GAGGEESSUMMAA


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Amharcha


Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://adsly.me/@gaggeessummaa
Website: gaggeessummaa.com
Buy ads: https://telega.io/c/Gaggeessummaa
Contact: @Getu_Abera

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Amharcha
Statistika
Postlar filtri


Garee (group) miseensota 10K+ ol qabu barbaadamaa jira. Namni gurguruu barbaaddan nu dubbisaa!

✍️ @Getu_Abera

🔵 Odeeffannoo dabalataaf join 👇

✈️ @Bittaafigurgurtaachannel ✅💯


Abjuu Guddaa...
▬▬▬▬▬▬▬▬
💡 Kophaa kee abjuu guddaa milkeessuu hin dandeessu! Gareen (team) barbaachisaadha. Akka kee namoota yaada walfakkaataa qaban naannoo kee jiran yoo hin qabaanne, kaayyoo kee guddaa ofuma keetiin galmaan gahuun baay'ee rakkisaa ta'a. Amma irraa eegalii namoota sana barbaadi! Isaanis si barbaadaa jiru.

Namoonni 10 kaayyoo tokkoof dhaabbatan namoota 100 kaayyoo adda addaaf dhaabbatan caalaa dhiibbaa gaarii fiduu danda'a! ✅


A big dream

The 10 people who stand for the same purpose can have a better impact than 100 people who stand for different purposes! ✅


ትልቅ ህልም...
▬▬▬▬▬▬▬▬
✉️ ትልቅ ህልም ለብቻህ አይሳካም! Team/ቡድን ያስፈልጋል። እንዳንተ አይነት አላማ ያላቸው ሰዎች በዙሪያህ ከሌሉ ያንተን ትልቅ ግብ ለብቻህ ማሳካት በጣም ከባድ ይሆናል። ከአሁን ጀምሮ እነዛን ሰዎች ፈልጋቸው እነሱም አንተን እየፈለጉህ ነው።

ለአንድ አላማ የቆሙ 10 ሰዎች ለተለያየ አላማ ከቆሙ 100 ሰዎች የተሻለ ተጽእኖ መፍጠር ይችላሉ! ✅


@Gaggeessummaa


KOMII DHUUNFAA!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Ani ofii kootii waanan itti hin dadhabin isiniif hin dhiheessu!

Channel kana guddisuu yoo barbaaddan, "Ergaa karaa channel kanaan isiniif dhihaatu akkuma jirutti "copy paste" gochuu dhiiftanii utuu #wabeeffattanii yookiin #forward godhattanii natti tola!

Share waliif gochuun keessan baay'ee natti tola; garuu maqaa/link channel keenyaa yoo biraa hambiftan channel kana galata dhoowwattan jechuudha.

Keessumaayyuu channel waliin beeksisa/promotion hojjennu, adminonni channel biraas adaraa wabeeffadhaa!
Isin argaan jira! 🫣

➡️ (Namoota channel dhuunfaa isaanii qaban tokko tokkoofan dubbadhe!)
➡️ Namoonni nu cinaa jirtan baay'een jirtu! Isin cimina keenyaaf, kaka'uumsa nuuf taatanii jirtu! Walumaan jirra! Itti fufna! Galatoomaa!🙏

@Gaggeessummaa


💡 8 Behaviour From Very Rich People
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
1. Focus on the big goals.
2. First, save than spend.
3. Create multiple income streams.
4.The most important asset is you.
5. Keep learning & become an expert.
6.Invest in assets you understand.
7. Be willing to take a calculated risk.
8. Use money wisely and stop consuming.

Amaloota Namoota Baay'ee Milkaa'oo 8:

1. Galmoota gurguddoo irratti xiyyeeffatu!
2. Jalqaba ni qusatu, lamaffaa ni baasu!
3. Galii dabalataa uumu!
4. Qabeenyi hunda caalaa barbaachisaa ta'e namadha!
5. Barachuu itti fufu, ogeessa ta'u!
6. Ogummaa argatan hojiirra oolchu!
7. Balaa shallagame fudhachuuf fedhii horatu!
8. Maallaqa ogummaadhaan fayyadamuu fi balleessuu dhiisuu.

@Gaggeessummaa


Self Development (Of Guddisuu)🌱
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
💡 Of guddisuu jechuun guddina dhuunfaa dammaqinaan hordofuu, of beekuu, dandeettii ofii babal’isuu fi ciminaa fi amaloota ofii keetii isa hunda caalu ta’uuf si gargaaran fooyyessuudha. Jijjiirama fudhachuu fi guddina mataa keetii irratti invast gochuudha.

💬 Of-ijaari: Ciminaa fi hanqina kee qorachuudhaan jalqabi. Kaayyoo, gatii fi fedhii kee irratti xiinxali. Of beekuun bu’uura guddina dhuunfaa ti.

💬 Barnoota umurii guutuu baradhu: Barumsi gonkumaa hin dhaabbatu! Beekumsaa fi dandeettii haaraa horachuuf qormaata keessa darbitu jira. Kitaabota, koorsii onlaayinii yookiin workshopii haa ta'u, hammuma barattu guddatta.

💬 Galma ifa ta'e kaa'i: Galma kaa’uun imala keetiif kallattii ifa ta’e kenna. Kaka’umsaa fi xiyyeeffannoo siif cimsa. Yaadadhu, galmi kee SMART ta'uu qaba - Adda, safaramuu danda'u, galma ga'uu danda'u, barbaachisaa fi yeroodhaan kan murtaa'e ta'uu qaba.

💬 Sodaa kee ofitti fudhadhu: Guddinni yeroo baay’ee naannoo mijataa keessa jirtu keessaa ba’uu gaafata. Sodaa kee fudhachuu fi muuxannoo haaraa gonfachuu gonkumaa hin sodaatin! Jijjiiramni dhugaa bakka sanatti ta'a.

💬 Yaada barbaadi: Duub-deebii kennuun guddinaaf meeshaa gatii guddaa qabudha. Hiriyoonni, gorsitoonni fi gareen hojii yaada ijaarsaa akka kennan jajjabeessi. Karaa kee sirreessuuf itti fayyadami!

💬 Nageenya kee kunuunsi: Fayyaan qaamaa fi sammuu murteessaadha. Sochii qaamaa, soorataa fi boqonnaaf dursa kenni! Qaamni fi sammuun fayyaa qabu guddina dhuunfaaf barbaachisaa dha.

💬 Itti cichuu: Of guddisuun imala malee bakka gahuumsaa xumurame miti. Guddina keetif yeroo gufuun si mudatellee of kennii jiraadhu. Ciminni furtuudha.

@Gaggeessummaa


Maal beekuu dhabuun keenya kan nama gaddisiisu...😢
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Hiriyyoota koo waan hunduma keessaa maal beekuu dhabuun keenya akka nama gaddisiisu beektuu?

✍️ Barnoota barachuu dhabuu keenya miti kan nama gaddisiisu, Afaan english beekuu dhabuu miti kan nama gaddisiisu, waa'ee teknooloojii haaraa beekuu dhabuu miti kan nama gaddisiisu, seenaa biyya keenyaa beekuu dhabuu miti kan nama gaddisiisu, waa'ee kubbaa miilaa beekuu dhabuu miti kan nama gaddisiisu, waa'ee maallaqaa beekuu dhabuu miti kan nama gaddisiisu, waa'ee siyaasaa beekuu dhabuus miti.

Baay'ee wanti nama gaddisiisu waa'ee ofii keenyaa beekuu dhabuudha. Humna yaadaa fi waa'ee miiraa hin beeknu. Kuni nama gaddisiisa. Hanga waa'ee kubbaa miilaa beeknu waa'ee ofii keenyaa hin beeknu. Hanga waa'ee siyaasaa beeknu waa'ee ofii keenyaa hin beeknu. Caalatti immoo wanti baay'ee hamaan baruuf illee yaalii hin taasifnu!

🗣️ Yaadannoo, amantaa, aadaa, duudhaa ijoollummaatti yeroo tokko nutti fe'amee fi dhaalan nutti hidhame, yaada (amantaa) hunda dhugoomsinee jiraanna. Barreeffama kana booda waa'ee ofii keenyaa barannee akka muka dhaabameetti of yaaduu haa dhiifnu. Of fooyyessinee nagaa, jaalalaa fi gammachuun jireenya fooyya'aa jiraachuuf haa carraaqnu.
Yeroo Gaarii 👍

@Gaggeessummaa


🛍Gatii xiqqaadhaan nu biraa bitadhaa 🔼🔽

🛍 Group telegiraamii gurgurtaaf dhiyaateera
Miseensota 1,000 hanga 6,000 tti garee telegram gatii xiqqaadhaan namoota bitachuu barbaadaniif! Anaa Dhufu jenneerra
🙏

🔔 5.6K+ Members

🔵 Link ➱

💸 Gatiin = waliigalteedhaan

🔵 Ammuma inbox nuuf godhaa
✉️ @Getu_Abera

🔵 Odeeffannoo dabalataaf join 👇

✈️ @Bittaafigurgurtaachannel ✅💯

🌐 @Getu_Abera ✍️

📞 0919872853
📞 0930669982

MoreInfo:
#️⃣ @hopepromotion
#️⃣ @bittaafigurgurtaachannel

#Ads


Gaafa Eenyummaan Cuunfamu

"Loomiin yeroo cuunfamu eenyummaan dhugaa isaa fi dhamdhamni barbaadamu ni ba'a" jedhama. Wantoonni si mudatanii fi haalli ati keessatti of argattu eenyummaa kee sirrii, dhamdhama keessa keetii gadi baasanii mul'isu. Jijjiiramni eenyummaa kan maddu waan itti yaadanii raawwatan irraati.

Fakkeenya . . .
▶️ Maallaqa qabaachuun arjaa yookiin araadaa nu hin godhu, garuu arjummaa yookiin araadummaa nu keessa jiru carraa ittiin gadi baasee mul'isuuti.
▶️ Waltajjiin miidiyaa hawaasaa itti fayyadamnu barsiisaa yookiin nama gadhee nu hin godhu, amala barsiisummaa nu keessa ture yookiin amala nama miidhuu nu keessa jiru carraa baasee mul'isu qofa qabaata.
▶️ Namaan dagatamuun kophaa ta’uun nu jabeessuu yookiin dadhabaa nu hin godhu, humna yookiin dadhabina nu keessa ture qofa baasee mul'isa.
▶️ Aangoo argachuun nama gad of deebisee tajaajilu yookiin abbaa irree, manca’aa fi faayidaa ofiif qofa kan dhimmu godha utuu hin taane, gadi of deebisuu yookiin abbaa irrummaa amala gadhee nu keessa ture gadi baasee carraa argisiisuu qaba malee. Waan tokko galmaan gahuuf yookiin haala kamiyyuu keessa utuu hin seenin dursa of qoradhu, of irratti hojjedhu!

Of irratti hojjechuu jechuun,...
1. Kaayyoo kabajamaa, ulfina qabeessaa fi jireenya hawaasummaaf bu’aa buusu hordofuu.
2. Amaloota kaayyoo kabajamaa sanaaf mijatan irratti hojjechuu.
3. Naamusa kaayyoof malu gonfachuudha.

@Gaggeessummaa


✉️ SELF RESPECT
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
S et goals
E xercise
L ove yourself
F ocus on fitness

R elax
E at right
S mile
P ositive attitude
E njoy life
C are for others
T hink about others
   
@Gaggeessummaa


🛒 Group miseensota 16K+ qabu gatii xiqqaadhaan namni bitachuu barbaadu na dubbisuu danda'a.

Inbox: 😧 •➤  @Getu_Abera

🛩 Telegram Group with 16K+ members at a low price, anyone who wants to buy can contact me Now.👇

🌐 @Getu_Abera

📞 0919872853
📞 0930669982

MoreInfo:
#️⃣ @hopepromotion
#️⃣ @bittaafigurgurtaachannel

#Ads


🗣️ Yaadadhu! 👍
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✍️ Yaadadhu! Utuu namni hin beekin nama gaarii ta'uu ni dandeessa!
✍️ Yaadadhu! Callistee ilaaluu keetiin yakka hojjechuu ni dandeessa!
✍️ Yaadadhu! Yeroo mara mirga yaada dhabuu qabda!
✍️ Yaadadhu! Dhiifama gochuu keetin, siif illee akka dhiifamuu.
✍️ Yaadadhu! Akka warqeen yookiin daayimandiin jajuu namootaan hin daballe yookiin tuffii namootaan hin xiqqaanne.
✍️ Yaadadhu! Akka duutu; warri si beekanis akka du'an! Beekamtiin kees booda akka si hin fayyadne.

@Gaggeessummaa


🗣️ Firaakshinii Jireenyaa!
Hanga Siif Safarame Hin Jiraatin!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Barataa kutaa tokkoo fi lamaa yeroon turetti barsiisaan herreegaa keenya lama sadiif (2/3) hiruun hin danda'u jedhee nu barsiisaa ture. Harka baaseen akkas jedheen "erga hin danda'amnee maalif kitaaba keenya irratti barraa'e ree?" Daa'imummaan bar bilisummadhaa. Sodaa hin qabdukaa waan barbaadde gaafachuuf.

Barsiisichis "Amma sadarkaa keessanitti hin danda'amne malee, kutaa gara oliitti akkamitti akka danda'amu ni barattaa obsi" naan jedhe. Tole jedheen callise.

Kutaa afur yoon gahu 2/3 akka danda'amu kitaaba herreegaa hamma bilbila "Taplet" geessu san irratti arge, barsiisaan nu barsiise. Firaakshinii jedhama jedheetu yaad-rimee Firaakshinii waliin akka nuuf galutti baranne. Kan waggaa lama dura hiramuu hin dandeenye har'a danda'ame. 'Uggum' kun taatee bara 2003 A.L.I, waggaa 13 duraati. Maaltu kana na yaadachiise itti dhiyaadhaa. 👇

     🗣️ Firaakshinii Jireenyaa!

Jireenya kee keessatti, wanti akka qabaattu barbaaddu baay'ee akka ta'e abdiin qaba. Mul'ataa fi wanti ati milkeessuu barbaaddus danuudha jedheen amana. Yaaddee kan hin milkeessin, jalqabdee kan hin xumurinii fi hawwitee kan hin argatin hundi isaayyuu galma gahuun isaanii dhimma filannoo utuu hin taane dirqama. Sun ta'uuf immoo hamma argattuu gaditti, wanti sirraa eegamu waan tokko qofa innis "Firaakshinii Jireenya." hubachuudha. Firaakshinii jireenyaa hubachuu jechuun, Guddinni yookiin milkaa'inni adeemsaan ta'uu hubachuudha (Development is a process). Yeroon kutaa lama jirutti lakkoofsi waliif hiramuu hin dandeenye, kutaa afur geenyan kan danda'ameef, utuun isaan waliif hiramuu akka danda'an hin baratin, yaadonnii fi barumsi isaan dursu yookiin adeemsin dirqama keessa darbuu qabu waan jiruufi.🗣️

Yaadama kana jireenya keenyatti yoo fidnu, wanti har'a nuuf hin danda'amne adeemsa keessa darbuu qabutu jira malee, galma gahuun isaa hin hafu. Guddinnii fi milkaa'inni adeemsa ta'uu hubattee yoo waan hojjechaa jirtu irratti hin cichine garuu abjuu ta'ee hafuun isaa waan hin oolle. Kanaaf "Firaakshinii Jireenyaa" hubachuun kan barbaachisu. Abbabaa Biqilaa gurraacha addunyaa 'ajab' jechisisee fi biyyi Itiyoophiyaa jedhamtu maqaashee dhiistee "Abebe Bikilas Country" (Biyya Abbabaa Biqilaa), sadarkaa jedhamtutti kan fiigichaan fiixee milkaa'inaa gahee fi gurraachatti maqaa hore, guyyuma tokko lafaa ka'ee fiigee utuu hin taane adeemsa dadhabsiisaa fi Wal xaxaa keessa darbee akka ta'e seenaan isaa ni dubbata. Miti sadarkaa addunyaatti fiiguu, asuma biyya keessatti dorgommii garagaraa irratti utuu hin injifatin hafuun, akka waldorgommii addunyaaf hin dhiyaanne murtaa'ee ture. Kana hiriyaa isaa kan ture, Atileet Waamii Birraatuun kan ragaa bahan turtii miidiyaa FBC waliin godhaniin. Seenaa addunyaa keessattis namoonni halkan tokkoon galma barbaadan gahan kan ibsu hin jiru. Anii fi atis wanti amma yaallee hin milkoofne, kan gochuufis nutti ulfaatu danuun, guyyaa isaa eeggatee adeemsaan (Process) ni ta'a. Milkaa'inni adeemsaan ta'uu kan hubattu yoo "Firaakshiniin Jireenyaa" siif galedha. Milkii fi galma barbaadde gahuuf, adeemsa keessa darbitutu jira jechuun, teessee waan umurii (yeroon) fidu eeguu qabda jechuu miti. Yeroo baay'ee namni kan yaadan bilchaatuu fi kan jireenyi galuuf gaafa ganna 40 gahe jedhama. Kun yaadama saanduqa hawaasa keenya keessatti argamuudha. Saanduqichaan alatti (out of the box) yookiin yaadama safaramee nuuf seeneffamu hunda jiraachuun sirrii waan hin taaneef, wanta yeroon fidu utuu hin taane yerootti fayyadmnee adeemsaa fi qormaata  dirqama keessa darbuu qabnu dandamannee fiixee milkaa'inaa gahuu kan dandeenyu yoo  "Firaakshiniin Jireenyaa" nuuf galedha jedheen amana. Utuu jennuu, gosa barnootaa herreegaa keessatti hanga ammaa gatiin "X" barbaadamaa jiraa? yoo hanga ammaa barbaadamaa jira ta'e, atis hanga gatiin "X" barbaadamuun dhaabbatutti, imala gara milkaa'inaa gootu hin dhiisin!

@Gaggeessummaa


🟣 "Kaayyoo kee hin xiqqeessin! Humna kee guddisi malee!" 💡
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
@Gaggeessummaa


Mala Rakkoo - የችግር ዘዴ
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🗣️ Namtichatu mootii biyyaati, bara qaroominni hedduun hin babal’atin. Guyyaa tokko miilaan, kophee malee, garee isaa waliin ta'ee daandii dheeraa deemee deebi’e. Karaa dheeraa deemuu isaa irraan kan ka’e yoo mana galu miilli isaa ni dhiige.

Namtichi kun aangoo guddaa qaba. Rakkoo isa mudate kana hiikuudhaaf tajaajiltoota isaa waamee ajaja tokko dabarse. Ajajni sunis daandiin biyya inni bulchuu hundi itilleedhaan/waan nama hin quuqneen akka afamu/uwwifamu kan ajaju ture. Tole yaa mootii jedhanii waan inni jedhe hojiirra oolchuuf biraa ba'an. 🙏

Isa biraa ba'anii yoo mari’atanii, daandii hunda itillee/waan laafaa nama hin quuqne uffisuun salphaa akka hin taane hubatan. Isaan keessaa namni tokko, mootin kun hanga daandii hunda sirreessuuf yaalu, maalif miila isaa irratti waan isa tiksu/waan akka kophee/hin tolchineef jedhee yaada dhiyeesse. Yaada kana irrattis walii galanii mooticha bira dhaqan. Yaada isaaniis itti himan.

Mootichis yaada sana dhageenyaan ni gammade. Qisaasa qabeenyaa guddaa utuu hin baasin, iddoo hunda geeddaruuf utuu hin yaalin, yeroo gabaabaa keessatti luka isaatiif fala barbaaduun salphaa ta'uu hubatee tole naaf tolchaa jedheen. Akkasitti rakkoon isaa salphaatti furamte.

Al tokko tokko jireenya keenya keessatti akka kana taana. Rakkoo tokko furuudhaaf furmaatni nu cinaa utuu jiruu, yookin immoo utuu numa keessa jiruu iddoo biraa barbaanna. Utuu ofiif ilaalchaa fi sammuu keenya geeddarree fala of cinaatti arguu dandeenyuu isa kan biraa irraa, yookiin fageenya irraa fala barbaanna. Nama sammuun qophii qabuu fi ilaalchi qajeelaa ta'eef rakkoon furmaataa isuma cinaa jira. Kanaafuu, rakkoo si mudatu kamiifuu falli hin dhabamu, fala sana immoo fageenya utuu hin adeemin cinaadhuma kee barbaadi! ✍️

@Gaggeessummaa


🗣️ "Amalli yeroo hundumaa beekumsa caala. Sababni isaas jireenya keessatti bakka baay'eetti yeroo itti beekumsi kufee, amalli garuu ammas deebisuu danda'u baay'eedha."

💡 Amalli kabaja siif kenna. Waan si hin madaalle si tuffachiisa. Gorsee si deebifata. Amalli milkaa'ina biraan si gaha. Akka ati of sirreessitu sitti hima. Amalli Obsa Qabaachuu si barsiisa.

@Gaggeessummaa ☑️


🎄"Baga Guyyaa Yaadannoo Dhaloota Yesus Kristoos Geessan" 🎆

"Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!"

🌐 Telegram: @gaggeessummaa
🌏 Website: gaggeessummaa.com
📱 Facebook: https://www.facebook.com/Gaggeessummaa


"Early birds wake-up catch worms!"

Amaloota namoota milkaa'anii shanan
   1. Ganamaan ka'u.
  2. Ni galateeffatu.
   3. Waan hojjetan sammuutti yaadu.
   4. Waan yaadan gochaatti jijjiiru.
   5. Gareedhaan hojjetu.

     Oolmaa gaarii qabaadha🤜🌟🤛

@Gaggeessummaa


Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
🎚🌟🎚 2⃣0⃣2⃣5⃣ 🏍🏍

✈️✈️✈️✈️✈️✈️✈️✈️

🎆🎆 2️⃣0️⃣2️⃣5️⃣ 🎆🎆

🔠🔠🔠🔠🔠 🔠🔠🔠 🔠🔠🔠🔠

@Gaggeessummaa


Galatoomi Jedhi | Say Thank you! 🙏💔🙏
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Isaan kaleessa si gargaaran,
Isaan kufaatiin mana baruumsaa ta'uu sitti himan,
Isaan kufanii hafuun kufaatii akka tahe si barsiisan,
Isaan ati nama moo'ichaa akka taate sitti himan,
Isaan akka si cinaa jiran sagalee isaanii si dhageessisan,
Isaan ati nama guddaa akka taate sitti himuuf duubatti hin jenneen...

Say Thank you! 🙏💔🙏

Isaan qarshiidhaan si gargaaran,
Isaan humna isaaniin si gargaaran,
Isaan beekumsa isaaniin si gargaaran,
Isaan yaadaan si gargaaran,
Isaan fayyuu madaa keetitiif sibira dhaabbatan,
Isaan uffata kee irraa awwaara sirraa rurrukutan,
Isaan "Jabaadhu!" siin jedhan,
Isaan beeluu fi dhebuu si baasan,
Isaan karaa irraa si kaasaan,
Isaan imimmaan ija kee irraa siif haxaa'an.

Say Thank you! 🙏💔🙏

Isaan amma si bira jirra siin jedhan,
Isaan borus sibira jirra siin jedhan,
Isaan yeroo kamiyyuu haala kam keessattuu si waliin jirra siin jedhaniin...

Say Thank you again! 🙏💔🙏

Haalota kaleessa kufuu keetiif sababa ta'aniin,
Namoota kaleessa kufuu keetiif sababa ta'aniin,
Fayyaa dhaba kee kaleessaan, Nagaa dhabuu kee kaleessaan,
Dhaba kee kaleessaa hundumaan...

Say Thank you! 🙏💔🙏

Ofii keetiin galatoomi jedhiin.
Waaqa keetiif galata guddaa dhiyeessi.

@Gaggeessummaa


💲Channel gurgurtaa subscribers 9,000 qabu ni jira. Gatii baay'ee xiqqaadhaan namni bitachuu barbaadu #Inbox na dubbisuu danda'a!

Inbox: 😧 •➤  @Getu_Abera

More info:
🔔 @hopepromotion
🛒 @Bittaafigurgurtaachannel

Call Service:
📞 0919872853
📞 0930669982

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.