Guca Aartii


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha


Barumsa, Koorsiiwwaan Tiyaatiraa fi Fiilmii
I blog about marketing and sales
Buy ads: https://telega.io/c/Fiilmiin

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Statistika
Postlar filtri


Enjoy our content? Advertise on this channel and reach a highly engaged audience! 👉🏻

It's easy with Telega.io. As the leading platform for native ads and integrations on Telegram, it provides user-friendly and efficient tools for quick and automated ad launches.

⚡️ Place your ad here in three simple steps:

1 Sign up

2 Top up the balance in a convenient way

3 Create your advertising post

If your ad aligns with our content, we’ll gladly publish it.

Start your promotion journey now!


Walaloon Jaalala dan repost
Chaanaaalaa fi Garee Teeleegiraamii join gochuun qofa USDT 0.5 hojjadhaa. Hiriyoota affeeruun ammoo USDT 0.2 salphaatti sassaabbachuun wallet keessan irraan baafachuu dandeessu. Jalqabuuf geessituu gadii makami yookaan Join jettu cuqaasuun itti fayyadamaa.


Liyoonaardoo Dikaappiriyoo

Addunyaa kanarraa taatonni akka Liyoonaardoo Dikaapriyoo hojii adda addaa qaban muraasa. DiCaprio jalqaba qooddataa deeggaraa ta'uun sitcom'ii Growing Pains (1985) irratti hirmaate. Itti aansuun fiilmii sodaachisaa baajata xiqqaan hojjatame Critters 3 (1991) irratti hojjateera. Walakkeessa bara 1990mootaa irraa kaasee, qooddataa guddaa (lead actor) ta'uun fiilmiiwwan akka Romeo + Juliet (1996) fi Titanic (1997) fiilmiiwwan Hollywood blockbusters ta'an keessatti hirmaachuun nama adda duree ta'e, Daayireektaroota sadarkaa idil-addunyaatti beekamoo ta'an kanneen akka Martin Scorsese, Jeems Kaameeroon fi Christopher Nolan birattis fudhatamummaa guddaa argachuun waliin hojjachuu danda'eera.

Leonardo Wilhelm DiCaprio kan dhalate Los Angeles, California keessatti yoo ta'u, mucaa tokkicha Irmelin DiCaprio fi Joorji DiCaprio ti. Abbaan isaa hidda dhaloota Xaaliyaanii fi Jarmanii yoo ta'u, haati isaa dhalootaan Jarmanii yoo taatu hidda dhaloota Jarmanii, Yukireen fi Raashiyaadha. Dandeettiin taatummaa Leenaardoo jalqabarratti warra isaa biratti ifa ta'e. Maqaa waltajjii "Leenii Wiiliyams" jedhuun sirba waltajjii irratti dhiyeessuuf erga mallatteessee booda Dikaaprio beeksisa televijiinii fi sagantaalee barnootaa hedduu irratti mul'achuu jalqabe.

Sana booda DiCaprio xiyyeeffannoo producer'ootaa hawwachuu jalqabe, isaanis diraamaa televijiinii hedduu kanneen akka Roseanne (1988) fi The New Lassie (1989) keessatti akka hirmaatuf carraa akka laatanif taasiseera. Liyoonaardoon siitkoomii Growing Pains (1985) keessatti hirmaachuun xiyyeeffannoo ummataa keessa akka galuuf isa gargaareera, erga sitcom xumuramee booda, DiCaprio hojiiwwan biroo argachuuf audition gochuu jalqabe.

Leonardo jalqaba bara 1990moota keessa gahee adda addaa kan fudhate yoo ta'u, fiilmota kanneen akka What's Eating Gilbert Grape (1993), The Quick and the Dead (1995) fi Jim Carroll in The Basketball Diaries (1995) hojjateen dandeettii taatummaa isaa argisiiseera. Gaheewwan adda addaa inni taphate kun carraa isaaf kennanis maqaa Leenaardoo jedhu sirritti baasanii hin mul'isne. Maqaa isaa addunyaa guutuun kan bare Fiilmii Romeo + Juliet (1996) erga hojjatee boodadha. Waggaa itti aanutti, DiCaprio fiilmii biraa waa'ee jaalalleewwan balaadhaaf saaxilaman, Titanic (1997) keessatti hirmaate caalatti milkaa'e, fiilmiin kun ammoo rikoordii box office sana dura qabame hunda caccabsuun mo'ate, akkasumas maqaa DiCaprio ol kaaseera. Sana booda Fiilmiiwwan The Man in the Iron Mask (1998) fi The Beach (2000) keessatti gahee xinnoo taphateera.

Bara 2002tti, fiilmii Catch Me If You Can (2002) fi Gangs of New York (2002) keessatti gahee adda duree taphachuun addunyaa guutuutti gara iskiriiniitti deebi'ee milkaa'ina argate, kunis fiilmii daayireektara Maartiin Iskoorseesii waliin hojjete keessaa isa jalqabaa. Yeroo ammaa kana mindaa fiilmii tokkoof aveereejiin doolaara miiliyoona 20 kan kaffalchiisu DiKaaprion urjiilee fiilmii addunyaa irratti gurguddoo ta'an keessaa tokko ta'eera.

Haa ta'u malee, hojii ogummaa isaa fiilmii keessatti taphachuu qofa irratti hin daangessine, DiCaprio ogeessa naannoo, kan dhimmoota naannoo hedduu keessatti dammaqinaan hirmaatu waan ta'eef, dhimma kanaaf kutannoon inni qabus fiilmii dokumeentarii The 11th Hour, fiilmii dokumeentarii waa'ee haala naannoo uumamaa irratti xiyyeeffatu hojjateera. Hojiiwwwan fiilmii isaa itti fufuunis fiilmiiwwan nama hawwatan kanneen akka The Departed (2006), Shutter Island (2010) fi Inception (2010) keessatti qooda gurguddaa taphachuun urjii ta'uu isaa mirkaneessera. Kanaanis daawwattoota fi jaalattoota isaa ajaa'ibsiisuu itti fufe.

Bara 2012tti fiilmii Django Unchained (2012) keessatti qooda nama hamaa mustache twirling, The Great Gatsby (2013) fi The Wolf of Wall Street (2013) keessatti taphateera.

DiCaprio dhimma naannoo fi namoomaaf quuqama guddaa kan qabu yoo ta’u, bara 2010tti gargaarsa kirkira lafaatif doolaara 1,000,000 arjoomeera, baruma sanatti Waldaa Eegumsa Bineensota Bosonaatif doolaara 1,000,000 gumaacheera.

Maddi:- IMDb
By Kaachuu
@Fiilmiin




Walaloon Jaalala dan repost
Walaloowwan Ajaa'ibaan TikTiko irratti jaalatamummaa guddaa kan argate Abbaan Kitaaba Qooxii Haftee Baqqalaa karaa YouTube isaa waan haaraa nuuf fidee dhufaa jira. Subscribe gochaa screenshot isaa nuuf ergaa

👇👇👇👇👇👇

@hafte123?si=Ag9Yjqv6u7WMjw5W' rel='nofollow'>https://youtube.com/@hafte123?si=Ag9Yjqv6u7WMjw5W


Seenaa Og-barruu Afaan Amaariffaa keessatti iddoo guddaa kan qabu Addis Alamaayyootin kan barreeffamee fi Abbaa Taatummaa jedhamuun kan beekamu Wagaayyoo Nigaatutiin raadiyoo irratti seeneffamee caalatti kan jaalatame Kitaabni "ፍቅር እስከ መቃብር" jedhamu gara Diraamaa TV tti jijjiiramuu isaa bara darbe ETV'n ibsee ture.

Maarree Diraamaan Tv kun guyyaa boruu kutaan isaa jalqabaa qilleensarra akka oolutu gabaafame. Hojii isaa irratti Haalli nageenyaa Naannoo sanaa rakkisaa ta'us boqonnaa jalqabaa jechuunis kutaa 12 xumuruu isaanitu himame.

Biyya kana keessatti Kitaabni gara Fiilmiitti jijjiiramee hojjatamuun waan haaraa miti. Odeeffannoon hanga ammaatti qabuun garuu gara Diraamaa Tv tti jijjiiramuun isa jalqabaa ta'a. Ogeessota keenya yaada akkasii qabaniif barumsa ni kenna jedheen yaada. Hundaafuu boru ilaallee walitti deebina. Boru sa'aatii 8:00 irratti ETv'n

@Fiilmiin






Film KOODEE namoonni carraa argattanii hin daawwanne jimaata dhufu YouTube Kalaqan Entertainment irratti gadhiifama. Link armaan gadi jiruun seenaati Subscribe gochaa nu eegaa.

@kalaqan1?si=3hwdrmPynoV9AnRn' rel='nofollow'>https://youtube.com/@kalaqan1?si=3hwdrmPynoV9AnRn


Tele Tv

Fuula Tele Tv like gochuun post isaanii hunda jalatti yaada Fiilmii Afaan Oromoos otuu nuu lakkistanii jedhu comment irratti barreessuun guddina Fiilmii Oromoof Shoora keenya yaa baanu.

Link
https://www.facebook.com/teletvfilms


Addis Miidiyaa Neetwork sagantaawwan bashananaa qopheessuuf dhaabbata ‘Qubee Komunikeeshin’ jedhamu waliin waliigaltee mallatteesse.


Addis Miidiyaa Neetwork (AMN) Diraamaawwan Televiizhinii ‘Sit-Koomii’ walitti fufoo ta'an Afaan Oromoon jalqabsisuuf dhaabbata ‘Qubee Komunikeeshinii’ waliin waliigaltee mallatteesse.

AMN miidiyaa diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa irratti hojjetu yoo ta’u, damee bashananaaniis hojiilee hojjetu bal’isuuf chaanaalii dabalataa banuun isaa ni yaadatama.

Bu’uuruma kanaaniis yeroo dhihoo as dhaabbilee damee bashananaa irratti hojjetan gara garaa waliin hojjechuuf socho’aa kan jiru yoo ta’u, sagantaa bashananaa ‘Addis Talent Show’ jedhamus dhiheenyatti tamsaasuu ni eegala.

Sagantaa bashananaa diraamaa irratti hojjechuufis dhaabbata ‘Qubee komunikeeshinii’ jedhamu waliin diraamaa Afaan Oromoo “Maatii” jedhamuu dhiheesuuf waliigaltee mallateeeseera.

@Fiilmiin




Christopher Nolan

Christopher Nolan bara 1970 Awurooppaa Biyya Ingilaand Magaalaa Landanitti dhalate. Namni Kun Fiilmii hedduu barreessee qajeelcheera. Namoota Fiilmii addunyaa kanarraa beekamoo fi kabajamoo ta'an keessaa ija ijoodha. Dandeettii fiilmii hojjechuu ajaa'ibaa umurii isaa xiqqaa irraa kaasee kan qabu yoo ta'u, hojii fiilmii keessatti miira haaraa nama dabaledha. Gosoota fiilmii gochaa fi waraanaa sammuu qaban irratti kan xiyyeeffatu Christopher Nolan, keessattuu fiilmii Batman fi Dunkirk keessatti jireenya haaraa hafuura baafachiisuu isaatiin galata guddaa qaba.

Badhaasa Fiilmii addunyaa isa guddaa Oscar irratti Yeroo shan kaadhimameera. Walumaa galatti waltajjiiwwan badhaasaa garaa garaa 237 irratti kaadhimame keessaa 146 irratti injifateera.

Fiilmiiwwan Chistopher Nolan Hojjate kan jalqabaa irraa kaasee hanga ammaatti.

- Following (1998)
- Memento (2000)
- Insomnia (2002)
- Batman Begins (2005)
- The Prestige (2006)
- The Dark Knight (2008)
- Inception (2010)
- The Dark Knight Rises (2012)
- Interstellar (2014)
- Dunkirk (2017)
- Tenet (2020)
- Oppenheimer (2023)

✍️ Kaachuu
@Fiilmiin


Good Will Hunting 1997
Director: Gus Van Sant

@Fiilmiin


Saamu'eel L. Jaaksan

Saamu'eel L. Jaaksan prodiyuusara lammii Ameerikaa fi taatoo baay'ee beekama yoo ta'u, fiilmiiwwan 100 ol keessati hirmaateera, kanneen keessaa Die Hard with a Vengeance (1995), Unbreakable (2000), Shaft (2000), Formula 51 (2001), fi Black Snake Moan (2001), Snakes on a Plane (2006) fi kanneen biroo hedduu keesaatti qooda fudhateera.

Saamu’eel Leerooy Jaaksan Haadha isaa Elizaabeet (Montgomery) fi Abbaa isaa Rooy Heenrii Jaaksan irraa Waashingitan D.C.tti dhalate. Kan inni guddate Haadha isaa hojjettuu warshaa taatee fii akkoolee isaa faanadha. Kolleejjii Morehouse keessatti, Jackson sochii barattoota gurraacha keessatti sochii guddaa gochaa ture. Bara kudha sagan torbaatamaa keessa dhaabbata Negro Ensemble Company tti (Morgan Freeman waliin) makame. Bara kudha sagal saddeettamaa keessa fiilmiiwwan sadii Ispaayik Liin hojjetamee booda beekamaa ta'e: Do the Right Thing (1989), Mo' Better Blues (1990) fi Jungle Fever (1991). Jalqaba bara 1990moota keessa fiilmiiwwan akka Patriot Games (1992), Amos & Andrew (1993), True Romance (1993), Jurassic Park (1993), fi Pulp Fiction dabalatee daayireektara Quentin Tarantino waliin tumsa taasiseen beekamtii fi qeeqxota biratti dinqisiifannaa argateera. Fiilmoonni Saamu'eel, Jaakii Braawuun (1997) jedhamu, boodarra ammoo Django Unchained (2012) jedhamanis fudhatama guddaa argataniiru. Taatoo deeggaraa irraa gara taatoo adda dureetti kan ce'e Fiilmii Pulp Fiction (1994)  keessatti ga'umsi inni agarsiisen kaadhimamaa Oscar kan ta'e yoo ta'u, Jackie Brown (1997) keessatti qooda Ordell Robbi ta'uun badhaasa Silver Berlin Bear argateera. Jaaksan yeroo baayyee qooddattoora amalaa fi haala gara garaa qaban hedduu hojjateera.

Dhiyeenya ammoo fiilmiiwwan kanneen akka Iron Man 2 (2010), The Avengers (2012), Captain America(2014), Avengers: Age of Ultron (2015) Thor (2011) fi Captain America: The First Avenger (2011) keessatti qooda guddaa fi xinnaa fudhachuun taphateera. Akkasumas sagantaa TV (2013) tiin kan qophaa’e Marvel's Agents of S.H.I.E.L.D, kutaa lammaffaa fi isa dhumaa keessatti qooda fudhachuun taphateera. Fiilmiiwwan animeeshinii hedduudhaaf sagalee isaan qooda fudhateera, kanneen keessaa The Incredibles (2004), Star Wars: The Clone Wars (2008),  Afro Samurai (2007), fi Grand Theft Auto: San Andreas (2004) caqasuun ni danda'ama.

Maddi:- IMDb
Qopheessan Kaachuu
@Fiilmiin




Tibba kana oduuwwan iddoo garaa garaa irraa dhageenyu baayyeen isaanii baayyee nama sururu. Dirqisiisanii gudeeduun aadaa ta'aa waan jiru fakkaata. Keessattuu daa'immaan umuriin isaanii afaan hiikkachuu hin geenye irraatti yakki akkanaa yemmuu raawwatamu dhaga'uu itti baraa jirra. Seerri namoota yakka akkanaa raawwatan irratti murtiin inni fudhatu quubsaa waan hin taaneef Fiilmiiwwan armaan gadii kunneen yemmuu ofii isaaniin tarkaanfii fudhatan argisiisu. Dhugaa dubbachuuf gudeedtonni otuu Fiilmiiwwan kanneen ilaalanii xinnoo ni soodaatu jedheen amana. Humni aartii salphaa miti. Gama kanaan biyyoota biroo keessatti Fiilmiiwwan hedduun hojatamanii ni argina kanneen keessaa ani kanan filadhe sin affeereera. Biyya keenyatti yemmuu deebinu ammoo waan baayyeetu nu hafa. Fiilmota afaan amaariffaan hojjataman lamaan kana ilaaluu dandeessu.

@Fiilmiin


Walaloon Jaalala dan repost
Akkaadaamii Taatummaa Abbaa Lataa
Galma Kalaqaafi Dandeettii

Chaanaala Teeleegiraamii keenya join gochuun nu hordofaa

https://t.me/AbbaaLataaActing


Akkaadaamii Taatummaa Abbaa Lataa
Galma Kalaqaafi Dandeettii

Chaanaala Teeleegiraamii keenya join gochuun nu hordofaa

https://t.me/AbbaaLataaActing

19 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.