Gaa'ela 𓆩♡𓆪 Marriage


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha
Toifa: Din


Akkaataa gorsa Macaafa Qulqulluutiin (Biblical Counseling) barsiisa dhimmoota gaa'elaa irratti kennamuu dha.
Yaada: @Gaaelabot
https://adsly.me/@gaaela_gaarii
Buy ads: https://telega.io/c/Gaaela_Gaarii

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Toifa
Din
Statistika
Postlar filtri


🌷Amanamummaa fi jaalalli ishee qalbii na hatee waan tureef,...▶️ See More

            👇👇👇👇
     👉✨See More✨👈
     👉✨See More ✨👈
             👆👆👆👆


❌ Namoonni baay'een jaalachuu beeku malee gatii jaalalli baasisu hin fudhatani, sababni isaa,....
           ⬇️
➡️ See More
      See More


Wantoota jaalala miidhan muraasa:

❌ Soba!
❌ Qulqullina dhuunfaa dhabuu!
❌ Qulqullina bakka ciisichaa dhabuu!
❌ Kabaja wal dhoowwachuu!
❌ Walqunnamtii saalaa walmadaalaa hin taane!
❌ Ollaa waliin wal bira qabanii walmadaaluu
❌ Irra deddeebiin walqoccoluu!

@Gaaela_Gaarii
@Marriage_Counseling


Waaqayyo Gaa'ela Qajeelaa siif kenna. Amanadhuu eeggadhu!

@Gaaela_Gaarii


🗣️ Hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin hariiroo cimaa qabaachuu yoo barbaadde, atii fi hiriyaan kee amaloota armaan gadii kana fudhachuu qabdu: 💔
👇👇

https://gaggeessummaa.com/hariiroo-cimaa-qabaachuu


✍️ Akkuma Haati Manaa Giiftii taate Abbaan Manaa immoo Gooftaa dha. 🔵

• Abbaan manaa kee bareedina, galiidhaan, beekamtiidhaan, ogummaadhaan, hubannaadhaan, umuriidhaan, yaadaan, guddina qaamaan maalinuu sii gadi haa ta'u inni Abbaa manaa keeti. Kanaaf kabaji!
• Abbaa manaa waan wayiin haadha manaa isaa caaluuf kabajama utuu hin taane seera Waaqayyo abbaa manaa fi haadha manaa dhaaf kaa'e waan ta'eefi dha.
• Haati manaa galiidhaan abbaa manaa caalti jechuun abbaa manaa abbaa manummaa isaa iddoodhaa isa sochoosa jechuu miti.
• Maatii tokkoof abbaan manaa mataa dha. Abbaan manaa hoogganaa mana sanaati.
Hoggansa sana keessatti haati manaa qooda guddaa qabdi ta'us hoggansa sana kan dursu abbaa manaati.
• Haati manaa abbaa manaa ishee irraa jaalala akka feetu abbaan manaa immoo haadha manaa isaa irraa kabaja barbaada.
• Abbaan manaa hogganaa/gooftaa mana isaa ta'uu akka barbaadu haati manaa immoo giiftii mana ishee ta'uu ni barbaaddi.
Wanti dubartiin tokko ta'uu hin dandeenye dhiira dha. Wanti dhiirri tokko ta'uu hin dandeenye dubartii ta'uu dha. Kun seera uumaa ti.
• Dubartii fayyaalettiin tokko yeroo kamiyyuu dubartummaa ishee jaalattee/kabajjee jiraatti. Akkasuma, dhiirri fayyaalessi kamiyyuu dhiirummaa isaa jaalatee/kabajee jiraata.
• Haadha manaa kee yookiin abbaa manaa kee tuffachuu yeroo jalqabdu bultii kee tuffachuu akka jalqabde bari!
• Namoota keessaa namni ati ofii keetti aansitee itti dhiyoon haadhaa manaa/abbaa manaa kee akka ta'e hubadhu.

@haadha_manaa_ogeettii 💡

@Gaaela_Gaarii
@Marriage_Counseling


Waa'ee haadha manaa keetii Waaqayyoo wajjin yommuu dubbattu (yeroo kadhattu):

🙏 Isa kan isa sodaattu,
👏 Gargaaruu kan dandeessu,
😍 Jaalala namootaaf kan qabdu,
💔 Mana ishee kan kabajju,
🙏 Akka dubbii Waaqayyootti haadha manaa jiraattu akka siif kennu fedhii garaa kee akka ta'e kadhadhu!

Warra hin fuune/hin heerumne hundaaf Waaqayyo haadha manaa gaarii fi obboloota shamarraniif dhiira hubannaa qabu isiniif haa kennu. 🙏

Yoo heerumte/fuute gaa'elli kee maqaa Yesuusiin eebbifamaa, jaalalaan kan guutame haa ta'u! Ameen ❤️

@haadha_manaa_ogeettii 💡

@Gaaela_Gaarii
@Marriage_Counseling

✉️✍️ @Gaaelabot


🗣️ Macaafni Qulqulluun Waa’ee Pornogiraafii Maal Jedha?

Kutaa Macaafa Qulqulluu Mat. 5:27-29 irratti hundaa'udhaan gabaabinaan Waa'ee pornogiraafii yaada Macaafa Qulqulluu keessa jiru waliin haa ilaallu, “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera.” (Mat. 5:27-29)
Guutummaa isaa website keenya irraa ni argattu 👇👇

https://gaggeessummaa.com/macaafni-qulqulluun-waaee-pornogiraafii-dubbateeraa/


✍️ Only a Powerful Men Can Know the Power of a Women. 🟣

Dhiira cimaa qofatu dubartiin uumama cimtuu akka taate hubachuu danda'a.
• Nama 'nan danda'a' jedhee danda'e qofatu dubartiin hammam uumama haala kamiyyuu dandeessu akka taate hubata.
• Ija arguu danda'u qofatu ishee arguu danda'a.
• Dhiira amala qabu qofatu dubartiin hammam amala qabeettii akka taate beekuu danda'a.
• Dhiira hubataa qofatu dubartiin hammam hubattuu akka taate hubachuu danda'a.
• Dhiira laphee jaalalaa qabu qofatu dubartiin hammam uumama jaalachuuf/jaalatamuuf uumamte ta'uu beekuu danda'a.
• Dhiira dandeettii isaa tolchee beeku qofatu dandeettii dubartiin tokko qabdu beekuu danda'a.
• Dhiira gatii isaa beeketu gatii duartii tokkoo haalan beekuu danda'a.
• Dhiira hiikaa bareedinaa tolchee beeku qofatu dubartiin uumama addunyaa kanaaf bareedina taate ta'uu ishee hubata.
• Nama gameessa qofatu dubartiin hammam uumama gameettii akka taate hubachuu danda'a.

@haadha_manaa_ogeettii 💡

@Gaaela_Gaarii
@Marriage_Counseling


🗣️ Dhiirri tokko gaa'elaaf gahaa erga ta'ee booda sababoota muraasaaf gaa'elatti galuu dhiisee turuu danda'a. Gaa'elli dhiibbaa alaatiin utuu hin taane karooraa fi dhiibbaa jaalala keessaan dhufuun kan ijaaramu ta'uutu irra jiraata. Guutummaa isaa website keenya seenuun dubbisaa👇👇

https://gaggeessummaa.com/qophii-gaaelaaf-barbaachisu-2/


🗣️ Ani utuu gara gaa'elaatti dhufnee baay'een jaaladha. Garuu kaadhimaan koo ajandaa kana akkan kaasu hin barbaadu. Inni yeroo hundumaa jaalalaan akka turru barbaada malee murteessee jaalalaaf of kennaa miti. Yeroo dura walbarre garuu isatu of kennaa ture. Amma garuu anatu dabaree koo isa eegaa jira. Yaada kana irratti gorsa argachuun barbaadaa jira."

🟣 Yaada Obboleettii kanaaf deeggarsa yaada xiqqoo ni laanna. Link kana waliif qooduun namoonni seenanii akka hirmaatan taasisuun nu cina dhaabbadhaa! 🙏

@Gaaela_Gaarii
@Marriage_Counseling

✉️✍️ @Gaaelabot


🗣️ Kakuun gaa’elaa guduunfaa yookiin chaappaa jaalala mirkaneessutti fakkeefamuu ni danda'a. Kakuu (waadaa)'n dubbii gati jabeessa waan ta'eef kabajuun, of eeggachuufin, utuu hin ariifatin kakachuun ba’eessa. Sababni isaas kakuun yoo eegame eebba qaba. Yoo cabe, abaarsa fida waan taheef dha. Guutummaa isaa as tuquudhaan dubbisaa,...👇👇

https://gaggeessummaa.com/kakuu-waadaa/


Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
Title: Express your love
Type: Video 🎬
Size: 84.3 Mb
Prepared by: Abraham

⚠️ Please use #Wifi to download

@Gaaela_Gaarii
@Marriage_Counseling

✉️✍️ @Gaaelabot


Gaa'elli Iddoo itti ija Dunuunfatanii Seenanii erga keessa lixanii banatan miti!

Baay'een keenya ija dunuunfannee itti seennee eenyummaa nama sanaa fi maalummaa gaa'ela sanaa utuu hin barin gaafa itti lixnee arginu, akka hin fudhanne kan nu taasisan ni jirra. Gaa'elli gola nama beekan beekanii itti hin xumurre dha. Dachee kana irratti namni iddoo itti walitti dhiyeenya dhiyoo qabu; akka barsiisa kitaaba qulqulluutti immoo kan namoonni saala faallaa lama nama tokko ta'an gaa'ela keessatti dha. Maarree, namoonni kun tokko haa ta'anii/jedhaman malee guyyaadhaa guyyaatti walii isaaniitiif haaradha, waan haaraa walii isaanii irraa baratu. Gaa'elli mana barumsaa umurii dachee irra jiraannu keeessatti barataa jiraannu dha. Gaa'ela keessatti kan kabajamuu/eegamuu/kunuunfamuu qabu nama jaalannee waliin jiraannu utuu hin taane gaa'ela qaama lamaan walitti hidhee jiru sana dha. Qaamni lamaan itti gaafatamummaa walqixa ta'e gaa'ela sana eeguuf/kunuunsuuf/tiksuu keessatti ni qabaatu. Gaa'elli tokko kan diigamu yeroo namoota gaa'ela sana utubanii akka waliin jiraataniif kennameef keessaa tokko yookiin lamaan isaanii dirqama bahachuu qaban bahachuu dhiisani dha. Gaa'elatti yeroo seenan ija dunuunfamaan; jecha jaalalli jaaamaa dha jedhamu waan dhugoomsu fakkaatuun itti seenamee guyyaa itti seename immoo ijji jaalalaa jaame banamu fakkaatuun erga keessa seenanii ija itti banatan miti. ❌

Gaa'elli dhaabbata guddaa Waaqayyo dachee kana irratti saala faallaa lamaaf; dhiiraa fi dubartiidhaaf kenne dha. Gaa'ela nama jaalannutu nuuf kenna faallaa kanaa nama jaallannuuf kennina utuu hin taane Waaqatu kenna. ✅

@Gaaela_Gaarii
@Marriage_Counseling

✉️✍️ @Gaaelabot


🗣️ Addunyaan keenya faallaa lamaan guutamtee jirti. Jireenyi namaa wantoota adda addaa lamaan kanaan daawwatama. Gaddaa fi gammachuu, kisaaraa fi bu'aan, gammachuu fi kolfa, yaaddoo fi boqonnaa, salphinaa fi ulfina kunneen karaa jireenyaa ilmi namaa keessa darbudha. 👇👇

https://gaggeessummaa.com/dukkana-koo-ibsita/


🚨 Of Waliin Walitti Araarami!

Yeroo tokko tokko miirri keenya karaa nuti hin eegneen nu waliin baduuf ka'a. Akka tasaa, utuu Gooftaa jaallachuu fi dhaggeeffachuu barbaannuu jidduutti, addunyaa biraatti nu gatuuf ka'a, haala wal fakkaatu kana keessa yeroo jirtutti, miirri kee akka si oofu hin godhin! Miirri qofti waan si kakaaseef walitti dhufeenya hin jalqabin! Waan tokko hojjechuu kee dursa si'a lamaa sadi itti yaadi! Miiraan oofamuu dhiisi! Marii of waliin taasisi, ofi waliin mari'adhu. Waan hafuurri qulqulluun sitti himaa jiru dhaggeeffachuu yaali, yoo ta'uu baate garuu maal jette naan jedhi, karaa badiisaa irratti of argita. Sin jaaladha, ati nama cimaa/cimtuu nana jabaadhu! 😘

@Gaaela_Gaarii
@Marriage_Counseling

✉️✍️ @Gaaelabot


DUBARA AKKA KANAA HIN TA'IN!

1. Telegramiin 'Hi!' siin jedhe!
2. Deebii utuu hin deebisiniif profile isaa ilaalte!
3. Uffanni isaas ta'ee, hojjaan isaa ni miidhaga.
4. Irra deebi'ee Hi! jedhe.
5. Amma garuu gammachuun deebifteefi.
6. Yaada waljijjiiruun jalqabame.
7. Qaaman walarguuf beellamni qabame.
8. Uffata gaarii uffattee, urgooftuu dibattee qophooftee dhaqxe!
9. Bakka bashannanaa gaariitti si fudhatee qajeele.
10. Yeroo gaarii dabarsuu jalqabdan!
11. Harka kee jaalalaan qaqqabe. Qoosadhaan si kofalchiise!
12. Ija kee ija jaalalaatiin ilaalee gammachuu si soora.
13. Wal beekumsa cimaa qabaachuun sitti dhaga'ame.
14. Kutaa akka qabattanif sitti hime, waliif galte!
15. Gammachuun akka sitti dhaga'amu godhe!
16. Jaalalaan hidhii kee dhungachuu jalqabe!
17. Sirrii akka hin taane yoo siif gale illee gammachuun sitti dhaga'ame.
18. Kabajaan gara sireetti si fudhate!
19. Mormuuf humna dhabde!
20. Wanti biraa haa hafu, karaa ittisaa fayyadamuuf yaada dhiheessite.
21. Xoofoo fedhiitiin waan guutamteef sitti dhaga'amuu hin dandeenye.
22. Ni Jaalatte, gammachuus argatte.
23. Qabbaneessituu keessaa bishaan qorraa siif fidee ofiisaatii si obaase.
24. Kabajni siif kennu baay'ee si booji'e.
25. Akka carra qabeettiiitti of lakkoofte.
26. Dhiira barbaaddu akka argatteetti sitti dhaga'ame.
27. Uffata kee uffatte!
28. Gara manaatti hammatee si gaggeesse!
29. Boqoo kee dhungatee yeroo gaarii akka dabarsitan sitti hime.
30. Adeemsaaf maallaqa harka keessa si kaa'e.
31. Fuula ifaadhaan boru walhaa arginu bareedaakoo jetteen!
32. Inni garuu deebii siif hin kennine!
33. Gammachuun akkuma fuulli kee ifetti deemtee mana geesse.
34. Gammachuun akkuma mana geesseen #message ergiteefi.
35. Online ta'us deebii siif hin deebifne.
36. Bitaa sitti galee irra deebiin barreessiteefi!
37. Ammas deebiin hin jiru.
38. Daqiiqaa booda yoo ilaaltu Telegram irratti #block taatee jirta.
39. Block akka taate sitti beekame!
40. Guyyaa, torban, jiini darbe!
41. Miidhamni sitti dhaga'amuu jalqabe. Dadhabbiin, hir'inni ulfaatinaa...
42. Gara hospitaalaa deemuun qorannoo taasifte.
43. Turtii booda ogeettiin fayyaa bu'aa qorannoo qabattee dhufte.
44. HIV +ve fi ulfa akka taate sitti himte!
45. Akkamitti???
46. Dhugaa waliin morkatte!
47. Dhiphinni sirratti moo'e! Sodaan si liqimse!
48. Fedhiin abdii dhabummaa sitti dhaga'ame!
49. Duuti akka sitti dhihaate sitti dhaga'ame.
50. Haalonni duubatti deebi'amee utuu sirreeffamee hawwite!
51. Garuu maal gatii qabaree, barfateera!
52. Gara Waaqaatti iyyitee kadhata goote.
▶️Dubara akkanaa hin ta'in!
▶️Fedhiin hin gaggeeffamin!
▶️Qabeenyaan nama hin madaalin!
▶️Mucaan kee isheen dubaraa wanta utuu siif taatee si gammachiisuu fi ilmoo keetif wanta hawwitu atis akkas ta'i!
Waaqni hunduma keenyaaf obsa haa kennu!

Nama jaallattuuf Share godhi!


@Gaaela_Gaarii
@Marriage_Counseling

✉️✍️ @Gaaelabot


Pornogiraafiin Maali?

Hiika Pornogiraafii fi Yaada Qorattootaa

1. Amala fedhii saalqunnamtii kakaasu (Suura, video yookiin barreeffama) kan miira saalqunnamtii kakaasuuf yaadame agarsiisu.
2. Meeshaa (Kitaabota) fedhii saalqunnamtii agarsiisuu fi miira saalqunnamtii kakaasuuf yaadame.
3. Gochoota haala miira namaa kakaasuun argisiisuudhaan miira cimaa akka kakaasuuf yaadame. 👇👇

https://gaggeessummaa.com/pornogiraafiin-maali/


Of-too'achuu

📖 "(Galaatiyaa 5:22) - Of to’achuun firii hafuuraa keessaa tokko yoo ta’u, kunis fedhii ofii to’achuu jechuudha. Foon keenya fedhii guddaa qaba. Fakkeenyaaf, wantoota akka fiilmiiwwanii fi suuraawwan saalqunnamtii kakaasan ilaaluu, qoosaa fi haasa'a miira kakaasan dhagaʼuuf fedhii guddaa ni qabaata. Taateen kun yeroo nutti cimu hundatti, yoo deebii kennine to'annoo foonii jala galla. Fooniif heeyyama kennaa jirra. Kunis fedha fooniin jiraachuu jedhama. Dhumni isaas du’a. Kanaaf wanti nu barbaachisuu fi waan kaayyoo keenyaaf nu qopheessu adda baafannee filachuu qabna. Araada pornogiraafii ilaaluu, gocha masturbation kanneen kana fakkaatan keessa dargaggoonni jiran baay'een karaa hafuuraatti miidhamoodha. Fedhi foonii hogganaa keenyaa fi ajajaa keenya olaanaa taanan waan baay'edhaan kufuun waan hin oolledha. Fedhii fi miira foon keenyaa to’achuuf ogummaa Waaqayyo irraa akka fudhannu ayyaanni nuuf haa baay'atu."

@Gaaela_Gaarii
@Marriage_Counseling

✉️✍️ @Gaaelabot


Jaalalaa fi Ajajamuu!

🌹Jaalalli itti gaafatamummaa fi dirqama abbaa manaati. Jaalalli abbaan manaa haadha manaa isaaf qabu akkaataa Kiristoos Yesuus waldaa jaallate waliin wal bira qabamee ilaalama. (Efe. 5:25-33)

🌹 Haati manaa dadhabina yoo qabaattellee dadhabina ishee waliin jaalatamuu fi kunuunfamuu akkasumas akka qabdu kutaan macaafa qulqulluu kuni nutti hima. Fedhiin haadha manaa inni guddaan jaallatamuudha.

🌹 Gooftaan Yesuus jaalala waldaadhaaf qabu mul'isuuf gatii kaffale. Abbaan manaa gammachuu, aara-galfii, boqonnaa fi milkaa'ina haadha manaa isaatiif hojjechuu qaba.

💐 Gorsa Abbaa Warraatiif

👉 Haati manaa kee waan hedduu si rakkisuu dandeessi. Abdii dhabuu dandeessa. Garuu jaalala hammuma isheedhaaf kennituun kan kee ishee taasisaa adeemta.

💔 Haati manaa kee dubbii jaalalaa kee dhabde. Garaa kee irraan si jaalladha yeroo jettuun fuulli haadha manaa kee ni ifa.

😭 Haadha manaa kee hin boochisin!
😃 Haadha manaa kee kolfisiisi!
👉 Miira ishee kunuunsi!

👑 Haati manaa gonfoo kee kan si miidhagsitudha.

💚💛 Abbaan manaa haadha manaa isaa jaalatee waan isheef malu hojjechuu qaba. 💛💚

Isinan Jaaladha! 💔

@Gaaela_Gaarii ☑️
@marriage_counseling

✉️✍️ @Gaaelabot


Dargaggoonni jecha LAKKI jedhu barachuu qabu!
➖➖➖➖➖
✅ Telegramidhaan kottu ni haasofnaa... Lakki
✅ Barnoota kee dhiisii ​​walargina.... Lakki
✅ Si dhungachuun barbaada... Lakki
✅ Walqunnamtii saalaa si waliin raawwachuu barbaada... Lakki
✅ Durbummaa kee naaf kenni... Lakki

Waan hojjechuun sirraa eegamu qofaaf eeyyee jechuu baradhu.... Iddoo sirrii hin taanetti lakki jechuun guddummaadha!

LAKKI!

Gaaffii, yaadaa fi waan namoonni biroo irraa barachuu danda'u jettanii yaaddan inbox armaan gadii kanaan nuuf ergaa @Gaaelabot

@Gaaela_Gaarii ☑️

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.