Oromia Education Bureau


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Amharcha


📍Oromia Region,Ethiopia
Oromia Education Bureau is strongly working on improvement of quality education in Oromia Regional State and all over the Country.

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Amharcha
Statistika
Postlar filtri


​​#Barattootni_Kutaa_6ffaafi_8ffaa_Bara_2017 Qormaata Naannoo Fudhatan Gamanumaa Qophii Akka Taasisan Ergaan Darbe.
-----------
BBO- Amajjii 07/2017 Barattootni Kutaa 6ffaafi 8ffaa bara 2017 Qormaata Naannoo fudhatan gamanumaa qophii barbaachisaa ta'e akka taasisan dhaamsi darbeefiira.
#Qotmaatni_Naannoo_Kutaa_6ffaa kitaaba kutaa 6ffaa #amma_barataa_jiran_keessaa_Qofa_kan_qophaa'u yoo ta'u,
#Qormaatni_Naannoo_Kutaa_8ffaa immoo, ( Barnoota) #kitaaba_barataa_kutaa 7ffaa - 8ffaa jiran keessaa kan qophaa'u waan ta'eef barataan qormaata fudhachuuf qophaa'e hunduu ammumarraa jalqabdanii akka qophooftan biiroon keenya dhaamsa isiniif dabarseera.

#Barsiisotni_keenyas kallattii kaa'ame kanarratti hundaa'uun akkuma kanaan dura gargaaraa turtanitti ammas daran cimsitanii akka gargaartan dhaamsa keenya ta'a.

#Qormaatni_qophaa'us #kitaaba_barataa_irratti
kanhundaa'e waan ta'eef barattootni kitaaba isaanii irratti ciminaa haa qophaa'an.

Qormaatni Naannoo Kutaa 6ffaafi 8ffaa bara 2017 Seensa Ji'a #Waxabajjiitti kan kennamu ta'uu kanaan dura beeksisuun keenya ni yaadatama.


https://t.me/PAWSOG_bot/PAWS?startapp=YzMQVOT4




​​02/05/2017
#YAADACHIISA!
-----------
#Galmeen_Barattoota_Kutaa_12ffaa_Bara_2017 Qormaata Biyyoolessaa Fudhachuuf Taasisan Amajjii 06/2017 Akka Xumuramu Beekamaadha.

Kanaafuu, Galmee guyyoota sadiin booda Gaafa Kibxataa 06/05/2017 Xumuramu kana barattootni keenya hunduu ragaa guutuu kennuun akka galmaa'an #Barsiisotni_keenya_Maatiin_Barattootaafi_Gumiin_Tiraansiformeeshinii_Barnootaa (#GTB) akkuma kanaan duraa #xiyyeeffannoo_kennuun_barataan_tokkollee_dogoggoraan_otuun_hin_galmaa'in akka hin hafne (#carraan_bara_barnootaa_akka_jalaa_hin_dabarre) deeggarsa keessan akka taasiftan dhaamsa keenya dabarsina.

#YAADADHAA! Galmeen Barattoota #Kutaa_12ffaa_Bara_2017_Qormaata_Biyyoolessaa Fudhatan Guyyaa Kibxataa, #Amajjii 06/2017 Ni Xumurama!

#Hubadhaa !Barataan hin galmoofne Qormaata Biyyoolessaa Fudhachuu Hin Danda'u.

- #BBO -
Oromia Education Bureau


Guyyaa 01/05/2017

#BEEKSISA

#Barsiisotaafi_HMB_Sad_2ffaa Hundaaf
------
Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa ganna bara 2016 irraa eegalee barsiisotaafi hoggantoota MB. Sad. 2ffaatiif leenjii addaa fooyya'insa dandeettii kennuu jalqabuun ni yaadatama.
Haaluma walfakkaatuun Ganna bara 2017 gosa barnootaa barsiisan irratti leenjii ijaarsa dandeettii kennuuf waan barbaadaniif #Barsiisotniifi_Hoggantootni_Manneen_Barnootaa leenjii fudhachuuf fedhii qabdan 'liinkii' marsariitii(website) asii gaditti isiniif kenname banuun '#Online' akka galmaa'uu dandeessan isin beeksifna.
#Hub. Warra Ganna Darbe Leenji'an Hin Ilaallatu!

#Qulqullina_Barnootaa_Mirkaneessuun_Bu'aa #Barachuu_Barattootaa Haa Guddifnu!

Link:- https://docs.google.com/forms/d/e/1FAIpQLSf3qFxVxdRY6f4VMNRCcVrvbrZmdUjw7A7UBTTFBwpKduVhmw/viewform

https://docs.google.com/forms/d/e/1FAIpQLSf3qFxVxdRY6f4VMNRCcVrvbrZmdUjw7A7UBTTFBwpKduVhmw/viewform


​​#BAGA_GEESSAN !

Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Hundi
Baga Guyyaa Ayyaana Dhaloota Iyyasuus Kiristoosin Isin Gahe!
Ayyaanni, kan #Nagaa_Jaalalaafi_Gammachuu Isiniif Haata'u!
#MerryChristmas

Biiroo Barnootaa Oromiyaa
29/04/2017
Finfinnee


Galmeen Barattoota Bara 2017 #Qormaata_Biyyoolessaa_Kutaa_12ffaa Fudhatanii #Amajjii_06/2017 Kan Xumuramu Ta'uun Beekame
----------
BBO- Muddee- 22/2017 Galmeen barattoota kutaa 12ffaa bara 2017 qormaata biyyoolessaa fudhatanii Muddee 08/2017 irraa eegaluun ni beekama.
Galmeen barattootaa kun manneen barnootaa keessatti 'online'n gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, #galmeen_kan_xumuramu_immoo_Amajjii_06/2017 ta'uu Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaatawwan Biyyoolessaa beeksiseera.

Akka biyya keenyaatti, Bara barnootaa 2017 barattootni kutaa 12ffaa qormaata biyyoolessaa ni fudhatu jedhanii eegaman 750,000 yoo ts'an, hanga guyyaa 21/2017tti barattootni 499,000 olii kan galmaa'an ta'uu TMBQB beeksiseera.
Barattoota qormaata fudhatan keessaa 600,000 barattoota idilee yoo ta'an 81% galmaa'uun beekameera.

Dhumarratti Barattootni qormaata biyyeelessaa fudhatan galmee adeemsisaa jiran keessatti ragaa qulqulluufi sirrii ta'e akka guutaniifi guyyaa kenname keessatti akka xumuramu deeggarsi barsiisota keenyaa akkuma kanaan duraa cimee itti fufuu qaba kan jedhu dhaamsa biiroo keenyaa ti.

https://t.me/+6OmwbiAgYc4xZjU0


#Beeksisa_Ramaddii_Barsiisotaa
#######
BBO-Muddee 21/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barsiisota akaakuu barnootaa garaa garaan Appilaayidiin eebbifamanii jiran keessaa filatee qacaruuf Guyyaa 20/01/2017 beeksisa baasee galmeessuun ni yaadatama.
Bu'uuruma kanaan;
#Barsiisonni_gosa_Barnootaa_Afaan_Oromoon galmooftaniifi #maqaan keessan armaan gaditti tarreeffame gaafa 25/04/2017 ragaa barbaachisaa qabattanii Waajjira barnootaa godina #Harargee #Bahaatti akka gabaastan isin hubachiisna.
BBO
#Hubachiisa!
Telegraamii keenyatti fayyadamuun maqaa keessan ilaallachuu ni dandeessu!

Telegram:-https://t.me/+6OmwbiAgYc4xZjU0


16/04/2017
#BEEKSISA
#Qacarriifi_Ramaddii_Barsiisota Barnoota Appilaayidiifi Barnoota Hojii Harkaafi Gochaa Ilaala.

#Maqaafi_Iddoo_Ramaddii keessanii chaanaalii telegraamii keenyaarra ilaalladhaa!

https://t.me/+KQ8NZYjHg5Q1ZTQ0


Students Books-(BBO) dan repost
HOGGANSI BARNOOTAAFI BARSIISOTNI "#MAANUWAALII_HOJIIN_BARNOOTAA_ITTIIN_GAGGEEFFAMU" HOJIIRRA OOLCHUU QABU JEDHAME.
-------------------
BBO- Muddee 11/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa naannoo keenya keessatti qulqullina barnootaa manneen barnootaa keessatti haala walfakkaatuun akka mirkanaa'u taasisuuf, hoggansiifi adeemsi baruu barsiisuu bifa walfakkaatuun hojiirra oolchuun akka danda'amu sanada hojii barnootaa qorannoo irratti hundaa'ee qophaa'e "Maanuwaalii Hojiin Barnootaa Ittiin Gaggeeffamu" jedhu qopheessuufi leenjii kennuun gadi buuseera.
Maanuwaalicharratti hoggansa barnootaa sadarkaan jiran, dura bu'aa manneen barnootaa, supparvaayizaroota barnootaafi barsiisotaaf leenjiin torban tokko fixe bara 2016 kennamuun ni yaadatama.
Haata'u malee hoggansi barnootaafi barsiisotni maanuwaalii kanaan hojii barnootaa gaggeessaa jiran lakkoofsi isaanii baay'ee gadi aanaa ta'ee argameera.
Qulqullinni barnootaa mirkanaa'uu kan danda'u hawwiin otuu hin taane qajeelfamootaafi maanuwaaliwwan qorannoon mirkanaa'an kutannoon hojiirra oolchuu danda'uudha.
Supparviizyiniin barnootaa hoggansiifi ogeessotni barnootaa deeggarsa ogummaa kennuuf biiroo keenyarraa ji'a lamaaf bobba'an rakkoowwan MB keessa jiru adda baasuun deeggarsa kennuun, dogoggora jiru sirreessuun, muuxannoo qooduun, waan dagatame yaadachiisuun hoggansaafi barsiisota keessatti kaka'umsafi fedhii jijjiiramaaf qaban olkaasaniiru.
Walumaa galatti, hoggansi barnootaa godinaalee, bulchiinsa magaalotaa, aanaalee, supparvaayizarootni, dura bu'ootni MBfi barsiisotni haaluma bara darbe leenjii fudhattaniin sanada "Maanuwaalii Hojiin Barnootaa Ittiin Gaggeeffamu" jedhu, keessattuu, hoggansiifi supparvaayizarootn akka barbaadamutti hojiirra oolchuun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf adda dureen hojjachuu akka qaban irra deebiin kallattiin kennameefiira.

Kitaaba - "Maanuwaalii Hojiin Barnootaa Ittiin Gaggeeffamu"
Chaanaalii Telegraamii keenyaa irraa argachuu dandeessu.

Telegram: https://t.me/oeb_book_store


Tolla Berisso dan repost
In order to improve English Language 'Portal Web' prepared for English teachers and students from pre-primary to 12th grade (grade level) are divided into basic language skills; writing, reading, listening and speaking.
Also, Grammar, Vocabulary, Pronunciation, Storytelling are very close.

https://learn-english.moe.gov.et
https://learn-english.moe.gov.et


#Galmeen_Barattootaa_Kutaa_12ffaa_Qormaata #Biyyoolessaa_Fudhatanii_Eegaluufi.
######
Galmeen Barattootaa Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2017tti fudhatan Muddee 6/2017 Karaa Toora Intarneetii (Online) Ni Eegala.
#BARA_KANA
#Manneen #Barnootaa 1,280 ta'an Barattoota isaanii qorsiisuuf qophii taasisaa jiru.
#Barattoota Istriimii Saayinsii Hawaasaa (Social Science) #Walumatti = 90,877
#Barattoota Istriimii Saayinsii Uumamaa (Natural Science) #Walumatti = 128,423 yammuu ta'u walumaa galatti barattoonni 219,300 ta'an qormaaticha fudhachuuf qophii taasisaa jiru.
BBOtti Daayirektarri Madaallii Barnootaa, Qophiifi Bulchiinsa Qorumsaa Obbo Huseen Qaasim galmeen barattootaa Kutaa 12ffaa qormaata biyyoolessaa fudhatanii Muddee 6/2017 kan eegalamu ta'uu ibsanii jiru.
#Galmeen Barattootaa kun karaa toora intarneetii (Online) kan raawwatamu waan ta'eef, bifa qulqullina qabuun akka raawwatuuf barattoonni odeeffannoo guutuufi qulqulluu ta'e qaama isaan galmeessuuf akka kennan, akkasumas hooggansiifi caasaan barnootaa sadarkaan jiru deeggarsa barbaachisaa akka taasisu dhaamaniiru.
#Qormaanni Bara kanaa #Kaarikuleemii #duraanii (Old Curriculum ) kutaa 9fi10 keessaa gaaffiin qormaataa kan bahu ta'uu, #Kaarikuleemii #Haaraa keessaa ammoo kutaa 11fi 12ffaa irraa qormaanni kan bahu ta'uu, hubatanii barattoonni akka ofqopheessan dhaamsi darbee jira.
#Karaa biraan ammoo #Qormaata_modeelaa (model exam) gahumsa barattootaa madaaluuf qormaanni baatii walakkeessa Amajjitti kan kennamu ta'uun beekameera.
Akka waliigalaatti barattoonni keenya bara 2017tti qabxii gaarii akka galmeessaniif kallattii garaa garaan akka deeggaramaniif Biiroon Barnootaa deeggarsaafi hordoffii walitti fufaa taasisaa jira

#Galmeen Barattootaa Qormaata

Oromia Education Bureau 💠


Guyyaa 01/04/2017
#BEEKSISA
Barsiisota Barnoota #Appilaayidii_Marsaa_5ffaafi
#Barnoota_Hojiifi_Gochaa_Marsaa_3ffaa Qacaramtan Hundaaf
----------------
Gara godina/Bulchiinsa Magaalaa ramadamtaniitti deemtan hojii akka jalqabdan isin beeksifna.
Godinoonnifi Magaalotnis simattanii akka hojii jalqabsiiftan haa ta'u.
#Maqaa_keessaniifi_bakka_ramaddii keessanii chaanaalii Telegraama keenyaa irra ilaalladhaa!
#Bara_Hojii_Gaarii_Isiniif_Haata'u!

Telegram: https://t.me/oeb_book_store


Guyyaa 28/03/2017
Oduu Gammachiisaa!
---------------
#Barsiisotaafi_Barattoota_Hundaaf

Afaan Ingilizii Fooyyeffachuufi Dagaagfachuuf 'Portal Web' Qophaa'etti Fayyadamuun Afaan Ingilizii Barsiisotaafi Barattoota sadarkaa 1ffaan duraa (Pre-primary) hanga kutaa 12ffaa jiran hundaafuu sadarkaa kutaa (Grade Level) addaan qoqqoodamee dandeetii bu'uuraa Afaanii; Barreessuu, Dubbisuu, Dhaggeeffachuufi Dubbachuu,
akkasumas, Grammer, Vocabulary, Pronounciation, Story telling dabalatee kan dhihaatedha.

'#Portal_Web' kana meeshaan ittiin fayyadamuu dandeenyu:
- Kompitara
- Bilbila/ 'Mobile phone'
-'Smart TV'
- Tablet' irratti yoo ta'u,
boroosarii(Browser)n ittiin bannu immoo ,
- Chrome
- Edge
- Safari fi biroosariiwwan ammayyaa ta'an kamiinuu fayyadamuu ni dandeenya.

Liinkii asii gadii fayyadamuun tajaajila argadhaa.
Fuula Weebichaa (#Web Page) keessa galuun #haala_fakkeenya_kennameetiin filattanii fayyadamuun ni danda'ama.
#Hubachiisa:- 'Portal Web' kana kan qopheesse Ministeera Barnootaa Itiyoophiyaati.

https://learn-english.moe.gov.et

✔️ https://learn-english.moe.gov.et

Oromia Education Bureau




#Beeksisa_Qacarrii_Barsiisotaa
Biiroon Barnootaa Oromiyaa #Manneen_Barnootaa_Ifa_Boruu_Bultii_Addaa_Sad.2ffaaf barsiisota sadarkaa barnootaa MA/MSC qabanfi Afaanota Biyya Alaa barsiisuu danda'an dorgomsiisee kanneen ulaagaa armaan gadii guutan keessaa filatee hojitti bobbaasuu barbaada.
#HAALUMA_KANAAN
#Afaan Ingilizii MBIBBA Sad.2ffaa #Dodolaa
========
#Afaan Amaaraa MBIBBA Sad.2ffaa #Haramaayaaf
======
#Ikoonomiksii MBIBBA Sad.2ffaa #Amboo #Dodolaa#Nageelleefi #Haramaayaa
===========
#Area Study MBIBBASad.2ffaa #Dodolaa
=========
#Fiiziksii MBIBBASad.2ffaa Dodolaa
Yammuu ta'u; #Afaanota_Biyya_Alaa Ammoo
#Afaan Arabaa MBIBBASad.2ffaa #Amboo
==========
#Afaan Faransaay MBIBBA Sad.2ffaa #Najjoo
=======
#Afaan Chaayinaa MBIBBA Sad.2ffaa Yaabeelloofi Dodolaaf qacaruu waan barbaaduuf kanneen ulaagaa guuttan Manneen barnootaa Bultii Addaa 7nu keessattiifi BBOtti galmaa'uu kan dandeessan ta'uu hubachiifna.

#Ramaddii Ramaddii Ramaddii

Oromia Education Bureau




Guyyaa 10/03/2017
#ODUU_GAMMACHIISAA
-----------------

Mootummaan Rippabiliika HANGAARII lammiilee biyya keenyaatiif carraa barnootaa bilisaan kennuuf waadaa galteerti.

Mootummaan R. Hangaarii A. L. Awurooppaatti bara 2025 irraa eegalee #waggaa_waggaan_namoota 100 fudhatee bilisaan

Barnoota irratti Yunivarsitootni biyya keenyaafi biyya Hangaarii walitti dhufeenyaafi wal deeggaranii waliin hojjachuuf sanada walii galtee kan mallatteessan yoo ta'u, gara biyya keenyaatiin Ministeera barnootaatti, Ministeer Deetaa Misooma Barnoota Olaanoo obbo Korraa Xushuneefi gara Hangaarii irraa immoo, Itiyoophiyaatti Ambaasaadara Hangaarii Ambaasaaddar Atiillaa Koppaanii ta'uun beekameera.
yunivarsiitiiwwan biyya isaaniitti akka barsiisu waadaa galeera.
Hangaariin biyya Awurooppaa keessatti argamtu yoo taatu, magaalaan guddoon ishees Budaapeest jedhamti.
#Maddi_odeeffannoo:- Fuula FB Ministeera Barnootaa Itiyoophiyaa irraa arganne.

#scholarship #Free #scholarship


Beeksiisa_Ramaddii_Barsiisota_Appilayidii_Marsaa_3ffaa_bara_2017.pdf
10.2Mb
#BEEKSISA_RAMADDII_BARSIISOTAA
Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksisa baasee qacarrii barsiisotaa ogummaa garaa garaan eebbifaman keessaa calalee akkaataa armaan gadiin ramaddii raawwatee jira.
#Barsiisonni ramadamtan hundi gaafa guyyaa 6/03/2017 irraa kaasee #Waajjira #barnootaa #godinaalee fi #Bul.Magaalotaa Ramadamtanitti akka gabaastan hubachiisa.

#ODEEFFANNOO_DABALATAAF

#Facebook:-Https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa

irratti argachuu kan dandeessan ta'uu beeksifna.

Oromia Education Bureau 💠


#Barnoota_Qaqqabamaa_Gochuuf #Teeknoloojiitti_Fayyadamuun #Murteessaa Ta'uun Ibsame
########
Sadaasa, 6/2017 Istuudiyooleen Buufata Tamsaasa Barnootaa Raadiyoo #Gimbii, #Goobbaa, #Goree, #Sandaafaa, #Haramaayaafi #Yaabelloo qophii tamsaasa barnootaa Afaana Amaaraa barattoota akka Afaan dhalootaafi Afaan lammaaffaatti barataniif tamsaasa seemisteera lammaffaa iskiriiptii qophaa'e gulaalaa jiru.
Gulaallii iskiriiptii kana Hog.Itti Aanaa BBO Dr.Kaasaahun Galaanaa irratti argamuun jalqabsiisaniiru.
Barnoota lammii hundaaf qaqqabamaa gochuufi qulqullina isaa mirkaneessuuf filannoo jiru hundatti fayyadamuun barattoota biraan gahuun dirqama akka ta'e ibsuun, kana milkeessuu keessatti kutannoo hooggansi BBO qabu ol'aanaa ta'uu ibsanii jiru. Akkasumas meeshaalee gama tamsaasa barnootaa guutuufi tamsaasni barnootaa karaa Raadiyoon darbuuf istuudiyooleen buufata barnoota raadiyoo gahee guddaa akka qabanis dabalanii ibsaniiru.
Akkasumas bakkeewwan hanqinni darbee darbee mul'atutti ammoo dabaltaan barnoota
tekinoloojiidhaan furuuf fala yaadame waan ta'eef, iskiriiptiin qophaa'e dafee gulaalliin isaa raawwatee hatattamaan waraabbiitti akka seenamuu qabu dabalanii ibsaniiru Dr. Kaasaahu.
Qophiin iskiriiptii kun barnoota afaan Amaaraa kutaa 5ffaa hanga 8ffaa yoo ta'u barattoota akka afaan dhalootaafi afaan lammaffaatti barataniif qaqqabamaa gochuuf kan hojjetamudha.
Gosa barnootaa kaanis Raadiyoon kennamu tamsaasni isaa akka addaan hin cinneef rakkoolee mudatan adda baasuun caafii hundatti manneen barnootaa hunda keessatti akka hojjetu gochuuf hojjetamuu akka qabus ibsameera.
Daayirektarri Teekinoloojiifi Miidiyaa Barnootaa Obbo Dassaaleny Waaqjiraa gama isaaniin barnoonni raadiyoon bakka hundatti kennamaa jiru sababa rakkoo xixiqqaan akka addaan hin ciccinneef qindoominaan akka hojjetamuufi barattoonni keenya tekinoloojiin akka deeggaramaniif BBOn hojii bal'aa hojjechaa akka jiruufi cimee akka itti fufu himanii Itti gaafatamtootaafi ogeessota Istuudiyoolee tamsaasa barnoota Raadiyoof dhaamaniiru.
Akka walii galaatti barnoonni gama hundaan kennamu qulqullinni isaa akka mirkanaa'uuf Hooggansi BBO qaamolee deeggartootaafi hawaasa sochoosuun bu'aan barbaadamu akka dhufuuf kutannoon hojjetaa jira.

Tamsaasawwan......................⭐️

OROMIA EDUCATION BUREAU 💠


Qajeelchaafi Maanuwaaliin Barreessuu, Dubbisuufi Herreguu Barattootaa Fooyyessuuf Qophaa'ee Bu'aa Agarsiise Jedhame.
-------
BBO-Sadaasa 01/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Qajeelchaafi Maanuwaalii barattoota kutaa 1-4
#1_Afaan_Oromoo_dubbisuufi_barreessuu fi
#2_Lakkoofsaafi_Herrega_Shallaguu dandeessisu qopheessuun manneen barnootaatiif ergee ture barattoota irratti fooyya'insa olaanaa fiduu isaa barsiisotni duula dubbisuu, barreessuufi Herrega shallaguu dandeessisuu barattootaa irratti hirmaatan dubbataniiru.
Biiroon Barnootaa Oromiyaa daa'imman bu'uura irraa cimsuuf Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu kuma 16 ol waggoota 3 keessatti hirmaannaa hawaasaatiin ijaaruun, faasiliitii MB hanga danda'ameen guutuun, daa'immaniif nyaata dhiheessuun(harcaatiin akkuma jirutti ta'ee), barsiisota koollejjoota adda addaa irraa dippiloomaan eebbifaman ji'a 2f leenjii dabalataa kennuun 90% ol dubartoota qacaree daa'imman akka barsiisan taasisaa jira.
Manni Barnootaa Bu'uura Boruu daa'imman mana barnootaa idilee kutaa 1ffaa galuun dura umrii 5-6 tti Bu'uura Boruu Gulantaa 1ffaa fi Gulantaa 2ffaa keessa akka darban taasifamee hojjatamaa jira.
Daa'imman MB Bu'uura Boruu keessatti dubbisuu, barreessuufi Herrega salphaa ta'e shallaguu akka danda'an mala baruu barsiisuu hirmaachisaafi hawwataa ( taphaan, faaruun, sheekoofi . . ) ta'een barsiisuun gara kutaa 1ffaa dabarsuudha.

Haata'u malee daa'imman tokko tokko Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu keessa otuu hin darbin umriin isaanii waggaa 7fi ol ta'an kutaa 1ffaa kallattiin waan galaniif qubeefi lakkoofsa otuu adda hin baafatin, dubbisuu, barreessuufi herrega shallaguu bifa wal fakkaatuun waan hin dandeenyeef "#Duulli_Dubbisuu_Barreessuf #Herrega_Shallaguu dandeessisu bara 2016 irraa eegalee fuulbaana keessa guyyaa manneen barnootaa banaman irraa kaasee #torban_barnootaa_6 barattoota kutaa 1-4 jiran #barsiisotni_hunduu_akka_irratti_hirmaatan ta'ee labsameera.

Kanuma ka'umsa gochuun duula torban jahaaf taasifamu kana galmaan gahuuf Qajeelchaafi Maanuwaalii qophaa'ee hojiirra oole Afaan Oromoo dubbisuu, barreessuufi Herrega shallaguu daa'immanii irratti fooyya'insa guddaa fiduusaa barsiisotni duula irratti hirmaatan dubbataniiru.

Gahumsa dubbisuu, barreessuufi Herreguu barattootaa fooyya'aa ta'uusaa #hojii_supparviizyinii_barnootaa_hogganaa_BBO Dr. Tolaa Bariisoo #torban_darbe_keessa #Godinoota Booranaa, Boorana Bahaa, Gujii, Arsii Lixaafi #Bulchiinsa_Magaalota Adoolaa Wayyuu, Shaashamanneefi Maayaatti manneen barnootaa daree galuun daawwatameen kan mirkanaa'e ta'uun hubatameera.

Qajeelchaafi Maanuwaalii #Afaan_Oromoo Dubbisuufi\Barreessuu akkasumas Qajeelfama #Lakkoofsa_Herreguu daa'immanii gargaaru kana #qaamniifi_maatiin daa'imman isaanii gargaaruu barbaadu hundi akka itti fayyadamuu danda'u chaanaalii telegraamii keenyaa irraa argachuu/buufachuu/ ni dandeessu.

Telegram:
https://t.me/oeb_book_store

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.