Maaliifan uumame
โWaa'ee namummaa keessan isa keessaaf immoo, abbaan akka badhaadhummaa ulfina isaatiitti karaa hafuura isaatii humnaan guutamuu akka isiniif kennuuf nan kadhadha.โ โ Efe. 3:16
โข Karaa tokkos guyyaa yeroon ammaatu tokko maaliifan uumame jennee gaafachuun keenya hin hafu. Barnoota walitti fufiinsa torbanootaaf qabaannu kana keessatrimmoo deebii kanaa akka argattan abdiin qaba.
โข Gaaffi kana hundumtuu gaafachuu kan qabudha. Biyya lafaarra amma jirrutti kaayyoo uumama ofii hubachuu dadhabuun kisaaraa guddaadha.
โข Kanaaf gaaffii kana yeroootti gaafachuu qabna.
โKanaafis nuyi matumaa abdii hin kutannu, namummaan keenya inni bakkeetti mul'atu gad dhumaa yoo adeeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa har'aa bor haara'aa in adeema.โ โ 2Qor. 4:16
โข Gaaffii kana yerootti hin gaafannu taanaan isa โHumni ganama dhuma, yaadni galagala dhufaโ jedhan taโa.
โWaaqayyoo doksaa ulfinaan guutuu kana warra saba isaa hin ta'in keessatti agarsisudhaan warra kan isaatiitti beeksisuu jaallate. Dhoksaan mul'ifame kunis Kristos isa isin keessa jiruu dha; inni ulfina isin argachuuf jirtaniif abdii keessan.โ โ Qol. 1:27
Ameen
@Jaala_Dhugaa