Walaloo Jaalalaa™


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha


Walaloo jaalalaa toora kanaan ni argattu, walaloo jaalalaa yoo qabaattan share nuuf godhaa
https://telega.io/?r=PjtD_s9j
Buy ads: https://telega.io/c/Walaloo_jaalalaa24
Contact: @Getu_Abera

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Statistika
Postlar filtri


Hiriyaa Dhugaa

Hiriyaan dhugaa
Fakkeenya jiruutii
Hedduu waljaallatu
Akkuma tiruutti

Eenyut adda baasa
Dhufu malee duutii
Hiriyaan dhugaa
Kan waljaalatuuti

Warqiif meedaaliyaa
Miti kennaa namaa
Jaalalaaf tokkummaa
Baay'eetu beekamaa

Qaamaan fagaatanus
Qalbiidhaan walfaanaa
Hiriyaa dhugaa malee
Eenyu walitti Aanaa

Dhiiras Ta'ee Dubaraa
Namni Hiriyaan Tolaa
Rakkinaaf dhiphinaa
Walirraatii Qolaa

Kan gatiinsaa qaalii
Yoomuun jirre gabaa
Hiriyaa kee kunuunsi
Eeyyee kun si darbaa

𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕


😒
           👇
✨。\|/。🌺
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。🟣
       #share
         #join


🟥 Best 10K+ Channels Followers Welcome click here and add join us ➡️ JOIN 🚩

    🍰MORE JOIN  🕯
   🍰 MORE JOIN 🕯
ᥲძძ ᥡ᥆ᥙr ᥴһᥲᥒᥒᥱᥣ

𝙰𝚍𝚍 𝚢𝚘𝚞𝚛 𝙲𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
📌 Channel keessan tolaan nu waliin beeksifadhaa

Free Promotion: @Getu_Abera


SPEAK ENGLISH dan repost
❤️ ✍️ "Miira jaalalaa namatti dhaga'amu parsantiin 70% maal akka ta'e beektuu?...." ➡️ As tuquun dubbisaa.

🔜 See More
See More


✏️ Best 10K+ Channels Followers Welcome click here and add join us ➡️ JOIN 🚩

    🍰MORE JOIN  🕯
   🍰 MORE JOIN 🕯
ᥲძძ ᥡ᥆ᥙr ᥴһᥲᥒᥒᥱᥣ

𝙰𝚍𝚍 𝚢𝚘𝚞𝚛 𝙲𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
📌 Channel keessan tolaan nu waliin beeksifadhaa

Free Promotion: @Getu_Abera


Kennaa koo

Sin jaalladha hedduu
Humdumaa gararraa
Gonkumaa hin yaadu
Adda ba'uu sirraa

Bifaafi amalakeen
Hundumaa guutuu
Jaalalaaf kabajakee
Xinnaaf Kan simattu
Aadaaf amantaakeef
Kabaja Kan laattu
Dhuguma ati kennaadha
Kan anaaf maltu

   Yoomiyyuu an keeti
    Qalbiinkoo si  yaada
    Sagalee kee suusii
   Natti ta'e araada
Waadaa eeggannee
Waliin haa turru
Ormaaf bakka qabu
Ani sin jijjiiru

😒
           👇
✨。\|/。🌺
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。🟣
       #share
         #join


Guyyoonni hamtuu
Kan darban kaleessa
Gaafan taa'ee yaadu
Gola sammuukoo keessa

Dhiphinniif gaddi koo
Yaaddoon darbe hundi
Inni ani keessa taa'ee
Na dhabsiise abdi...!

Inni yeroo sanaaf
Natti ta'e gaara
Har'a kolfaa yaaduuf
Humna naaf ta'eera!

Kanaaf nan jabaadha
Humna koo kuufadhee
Mo'ichas nan argadha
Abjuu koo uffadhee

Raasee na dammaksa
Cufaas cabseen ba'a
Guddaadha humnikoo
Dhagaa dhooseen ka'a

😒
          
✨。\|/。🌺
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。🟣
       #share
         #join


Hin Dubbanne malee
------------------
Nan fiige, nan kaadha
Hidhaa hiikuu na dirqe
Nan kuuse nan baadha
Abdii yaaddoon marqe
~
Kanaaf jedheen.....
Siif Ijaaraan jira; ijaaraa
Kaasuun dadhabe malee
Si yaadaan jira; si yaadaa
Dhufuun dadhabe malee
~
...Yaadan qabu fixadhee
Iyyaaf wixxisan hiradhe
Bitaaf mirgaa natti duule
Malee yooman maraadhe
~
Waan qabe nas qabe
Hin teenye humnaafuu
Humna na caale malee
Maaltu ta'aree anaafuu
~
Hin dubbanne malee
Hin taane jiraan jiraafuu
Akka naan hin jennellee
Hin dhiifne an garaafuu

😒
           👇
✨。\|/。🌺
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。🟣
       #share
         #join


Dhangaa jechootakee
Qalbiikoon sooradhee
Abdii keessa taa'een
Jaalala kee horadhee
Yaada kaatee guluftu
Booqaa birraa barii
Jaalalli kufteen kuftu
Naaf koottu bararii...
Gaaffii jaalalaa koof
Gatii kee barbaanna
Waan mana keef-koo
Wal wajjin hirmaanna
Waamichan siif qabe
Seenaa wal gaafanna
Cinaachan siif cabe
Dharraa wal baafanna
Dhaaphuu itti kolfi
Ittiin siin haa ba'u
Hunduma keenyallee
Ittiin nuun haa ga'u

😒
           👇
✨。\|/。🌺
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。🟣
       #share
         #join


➡️ Utuu lafa kana irra dhiironni qofti jiraatanii Shamarran hin jiran ta'ee, ardiin kuni dirree Waraanaa,...➡️ See More

↪️ See More
       See More


Dhiironni lafa nageenyi jiru qubatu, shamarran qabannaa tolan nageenya fidu, lameenuu waliin adeemuuf eeggannoolee 5 gochuun barbaachisaadha....➡️ See More




Y o o m i ?

Kan yaadni wal tumsee,
Qalbii naaf dagalu,
Miirrikoo gamtoomee,
Alaa anaaf galu?

Y o o m i ?

Kan faanni boqotu,
Barbaachi dhaabbatu,
Argatee gammadee,
Naftikoo gabbatu

Moo wantichi,

Dachee kana irratti,
Argachuu fi dhabuun
Dabaree naqattee,
Dhokachoo taphatti?

😒
           👇
✨。\|/。🌺
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。🔻
       #share
         #join


Asoosamaa fi Walaloo dan repost
Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
👉 Walaloo Leta Kenei
• Hawwii Ilma Namaa •

@Asoosamaafiwalaloo


Beenu
~
Dhiisi jennaan didde
anaan na dhaga'uu
Namni hundi garuu
akka koo siin ta'uu
~
Beenu erga feetee
barbaadi kan biraa
Rabbi kan naaf uume
anaafis ni jiraa

@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24


✅ Warri Dogs hojjechaa turtan baga gammaddan!

Amma yeroon itti baafattan dhufee jira... namoonni gurgurachuu barbaaddan keessaan na quunnamaa
➡️ @Getu_Abera


Deemtee hin fagaattu
Nattis hin dhiyaattu
Yaada waliin hirta
Fuullee kiyya jirta

Yookaan aachi hin siqxu
Yookaan natti hin hiiqxu
Giddu gidduu taate
Garaakoo na nyaatte

Anis akkumakeeti
Murtoo cimaan dhabe
Garaa murachuufis
Inuman dadhabe

Elaa...
An daa'ima miti
Kan dalga baatamu
Takka na jibbitee
Takka hin jaalatamu!

Haqasaan dubbadhaa
Atis haqa dubbadhu
Garaakoon muradhaa
Garaakee kutadhu

Waanuma fedheefuu
Murtoon kan abbaati
Garaan murtoo dhabe
Dhukkuba abbaati!


            👇
✨。\|/。🌺
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。💎
       #share
         #join


Hunduu Waan Qabu Kenna!
•═•
Lagni bishaan siif kenna
Gaafa ati dheebottu
Manni ho’a siif kenna
Gaafa ati dhaamottu
Muka bosonaa argatta
Kan mana ittiin ijaartu
Galaanni immoo qurxummii
Kan affeellattee nyaattu

Mi’a gatii jabeessa
Gabaa qaalii irraa argatta
Riqicha bishaan qabu
Bidiruudhaan dabarta
Waan hin qabne argachuuf
Isa qabu harka ilaalta
Atis waan qabdu hiixadhu
Xiqqaatu tokko in caalta!

Garuu......

Xaddee foon hin kadhatin
Qoraattiin si waxalti
Salphoo ulfina hin kadhatin
Udaaniin siqabatti
Machooftuu hin hammatin
Bulgaatiin si lollaati
Nama badii hin qoccolin
Dhuftee hiriyaa kee taati
Addaggeetti hin shirkoomiin
Mataa irratti ol si baati
Daa’ima qullaa hin baatin
Wayyaa kee irratti albaati

Kotte duudaa hin hooksiin
Ilkaantu sirraa dhuma
Hunduu waan qabu kenna
Jireenyatu akkasuma.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
✨。\|/。🌺
Walaloo Jaalalaa


Reefun Hubadhe ✍️

Yeroo ati anaaf jettee
Aarsaa guddaa kanfalte
Homaa natti hin fakkaanne
Yaadattuu hin qabanne

Yeroo ati anaaf jettee
Hiriyoota keen jibbamtu
Sammuun koo hin xinxalle
Natti hn dhaga'amne homtuu

Anoo gootuman of se'e
Yeroo ati na gabbartu
Yeroo ati anaaf jettee
Karoora kee haqxu

Garuu,....
Dhugaan isaa kana miti
Kan ati hunda gootuuf
Ani adda taanan miti
Kan ati naaf yaaddus

Jaalalaaf dursa laatte
Ofiikee gadi ofqabdee
Waan narraa hawwitus
Hunda narraa dhabdee

Hedduu naaf obsitee
Na dhaggeeffatteerta
Anatu si hin qaqqabne
Har'a fagaatteerta
Yoomuu si hin dagadhu
Onnee koo keessa jirta

#Miss_U_Love 😭

            👇
✨。\|/。🌺
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。💎
       #share
         #join


Ani fi Ati

Ijaan wal argina
Qalbiin wal darbina

Qamaan - Waliin fiigaa
Yaadan - Wal diddiigaa

Irra dibaa - Soba kolfaa
Keessa keessa - Wal o'orfaa

Hin fakkannee fakkeessina
Waan hin taane odeessina
Qoraan baaqqee bobeessina
Mi'aa jechaa hadheessina

Jiruun keenya duuwwaa dhoraa
Hireen keenya adda goraa

Mee maal baasuf dhama raasna
Kottu...
Adda baanet adda baasna.



@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24


Aduu 🔘

Miirakoo To'attee
Na Tasgabbeessita
Hamilee Natti Hortee
Ana jabeessita.

Gaafan Abdii Kutee
Yaannikoo Jeeqamu
Gaafa Hunduu Dide
Maqaa Kankoo Waamuu,

Dallanee Itti Dhiisee
Aarin Yoon Suntuuru
Dafee Natti Argama
Harki Kan kee hin Turu.

Kaan Waliif Birmata
Ulaagaa Lakkaa'ee
Kaan Wal Teessifata
Teessoo Irraa Ka'ee.

Kaan Lagaan Wal Waama
Gandatti Deebi'ee
Kaan Sanyii Himata
Hidda Isaa Lakkaa'ee.

Inni Keessa Qabne
Ulaagaa Isaanii
Homaa Gatiin qabu
Dafqi Isaa Bishaani.

Kansaa Hin Mul'atuu
Ulaagatuu Dhokse
Gaari Inni Dalage
Jallinatti Maqse.

Fedha Uumaa Taanan
Fudhachuun Hin Oolu
Waan Waaqni Sirreessuuf
Ani Nama Hin Lolu.

Hunduu Arguuf Jira
Gatii Isaa Safaree
Gaaftokko Nan Kolfa
Anis Hamman Aare.

Gatiin Dadhaboota
Waaqa Biraa Hin Badu
Nuufis Baasaa Jira
Kan Hin Dhaamne aduu.

             ⬇️
✨。\|/。🌺
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。💎
       #share
         #join


Nan ilaalle Namuu ...✍️

Akka allaattii koochoo cittuu
Osoo-n gatantaraa deemuu
Natti bubbu'aa darbu malee
Achi nan ilaalle namni kamuu

Dhugee machaa'e na se'u
Marti guutuun gabaa
Rakkoo koo osoon hubatin
Martuu quba natti qaba!

Isa rakkoon na macheessee
Yandoon yaadaa na coratu
Tuutaan hamiif gurra qeensanii
Waa'ee koo waliin wal-qoratu!

Silaa namummaa qabaattee...

Osoo Gurraan dhageessuu
Osoo Ijaan argituu
Miidhagaa miidhame argaa
Dhiistee bira-n darbitu! 🙏

             👇🏾
✨。\|/。🌺
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
💜。/|\。💎
       #share
         #join

Rakkoo hin Qabu 🙌

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.