MAAL GOCHUU QABNAREE?
-------------------------
Teeknooloojii kana jalaa miliqnee jiraachuun ulfaataa ta'ullee, taateewwan shakkisiisoo akka armaan olii kana keessatti osoo waan jedhamne hin raawwatin dura xiyyeeffannoodhaan wantoota mirkaneeffachuu qabnu mirkaneeffachuu qabna. Fakeenyaaf: Dubartiin armaan oliitti maallaqa guddaa kana hattootaaf laatte, osoo maallaqa sana hin ergiin dura osoo dursitee abbaa qabeenyaa sanaaf bilbila isaarratti bilbiltee yookaan email gooteefii mirkaneeffattee gaarii ture. Gama Viidiyootiin yoo ilaalle, Viidiyoowwan karaa DeepFake hojjetaman kunneen xiyyeeffannoon yoo ilaalaman libsannaan ija isaanii kan uumamaarraan adda; yookaan tasuma hin libsatan yookaan immoo turtii yeroo dheeraa booda libsatu, kan nama sirrii waliin yeroo madaalamu garaagarummaa qaba jechuudha.
Gaaffii: Yeroo account keessan kanneen Cryptocurrency ittiin daldaltan - Fkn: #Binance, (Yoo muuxannoo hojii akkasii qabaattan jechuudha) verify goosiftan maalif, "afaan bani, cufadhu", "Ijakee libsadhu", "Mataa kee oliif gadi raasi", "Mataakee bitaa fi mirgatti raasi" isiniin jedhuu? Isaan kunneen hundi karaa ittiin account DeepFake fayyadamee Robot'dhaan baname ittiin ittisanidha. Malli kunis "Liveness Check" jedhama. "Akka nama lubbuun jiru ta'e adda baafachuu" jechuudha. Egaa nutis viidiyoowwan haqummaan isaanii nu shakkisiisu karaa kanaa adda baafachuu dandeenya jechuudha. Sagalee yoo ta'e immoo, tooniin sagalee DeepFake Ai'n hojjetamee "Electronics tone" waan qabuufi jechoota gidduutti gap walqixa ta'e uumaa waan dubbataniifi baay'ee FORMAl kan ta'e ta'uusaarraan adda baafachuu dandeenya.
Egaa waa'een addunyaa AI fi Bad AI osoo haasawamee hin dhumu, barruu biraa fi video waa'ee kanaa barsiisu qabannee deebi'uu dandeenya. Ammanatti yaadni kun yoo sisinitti tole namoota jaallattaniif share godhaa. Isinis barruuwwan akkasii argachuuf nu quunnamaa.
Bayissa, 2024
@Kaachuupromotion