Postlar filtri


$TAO is going up! I've made a profit of 32% so far. I've reached 2 out of 5 targets and closed half of my trade here.


Ethereum Falls Below $2700🔽


The National Bank of Canada and the Bank of Montreal have bought $525 million and $790 million in $MSTR shares, respectively.


On February 13, Bitcoin ETFs lost $156.78 million in total. Fidelity lost $94.46 million and Ark Invest lost $52.73 million. Only BlackRock gained $26.12 million.


Analysts from 10x Research expect the price of ETH to reach $3,000 soon!

Possible reasons for this increase: the "Pectra" update and positive inflation data from the US. The RSI indicator shows Ethereum is oversold.

Previously:
- Whales are accumulating ETH
- Opinions from Matrixport and Citi


Hong Kong accepts Bitcoin (BTC) and Ethereum (ETH) as proof of assets for investment immigration applications. Applicants need to show they have HK$30 million in assets and invest that amount within 6 months to be eligible.


$TRUMP UPDATE

I entered my buying zone perfectly, and I have my coins ready. It's currently breaking through the downward trend line.


"Galmee mana barumsaatif waraqaa eenyummaa dijitaalaatu barbaachisa" :-Mootummaa

Itoophiyaatti bara barnootaa dhufu irraa eegalee galmee mana barumsaaf waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa akka barbaachisu mootummaan beeksisee jira.

Kanaan dura galmee manneen barnootaatiif kan tajaajila ture ragaa dhaloota daa’imaa dhiyeessuun akka ture kan beekkamuudha.

Haaluma kanaan bara 2018 irraa eegalee karoorri haaraan daa’imman umuriin isaanii waggaa shanii ol ta’e ID dijitaalaan galmaa’uu fi baayoomeetirii akka kennamu kan hayyamu ta’uu ibsameera.

Daarektarri Olaanaa Sagantaa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa Itoophiyaa kan ta’an Yodaahee Zamikaa'el, barbaachisummaa waraqaa eenyummaa dijitaalawaa naannoo mana barumsaa keessatti qabu olaanaa ta'uu dubbatan.

Mootummaan bara 2030tti waraqaa eenyummaa Faayidaa namoota miliyoona 90f kennuudhaaf kan karoorfate yoo ta'u, yeroo ammaa kana namoonni miliyoona 11.4 ol waraqaa eenyummaa kana argataniiru.

@ETHIOPHIAN_STUDENTS


Manni maree bakka bu'oota uummataa muudama adda addaa raggaasise

Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa yaa'ii idilee 16ffaa bara hojii 4ffaa har'a gaggeesseen muudama adda addaa raggaasiseera.

Haaluma kanaan

1 - Aadde Simany Wubee  Abbaagaar olaantuu Dhaabbata Abbaagaar Uummata  Itiyoophiyaa

2- Doktar Yeneeneh Simany itti aanaa Abbaagaar Dhaabbata abbaa gaar Uummata Itiyoophiyaa

3- Obbo Abaayneeh Adetoo Dhaabbata Abbaa gaar uummata Itiyoophiyaatti abbaa gaar damee ta'uun muudamaniiru.

📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!


Bidiruun gara #Yaman imalaa turte dhidhimuun lammiileen #Itoophiyaa 20 du'an

Bidiruun godaantota Itoophiyaa 35 feetee turte #Jibuutii irraa ka’uun qarqara galaanaa Kibba Lixa Yamanitti yeroo geessu dhidhimuun lubbuun lammiilee Itoophiyaa 20 darbuu Dhaabbanni Godaantota Idil-addunyaa (IOM) beeksise.

Taateen kun kan mudate Sanbata darbe yoo ta’u, balaa kanaan dubartoota 9 fi dhiira 11 dabalatee waliigalaan lubbuun lammiilee Itoophiyaa 20 darbuu IOM ibseera.

Erga yeroo dhiyoo asii godaantonni Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa’aman jireenya fooyya’aa argachuuf jecha gara biyyoota Galoo Galaanaa ce’uuf yeroo yaalan Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Edan keessatti dhidhimuun lubbuu isaanii dhabaa jiru.

Onkoloolessa 2024 qarqara galaanaa Jibuutiitti bidiroonni lama godaantota 320 fe’anii turan dhidhimuun lubbuun lammiilee Itoophiyaa 48 darbuu Imbaasiin Itoophiyaa Jibuutii argamu ibsee ture.

📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!


Obbo Geetachoo Raddaan dhimma hijaabaa irratti hawaasa mariisisan

Magaalaa Akksumitti manneen barnootaa barattoota muslimaa shammarran ta'an 159 sababa hijaabaatiin barnoota irraa ittisuu hordofee guyyaa har'aa hiriirri adeemsifame booda Obbo Geetaachoo Raddaa yaada kennaniin “Dhimmi hijaabaa gonkumaa ajandaa ta'uu hin qabu ture. Kun ta'e jedhamee kan godhamedha, Saffisaan furmaata akka argatu ni goona" jedhan.

Barattoonni kunniin sababa hijaabaatiin galmeen qormaata biyyaaleessaa 12ffaa jala darbuu fi gara barnootattii deebi'uu dhabuu isaanii hordofee naannichatti hiriirri mormii dhaadhannoo “Hijaaba ishees ni uffatti, barnoota ishees ni baratti" jedhuun Maqaleetti adeemsifamee akka ture gabaasuun keenya ni yaadatama.

Hiriira nagaa kana booda namoonni hawaasa keessaa filataman baay’innaan 20 ta'an bakka bu'ummaadhaan Perezdaantii yeroo naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa wliin mari’atanii jiru.

📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!


#Hijaaba #Hiriira

Dhirkamii Hijabaaf manni marii dhimmoota Islaamummaa naannochaa hiriira nagaa guyyaa boruutti waame.

Dhimma hijaabaa irratti hiriirri nagaa guyyaa boruu magaalaa Maqaleetti geggeeffamuuf.

Manni Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Tigraay dhimma hijaabaa ilaalchisee murtii fi ajajni mana murtii fi biiroo barnootaa hojiirra akka oolu gaafachuun hiriira nagaa kan geggeessu ta’uu beeksise.

Manni marichaa barattoonni Musliimaa magaalaa Aksuum hijaaba waan uffataniif mana barumsaa irraa akka dhorkaman ibseera. Manneen barnootaa kunniinis ajaja mana murtii diduun hijaaba akkuma dhorkanitti jiraachuu manni marichaa eereera.

Kanuma sababeeffachuunis guyyaa Boruu ganama sa'aatii 1:00 irratti hiriirri nagaa magaalaa Maqalee Addabaabayii Romanat irratti akka kan geggeeffamu ta’a jedha odeeffannoon maddeen keenya irra arganne.

📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!


Lammiilee Itoophiyaa 310 Libaanos irraa gara biyyaatti deebifaman.

Lammiileen Itoophiyaa Libaanositti haala rakkisaa keessa turan 310 gara biyyaatti deebifamuu Ministeerri Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa beeksise.

Lammiileen kunneen Wiixata torban darberraa eegalee gara biyyaattii kan deebi’an yoo ta’u, deebitoota keessaa 301 dubartoota, 9 ammoo daa’imman ta’uu ragaan ministeericha irraa argame ni mul’isa.

Gama biraatiin lammiileen Itoophiyaa 99 Sa’udi Arabiyaa irraa gara biyyatti deebifamuun ibsame. Deebitoota kanneen keessaa 83 dubartoota, sadii dhiirotaafi 13 ammoo daa’imman reefu dhalatan ta’uun ibsame.

Lammiileen kunneen wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an deeggarsaafi kunuunsa barbaachisaa taasisuufiin hojiin maatii waliin quunnamsiisuu hojjetamuun ibsame.

Ebla 2016 ALI irraa eegalee hojii lammiilee gara biyyaatti deebisuu hojjetamaa jiruun lammiileen 89,898 gara biyyaatti deebi’uun ibsame.

📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!


Balaan ibiddaa Aanaa Wandootti gahee ture too'atame

Godina Arsii Lixaa Aanaa Wandoo Ganda Gootuu Onoomaatti guyyaa kaleessaa sababa gogiinsaatiin balaan ibidda fiixee gaara Abaaroo irratti uumamee ture too'atameera.


📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!


#TikTok

Tiktok Ameerikaa keessatti Dilbata dhufu irraa eegalee murtee akka ugguramuu ykn Ameerikaaf akka gurguramu jedhu manni murtee Ameerikaa raggaasiseera.

Har’a Manni Murtii Olaanaa Ameerikaa seera federaala Tiktok US keessatti akka cufamu ykn akka gurguramu dirqisiisu deeggarsa isaa kenneera.

'TikTok' ol'iyyannoo dhiheessus garuu fudhatama dhabeera.

Yeroo darbe appichi "odeeffannoo dhuunfaa lammiilee Ameerikaa mootummaa Chaayinaaf dabarsee kenna waan kana ta'eef nageenyaa biyyaatiif sodaa uumaa jechuun Tiktok akka dhorkamuu ykn lammiilee Ameerikaatti gurguramuu akka qabu murteen murtaa'uu isaa ni yaadatama.

Har'a Manni Murtii Olaanaa murtii kanaan dura kenname raggaasiseera.

Murtee kana hordofuun 'TikTok' Dilbata irraa eegalee ni dhorkama.

Uggurri kun TikTok 'Appstore' fi 'Playstore' irraa akka haqamu isa taasisa.

Fayyadamtoonni haaraan 'TikTok' buufachuu hin danda'an; Fayyadamtoonni duraa ammoo haaromsu(update) gochuu hin danda'an.

Pireezidaantiin filataman Doonaald Tiraamp Manni Murtii Olaanaa Tiktok baraaruun murtee ugguruuf kenname yeroo biraatti akka dabarsu gaafataniiru, garuu manni murtii murtii dhumaa dabarseera.

Uggura 'TikTok' tursiisuuf kan yaalan Tiraamp Wiixata dhufu aangoo ni qabatu. Raawwii labsichaas isaaniyyuu kennameera.

Murtee mana murtii booda Tiraamp "murtee kana anatu murteessa. Murteen na bira jira. Waanan hojjedhu ni argitu" jedheera.

📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!


"Daandiin Baaburaa Itoophiyaa-Jibuutii Yeroo jalqabaaf bu'aa argateera":- Taakkalaa Uumaa

Dhaabbatni Daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutii erga hojii jalqabee as yeroo jalqabaaf kurmaana dhumaa bara 2024tti bu’aa argachuu isaa hoji gaggeessaan dhaabbatichaa Taakkalaa Uumaa beeksisaniiru.

“Bu’aan argame kun karoora tarsiimowaa waggoota sadii dhufaniif dhaabbaticha gara bu’aa argamsiisutti jijjiiruuf qabanneef bu’uuraa kan ta’uu dha jedhaniiru.

Hammi fe’umsaa baaburichaa waggaatti toonii miiliyoona 6.3 ta’u qaba ture. Garuu yeroo ammaa waggaatti toonii miiliyoona 2.4 qofa hojjechaa jirra akka jiru ibsameera.

Kunis hamma fe’umsa guutuu isaa keessaa 38% qofa akka ta’e ibsaniiru.

Kiiloo meetira 750 ol kan dheeratu fi Finfinnee buufata doonii Jibuutii waliin kan walqunnamsiisu pirojektiin daandii baaburaa kun walta’iinsa Itoophiyaa, Jibuutii fi Chaayinaatiin kan ijaarameedha. 

📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!


Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
"Magaalaan Loos Anjalas guutuun isaa sodaa balaa ibiddaa jala jira" - aanga'oota

Ameerikaatti Ibiddi bosona Los Anjalas ammallee to'annaan ala kan jiru yoo ta'u, lakkoofsi namoota du'anii 24 gaheera. Namoonni 16 eessa akka seenan hin beekamne.

Haga Ammaatti naannoon Los Anjalas 3 gubataniiru.

Yeroo ammaa ibiddi guddaan kan jiru Palisadas yoo ta’u, lafa hektaara 9,307 kan gubee fi dhibbeentaa 11'n to’atameera.

Ibiddi Iiton isa 2ffaa yoo ta’u, lafa hektaara 5,665 ol gubeera. dhibbeentaa 27 to'annoo jala ooleera.

Ibiddi Heerast guutummaatti too'annaa jala kan oolee yoo ta'u, lafa hektaara 323 gubee jira.


#Affaaritti jiraattoonni 58,000 ol sababa kirkira lafaatiin qe'eerraa buqqa'an bakka biraatti qubsiifaman

Naannoo Affaar godina Gabirasuu aanaalee Dulasaa fi Awaash Fantaallee irraa namoonni 58,000 ol sababa kirkira lafaatiin buqqa’an gara wiirtuuwwan gaaddisa yeroo saddee keessatti qubsiifamuun deeggarsa argachaa akka jiran komaand poostiin naannichi hundeesse beeksise.

Hogganaan Biiroo Aadaa, Dargaggootaa fi Ispoortii Naannoo Affaar, akkasumas qindeessaa komaand poostichaa Ahmad Ibraahim DhPI’tti akka himanitti, jiraattota 54,180 gandoota 8 irraa buqqa’anii fi hojjettoota Warshaa Sukkaaraa Kasam 4,058 ta’an deeggarsa namoomaa argachaa jiru.

Qindeessaan komaandii poostii kanaa kirkira lafaa hanga Rektar Iskeelii 5.8 gahu irra deddeebiin mudate hordofee hawaasni rifachuu guddaa keessa akka turaniifi kanneen loowwan isaanii waliin gara naannoo Amaaraatti imalanis jiraachuu himan.

📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!


Daa'imni Kiiloo giraama 6.2 ulfaatu dhalate

Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaatti daa'imni Kiiloo giraama 6.2 ulfaatu dhalachuu ibsame.

Daa'imni kun Hospitaala sadarkaa jalqabaa Naaddaatti yaala baqaqsanii yaaluun dhalachuu Ispeeshaalistiin yaala Baqasanii yaaluu Hospitaalichaa Dooktar Dassaalenyi Tasafaayee himaniiru.

Yeroo ammaa daa'imniifi haati sadarkaa gaariirra jiraachuu ibsameera. #OBN

📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!


Loosaanjalasitti Ibidda Bosonaa mudate hordofee labsiin yeroo ariifachiisaa labsame

Ameerikaa Loosaanjalasitti Ibidda Bosonaa mudate hordofee labsiin yeroo ariifachiisaa labsamuu gabaafame.

Balaa Ibiddaa kanaan namoonnii kumni 30 ol qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu eerameera.

Ibiddichi yeroo muraasa keessatti lafa hektaara kuma 2 fi 900 uwwisuu ibsameera.

Balicha hordofee magaalichatti labsiin yeroo ariifachiisaa labsamuu BBCn gabaaseera.

Taatee mudate kanaan jiraattoonni kuma 200 ol Tajaajila Elektirikaa dhabuu fi manneen barnootaas cufamuu himameera.

Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan naannawaa balichi mudate tumsuun baajata barbaachisu raggaasisuu eerameera.

Jiraattoonni Kaaliifoorniyaa keessa jiraatan balaa kanaaf saaxilamoo ta’uu isaanii ibsameera.

📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.