Postlar filtri


✍️ Waaqayyo kan inni nuuf qooduu barbaade maalidha?

Sagaleen Waaqayyoo akkuma nutti himu Gooftaan nuuf qooduu
kan barbaade jireenya isaati. Macaafa qulqulluu keessatti jireenya
bara baraa jedhamee kan waamamu jireenya Waaqayyoo kana
dha.
²⁴ "Dhuguma, dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga'ee isa
ana ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba; inni du'a
keessaa gara jireenyaatti darbee malee, gara firdii hin dhaqu.²⁵
Dhuguma, dhuguman isinitti hima, yerichi warri du'an sagalee
ilma Waaqayyoo itti dhaga'an dhufuuf jira, ammuma iyyuu
dhufeera; warri isa dhaga'anis in jiraatu.
²⁶ Abbaan ofuma isaatii burqaa jireenyaa akka ta'e, akkuma
kanatti ilmi isaas immoo burqaa jireenyaa akka ta'uuf isaaf
kenneera.²⁷ Inni ilma namaa isa ulfina-qabeessa waan ta'eef,
abbaan isaa firdii akka inni faraduuf gooftummaa kenneeraaf.
Iddoo kanatti gooftaan Yesus Waaqayyo ofii isaaf jireenya akka
qabu nutti hima. Kana irra darbee fedhii isaa akka raawwatuuf
nama ta‟ee isa gara biyya lafaa dhufee ilma isaaf wanti Guddaan
Waaqayyo kenneef jireenya akka ta‟e nuuf ibsa. Yeroo baay‟ee
Waaqayyo jireenya akka qabu (jireenya akka jiraatu) hin yaadnu.
Garuu iddoo garaa garaatti Macaafni Qulqulluun Waaqayyo akka
jireenya qabu dubbata.
¹⁷ Egaa si'achi akka warra saba Waaqayyoo hin ta'iniitti yaada
waa'ee hin baafne duukaa buutanii akka hin jiraanne maqaa
gooftaatiin cimsee isinan gorsa.¹⁸ Isaan sammuun isaanii
dukkaneeffameera; sababii Waaqayyoon beekuu hin barbaanneef,
sababii mata-jabina isaaniitiifis jireenya isa Waaqayyo kennu
keessaa gad baafamaniiru.¹⁹ Isaan of qabuu dadhabanii jireenya
gad-dhiisiitti of kennaniiru; wanta nama xureessu hundumaa in
hojjetu, in ga'as hin jedhan.
(Efesoon 4:17-19)
Ijoollee Waaqayyoo namoota biyyaa lafaa warra kennaa
Waaqayyoo hin fudhatin irraa wanti adda isaan taasisu jireenya
Waaqayyoo akka dhuunfaa isaaniitti qabaachuu isaaniti.
Amantoonni jireenya Waaqayyoo qabu. Macaafa qulqulluu
keessatti iddoo garaa garaatti jireenya bara baraa jedhamee kan
ibsame jireenya Waaqayyoo kanadha.
Jecha jireenya bara baraa jedhu kana afaan jalqaba inni ittin
barreeffame afaan Giikii isaarra yemmuu ilaallu iddoo itti ibsame
hundumaatti Waaqayyoo jireenya kana jiraachuu kan isa
dandeessise amala (eenyummaa/nature) waaqayyummaa bakka
bu‟ee akka ibsame hubanna.

https://t.me/Getu_Official


"Uleen dabaa nu dirmammeessee dirra haleelee
Bor akka har'aa miti otoo jennu nurra bubbulee
Lolaan gaddaa ol nurra yaa'e cabsate bo'oo
Dhalootni kuni haara hin galfanne nuuf tahi Da'oo...🙏

Nuuf bariisisii Barii fayyinaa
Ha darbu baraaf yeroon Dukkanaa
Jalaa Nu Yaasi Gaaddisa Du'aa
Gadadoo Nurraa kaasi Nu Ga'a...🥹

@Getu_Official


📚 #Dubbisa 146ffaa

Akkaataa Nama Guddaa Nageenya Qabu Guddisuu Dandeenyu 🟢
 
“Ijoolleen garboota keetii mana godhatanii in taa'u, sanyiin isaaniis fuula kee duratti jabaatanii in dhaabamu.”
— Far. 102:28


Warra waa'ee abdii gara fuulduraa ijoollee isaaniif qaban yeroo gaafattu, jechoota gammachuu, miira tasgabbii fi ofitti amanamummaa isaan irraa dhageessa. Sun miira gaarii dha, garuu wabii miti. Garuu maaltu nama guddaa akkasii godha?

Ijoollummaa waancaa fi qabxii gaariin guutame? Haala jireenya biyyaa, magaalaa jeequmsaa fi yakkaan guutamte irraa fagoo ta'uudhaa? Bashannanaa fi badhaadhina kan akka imala adda addaa fi waan jaalatan gochuudhaa? Dhugaan jiru garuu, wantoota kana keessaa tokkollee gammachuu booda dhufu hin tilmaamu. Kana jechuun ijoolleen akka baratanii fi akka caalan jajjabeessuu hin qabdan jechuu miti; warra beekumsaaf iddoo guddaa kennan qabaachuun jijjiirama fida. Amaloonni barbaachisoo ta'an kan jijjiirama guddinaa fidan garuu kan alaa utuu hin taane kan keessaati. Ogeessi xiin-sammuu Dr. Edward Hallowell akka jedhutti ijoolleen keessan nageenyi akka itti dhaga’amuuf ogummaawwan murteessoo lama horachuu qabu:
1. Dandeettii rakkina mo’uu.
2. Dandeettii gammachuu itti fufsiisuu. Innis akkas jedha, “Jireenyi mufannaadhaan kan guutamedha. Namni tokko yeroo jalqabaaf kufaatii fi irra deebi'ee yaaluun, yaaluun, fi yaaluun barachuu qofaan dandeettii isaa irraa bu'aa guddaa argata." Garuu ijoolleen keessan rakkina keessatti akka gammadan akkamitti barsiiftu? Karaan itti hojjetan tokko qofa: Madda gammachuu isaanii wajjin wal barsiisuu. Isaayaas, “Lubbuun koo Waaqa kootti in gammaddi; inni uffata fayyinaa anatti uffiseera." (Isa. 61:10). Daawit, "...Guutummaan gammachuu fuula kee dura, wanti namatti tolus immoo bara hundumaattuu mirga kee jira" (Far. 16:11). Ermiyaas, "dubbii kee yommuun argadhe, akka nama buddeena nyaatuutti isa nan nyaadhe, innis garaa koo gammachuu fi qannoodhaan in guute." (Erm. 15:16) jedheera. Waaqayyo jireenya rakkoo malee jiraachuuf waadaa nuuf galee hin beeku, garuu Dubbiin isaa, "Hafuurri qulqulluun jireenya keenya keessatti firii akkanaa in argamsiisa... gammachuu" (Gal. 5:22)

@Getu_Official




🔤🔤🔤🔤🔤 🔤🔤🔤🔤🔤

🥰🥰😇🥰😇 🥰🥰🥰🥰😅


🎥 🤝🤝🤝🤝

👤🎵🎥🎥 https://www.youtube.com/channel/UCvpcYir67IWsfZWQSccumig?sub_confirmation=1


📚 #Dubbisa 145ffaa

Sammuu-Boba'aa Sirrii? (The right mind-fuel?) 🟢

“Akkaataa yaada haaraatiin keessa ofii jijjiiruu.”


“Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu'inaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta'e gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta'e, waan isa duratti fudhatamaa ta'e, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha.” (Rom. 12:2)

Wanti nuti fayyadamnu raawwii keenya murteessa. Kanaafidha qaama kee, ijoollee kee, bineeldota manaa kee, konkolaataa kee illee maal akka soortu of eeggannoo gochuu kan qabduuf. Garuu wanti ati sammuu kee soortu walqixa barbaachisaa dha, keessumaa seera lamaan jireenya keessatti socho’an kana yeroo ilaaltu: 

1. Seera hubannoo (cognition): Yaadni kee miira kee fi amala kee irratti dhiibbaa qaba. Macaafni Qulqulluun, “Akkuma garaa isaa keessatti yaadu, akkasuma” (Fak. 23:7) jedha. Yesus mukti gaariin firii gadhee, mukti hamaan immoo firii gaarii kennuu hin danda’u jedheera (Mat. 7:18 ilaali). Kana jechuun, yaadni gaariin bu’aa gadhee argamsiisuu hin danda’u, akkuma yaadni gadheen bu’aa gaarii argamsiisuu hin dandeenye. 

2. Seera Saaxilamummaa: Macaafni Qulqulluun, “... biyya lafaa kanaan hin bocamin; kanaa mannaa akkaataa yaada haaraatiin keessa kee jijjiiruu filadhu.” Yeroo baay'ee waan baay’ee saaxilamtu ni yaadda. Akkasumas jeequmsa, kajeellaa fi araada miidiyaaleen agarsiisan yoo ilaalle, yakkii fi safuu dhabuun baay’achaa dhufuun isaa nama hin ajaa’ibu. “Barruu kana dubbisuuf, sagantaa kana ilaaluuf, muuziqaa kana dhaggeeffadheera, garuu dhiibbaa narra hin geessisu” jechuu qofa hin dandeessu. Saayinsii hawaasaa amma wanta Waaqayyo yeroo hundumaa dubbate mirkaneessa —sirratti dhiibbaa qaba! Bakka deemtu, wanti dubbistu, (yookiin hin dubbisne), wanti ilaaltu, abjuun ati bohaarsitu hundi sammuu kee bocu. Phaawuloos, “Waan Kiristoos barsiise yaadadhaa, dubbiin isaas jireenya keessan keessatti badhaadhummaa haa qabaatu, ogeessas isin haa godhu” (Qol 3:16) jedhee barreessa. Kanaafuu yeroo boba’aa sammuu sirrii si barbaachisu yaadadhu: “Waaqayyo inni Dubbiin isaa ayyaana qabeessa ta’ee fi akka si barbaade si gochuu kan danda’u, waan si barbaachisu hundumaas siif kennuu Kan danda’udha.” (HoE. 20:32).

@Getu_Official


🎵 Obsi yaa lubbuukoo - Befikadu Bekela 🎧

╰──⌊  💻 @Getu_Official


DA'OO!👇🥺

Dhaladhee hin dhageenye ani hamma har'aa dubbii gurraaf tole
Muddamni keenya si'anaa isa durii caale
Kan biyyaaf gaaddisaa nu gube akka abidda saafaa
Gar-malee cabuun dhalootaa keenyaa kun yoom hafaa?

Gidiraan rakkinni
Wal'aansoon Muddamni
Hiyyummaan dukkanni
Boo'ichaaf yaaddooni,
Wal furee wal gegeeddaree
Obsa keenya sonaan qoree
Wallaale Biyyi akka godhu
Yaa gooftaa maaloo dubbadhu
[Dubbadhu Gooftaa dubbadhu
inni nuun dide sin didu]

Hiraarsuuf gubaan jireenyaa dhaloota adamsee ari'ee
Haamileen cabee bututee jiraachuuf abdiinsaa du'e
Kan nagaan dugda itti gatee Wargamaa boqonnaa hin qabne
Qe'ee keenya tasgabbiin oodee buufata wawwaannaa taane

Uleen dabaa nu dirmammeesse dirra haleelee
Bor akka har'aa miti utuu jennuu nurra bubbule
Lolaan gaddaa ol nurra yaa'ee cabsatee bo'oo
Dhaloonni kun aara hin galfanne nuuf ta'i da'oo

Haa ga'u jedhi daangaa itti godhi
nu baasi hurii gooftaa nu furi..
Deegaa barri itti jigee gaddee qalbiin isaa cabe
Ormis firris gidirsee iyyee birmannaa dhabe

Eelaa bara isaa hundumaa gudeelcha du'aa baatu
Taaneem galaa biyya ormaa maaloo aduun nuuf haa bariitu
Loli isa nu lole loli
Oolchi araddaa keenya galii
Muri kan nutti ta'e copha
Maaloo gooftaa nun dhiisin kophaa

Nuuf bariisisii barii fayyinaa
Haa darbu baraaf yeroon dukkanaa
Jalaa nu yaasi gaaddisa du'aa
Gadadoo nurraa kaasi nu ga'a. 🙏

@Getu_Official


🎵 Gadhiisii Hin Ta'u - Niftalem Tafesse New 2024 🎧

╰──⌊ 
💻 @Getu_Official ☑️


🗞️ 12K Followers Gfx 🪧

👤Getu Official
...
Gfx By :- 💻 Sagni Mosisa
JoinSagni Graphics

♡ ❍ㅤ ⎙ ⌲
ˡᶦᵏᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ

Join ❒┃❏ Share
🔔
mute


Walaloo Faaruu dan repost
Yaa Biyya Lafaa ➿➿

Yesuus mi'aa baatee siif dhufnaan
atimmoo hadhooftuun simattee,
laa fakkeessakee
Eenyummaa kee dhugaa dhofkachaa
waan gaariif tottolaa himattee.
Yaa biyya lafaa
Yesuus nagaa baatee siif dhufnaan
atimmoo waraansaan simattee,
laa fakkeessakee
Eenyummaa kee dhugaa dhofkachaa
waan gaariif tottolaa himattee.
Hin dhaga'u ilaa ani utuu kee,
Beeka xobbee karaatti
kutuukee.
silaa atuu naaf diinawoo naaf. loltaare,
Yesuusiifuu hin tollee naaf. toltaaree.
Nan sossobiin gubaatti dirmiidhaa,
Har'as boris anaaf ati hirmiidha.
Hin dhaga'u ilaa ani utuu kee,
Beeka xobbee karaatti kutuukee.
Silaa atuu naaf diinawoo naaf loltaare,
Yesuuskoofuu hin tollee naaf toltaaree
Nan sossobiin gubaatti dirmiidhaa,
Har'as boris anaaf ati hirmiidha.

01
Daandii bal'aa kankeerra hin imaluu
Ibiddatti ol galcha balballikee,
Tisiisarraa maalan damma eegaa
Si'ooliin badhaasawoo galgallikee.
Irrikee kuulamaa keessaan summii
Walii hin galu hojii keen an sin morma,
Firummmaa walii hin qabnu hin qabaanus
Amman sirraa sokkutti an siif Orma.
Na miti kan si garboomu
Miidhaginakee darbuufii,
sirraan godaanaa gaaf tokko
Biyya koo dhaqee arguufi.
Na miti kan mookfamu
bareedinakee darbuufii,
sirraan godaana gaaf tokko
Yerusaalemiin arguufi.
Mandara qulqullittii waaqayyo bira
bantii waaqaa keessaa,
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.
lakki hin dogoggorre karaan amma qaphes
Achitti na geessaa.
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.
Magaalaa kuulamtuu harki gooftaa Ijaaree
Waan maraan qajeeltuu,
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.
Biyyicha Yaadacha Jaaraa jumburiikee
Garaan nan kaajeeltuu.
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.

02
Kuti abdiikee narraa nan dandeessu
karaa isan qapherraa siif hin maqu,
isan hojjechaafii jiruun beekaa
Ani yoomuu ergaakee siif hin dhaqu.
Jajumsakee har'aan siin mookfamuu
Malli kuffisakees xarabaadha,
sirran tura malee asi hin jiraadhuu
yaa dachee ati naaf darabaadha.

Naaf tolteef hin jiraannee
daba waraansakeen al meeqa aadeenii,
hubaa fi sossobbaa kee
dhaga'u kanan dideef biyya koo yaadeenii.
Ka'eera hin hafne achiini
Inni ati ajjeefte suni gaggaraftee dirra,
dhufee na fudhatawoo
nan dhiisu sirratti egaa gargar galuuf jirra.
Eeeeeeeeeeeeeeeeeeeee
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.
Eeyyee biyyi koo
Achi biyyi koo
Yerusalemi.
Eeyyee
Achi
Yerusalemi.
Eeyyee
Achi
Yerusalemi.

🎙 Solomon Alemu

@Walaloo_Faaruu🎙🎙


🎵 Solomon Alemu - Achi - New Song Video 2024

╰──⌊  💻 @Getu_Official


Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
"Sint saw Kome?"

@Getu_Official


✅ “Waan nu irra ga'e hundumaatti garuu, karaa isa nu jaallatee mo'icha guddaa arganna.”
— Rom. 8:37

@Getu_Official


Birthday 🎉🎂.jpg
1.8Mb
Happy Birthday to me🙏🎂🎉🎉🎉🎈🎁
🚩🚩🚩🚩🚩
Thankyou Lord 🚩

Designer: Sagni Graphics


Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
"Geta hoy mist legba" 🥰💔

@Getu_Official


💬 “Ani Waaqayyo gooftaan kee, 'Iddoo ati dhaqxu hundumaatti sii wajjinan jiraatii ati cimi, ija jabaadhu, hin sodaatin, hin na'inis!'....”
— Iya. 1:9

@Getu_Official 🎲


🎵 Daniel Amdemichael - Abet mihret yebazelet

╰──⌊  💻 @Getu_Official


Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
@Getu_Official
@Getu_Official


🎵 Bikila Kebeda - Ani nan yaadadha

╰──⌊  💻 @Getu_Official 💌

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.