubni hamaan yeroo ammmaa namoota dararaa jiru dhukkuba qurcii ykn dhukkuba daranyoo sombaa utuu hin taane dhukkuba namoota biratti fudhatama akka hin qabnetti of yaaduuti.

Maazaar tareezaa


Steven Harvey maxxansa bifa gaaffitiin fuulbarruu isaa irratti maxxanse kan;

'Yeroo umurii keessan jigdamaa keessa turtanitti wanti hedduu isin dhiphattaniif kan ammaa dhimma isaa homaayyuu hin qabne maali?'

Jedhu irratti yaadonni namoonni hedduun dhibbeentaa 70 ol qoodaniif; 🖐 Waa'ee namoota biroo dhiphachuu isaaniti.
🖐 Hubannoo namoonni biraa isaaniif qaban,
🖐 Namoota birootiin fudhatama argachuuf,
🖐 Namoota birootiin jaalatamuuf,
🖐 Waa'ee ofii isaanii utuu hin taane waa'ee nama biraa kan jedhu yaadota hangafummaan gaaffii gaafatameef deebii hawaasa bal'aa adunyaa kana irraa deebi'aa ture dha.
Namoonni umurii sana keessa jiran har'as bifuma sanaan yaaduu akka danda'an maddi kun nu hubachiisa. Barruun kana Jalatti yaadonni katabaman yaada qorannoo guddaa tokko gaggeessuuf oolani dha.

Wanti yeroo umurii kee 20 keessa yeroo turtetti hedduu dhiphataa turte kan Amma dhimma isaa hin qabne maali?

Wanti yeroo umurii kee 20 keessatti dhiphataa jirtu kan umurii kee boruu keessatti waan kanaaf dhimma hin qabaadhuuf jettu maali?

Coba Yaadaa 💧✍️


Enjoy our content? Advertise on this channel and reach a highly engaged audience! 👉🏻

It's easy with Telega.io. As the leading platform for native ads and integrations on Telegram, it provides user-friendly and efficient tools for quick and automated ad launches.

⚡️ Place your ad here in three simple steps:

1 Sign up

2 Top up the balance in a convenient way

3 Create your advertising post

If your ad aligns with our content, we’ll gladly publish it.

Start your promotion journey now!


✍ Adunyaan kun fayyaa kudhan dhiistetu maraataa tokko dhageeffatti/dhageessi.

✍ Jireenyi "xumurame." yeroo jedhan jalqabama.

✍ Mul'atni alaa keessatti utuu hin taane keessaa alatti mul'ata.

Coba Yaadaa 💧✍️


✍Haati manaa kee dubartii fokkistuu adunyaa kanaa utuu taateeyyuu siif isheen yoomiyyuu bareedduu akka taate itti himuu hin dhiisin.

✍Ogummaan haadha manaa abbaan manaa ishee ogeessa akka ta'u, ogummaan abbaa manaa immoo haadha manaa isaa Ogeettii akka taatu taasisa.

✍Haati manaa fi abbaan manaa barattoota lama baruumsa gargaraa baratanii mana tokko ittiin utubani dha. Mana kan dhaabuu Waaqa dha.

✍Dubartii fi adurreen yeroo hundaa tutuqaa jaalatuu jedhama kana jechuun kunuunsa jaalachuu isaanii ibsuuf dha.

✍Haati manaa abbaa manaa ishee kunuunsu qabaachuu akkuma qabdu, abbaan manaas haadha manaa isa Kunuunsitu qabaachuu barbaada.

✍Jaalalli sanyii akka qilleensaa haalluu, foolii hin qabne, hin argamne, hin qabamneeti garuu, immoo sanyii argamu, qaqqabamu, kan lubbuu qabu uumuu kan danda'u dha.

✍Bultiin dhaabbata jalqabaa fi guddaa Waaqayyo hundeessuu fi keessa jiraatu dha.

✍Bultiin gola guddicha namni tokko jireenya isaa keessatti gosa barnootaa jireenya jedhamu toora tooran, sadarkaa sadarkaadhaan itti baratu dha.

✍Waliigaltee guddaan kan yeroo fi haalli hin diigne waliigaltee mallattoo maleessa dha. Waliigalteen haadha manaa fi abbaa manaa jidduutti ta'uu fi ta'uu qabu waliigaltee dhugaa haalaa ol kan ta'e amanamummaa dha.

Coba Yaadaa 💧✍️






✍Dhiifama gaafachuun moo'amuu utuu hin taane moo'achuu dha.

Dubbiin/haasofni hameenyaa, taateen badiisaa humna saffisaan gara fuulduraatti akka furguugfamnu nu taasisu dha. Haalota akka kanaa jireenya keenya keessatti miiraan, baleessudhaan deebii hin kennuufiin sirrii miti. Hiikaa sirrii isaa argachuuf gara keessa keenyaatti deebi'uun ofii keenya dhaggeeffachuun hamman akka utaaluu, fiiguu, hubachuu akka dandeenyu, hamman akka dandeenyu/hubannaa/cimina/dandeettii dhokataa keessa keenyaa/ogummaa, ati eenyu akka taate eenyummaa keenya isa dhugaa waliin walitti nu baasu dha.

✍️Kanaafuu, ofirratti hin gungumin, ofii kee hin ceepha'in haalota sanaaf hin moo'amin. Si jabaan/jabduun haalota sana duuba isa/ishee jirtu dha.

Namni akka waa siin hin jenne yoo barbaadde waan siin jedhamu gara keessa keetti keessummeessuu dhiisu dha. Namni waan kan siin hin jenne yeroo duute qofa dha. Yeroo duute hundaaf mararfamta. Yeroo sana atuu waan jedhamu hin qabdu, kan qabdus duutee dachee kana irraa akka dhabamne qofaa dha. Sodaa guddaan, sakaallaa hamaan "Namni maal naan jedhaan" utuu hin socho'in umurii qabnu guutuu iddoo tokko, haala tokko keessa dhaabbannee akka turru nu taasisa. "Namni maal naan jedhaa" yaada keenya keessaa, jiruu keenya keessaa, oolmaa keenya keessaa tuffadhuu gatuun nagaatti adunyaa nagaa, jaalalaan, qajeelummaan, guddummaan, kabajaan keessa jirraachuu qabnu keessa akka jiraannu nu gargaara. Kana jechuun safuu cabsuu qabna jechuu miti.

✍️Kanaafuu, dirii/xaxaa namootaa ofitti ijaarree jiraachaa turre ammas itti jirru keessaa ofii keenya baasuuf dirqama keenya ba'achuu qabna.

Yeroo nagaa qabaadhaa!

Coba Yaadaa 💧✍️


Yeroo kamiyyuu haala kamiyyuu keessatti qajeelummaa tiriikaa deemsa/jireenya keenyaa taasisuun fayyadamuun wanta hin danda'amu jedhame danda'amee akka argamu taasisa.

Moo'achuuf haala kamiyyuu keessa ta'ii qajeelummaa akka tirikaatti fayyadami. Qajeelummaan gufuu irraa si eegdi. Miiltoo gaarii taatee si waliin jiraattii. Laga moo'ichaatti si ceesisiti. Gabaa wayyoomaan sitti daldaltu waliin si oolchitii. Eenyummaa kee isa sirriin wal si simsiistii. Ofii keen wal si agarsiistii. Ofii kee of si jaalachiisti. Nagaa dhugaa sitti mul'istii. Uumama kamiifuu naatoo sitti hortii.

Coba Yaadaa 💧✍️


Akkam nagumaa?
Nagaadhaan turaa.


"Hojjattuu dhaabbata omisha fo
on dheedhii adunyaadhaaf dhiyeessu kutaa foon itti qorrisiifamu keessa dalagdu tokko ture. Obboleettiin kun guyyaa dhaabbaticha keessatti mindeeffamtee jalqabdee haguma guyyaan olee bulu yaada eegduu dhaabachichaa tokko keessa lixxe. Eegduun sun manguddoo; nama gorora liqimsani dha. Wanti akka maanguddoo sanaan jaalatamtu taasisu kan namni sun hojjaatoota dhaabbaticha keessa dalagan kumaan lakkaa'aman keessaa yeroo hundaa ishee irraa argu ganama yeroo hojii seentu "Akkam nagumaa?'' Jechuun nagaa isaan gaafatti galgala yeroo hojiidhaa baatu "Nagaan turaa." Jechuun nagaa dhaamtefii gara mana ishee deemti. Haala kanaan dhaabbaticha keessa waggootaaf hojjatte.

Guyyaa tokko ganama akkuma barame nama eegumsaan dhaabbaticha keessa tajaajilan kana nagaa hoo'aa gaafattee gara kutaa hojii isheetti lixxe. Akkuma sahaatii hojjatoti hojii irraa gara mana isaanitti galan gaheen hojjatootni kutaawwan garagaraa keessaa gara balbala alaatti bahuuf qajeelan. Hojjataan hundinuu dabareedhaan bahani. Namni dallicha keessatti hafe waan jiru miti. Garuu maanguddoon eegumsa irra jiraniif namni tokko hojii kan hin xumurin akka jirutti waan hubataniif balbala dhaabbichaa cufuu irraa of qusatanii sahaatii dheeraa erga turanii booda gara biiroo obboleettiin sun hojjattuutti miila isaanii fudhatan. Yeroo naannoo balbala kutaa isheen itti hojjattuu gahan sagalee gargaarsa barbaadu tokko dhagahan. Balballi kutaa isheen keessa hojjattuu hin cufamu yoo cufame immoo akka hin banamnetti cufama. Kutaa qorraa foon qorrisuuf itti tajaajilan keessa kutaawwan gara jidduu jiran keessa hojjatti.

Maarree, maanguddoo nagaan Waaqaa Obboleettii kana irraa guyyaa sanaaf utuu itti hin dhaamamamin hafe kun gargaarsaaf gara kutaa isheen hojjattu dhaabbatanii sagalee dhiphinaa dhagan yeroo utuu hin kennin gara kutaa sagaleen keessaa dhagahamutti fiiganii balbala cufame banan. Yeroo namni sun kutaa manichaatti ol lixan hammi qorra manichaa lubbuu nama sanaa baasuuf sekondiiwwan muraasa yeroo lakkaa'ametu hafa. Ta'us gargaarsa nama sanaan haala ishee miidhuf jira sana keessaa bahuu dandeesse."

Moral of a story:

✍Wanti kun waan xinnoodha, kun maal gatii baasa, hin barbaachisu jennu waan guddaa akka hojjachuu danda'u.

✍Gama biraatiin, barruu kana irraa kalattiin kan arginu hojii nagaa nama gaafachuun lubbuu baraarame dha. Nagaan namaaf akkasuma ofii keenyaaf yeroo dhaamnu nama biraa sanaaf akkasuma ofii keenyaaf hidhata jabaatu, wanta cabu/badu ni jira.

Nagaan bilisa dha. Waan bilisaa kana immoo bilisaan nama biraan gahuun waan akka dirqamaatti namni kamiyyuu qabu dha.


Nagaa guddaa qabaadhaa!

Coba Yaadaa 💧✍️


Dhimmaaf manaa baatee gara iddoo gahuu jettuu sana gahuuf karaa deemuu yeroo jalqabduu hamma iddoo sana geessutti haalli jiru, yeroo gahuuf karoorfattetti akka hin geenye kan si taasisan, jidduu deemsa sanaa wantootni, namoonni, haallonni garagaraa ni hirmaatu.

Fuuldura kee namootni baayyatanii karaa akka hin dabarre, dursa anatu darbaa yeroo wal dhiiban dhiibbaa sana dhiibbaachuu dadhabdee yookiin dursa kennuufiin qaba jettee yeroo dhiistu miilli kee miila namootaa duuba ta'uu jalqaba.

Deemsa sana jidduutti haalonni utuu nuti hin beekiin nutti darbataman kamiyyuu gahuumsa keenya sana irratti dhiibbaa mataa isaanii qabu. Karaa nuuf gabaabsuu yookiin karaa nutti dheeressuu danda'u.

Namni tokko dargaggeessa waan ta'anii humna waan qabaataniif, miila hoo'inee deemuu waan dandeenyuuf, humna qabnuun gufuuwwan fuuldura keenya jiran dura keenyaa kukuffistee akka geenyu kan nu hin dandeessisne ni jiraatu.

Qabeenya qabaattee karaa barbaadde irra akka barbaaddetti deemtee akka hin geenye kan si taasisanis ni jiru.

Manaa qophaa waan baateef kophaa hin deemtu. Hirmaatotni karaa kee irratti wajjin deemtu sanaaf jettee akka dhaabbatu, akka teessu, akka kuftu, akka miidhamtu, dadhabdu ni taata.

Kufuun nama tokkoo sababa nama biraan ta'uu danda'a.


Wantoota jireenya keenya keessatti taasisnu wanta taasisuu dandeenyuuf qofa hin taasisnu.

Haalonni iddoo ol jennee jirruu akka gadi jennuuf nu dirqamsiisan ni jiru.

Adunyaa xinnoon adunyaa nama tokkooti. Namni yeroo baayyee adunyaa namoota baayyee keessa waliin akka jiraatu ni ta'a.


Coba Yaadaa 💧✍️


✍Wanti harka keenya irraa qabnu hundi nu hin fayyadani. Dhugaadha, namni wanta isa hin fayyadne hedduu fi waan isa fayyadan muraasaan marfamee jiraata.

✍Wanti harka keenya irra yeroo dheeradhaaf turu tokko nu hin fayyadu yoo tahe nu miidhaa jira ta'a.

Beekuu Beekuu dhabuun abaarsa keessa akka jiraannu nu taasisa.
✍Arraba keenya irra eebbis abaarsis ni jira.
✍Namni tokko abbaa mala waan baayyee ta'uu danda'a. Garuu waa hundaaf mala hin qabu. Nama futmaata ta'uun nama rakkina hundaaf furmaata qaba jechuu miti.
✍Wanta namni nuun jedhu utuu hin taane kan sodaan keenya nuun jedhu moo'achuu danda'uun ni dursa.
✍Humna moo'ichaa keessa gara alaa bahu humna dukkana guddaa ibsuu, waan hin cabne cabsuu danda'u qaba.
Quboota harkaa keenya keessaa haala kam keessattuu kallattii sirrii ta'e argarsiisuu kan danda'u quba waa himtuu dha.

✍Taatewwan kaleessaa kee eenyummaa keenya har'a akka qabaachaa jirru kan nu bocaa jirani dha.
✍Kantaruun taatewwan kaleessaa jireenya har'a itti jiraannu akka nuuf kennanii fi jireenyi boruu dirii kaleessotaa fi har'aa ti.

Coba Yaadaa 💧✍️

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.