Postlar filtri


Exit Exam Schedule - Full 2017 ABDII SABAA.xls
201.0Kb
#ExitExam

Qormaanni ba’iinsaa biyyoolessaa Amajjii 26-30, 2017 akka gaggeeffamu beekamaadha.

Sagantaan qormaataa, sa’aatii qormaataafi wiirtuuwwan qormaataa kunooti.
#AbdiiSabaa

http://t.me/OromiaStudent_s
http://t.me/OromiaStudent_s


Daa’ima bifa suukanneessaan gudeedamtee ajjeefamtee fannifamte.

Simboo Birhaanu jedhamti. Umriin ishii 10. Daa’imti kun haala suukanneessaan erga gudeedamtee booda ajjeefamte.

Godina Shawaa Lixaa aanaa meettaa walqixxee magaalaa walqixxeetti gochi baay'ee sukkaneessaan raawwatameera. Simboo Birhaanuu Baqqalaa umrii waggaa 10 ti. Erga gudeedamtee booda haala suukanneessaan fannifamtee kan argamte yommuu ta’u haga yoonaa qaamonni yakka kana raawwatan seeratti hin dhihaatin jiru.

Biyyattii keessatti yakkoonni suukanneessoon akka kanaa irra deddeebiin mudachaa jira. Yeroo ammaa kanattis haalli kun yaaddoo guddaa uumee jira.

Miidiyaan Oromia Times haala sukanneessaan ajjeefamuu kichuu Simboo Birhaanuu Baqqalaaf gadda guddaa itti dhaga’ame ibsaa, haqummaan ishee akka ba’uuf hawwa!

http://t.me/OromiaStudent_s
http://t.me/OromiaStudent_s




#OduuAmmee

Lubni Balay Mokonniin fa’aan hidhaa cimaa fi maallaqaan akka adabaman Manni Murtii Olaanaa Federaalaa itti murteesse.

Manni Murtichaa Ramadii Lidataa Dhaddachi 3ffaa Dhimma Yakkoota Malaammaltummaa Daddachaa har’a ooleen, Luba Balaay Mokonniin invastimantii qonnaarratti kan bobba’e Iyyaasuu Indaalee, hojii koomishiniirratti kan bobba’e Barakat Mulaatuu fi Alamganaa Saamu’eel akkasumaas Hoji Gaggeessaa Niimoonaa Waldaa Daldalaa Dhuunfaa Itti Gaafatamnii Isaa Murtaa’e Abarraa Margaa irratti himannaa baname ilaaleera.

Himatamtoonni ajajni kaffaltii kamuu utuu hinkennamne, himatamtootaaf kaffaltiin garaagaraa akka raawwatuuf, sanada kaffaltii sobaa Doolaara miiliyoona 6 fi kuma 50 karaa himatamaa 1ffaan baankiif dhiyachuu eeruun himatamtoota lameen hojii malaammaltummaa gowwoomsaa cimaan himachuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan himatamaa
👉 1ffaa Luba Balaay Mokonniin hidhaa cimaa waggaa 5 fi maallaqa Birrii kuma 10’n akka adabaman.

👉Himatamtoonni 2ffaa fi 3ffaa ammoo tokkoon tokkoo isaanii hidhaa cimaa waggaa 3 fi baatii 3’n akkasumas Birrii kuma 3’n akka adabaman itti murteesseera.

http://t.me/OromiaStudent_s
http://t.me/OromiaStudent_s




#Beeksisa Waamicha
#Yuunivarsiitii _Dabra_Birhaan

Barattoonii Sagantaa fooyya'iinsa (Remedial program ) haara bara 2017 Yuunivarsiitii Dabra _Birhaanitti ramadamtan guyyaan galmee gurraandhala 6 fi 7/2017 ta'uu Yuunivarsiitichi beeksisee jira.

Moora itti ramdamtan beekuuf: kara liinkii :https://tinyurl.com/dbu-rcp-2017 kanaan seenun lakkofsa admiishiini (admission no.) Keessan galchuun beeku akka dandeessan Yuunivarsiitichi beeksise jiraa.

#Hubachiisa
Moora itti ramadamtaniin alatti kan hin keessummeefamne ta'uu Yuunivarsiitichi ibseeti jira.

Wantoota galmeef barbaachisan:-

Ragaa Xumura Kutaa 8ffaa fi 12ffaa kooppii fi orijinaala
tiraanskriiptii kutaa 9-12ffaa kooppii fi orijinaala
Suuraa roga 3×4:4
Uffata qorraa, ansoola, tiraascarqiifi uffata ispoortiiti.

http://t.me/OromiaStudent_s
http://t.me/OromiaStudent_s


#Beeksisa Waamicha
#Yuunivarsiitii _Dabra_Maarqoos

Barattoonii Sagantaa fooyya'iinsa (Remedial program ) haara bara 2017 Yuunivarsiitii Dabra_Maarqoositti ramadamtan guyyaan galmee ammajjii 28 fi 29/2017 ta'uu Yuunivarsiitichi beeksisee jira.

Iddoon Galmee :barattoota damee Saayinsii Hawasaa kan qubeen maqaa jalqabaa isaani A hanga H moora Buree(Bure Campus).
Barattoota Saayinsii Uumamaa kanneen qubeen maqaa jalqabaa isaani A_E ta'eef moora Buree(Bure Campus ).
Barattoonii Saayinsii Uumamaafi Hawaasaa kan hafan ammoo moora guddicha (main Campus ) ta'uu Yuunivarsiitichi ibseeti jiraa.

Wantoota galmeef barbaachisan:-

Ragaa Xumura Kutaa 8ffaa fi 12ffaa kooppii fi orijinaala
tiraanskriiptii kutaa 9-12ffaa kooppii fi orijinaala
Suuraa roga 3×4: 4
Uffata qorraa, ansoola, tiraascarqiifi uffata ispoortiiti.


http://t.me/OromiaStudent_s
http://t.me/OromiaStudent_s


🎓 Your Pathway to Global Education & Scholarships Starts Here!

Ready to take the next big step toward earning an international bachelor’s degree and unlocking exclusive scholarships? This is your moment!

🔹 Insider Guidance: Learn how to access top global universities and win life-changing scholarships!
🔹 Hands-on Application Support: Get 1-on-1 help to complete your application, bring a friend!
🔹 Live Q&A with Experts: Get real answers to all your questions, straight from the source!

📅 Date: Friday, January 31 & Saturday, February 1, 2025
(ጥር 23 ና 24, 2017)
⏰ Time: 9:00 AM - 5:00 PM (ከ3፡00 - 11፡00 ሰአት)
📍 Location: Capstone ALX Tech Hub, Mexico/Lideta

🎯 Limited Spots Available, Secure Yours Now!
👉 https://bit.ly/PathwayInfoSessionV8

Your journey to a world-class education starts right here, right now. Don’t miss out!


#TulluuBoollo

Maashinni maallaqni sobaa ittiin hojjetamu, maallaqa sobaa waliin to'atame

Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Bachoo Magaalaa Tullu Boolloo Ganda Burqaa keessatti Amajjii 17 bara 2017 shakkamtooni lama maallaqa sobaatiin bittaa osoo raawwatanii eeruu hawaasaatiin Birrii kuma 43 fi 200 waliin to'atamuun isaanii ni yaadatama.

Poolisiin Aanaa Bachoo qorannoosaa itti fufuun Bulchiinsaa Magaalaa Walisoo Gandaa Ayyeetuu sakattoo ‎mana jireenyaa Shakkamtootaatti raawwateen maashinaa maallaqa sobaa ittiin hojjetan piirintaara gosa adda addaa lama, maallaqa soba abba dhibba lamaa fi dhibba tokko walumatti Birrii kuma 75 fi 250 akkumaas qalamaa bifa adda addaa afur waliin to'achuu beeksiseera.

Namoonni biroon yakka kana keessaa harka qaban lamas to'atamuu Komishinii Poolisii Oromiyaarraa odeeffanne. #OBN

http://t.me/OromiaStudent_s
http://t.me/OromiaStudent_s


Ameerikaatti Xiyyaarri fi helikoopterri Waraanaa walitti bu'uun laga Potomak jedhamu keessatti kufan.

Xiyyaara Ameerikaa kufte keessaa hanga ammaatti namni lubbuun argame hin jiru.

Jeettiin imalaa hojjettoota xiyyaaraa afurii fi imaltoota 60 feetee kufte, helikooptara keessa ammoo loltoota saditu turan.

Hanga ammaa reeffi namoota sadii argame.#BBC_Afaan_Oromoo


http://t.me/OromiaStudent_s
http://t.me/OromiaStudent_s


Oduu Ammee

Bara dhufu irraa eegalee Yuunivarsiitiin Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa filannoo yunivarsiitii dhaabbilee barnoota olaanoo barattootaaf taasifamu keessatti kan haammatamu ta’a.

Qondaaltonni olaanoo Ministeera Barnootaa Yuunivarsiitii Ittisa Ityoophiyaa daawwannaa hojii taasisaniiru.

Qondaaltonni olaanoo Ministeera Barnootaa Yuunivarsiitii Ittisa Ityoophiyaa tumsaaf daawwataniiru.

Daawwannaa kana keessatti Ajajaan Yuunivarsiitii Ittisa Ityoophiyaa Birgaadeer Jeneraal Kebbedee Raggaasaa imaammatni barnootaa fi leenjii haala amala addaa Yuunivarsiitii Ittisa Itoophiyaa irratti xiyyeeffateen akka bocamu gaafataniiru.

Piroofeesar Birhaanuu Naggaan dhaabbileen ittisaa fi barnootaa ijaarsa biyyaa irratti bu’uura jabaa ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaanis, haala amaloota addaa Yuunivarsiitii Ittisa Itiyoophiyaa tilmaama keessa galchuun fooyya’iinsa imaammataa fi qajeelfama gara fuula duraatti taasifamu hojiirra oolchuuf gumaacha akka taasisan ibsaniiru.

Ministirri kun akka ibsanitti, sababa lakkoofsi barattootaa dhaabbilee barnoota olaanoo biyyatti seenan hir’achaa dhufeef hanqinni galmee barattootaa akka hin uumamneef, bara dhufu irraa eegalee Yuunivarsiitiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa tarree yunivarsiitiiwwan Ministeera Barnootaa keessatti akka hammatamuu ni hojjenna jedhaniiru.

Daawwannaa kanarratti miseensonni boordii yunivarsiitichaa fi qondaaltonni olaanoos argamaniiru.
Ministeerri Barnootaa qulqullina barnootaa yunivarsiitichaa fooyyessuu fi deeggarsa taasisuu irratti tumsaan hojjechuu akka itti fufu akeemeera.

Haaluma kanaanis bara dhufu irraa eegaluun barattoonni yommuu kutaa 12ffaa xumuruun Yuunivarsitii guutan Filannoo isaanii Yuunivarsitii Raayyaa ittisa biyyaa akka taasisan filannoon akka dhihaatuuf ni eegama!

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s






"Galmee mana barumsaatif waraqaa eenyummaa dijitaalaatu barbaachisa" :-Mootummaa

Itoophiyaatti bara barnootaa dhufu irraa eegalee galmee mana barumsaaf waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa akka barbaachisu mootummaan beeksisee jira.

Kanaan dura galmee manneen barnootaatiif kan tajaajila ture ragaa dhaloota daa’imaa dhiyeessuun akka ture kan beekkamuudha.

Haaluma kanaan bara 2018 irraa eegalee karoorri haaraan daa’imman umuriin isaanii waggaa shanii ol ta’e ID dijitaalaan galmaa’uu fi baayoomeetirii akka kennamu kan hayyamu ta’uu ibsameera.

Daarektarri Olaanaa Sagantaa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa Itoophiyaa kan ta’an Yodaahee Zamikaa'el, barbaachisummaa waraqaa eenyummaa dijitaalawaa naannoo mana barumsaa keessatti qabu olaanaa ta'uu dubbatan.

Mootummaan bara 2030tti waraqaa eenyummaa Faayidaa namoota miliyoona 90f kennuudhaaf kan karoorfate yoo ta'u, yeroo ammaa kana namoonni miliyoona 11.4 ol waraqaa eenyummaa kana argataniiru.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


#Exit_Exam

Qormaanni bahiinsaa Amajjii 26 hanga Amajjii 30tti kan kennamu ta'a.

Qormaanni bahiinsaa sagantaalee digirii jalqabaa Amajjii 26-30, 2017 akka gaggeeffamu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Qormaanni bahiinsaa kun qoramtoota haaraa fi kanneen irra deebiin qoraman hundaaf akka kennamu ministeerichi ibseera.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s

15 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.