MICHUU📚


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha
Toifa: Bloglar


Ni qoosna Ni taphanna Nama hin tuqnu siyaasa hin laaqnu amantiitti hin buunu! Maaltu nu dhiphise silaa 1000 hin jiraannu🥰
Yaadaaf👇👇
@michuu_fayisaa
Chaanaalaaf👇
✍️ @Michuu_ko

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Toifa
Bloglar
Statistika
Postlar filtri


Walitti hinaaftiwoo jedhani Inni jarittin akkasitti waldhungachaa Wal dubbistu maaloodhaga😁


Isa nuti Kaayyoof jennee qoosnu Kaan Duuriyyee nu seeti🙄. Deemnee buna 20 dhuguurra doormiima teenyee yoo qoosne wayya jenneeti Wal haa barru🙄.


Isan hojii biyyaa baqadhee gibbii taa'u warri safara keenyaa numa barata na se'u!


Lubbuun jiraanneema jaalallee keenya durii mucaashee waliin arguunuu alamii tokko😁


Namoonni sooressa tahuuf barachaa turan har'a mindaa isaaniin kiraa manaa kaffaluu gaafa dadhaban"Barnoonni qilee haa seenu!"yeroo isaan jedhanii miira aariin dubbatan Nan dhaga'a.

Anis walumaanan qilee seena! Baran jiraadhu hundumaatti Nan baradha! Garuu barnoonni gonkumaa sooressa Akka nama hin goone nan beeka!

Waan Ani dhiyeenya miidhaa kutaa 12' darbanii barachuu barressef namoonni amananii fudhatan akka jiran bira gaheera!
Natti hin aariinaa warri appitaayitiin keessan banaa tahe baradhaa! Warri Kaan ammoo pls yeroo keessan hin gubiinaa gad bahaati hojii hojjedhaa! Dhuguma koon isiniin jedha!

Maalifan jedhe beektaa Mee barnoota jechuun maal Akka tahe barataa medicine baratu bira deemii ilaali. Gatii isaan barnootaaf baasan Mee qalbeeffadhuu ilaali.

Atoo guyyaa rafta,halkan rafta. Page 10 torbee tokko dubbista. Sanuu akka waan gatii guddaa baasaa jirtutti of ilaalta. Maatiin Akka ati of kennitee cuunfamtee barachaa jirtutti beeku atoo maal hojjechaa jirta? Booda hoo eenyuun komatta?
✅ Michuu


Ofiiko oolchuuf waanan si miidheef dhiifama 😭. Jaalalliif Fi Hiriyyummaan keenya haariiroo keenya oolchuu dadhabuu isaatti immoo Nan gadda😭. Osoo hin du'iin imimmaan Roobsaa si gaggeessuun immoo eelaa barabaraati. Gammadaa si simachuun filannoo ko yoo tahellee Gaddaa si gaggeessuun garuun garuu yaadako hin turre! Sitti haa tolu nagaatti!


Silkiiko hattuun na nyaatteefan barreesse!

✅ Michuu


Baqqaa na gaheera😭😭


Gibbii Yuunivarsiitii keessatti waanti gaaffii natti tahu tokkotu jira.

Barattoota Ani beekutu jiru. Gaafan Ani fresh tahee mooraa seene isaan GC turan. Caffaraa, Takeaway alaa galchaa turan qalbii freshumaanan qabeera😁

Har'a kunoo anuu barataa waggaa 4 'ffaati .waan nama dhibummoo jarri ammayyuu nu waliin mooraa keessa jiraatu kaaffee nyaatu barnoota immoo hin baratan hojii kamiyyuu hin hojjetani.

Qooyi akkami akkami waansaa 🙄. Moo Dhaalaan walii dabarsuun eegalame life mooraa kanas🙄

Dhuguma na dinqe waaqako😂


RAMADAN MUBARAK FOR ALL OUR MUSLIM BROTHERS AND SISTERS!

Ana Obboleessa keessan kiristaanaaf duwaayii naaf godhaa! Allan Dhukkuba hamtuu isin irraa haa eegu! Salaatni keessan isiniif haa dhaga'amu! Isininan jaalladha!

Michuu keessan ✅


Galata Nigid bankiin nurraa qabu salphaa miti dhiiroo!

Yeroo konkolaataan karaa dheeraa deemtu maatiin siif bilbilu . "Essaa geesse ?" Jedhanii si gaafatu. Atis karaa foddaa konkolaataa damee baankii kana ilaaltee konfiidensiin "Achi gaheera ,magaalaa akkanaan jira"jechaa deemta.

Sanuu qirincaafiin isaa maqaa naannoo sanaan waan moggaafamuuf yaaddoon hin jiru.

Yoo Gatiin 'transport ' si jalaa dhumtes,"Shufeer istii waraaj ande !"jettee fiigdee ATM 'n qarshii ke baafattee seeqaa deebita.

Maali aabbee Jireenyi daandii fataadhaam atumti qarshii qabaaadhu malee Nigid bankii biratti!

✅ Michuu


Dur yeroon waa'ee jaalala biyyaa baradhu ture waatu sammuutti na dhufa. Maatiinko hojjetaa mootummaa waan tahaniif amanamummaan biyyaa Fi uummata ofii tajaajiluu waan jedhutu na keessa deddeebi'a. Sammuunko gaaffii waan muraasa kaasa. Jaalalli biyyaa jiraannaan dhuguma maaliif miindaan hojjettootaaf kaffalama? Jechuunko warri biyya jaallatan lubbuu isaanii kaffaltii malee wareegaa erga turanii jechuu kooti.

Erga mootummaa irraa miindaa fudhatu tahemmoo nama qabu irraa qarshii biraa yoo fudhatee hojii ariifachiise maaliif Akka cubbuutti ilaalame? Qarshiin mootummaa irraa fuudhamu maalif Akka gubbootti hin ilaallamne?

Mootummaanis miindaa kaffaluun erga hin oollee maaliif hojjettoota isaaf qarshii gaarii Fi quubsaa hin kaafalu? Erga miindaa gahaa kaffaluun didee immoo Maalaammaltummaa Fi gubboo maalif yakka godhe. Itti kenninaan quubsuu ,dhowwaannaan dhowwachuu hin wayyuuyi?

Kamtu fooni kamtu looni? "Jaalalli qarshii hin barbaadu!"hin jennemoo. Biyyi eenyu hojjetaan immoo eenyu? Ani uummata mitimoo ? Biyyiko ana malee eenyuun waamamti?

Yaadichi yaada Ijoollummaati 🙄


Lafa nagaa nu oolchi Yaa Uumaa!


"Haati rakkoo deesse ammallee ulfadha jedhani!"


Sagal si mil'adhee
Akka ilmoo deegaa
Ni deebita jedheen
Obseetan si eega

At erga filattee
Jaalala ko baqa
Akka Hirkoo sana
Man-Xibaartuun dhaqa

😁😁😁😁😁😁😁

Hirkoo mars. 2ffaa kutaa 30ffaa😁😁


"
Namoonni dhugaa jaallatan soba hin jibbani; Namoonni soba jaallatan garuu gonkumaa dhugaa hin jallatani!

"


Bara humna qabdu
Sagal taatee lolta
Bara humna dhabdu
Arraba keen tolta!

Bara aangoo qabdu
Du'ayyuu dagatta
Bara barri hammaatte
Ilbiisa baqatta!

Bara barri tolte
Manaa afeeramtee
Gad baatee lallabda
Bara barri hammaatte
Jecha ke tokkittiin
Hidhamuu jalqabda!

Tokko kormaa gootee
Kaan gooti dabeessa
Biyya lafaa kanaaf
Safuudha maleessaa!

@michuu_ko


"Hanga har'aatti nama Akka ke naaf tahun dhabe!" Jedhee hitiyaanke sirraa fagoo jiru yeroo siif barreessu garaanke hammam boora'a?🥰🥰


Jiruu Ijoollummaa
Yaa jiruu Jannataa
Waan baay'ee dagannus
Maaltu si dagata!🥰


Namoonni gamni Sibiratti ni qoosu ni taphatu. Hojii isaaniitti garuu goondaadha!
Taphadhaa garuu daangaa keessan beekaa! Hojii keessaniitti,barumsa keessaniitti immoo siiresii tahaa!


Gorsa kooti!


Sababa an siyaasa hin xiinxalleef members'n chaanala ko gadi hir'achaa dhufe😭. Kana keessaa garuu Ameerikaan harka hin dhabdu Nan shakka!

Mee liinkii kana share godhaa hiriyoota keessaniif

@michuu_ko

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.