Postlar filtri




Dawaan Cabiinsa Aadaa Keenyaa Haaromsa Aadaa Keenyaati!
























Taatee tibbana Godina Jimmaa Aanaa Geeraatti raawwate ilaalchisee ibsa kenname.
...................
Guraandhala 05/2017 Godina Jimmaa Aanaa Geeraatti gocha gara jabbummaaan guutameen  Abbaa Qabeenyaa hojii Inveestimentii irratti Boba’aa’anii hojjetan Obbo Zaakir Abbaa Olii irratti ajjeechaan rifaasisaaan raawwateera.

Uummanni Aanichaas gocha rifaasisaa raawwate kana baaaleffachuun  mootummaan shakkamtoota hordofee qabuun seeratti akka dhiyeessu gaafataniiru. Kaan ammoo rifaatuu uumameen naannicha gadhiisanii bakka biraatti baqataniiru.

Mootummaanis battala taatechi mul’atee eegaluun uummata waliin ta’uun hojii hojjechaa jiruun Shakkamtoota qabee to’achuun seeraaf  dhiheessaa jira.  Namoota rifaatuu uumameen qe’ee isaaniirra bu’qqaa’anis gara qe’ee isaaniitti deebisaa jira. Haata’u malee dhaabbileefi namoonni dhuunfaan tokko tokko taatee uumameme gara dhimma amantaafi sabummaatti harkisuuf yemmuu yaalan ni mul’atu. Kun ammoo gocha dhokataa dhaabbilee kanaa saaxiluun gochicha keessaa harka qabaachuu isaanii agarsiisa. Kaayyoon dhaabbileefi namoota kanneenii duudhaa waliin jireenyaafi Obbolummaa uummanni dagaagfatee baroota hedduuf waliin jiraachaa ture faaluun walitti bu’iinsi amantaafi sabummaa bu’uureffate akka uumamu taasisuuf akka ta’e ni mul’ata.

Mootummaan rakkoo mudate hordofee uummata waliin ta’uun shakkamtoota hunda adamsee to’achuun seeratti dhiyeessuuf hojii eegale cimsee kan itti fufu yoo ta’u, qaamoleen gochicha dayeeffatanii kaayyoo isaanii dhokataa galmaa ga’achuuf ifaajan garuu gochicha irraa akka of qusatan cimsee akeekkachiisa.


Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Guraandhala 9/2017












Kilaasterri Horataalee Mootummaa Raawwii Hojii Qorachaa Jira.
= = =
Dhaabbileen misoomaa sadarkaa Oromiyaatti gurmaa'an fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf qindoominaan hojjechaa kan jiran yoo ta'u, gama kanaanis oomishaafi oomishtummaa industirii guddisuufi carraa hojii uumuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jiru.

Haaluma kanaan Kilaasterri Horataalee mootummaa guyyaa har'aa bakka Itti Aanaan pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii argamanitti raawwii hojii ji'ottan ja'an darbanii Waajjira Pirezidaantiitti qorachaa jira.

Itti Aanaan Pirezidaantii Obbo Awwaluu Abdii haasaa taasisaniin dhaabbileen misoomaa kaayyoo lama dorgomummaafi bu'a qabeessummaa qabatee hundaa'uu eeranii, waggoottan ja'an darban keessa hojii hojjetameen bu'aan qabatamaan argamaa jiraachuu himaniiru.

Qabeenyi dhaabbilee misoomaa bara 2012 qarshii bil.7 ture xumura bara 2016tti gara bil.47 kan guddateefi bu'aan qarshii bil.5 akka argame himuun, ammas bu'aa caalmaa akka argamsiisuu danda'uuf gara "Oromia Sovernity Fund"tti ol guddachuu dhaabbilee misoomaas himaniiru.

Gabaasni raawwii hojii dhiyaachaa jira.

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.