Postlar filtri


Milkaa’uu yoo feete gatii milkiin gaafatu baruu fi baasuun sirra eegama..
         Iskoot Adaam

Take the risk or loss the chance.
Biyya lafaa irra waanti risk hin qabne harka maratanii taa’uu qofa,jijjiramuuf risk taker ta’uu feesisa Namoonni baay’een jijjiramuu ni barabaadu garuu jijjiramaaf aarsaa kanafalu hin barbaadanii

Namoonni baay’een Galii/Qarshii argachuu barabaadu garuu hojii/biizinaasii galii isiin argiisisuu hin hojjatan

Jireenyi filannoo lama siif laatti:
Jiraachuu yookaan jooruu! Filaadhu 🔗 @Gorsaa_Ganamaa




✅ Qomoo koo of sakatta’uuf yoo yeroo itti fudhatte gadi jettee hin haftu amani!

🔗 @Gorsaa_Ganamaa


Akkaataa Namoonni Milkaa'oon
Itti Guddatan" jedhu kan Jiim Koolinsi barreesse
1. Dandeettiiwwan ijoo kee guddifadhu. Maal irratti addatti dandeettii qabda? Wantoonni ati hojjettu kan warri kaan hin dandeenye maali? Dandeettiiwwan ijoo kana guddisuu irratti xiyyeeffadhu karaa milkaa’ina gaarii irra jirtaa.

2. Mul’ata ifaa ta’e qabaadhu. Jireenya kee keessatti maal galmaan gahuu barbaadda? Kaayyoon kee maali? Mul’ata ifaa ta’e qabaachuun kaayyoo kee galmaan ga’uuf kallattii fi kaka’umsa siif kenna.

3. Itti cichi. Abjuu keetiif abdii hin kutatin. Yeroo meeqa yoo kufteyyuu carraaqqii kee itti fufi. Cichoominni milkaa’inaaf furtuudha.

4. Balaa dhufuu danda'u fudhachuuf fedhii qabaadhu. Waan gurguddaa galmaan gahuu yoo barbaadde balaa dhufuu danda'u fudhachuuf fedhii qabaachuu qabda. Naannoo mijataa hin taane keessa tarkaanfachuun waan haaraa yaaluu hin sodaatiin.

5. Barataa umurii guutuu ta'i. Addunyaan yeroo hunda jijjiiramaa waan jirtuuf yeroo hunda barachuu qabda. Kitaaba dubbisi, konfiraansii irratti hirmaadhu, akkasumas koorsii fudhadhu dursitee turuuf.

6. Namoota yaada gaarii qabaniin of marsi. Namoota waliin yeroo dabarsitu jireenya kee irratti dhiibbaa guddaa qabu. Kanaafuu namoota gaarii abjuu kee deeggaraniin of marsi.

7. Deebisii kenni. Hawaasa keetiif ykn waa'ee isaaniif dhimmaa jiraachuu keetiif karaa ittiin deebiftee kennitu barbaadi. Kana gochuu keetiif miira gaariitu sitti dhagahama akkasumas namoota biroo wajjin akka wal qunnamtuuf si gargaara.

8. Milkaa'ina kee kabaji. Yeroo galma tokko galmaan geessu yeroo fudhadhuutii milkaa'ina kee kabaji. Kunis kaka’umsa qabaachuu fi gara fuulduraatti tarkaanfachuun akka itti fuftuuf si gargaara.

9. Namoota biroo wajjin of hin madaalin. Hunduu imala mataa isaa irra jira. Kanaaf namoota biroo wajjin of hin madaalin. Kaayyoo mataa keetii fi guddina mataa keetii qofa irratti xiyyeeffadhu. Guutummaa isaa dubbisaa

Telegiramii t.me/Gorsaa_Ganamaa




☆ Didaa ta'uun diina si godha; Garuu didaa ta'uutu si milkeessa!

🔗 @Gorsaa_Ganamaa


✦ Milkooftee jirta taanaan namoonni ofii isaaniitiin gara kee dhufu; amma milkooftutti garuu namoota gara isaanii deemteen iyyuu hin simatamtu. Kanaaf amma sanaaf geessutti jabaadhu!✅🙏🏽

🔗 @Gorsaa_Ganamaa




  
Humni gara milkaa'inaa si geessuu jabaa ta'uu qaba.

Milkaa’inni kan dhufu warra amanamummaa fi ciminaan dorgommii kana caalaa hojjechuu, barachuu fi dorgommii caaluuf fedhii qabaniiti. morgaankee sakaallaa. hunda ciree kayyoo ke kiyyoo irra tarsuu (ceesisuu) qaba!

━━━━━━━━━━━
@Gorsaa_Ganamaa




"Theory of dead Horse(Ti'oorii Farda Du'e)

Yaadaa nama kana Yeroo hikuun fi qacceessinu,yeroo tokko tokko jireenya keenya keessatti,yeroo, humnaa fi qabeenya keenya wantoota nu hin fayyadne irratti dabarsinee of argina jedha.
Pirojektii fashalaa'e,hariiroo bade(cabe),yaada yeroon isaa irraa darbe irratti xiyyeeffannee yeroo keenya akkasumaan qisaasna jedha.

Kun maalif? Sababni isaas kan gadhiisuun abdii kutachuu fakkaata jedheen yaada. Garuu dhugaan jiru jedhe "Theory of dead Horse Kun....jaallannus jibbinus yeroo tokko tokko "wantoota du'an" irratti xiyyeeffachuun keenya imala jijjiirama,guddinaa fi milkaa'ina keenyaaf gufuu guddaa ta'e yeroo argamu jiraa jedha.

Akkuma hammam carraaqqii,wal’aansi fayyaa, tasisu, walqabatte kaka’umsi lubbuu itti horuu fardicha tokko erga du’ee booda lubbuu itti deebisuu hin dandeenyedha.carraaqqiin keenya naannoo jireenya keenyaa tokko tokkotti akka qabsoo gonkumaa hin dhumne, akka qabsoo bishaan argachuuf godhamu ta’a.

Kanaafidha, waan hin hojjenne irratti xiyyeeffannaa keenya qisaasuu mannaa. humna keenya furmaata haaraa,carraa, fi kallattii haaraa barbaaduutti dhangalaasuu qabna jedhe "theory of dead Horse"🐴.

Kanaaf,ammoo Sababni isaas madaallii milkaa’ina keessaa tokko carraaqqii bu’aa argamsiisu beekuu fi adda baasuudha. Xumurri theory of dead Horse kanas,"
Wanta jijjiirama hin fidne gadhiisuun kufaatii osoo hin taane,ogummaa guddadha

jedha!!" via Nato N


https://t.me/Gorsaa_Ganamaa




Kitaaba think again jedhu irraa “Irraa Deebi’ii Yaadii(Think again)” Barumsa xiqqoo:-
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Kitaaba think again jedhu irraa “Irraa Deebi’ii Yaadii(Think again)” Barumsa xiqqoo:-
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
1.Akka saayintistii yaadii(Think like a scientist) •Saayintistiin yeroo hunda Sammuu waa irra deebi’ee yaaduu keessa jirata kunis beekumsa haaraa argachuuf waan isaa dandeessisuuf waan ta'eef.
•kana jechuun,ammoo Beekumsi humna yoo ta’e waan hin beekne beekuun ogummaadha.

2.Waan hojeettu keessatti gad of deebisuu ofitti amanamummaa horadhu •Gad of qabuun ofitti amanamummaa dhabuu miti.
kana jechuun ammoo namni kamiyyuu mudaa fi doggongorra akka qabu beekuun murteessadha. •Dhugaa kana gonkumaa ijaan arguu dhabuu,Ofitti amanamummaan waa’ee ofitti amanuudha.

3.Yaada Eenyummaa kee irraa adda baasuun Hubadhu(Detaching Opinion from Identity) •Yaada keenyaa fi amantaa keenyatti garmalee maxxanuu irraa of qusachuu qabna.
•Waan gonnu kammiyyu Qaama eenyummaa keenyatti akka maxxanni ta’u gochuu hin qabnu. •kunni ammoo,yaadni keenya qaama eenyummaa keenyaa akka ta'u yommuu hayyamnu, dogoggora ta'uu yaaduun diinummaa fidaa Waan ta'eef

4.Yaadaa gaaffii Maliif  osoo hin taane Akkamitti  jedhu falmuun murteessadha(Argue about HOW and not WHY) √Maaliif yeroo baay’ee haasofni miiraa fi "ego''dhaan kan geggeeffamu yoo ta’u, namoonnis warra kaan nituffatu. •Akkamitti mari'achuu erga jalqabdee booda namoonni qaawwa beekumsa isaanii fi mudaa xumura isaanii hubachuu jalqabuun falmii xiqqaa ta'u danda'aa

5.Akkaataa falmii mo'achuu fi akka gaariitti mari'achuu dandeenyu!
•Falmii isa dadhabaa ta'etti duuluu mannaa,isa gaarii isaaniif beekamtii kennuu irratti duluun murteessadha.
•Qabxiilee muraasa keessa,garuu ciccimoo ta'an irratti xiyyeeffachuun gaaffii gaafachuu

6.Af-gaaffii Kaka’umsaatiin yaada jijjiiruu •Namootni akka jijjiiraman kakaasuu hin dandeenyu. kunni ammoo Jijjiiramaaf kaka’umsa mataa isaanii akka argatan gargaaruuf carraa fooyya’aa qabnitti fayyadamuun murteessadha. ∆Furtuuwwan gaaffii jedhamaan:

-Gaaffii banaa gaafachuu(Asking open ended questions) Dhaggeeffachuu calaqqisiisuu    irratti bobba’uu(Engage in reflective listening)
-Dandeettii nama sanaa mirkaneessuu(Affirming the person’s ability)

7.Sammuu Poolaarii (Dealing with Polarised Mindsets) •Kan jechuun qaama yaadaan siif galuun ykn yaadaan sii amannu hindandeenye wajjin wal’aansoo qabuu dhisuu.
~Namoonni hedduun isaanni yaada lamaan (binary mindset) qabatanii socho'u. fkf. Wanti hundi gurraacha ykn adiidha jedhuun sinni mormuu.
•Furmaanni isaa ilaalcha garmalee salphaa ta'e kana walxaxiinsaa fi Wal hubaan galchuudhaan cabsuudha.

8.Ijjoolleef Irra Deebi'anii Yaaduu(Rethinking for Kids)
•Shaakkala wixinee tokko qofa osoo hin taane dachaa hojjechuu,Keessattu pirojektoota kalaqaa Sammuu ta'aan keessatti.

👉Wixineen baay'achuu jechuun irra deebi'anii yaaduu, irra deebi'anii hojjechuu, polishing fi fine-tuning gochuu jechuudha. Dhuma irratti oomisha qulqullina olaanaa qabutti geessuu.

9.Dhaabbilee Barnootaa(Learning Organizations) •Nageenya Xiin-sammuu fi Itti Gaafatamummaa adeemsaa walitti makuun zoonii barumsaa uumuuf waan barbaachisuuf barnoota barachuu itti fufii.
•Kabajaan kaasuun,namoonni yeroo hunda“akkamitti beekna“ jedhanii akka gaafatan jajjabeessuun aadaa gaaffii kaasuu horachuu qabdu.

10.Karoora Hojii fi Eenyummaa fudhachuu(Career Planning and Identity Foreclosure) •Ijjoolleen yeroo guddatan maal gochuu akka barbaadaan gaafachuu dhiisuu qabna.....kunni waan guddoodha yeroo bayyee hundii keenyaa Aadaa godhanne Da'immaan Keenyaa maal ta'uu barbaaduu jenana ..akka kitaaba kanatti gaafachuun sirrii miti jedha.

Please add More*

Namoota #jaallattan

Positive mind find opportunity in everything.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/Gorsaa_Ganamaa


𝖩𝖤𝖢𝖧𝖮𝖮𝖳𝖠 𝖲𝖮𝖮𝖱𝖠𝖳𝖠 𝖲𝖠𝖬𝖬𝖴𝖴

MILKAA'INA

🇸 🇺 🇨 🇨 🇪 🇸 🇸

❍ Namni harka kiisha keessa galchee sadarkaa milkaa'inaatti ol bahee hin beeku.
➛William

❍ Obsi, ciminaa fi dafqi milkaa’inaaf walnyaatinsa hin mo’amne taasisu.
➛Naapooliyoon Hill

❍ Yeroo hunda milkaa'ina eegi, gonkumaa milkaa'eera jettee hin yaadin.
➛Toomaas Arnoold

❍ Har'a milkaa'aa ta'eera sababni isaas hiriyyaa natti amanu waanan qabuuf onnee isa gadi dhiisu waanan hin qabneef.
➛𝘈𝘣𝘳𝘢𝘩𝘢𝘮 𝘓𝘪𝘯𝘤𝘰𝘭𝘯

❍ Injifannoon kan mi'aawu yeroo mo'amuu beektudha.
➛Malcolm S. Foorbis

❍ Iccitiin milkaa’ina kaayyoof dhaabbataa ta’uudha.
➛Beeniyaamin Disraeli

❍ Jireenya keessatti iccitiin milkaa'ina dhiirri carraa isaaf yeroo dhufu qophaa'uudha.
➛Beeniyaamin Disraeli

❍ Milkaa'ina caalaa kufaatii irraa baratta. Si hin dhowwiin. Kufaatiin amala ijaara.
➛Anon

❍ Biyya lafaa kana irratti milkaa’ina argachuuf karaan hundarra gaariin gorsa namoota biroof kennitu irratti hundaa’uun hojii irra oolchuudha.
➛Anon

❍ Dhiirri milkaa'ina kan ta'u ganama ka'ee halkan yoo ciisee, jidduutti immoo waan barbaade yoo raawwatedha.
➛Boob Diilaanii

❍ Wanti akka qormaata hadhaa’aa nutti fakkaatu yeroo baay’ee eebba fakkeessanii argamudha.
➛Oskard Waayild

❍ Milkaa’inni gonkumaa dogoggora hojjechuu osoo hin taane yeroo lammataaf dogoggora tokko gonkumaa hojjechuu dhiisuudha.
➛Joorji Bernaard Shaw

❍ Nama milkaa'ina qabu ta'uu osoo hin taane nama gatii guddaa qabu ta'uuf yaali.
➛Albert 𝘌𝘪𝘯𝘴𝘵𝘦𝘪𝘯

❍ Yoo A jireenya keessatti milkaa’ina ta’e, X Ida'ama Y ida'ama Z, A waliin walqixa. Hojiin x dha; y tapha dha; z immoo afaan kee cufachaa jirta.
➛Albert 𝘌𝘪𝘯𝘴𝘵𝘦𝘪𝘯

Milkaa'inni dhugaa nama of kalaqeedha.
➛Al Goldstein

✤ 𝗝𝗲𝗰𝗵𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗞𝗮𝗸𝗮𝘂𝗺𝘀𝗮𝗮 ✅




Kirkirri lafaa ta'e

Amma halkan saa'atii 5:23tti lafti baayyee raafamte

Ittuma caalaa dhufe🤨


Abjuu Guddaa...
Abjuu Guddaa...

💡 Kophaa kee abjuu guddaa milkeessuu hin dandeessu! Gareen (team) barbaachisaadha. Akka kee namoota yaada walfakkaataa qaban naannoo kee jiran yoo hin qabaanne, kaayyoo kee guddaa ofuma keetiin galmaan gahuun baay'ee rakkisaa ta'a. Amma irraa eegalii namoota sana barbaadi! Isaanis si barbaadaa jiru.

Namoonni 10 kaayyoo tokkoof dhaabbatan namoota 100 kaayyoo adda addaaf dhaabbatan caalaa dhiibbaa gaarii fiduu danda'a!

A big dream

The 10 people who stand for the same purpose can have a better impact than 100 people who stand for different purposes! @Gorsaa_Ganamaa @Getu_Abera


Dhiphachuu❌ Hojjechuun nama furmaata ta'uu dandeessa.


Daandiin barbaachisaan daandii dhiphaadha kan namnii filannoo godhachuu fedhuu daandii boochoodha. namni baayyee barbaachisaan daandii deemsaaf hin mijannee mijeesse imala homtuu isan danqu baayyeen daandii wallalanii osoon taanee daandii ofi mijeeffachuu irra daandii mijataa barbaaduutti dhiphatu garuu daandii barbaachisaa irratti abbatu of tiksa daandii mijataa barbaaduutti Akkasumaan hin dhiphatin hojjedhuu sirreessi.


daandii kee mijeeffadhu dammaqii hojjedhu akka deemsaaf tolutti
Jireenya kee keessatti dhiphiinaan wanti ati jijjiiruu dandeessu kana jedhee kanan sitti himu waa tokkollee hin qabu. Hanga ati of beektu caalaa waa'ee kee kan beeku fi hanga ati ofiif yaaddu caalaa kan siif yaadu uuman kee siif jira! Akkasumaan dhidhiphachuu dhiisi!

Wanta dandeessu hundumaa hajjadhu, sana booda wanti si quunnamu sitti hadhaa'us, carraaqqii kee osoo adda hin kutin wanta mi'aawwaa fudhachuuf qophaa'i. daandii mijataa hin taanee dandeesse seenaa hojjechuun waan gaarii ta'e fudhatta kanaaf Gaaddisa ta'uun dhiphachuu osoon taanee hojjechuudha.
☆Gaaddisni dhiphachuun hin jiru garuu hojjechuudhaan jira gaaddisa ta'i!

✅ Dhimma kee furuu yoo dandeesse dhimma namaa furuu dandeessa.


💡 8 Behaviour From Very Rich People
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
1. Focus on the big goals.
2. First, save than spend.
3. Create multiple income streams.
4.The most important asset is you.
5. Keep learning & become an expert.
6.Invest in assets you understand.
7. Be willing to take a calculated risk.
8. Use money wisely and stop consuming.

Amaloota Namoota Baay'ee Milkaa'oo 8:

1. Galmoota gurguddoo irratti xiyyeeffatu!
2. Jalqaba ni qusatu, lamaffaa ni baasu!
3. Galii dabalataa uumu!
4. Qabeenyi hunda caalaa barbaachisaa ta'e namadha!
5. Barachuu itti fufu, ogeessa ta'u!
6. Ogummaa argatan hojiirra oolchu!
7. Balaa shallagame fudhachuuf fedhii horatu!
8. Maallaqa ogummaadhaan fayyadamuu fi balleessuu dhiisuu.

🔗 @Gorsaa_Ganamaa


🔵 Garaan isaanii qulqulluu fi hammeenya waan hin beekneef dafanii mufatu,...👉 Itti fufaa dubbisaa!

          👇👇👇
   👉 See More  👈
   👉 See More  👈
           👆👆👆


❤️ Amaloota Shamarran Ogeettii,...➡️ See More 💬

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.