Yerusaalem Haaraa


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha
Toifa: Din


Barnoota Dhufaati Goofta Yesus, Dhugaa Wangeelaa, Taate Bara Dhumaa, Qo'annaa Macaafa Qulqulluu, Kitaabilee hafuuraa PDF fi kan kana fakkaatanidha.
Buy ads: https://telega.io/c/Yerusaalem_Haaraa

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Toifa
Din
Statistika
Postlar filtri


🚩 "Miira jaalalaatiin baay'ee miidhameen gorsa barbaada... See More

▶️"Ergaalee jaalalaa 5n kana dhiironni adda baafatanii beekuun irra kan irra jiraatu,...➡️ See More

          👇👇👇
   👉 See More  👈
   👉 See More  👈
           👆👆👆


🚨 Hariiroo Jaalala sirrii,..↪️ See More


🚩➖🎆 BAGA NAGAAN DHUFTAN🎄🚩

👋 Channelee filatamoo kanneen hin qabdan taanan gadi tuquudhaan join, follow taasisaa!

╔┓┏╦━━╦┓╔┓╔━━╗
║┗┛║┗━╣┃║┃║╯╰║
║┏┓║┏━╣┗╣┗╣╰╯║
╚┛┗╩━━╩━╩━╩━━~


🔵 Channelee Barnootaa fi beekumsaa akkasumas odeeffannoo barbaaddan hunda irraa argachuu dandeessan kanneen tuquudhaan join taasisaa!


Join All Channel
➿➿➿➿➿➿
┃_
@Gaggeessummaa 🥇
┃_
@Barruu_Beektotaa 🗣️
┃_
@Reading_PDF 📚
┃_
@Arara_tv_world_wide ❤️
┃_
@JCP_CHURCH 🛰
┃_
@marsiltvworldwide 📺
┃_
@Gaaela_Gaarii 🎀
┃_
@Singer_Megertu_Official 🎤
┃_
@Yerusaalem_Haaraa 🎙
┃_
@Kakuu_Studio 📺
┃_
@Lebamsett 💔
┃_
@Spiritual_PDF
┃_
@Coba_Yaadaa 🔵
┃_
Hariiroo Jaalalaa 🌷
┃_
@Computer_Soln 🖥
┃_
Researchers Review ☁️
┃_
@Getu_Official ❤️
┃_
@Facts_and_quotes123
┃_
@MIIRA_JECHOOTA ‼️
┃_
@Seenaa_Tube ⭐️
┃_
@Sona_Official1 🌹
┃_
@kutannoo123
┃_
@Walaloo_Faaruu🎙
┃_
@Spritpoem 🔔
┃_
@DirreeGN ▶️
┃_
@Walaloo_hafuuraa24 😀
┃_
@Kii_Sii ❤️
┃_
@kuusaa_Kitaabota_Haaraa
┃_
@Naar_dos 🧔
┃_
@Daandii_Guddinaa ♨️
┃_
Oro Inspire Center
┃_
@Walaloo_Jaalalaa24 ❤️
┃_
kottaakolfaa 😂
┃_
@Dhimma_Fayyaa 💊
┃_
@Gorsa_Ganamaa ❤️
┃_
@AsoosamaafiWalaloo 📜
┃_
@Afoola_Oromoo24 ✍️
┃_
@Walaloo_jaalalaa24 ❤️
┃_
@Kutannoo123 📌
┃_
@top_books_store 🗂️
┃_
@Gech_pdf 📚
┃_
@MarsilTvWorldWide 💢
┃_
@gaggeessummaa24🕖
┃_
@miira_jaalalaa ❤️
┃_
@hariiroo_jaalalaa ❤️
┃_
@Online_job724 💰
┃_
@Amharic_proverb
┃_
@Maaranaataa_Yesuus ✉️
┃_
@Dirree_Faarfannaa
┃_
@Now_speak_English
┃_
@revealjesus 📕
┃_
@Spoken_English24 🎓
┃_
Plumbing Work 🚰
┃_
@Academy_365😀
┃_
@gitim_alem
┃_
@ethioacadamic ✍️
┃_
@haadha_manaa_ogeettii ❤️
┃_
@DayStarBooks 📚
┃_
@Gaggeessummaa 🥇
┃_
@xinsammuu1 😀
┃_
Christian Living 📖
┃_
Kottaa Kolfaa 😁
┃_
@Diraamaa_Hirkoo99 📷
┃_
@oro_liverpool_fc 🏅
┃_
@Walaloo_Faaruu 📱
┃_
@Dirree_Faarfannaa 🎸
┃_
@academic_research_center📕
┃_
Kottaa Kolfaa 😁
┃_
Idea Creative🔝
┃_
@Jaala_Dhugaa ✉️
┃_
Best Classicals 🎧
┃_
Garee Telegram Banaa
┃ 👇👇
┃_
@Daandii_Guddinaa 🔊
┃_
@caaffata_qulqullaaa 📖
┃_
@research_helping 📝
┃_
@orotv24 📺
┃_
@learningtips123 🚸
┃_
@graphicsmaker123 🧩
┃_
@gaggeessummaa_com 🔔
┃_
@real_Madridfc123 8️⃣
┃_
@gaaela_gaariifamily 🧾
┃_
@dubbiilee_hayyootaa 💡
┃_
@dirree_bohaartii 😀
┃_
@Dargaggootaaf1 👭
┃_
@haadhamanaaogeettii ❤️


┃_
➿➿➿➿➿➿
Join All Channels

@hopepromotion 🎺
@bittaafigurgurtaachannel 😀

Contact: @Getu_Abera


YOO TUFFATAN MALEE
_____

Gaaf-tokkoo Adurreen beeloftee waan afaaniin qabdu dhabde. Ergaa teesse itti yaaddee maalli tokko dhufeef “. Dorgoommi badhaasa guddaa qabuu tokko yoon baasee badhaasicha barbaacha hantuutonni ni dorgomu yeroo sana Qabadhee nyaadha “ jettee murteessite.

Kanuman akka arman gadii kana baafte Beeksiisa : Qaama ilaallatu hundaaf .dhimmi isaa waammicha dorgoommi ta’aa. Guyyaa har’aa kanatti Hantuutni dhufee Funyaaniif Afaan koo gidduu yoo darbee Badhaasa qarshii 1000 Argata”” kan jedhuu ture. .

Maarree Hantuunnis boolla isaa keessa ta'ee beeksisicha bahe dhaggeefatee booda ”” Beeksiisa bareedadha….Garuu maal godha Gatii tolee Karaa bade “” jedhee jedhama

Agartaanii waamichicha .

Keessi isaa Waa qaba .” Yaa qotiyyoo marga argitee malee Boolla hin arginee” jedha Oromoon .Waamicha Seexanaa, Waaamicha biyyaa lafaa tuffadhu Obbolleessa, obboleetti. Erga Gara warra Ibroota 11: 24 Museen yeroo guddate amantiidhaan ilma intala Fara'oon jedhamee waamamuu dide. Yeroo gabaabduudhaaf cubbuu keessa jiraatee gammaduu irra, saba Waaqayyoo wajjin rakkina jala jiraachuu fo'ate. Inni ija isaa gatii isaa isa booddee irra waan kaa'ateef, sooruma Gibxii hundumaa irra, sababii Kiristosiif arrabsoo baachuu badhaadhummaa isa caalutti lakkaa'ate .

Daani’eel nyaata mana mootii amantiidhan dide: Daniel 1:8. Maaliif?

Keessa isaatuu du’aa qaba. Namaa baay'ee Affeerra biyya lafaatuu fixee har'a , adaraa hin dhumina.” Amalli affeerraa biyya lafaa fi seexana Irrii in calaqisaa keessi fokkisa” Irra duwwaa hin ilaalina. Hubataan tulluu duubatti argaa.

Namnii hafuura garuu Ijaa afuuraatiin ilaala . Inni waan hundumaa Qoraa ofii garuu Eenyunu Hin Qoramu.Yaa Obboleessakoo, yaa Obboleetikoo waanti atii affeeramtu Waan gatii jabeessa, waan miidhaga dha, Jalqabni isaa ni bareeda ta’uu danda’a…Garuu lubbuu keetiif adeema. Hiriyoonni keessaniis Oooo Kunimma si darbuu hin Qabuu sinin jechuu danda’uu…… Akka hin Gowwoomfamnee waaqayyoo hojiidhaf si barbaada.

Dhaloota siin Oolchu Qaba. Agartee Buddeenni garaa guuteef, Foonni Filatee uffateef … Nagaa fi Boqonna Lubbuuf kennu hin danda’uu(adaraa gar-malee na hin hubatina, nan beeka Buddeenni ,Uffani nu Barbaachisa Garuu kana barbaacha mootummaa waaqa keessa hin baanuu… ba'uus hin qabnu. Waan baduuf lubbuu keenyaa dhabuun nurra hin jiraatu Lubbuu keenyaa haa mararfaannu!. Lubbuu keenyaa haa eeggannu isiniin jechuun jaalladha.

Galatoomaa!


📂 Lammaffaa Deebi'ee Dhufaatii Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi Taateeewwan Bara Dhumaa

✍️ #Kutaa - 8ffaa

Ergaa 'Alice Bailey' Qabxiilee 10

Qabxiilee 10 – Kiristaanummaa Barbadeessuuf

Alice Bailey fi Sirna Idile-Addunyaa Haaraatiin Wixiname

(Oct.16, 2013; 10 points Chartes of Alice Bailey-New World Order)

Kaayyoo: Waldaan Kiristaanaa utuu rafaa jirtuu Seexanni sirna ofii isaa baafatee lubbuu hedduu fixuuf akka ka’ee jiru hubachiisuuf. Waggaa 70’n dura hordoftuu Seexanaa kan turte dubartii 'Alice Bailey' jedhamtuun wixinamee mootummoota gamtoomaniif kan laatte, tooftaa farra kiristaanummaa, kunis namoota gara Si’oolitti gad harkisaa akka jiru akka armaan gadiitti ilaalla.

1. Maqaa Waaqayyoo fi kadhannaa sirna barnootaa keessaa mancaasuu: ijoollee sirnaa fi waanjoo aadaa fi bartee kiristaanummaa jalaa bilisa baasuu qabna; baricha isa dhumaafis isaan qopheessina; isa nuti isaaniif laannus akka fudhatan goona. Akkasitti barbaachisummaa Waaqayyoo ni xiqqeessina yookiin lammaffaa goona. (Kan biyya keenyaa bara mootummaa Dargiitti hojii irra oolchame)

2. Kabajaa fi aboo warra ijoollee irraa gad buusuu: ijoolleen walitti dhufeenya warra isaanii irraa adda baanaan waanjoon kiristaanummaa warra irraa gara ijoolleetti inni darbu ni hafa. Kunis:

2.1. Mirgi ijoollee daangaa malee akka ta’uuf ni guddisa: Warra isaaniin “hin ta’u, hin godhu...”; barsiisaadhaan “hin ajajamu”; gaggeessitoota amantiif “tole” kan hin jenne ta’u. “Kun mirga kooti…” jechuu baay’isu. Kana immoo ijoollee mana keessanii, ollaa keessanii ilaaluun ragaadha.

2.2. Seera adabbii ijoollee ittisu labsuu: Fak. 23:13-14 irra kan jiru mormuu, hamminaa fi jal’ina, abboommii warraa diduu kan kana fakkaatan jajjabeessuu.

2.3. Deemsa kana raawwachiisuuf barsiisota mana barumsaa akka adda-durummaatti fayyadamuu: keessumaa umurii KG yookiin waggaa torbaa eegalee “Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi akka kadhattan isin dirqisiisuuf mirga hin qaban; mirgi isaa kan keessan malee; of beekaa, of ta’aa, of ibsadhaa kan kana fakkaatan” jedhanii waggaa guutuu kan barsiisan, kanas galma geessisuuf barsiisotaaf faayidaadhaan hidhachiisuu.

😀☠️☠️😀

3. Caasaa maatii isa jabaataa, isa kan Yihudummaa fi kan kiristaanummaa diiguu: Jiraachuun sirna gaa’elaa fi maatii wabii jiraachuu biyyaa ta’ee osoo jiruu,

a) Saal-qunnamtii daangaa hin qabne cimsanii barsiisuu (CSE-Comprehensive Sexual Education): Barnoota sochii saal-qunnamtii gaa’elaan alaa, saal-qunnamtiin karaa fedhe gammachuu dhala namaa akka ta’e, akka fedhan ittisa tokko malee gad dhiisiitiin miriixachuu, jireenya halalummaatiin of jajuu fi boonuu itti facaasuu fi tarkaanfii Efe. 5:3-5 kan mormu babal’isuu ture.

Akkan odeeffannoo argadhetti Itoophiyaan Mootummaa Idile-Addunyaa waliin CSE kana manneetii barnootaatti akka sirna barnootaatti/curriculum/dabalamuuf waggaa torbaan dura waliif galtee mallatteessiteetti jedhama. Kana raawwachiisuufis gargaarsa maallaqa Euro. Mil. 11 ol akka waadaan galameef icciitiin isaa barameera. (Maddi Elshadaai tv irraa).

Qabeenyichi leenjichaaf laatame kan warra gaa’ela saala walfakkaataa irraa akka ta’ee fi amantootas akka ta’an beekamee jira.

b) Industirii beeksisaa fayyadamuu: miidiyaalee akka tv, barruulee, fiilmii fi raadiyoo fayyadamuudhaan jireenya
halalummaa madda gammachuu ilmaan namaa akka ta’e jajjabeessuudha. Kanaaf beeksisni kamiyyuu qaama qullaa, saal-qunnamtii fi suurawwan namaa qunnamtiif kan dadamaqsan waliin akka hojjechaa jiran mirkaneeffachuudha. Galii beeksisa kanaatiin immoo akkam akka duroomaa jiran yaadaan qabuun ni danda’ama.

... itti fufa...


@Yerusaalem_Haaraa
@Maaranaataa_Yesuus


Akkaata ittin maacafa qulqullu hiiknu bakka 3ti qodne ilaala
1.X Jesus
2.Hermenetiksi
3.Iso Jesus
1.X Jesus :jechuun ergan sun akka caffamuf rakkon sababa ta'e maliidha.
2.Hermenetiksi:jechuun furmata rakkoo sanaf kenamee nun maal nu barsisa
3.Iso Jesus:Jechuun Kan maacafni qulqullun hin dubbanee dubbachuu

Galatomaa


@Yerusaalem_Haaraa


📂 Lammaffaa Deebi'ee Dhufaatii Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi Taateeewwan Bara Dhumaa

✍️ #Kutaa - 7ffaa

III. Mallattoolee Bara Dhumaa - kan itti fufe,...

4. Wangeelli Mootummaa Waaqayyoo Iddoo Hundumaatti Lallabamuu: -> Gurri Namootaa Waaqummaa Yesus Kiristos ni dhaga'a.

Ergaan wangeelaa fi labsiin isaa saffisaan darbaa akka jiru beekamaadha. Fakkeenyaaf miidiiyaalee sab-qunnamtii addaa addaatiin gurra hedduu bira ga'aa jira. Isa hafeefis bifaa fi haala gaariis ta'ee gadheetiin akka dhaga'an akka ta'u
Waaqayyo taasisaa jira. Kanaaf nuti illee gama keenyaan kanneen hin dhageenye jennee yaadnu itti himuudhaan hojii
guyyaa Gooftaa Yesus ariifachiisuu akka qabnu, 2Phe. 3:12 irratti nu yaadachiisa.

Egaa kun namoonni dhaga'anii akka fayyan qofaaf osoo hin taane, isa dhaga'aniin akka itti murtaa'uuf gooftaan dubbateera. Hin dhageenye akka hin jenneef itti himamuu akka qabuu fi akka itti hin gaafatamneen jala murree beekuu qabna.

Yaadadhu,... ✍️

Deebi'ee dhufaatii Kristoos jechuun, duraan foon uffatee, nama ta'ee .... dhufe; du'ee, ka'ees gara mirga abbaa isaatti ol ba'e. Ta'uyyuu amma immoo gooftummaa fi mootummaa fudhatee gara dachee kanaatti gadi ni dhufa. Egaa kun "deebi'ee dhufuu" jedhama.

Akka namoonni ni seesa jedhanii yaadan miti; inni akka dhufu, yoom-eessaan hin beekamu malee murtaa'aadha. Haa ta'u malee sababiin deebi'ee dhufuu turuun isaa maaliif akka ta'es itti fufnee waliin kan ilaallu ta'a.

Kanatti fufnee,...

'Ergaa Alice Bailey' Qabxiilee 10 (kudhan) Kiristaanummaa barbadeessuuf karoorfame Sirna Idile-Addunyaa Haaraatiin Wixiname kan kaayyoon isaa Waldaan Kiristaanaa rafaa utuu jirtuu Seexanni sirna ofii isaa baafatee lubbuu hedduu fixuuf akka ka’ee jiru hubachiisu. Waggaa 70’n dura hordoftuu Seexanaa kan turte dubartii Alice Bailey jedhamtuun wixinamee mootummoota gamtoomaniif kan laatte, tooftaa farra kiristaanummaa, kunis namootaan gara Si’oolitti gad harkisaa akka jiru itti fufnee armaan gaditti kan ilaallu ta'a!

@Yerusaalem_Haaraa
@Maaranaataa_Yesuus


YERUSAALEM HAR'AA FI HAARAA
•••
Maqaan Yerusaalem yeroo ka'u namoota baay'eef gaaffii ta'a. Obboleessi keenya Faarfataa Solomoon Alamuu waa'ee Yerusaalem Haaraa faarfannaan namoonni waa'ee Yerusaalem ishee har'aa odeessu. Waawuu, dhimmi hafuuraa hafuurumaan namaaf huubatama, Waangeela beekuuf ammoo dubbisuu qofti ga'aa utuu hin taane Yesusitti amanuun namaaf hiikama.

Yerusaalem lamatu Macaafa Qulqulluu keessatti eeraman. Isaanis Yerusaalem ishee har'a jirtuu fi Yerusaalem haaraadha.

Yerusaalem isheen har'aa waggoota kumaatamaaf magaalaa barbaachisaa turte, yeroo baay’ee xiyyeeffannaa addunyaas yoo taatu, magaalattiin seenaa macaafa qulqulluu fi raajii macaafa qulqulluu keessatti bakka guddaa qabdi. Yerusaalem taateewwan barbaachisoo Macaafa Qulqulluu keessatti raawwataman hedduu keessatti giddu galeessa dha.

Magaalaan Yerusaalem har'aa qarqara lafa gabatee olka’aa Israa’el keessaa tokko irratti, giddu gala biyyattii irraa gara kibbaatti, Galaana Meditiraaniyaanii irraa gara bahaatti gara maayilii soddomii torba, laga Yordaanos irraa gara dhihaatti gara maayilii digdamii afur fagaattee argamti. Teessumni ishee gama lamaaniin boolla gadi fagoodhaan kan sararame yoo ta’u, magaalattiif ittisa uumamaa ta’a. Yerusaalem Caaffata Qulqullaa’oo keessatti maqaa adda addaatiin waamamti: “Saalem,” “Ari’eel,” “Yebuus,” “magaalaa Waaqayyoo,” “magaalaa qulqulluu,” “magaalaa Daawit” fi “Tsiyoon.” Yerusaalem mataan ishee “nagaa qabaachuu” jechuudha.

Yerusaalem ishee Haaraan ammoo maqaa Godoo Waaqayyoo, Magaalaa Qulqulleettii, Magaalaa Waaqayyoo, Magaalaa Samii, Magaalaa Rog-Arfee, fi Yerusaalem Samii jedhamtu, jecha jechaatti samii lafarraa jechuudha. Yerusaalem Haaraan Macaafa Qulqulluu keessatti bakka hedduutti eerameera (Galaatiyaa 4:26; Ibroota 11:10; 12:22-24; fi 13:14), garuu sirriitti kan ibsame Mul’ata 21 keessatti.

Ameen Haleluyyaa!


Hundee jaalala isa ta'e Yesus qabachuun carromudha

1Qor. 13

Jaalalli danda'aa dha, gaarummaas in argisiisa; jaalalli hin hinaafu, of hin jaju, of hin bokoksu!
⁵ jaalalli, lafa salphinaa hin ijaajju, waan isatti tolu duwwaas hin barbaadu, hin dallanu, waan hamaas nama irratti hin lakkaa'u.
⁶ Jaalalli qajeelina dhugaatti gammada malee, jal'inatti hin gammadu.

⁷ Jaalalli karaa tokko illee nama hin lafafu, hunduma isaa in amana, hunduma isaa abdata, hunduma isaas obsa.
⁸ Jaalalli yoom iyyuu hin badu; kennaa raajii dubbachuu yoo ta'e, hafuuf jira; afaan hin beekamneen dubbachuu yoo ta'e, dhaabachuuf jira, beekumsas yoo ta'e, hafuuf jira.

Jaalalii mo'aadha

Yesus jalalaa


🗣️ Hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin hariiroo cimaa qabaachuu yoo barbaadde, atii fi hiriyaan kee amaloota armaan gadii kana fudhachuu qabdu: 💔
👇👇

https://gaggeessummaa.com/hariiroo-cimaa-qabaachuu


“Gara isaa ilaalaa, fuulli keessanis haa ifu! Deebitaniis qaaniidhaan lafa hin ilaaltan.”
Far. 34:5


Bau. 19
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁵ Biyyi lafaa guutummaatti kan koo waan ta'eef, isin anaaf yoo dhageessan, kakuu koos yoo eegdan, saba hundumaa keessaa addumaan dhuunfaa koo in taatu.
⁶ Isin luboota mootii waaqaa fi lafaa ti, saba qulqullaa'aa anaaf in taatu' jedhii himi! Saba Israa'elitti kan ati dubbattu isa kana" jedhe.
✔nuti ol galuuf dadhabnaan kiristoos foon uffatee aarsaaf nu gidduutti argameera. Kun waan dinqisiisaadha. Waaqayyo gara ofiisaatti nu fiduuf furmaataaf ilma isaa nuuf kenneera.
Ilmi isaa godoo waaqayyo keessaa dubbatuudha; bakka itti waaqayyoon arganidha. Giddu galeessa namaa fi waaqayyoon walitti fideedha.
Yoh. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture.


¹⁴ Sagalichis nama foonii ta'ee, nu gidduus buufate. Ulfina isaa isa ayyaanaa fi dhugaadhaan guutes argine; ulfinni isaas isa ilmi tokkichi abbaa isaa irraa argatu ture.
Erga godichi waaqayyoon gara lafaatti fidee amma namootas gara waaqayyootti fideera.


AARSAA
KUTAA 2FFAA

SEERA BA'UU
Seera uumamaa keessatti nama du'ee saaxina reeffaa keessa jirru argineerra, namni du'e kun deebi'ee jiraachuunif akkasumas waaqayyo waliin jiraachuun karoora waaqayyoodha; deemsi kun garuu kan xumuraa miti.
-namni waaqayyo uume deebi'ee yoo kufeyyuu akkasumas namni waaqayyo fo'ate deebi'ee yoo kufeyyuu waaqayyo karoora isaa jalqabaarraa hin deebine. Waaqayyo kufuus; karoora isaarraa duuba deebi'uuf inni waaqa dadhabaa miti.
Karoorri waaqayyoo as keessatti waa lama.

1. Nama du'e deebisee du'a keessaa furuudha. Ykn saaxina reeffaa keessaa baasuudha. Kun furamuu (redemption ) dha.

2.nama fure waliin ykn gidduu jiraachuudha.(God habitation with human)
Furamuun waaqayyoon furamanii du'a keessaa ba'anii gara isaa dhufuudha. Kanas waaqayyo saba fo'ate dhiiga hoolaa faasikaatiin biyya gbxii keessaa baaseera. Ba'u 12(guutummaa) angafni gibxii yeroo du'aan rukutamu sabni isiraa'el dhiiga hoolaa faasikaatiin furamuun biyya gibxii ba'e, reeffi yooseefillee biyya gibxiiti fuudhamee ba'ame. Kun biyya lafaa keessaa ba'uudha.
Harra immoo kiristoos hoolaa faasikaa ta'e nu fureera.
“Garuu Kristos dhiiga isaa isa gati-jabeessaan, isin fureera; inni akka hoolaa mudaa yookiis xurii hin qabnee ti.”
— 1Phe. 1:19
Erga furiin argame amma waaqayyo saba fo'ate waliin jiraachuuf godoo ykn dunkaana addatti isaaf akka ijaaran ajaje. Sababni isaa amma waaqayyo saba fure gidduu jiraachuun karoora isaa lammaffaa waan ta'eef. Utuu godoon kun hin tolfamin garuu waaqayyo alaalarraa sagaleen akkasumas karaa musee itti ni dubbata garuu kun amma illee ga'aa hin turre. Waaqayyo sabasaa gidduu jiraachuu barbaada.
✔waaqayyo nama du'a keessaa baase gidduu jiraachuuf godoon waaqayyon gara lafaatti fidu kan waaqayyo keessa jiraatu barbaadameera. Amma waaqayyotu isaan gidduu buufata.
Waan namatti tolu seera uumamaa keessatti kufaatii keenya kan waaqayyotti adda nu baase , kana jechuun du'uun waaqayyotti adda ba'anii jiraachuu yoo agarreyyuu utuu baayyee hin turin waaqayyo nu barbaadee nu gidduu jiraachuu fedhu agarra. Kun jaalala waaqayyoo isa guddaadha. Haaleluyyaa
✔godichi iddoo ykn bakka waaqayyoon gad namatti fideedha.
✔godichi bakka itti waaqayyo inni furee fi namni inni furame itti wal arganiidha.
✔godicha keessa saanduqa kakuu waaqayyootu ka'ama. Godoo kana godoowwan kaanirraa kan adda godhu saanduqni kakuu waaqayyoo keessatti argamuu fi waaqayyo keessa jiraachuudha.
Waaqayyo godicha keessa namoota isaatti ni dubbata.
@woooooow kiristoos godicha waaqayyoon gara lafaatti fidedha.
Amaanu'el- waaqayyo nu wajjin jira. Kiristoos godoo waaqayyoon gara lafaatti fidee namoota gidduu jiraachiseedha.
Zak. 2
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁰ Waaqayyo, "Isin yaa namoota Xiyoon, kunoo ani dhufee isin gidduu nan jiraadhaatii gammadaa, ililchaas!" jedha.
¹¹ Guyyaa sanatti sabni baay'een gara Waaqayyoo dhufanii saba isaa in ta'u; innis isaan gidduu in jiraata; yommus Waaqayyo gooftaan maccaa isinitti akka ana erge isin in beektu.

Godoon kun giddu galeessa waaqayyo ittiin namoota gidduu jiraatudha. Innis kiristoosiin kan nutti himudha.
Qol. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁵ Kristos bifa Waaqayyo inni ijaan hin argamne ittiin namatti mul'atuu dha; uumama hundumaa duras dhalate.


¹⁹ Waaqayyo guutummaa waaqayyummaa isaatiin, isa keessa jiraachuutti gammadeera.
Seera ba'u 40:2,33-35 yoo ilaalle museen godichaa fi dunkaana itti wal ga'an ijaarsisee erga fixeen booda ulfinni waaqayyoo godicha keessa waan guuteef museen ol lixuu hin dandeenye; kanaaf gochi biraan itti fufuu qaba.
Waaqayyo waliin wal arguuf godicha duratti walga'uun dirqama.
Kiristoos karaa ittiin waaqayyoon bira ga'an nuuf ta'eera.
“Nuyi lamaanuu hafuuruma tokkoon karaa isaa akka itti abbaa bira geenyu qabna.”
— Efe. 2:18
Waaqayyo musee karaa ittiin dunkaanichatti ol galchu furmaata aarsaa fideeraaf , waaqayyo saba isiraa'el hundumaa luboota akka ta'aniif waame, haa ta'u malee sababa irra daddarbuu isaaniif leewwii addatti luba godhatae, amma lewootni akka ol galan godheera.


Isa mukaan dhufeef isa muka irratti ta'etu deebii ta'e; Addaam ija mukaatiin du'ee du'a fide, Yesuus ammoo mukarratti aarsaa ta'ee jireenya fide!

Waaqayyo isa gatii si baasiseen gatii siif baasa!


Mi'a waraanaa isa kan waaqayyoo 7n

1.SABBATA=Sabbata ykn hidhata mudhii Efe 6:14:-“Egaa akka nama sabbataan hidhatuutti #dhugaadhaan mudhii keessan jabeeffadha Efe. 6:14
◇Dhugaan hojjechuu,dhugaan dubbachuu,...
2.MADDA SIIBIILAA=Efe6:14 #Qajeelummaas akka madda sibiilaatti uffadhaatii dhaabadhaa!”
◇Hidhata isa qomarraa ka'ee hamma mudhiitti dheeratu
◇Qajeelummaa hojjechuudhaan argama.
3.KOPHEE= mi'a hafuuraa isa millatti kaa'atamu
Akka nama kophee kaa'ateettis wangeela nagaa fudhattanii, isa #lallabuudhaaf qophaa'aa!
Inni kun immoo Wangeela lallabuudhaan argama.
Efesoon 6:15
4.GAACHANA=Efe6:16
Kana hundumaa irrattis#amantii akka gaachanaatti fudhadhaa! Isaan xiyya isa hamaa sanaa warra boba'aa adeeman dhaamsuu in dandeessu.”
Amantii barbaachisa kuni immoo amantii malee immoo Waaqayyoon gammachiisuun hin danda'amu.Ibr 11:6
5.GONFOO SIBIILA=#Fayyina akka gonfoo sibiilaatti
— Efe. 6:17
6. BILLAA=
sagalee Waaqayyoos akka billaatti, hafuura qulqulluu biraa fudhadhaa!
Efe. 6:17
7.KADHATAA FI HIMATA
“Kadhataa fi himata keessan hundumaa keessatti yeroo hundumaa hafuuraan geggeeffamaatii kadhadhaa! Egaa kadhachuutti dammaqaa, obsaanis itti jabaadhaa, warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaafis kadhadhaa!”
Efe. 6:18


𝗗𝗵𝗮𝗾𝗻𝗮 𝗤𝗮𝗯𝗮𝗮𝗱𝗵𝘂:
=========================
Dhiirootas ta'ee dubartooniis dhaqna qabachuun dirqamadha, yoo dhaqna hin qabanne wantii keenya hunduu fokkiisa ta'aa.
Akkaa macaafa qulqulluu kakuu moofaati dhaqna qabana dhiiroota qofa dubbaata akka kaaku haaraattii immoo salaa lamanuu dhaqna qabachuun barbaachisadha.
'Waaqayyo yommus Iyaasuudhaan, "Dhagaa qara qabu qopheeffadhuutii ammas Israa'eloota dhaqna qabi!" jedhe. …. Kanaaf Iyaasuun ijoollee isaanii warra isaan booddeedhaan ka'an dhaqna qabee iddoo abboota isaanii isaan buuse. Isaan karaa irra waan turaniif utuu dhaqna hin qabatin turan. (Iya 5:2-9). Dhaqna qabaa jechuun jireenya moofaattii addaan ba'uun namummaa fi jireenya haaraa (new style life) argachuu dha. Horteen Abrahaam dhaqna qabaa foonii qabaachuu isaaniitiin baay'ee of jaju. Garuu dhaqna qabaan kakuu haaraa fi inni sirriin yaada garaa ofii dhaqna qabuu dha. Akkasumas dhaqna qabaa qaama tokkittii irratti xiyyeeffatu utuu hin taane dhaqna qabaa guutummaa qaamaa ti. “Isinis immoo isumaan dhaqna qabamtaniittu; dhaqna qabaan keessan garuu isa harkaan hojjetame utuu hin ta'in, isa Kristos dhaqna qabuu isaatiin namummaa foonii guutummaa isaa balleessee dha.” (Qol 2:11).

#Qophii guddaan biyya Kana’aan seenanii qabachuu dursu, dhaqna qabaa waan ta'eef Iyaasuun hunduma isaanii dhaqna qabee arrabsoo warra Gibxii isaan irraa galagalche.

Wantootni sabni sun ittii dhaqna qabaman keessaa:_
1.#Sammuu garbummaatti barettii dhaqna qabamu
2.#Araada cubbuuttii dhaqna qabamu
3.#Didoo ta'uu fi addaggummaa isaaniittii dhaqna qabamu"
4.#Oftulummaa irraa dhaqna qabachuu

# Namoonii dhaqna qabatan yeroo hundaa malattoo isaanii

#yeroo hundaa jalaala yesus keessaa bubbuuraquu.

Kanaaf nuyis waa’ee michuu keenya isa amanamaa Yesusiin yaadudha".


20, Muhammad dubartoota ajjeessaa jedhee ni eeyyama ( Ibn Ishaq 819,995)
Iyesuus dubartii waggaa 12 guutuu dhiigdi ishee dhaabbachuu didee battala isheen uffata isaa tuqxeen ishee fayyise (Matiyoos 9:20..

“-Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne" jedhe.”
— HoE. 4:12

Wantaa guddaa irraa argataa jedhee Abdii qabaa barreffumaa kanaraa hin gowwomin karaan dhugaan Kiristoos qofaa

“Yesus deebisee, "Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.”
— Yoh. 14:6
Dhugaa kana namni dubbisee hin hubanne,rakkoo #Sammuu qaba.dhugaan kana irra darbee namaf kennamu yoo jiraattes mata dhukkubbii dha.

Eebbifama.


GARAAGARUMMAA_MUHAAMMADIIF_YESUUS_QABXIILEE_IJOO!!!
____
_
Share gochuun hiriyoota keef dabarsuu hin dagatiin.

"Yaa Ijoollee Ko Homtinuu
Karaa Irraa Isin Hin Kaachisin!
1 Yohannis 3: 7

GARAAGARUMMAA_MUHAAMMADIIF_YESUUS_QABXIILEE_IJOO!!!

1, Muhammad ani namuma akkaa keessaniiti jedha ,(Sura Al kahf 18:110)
* Iyesuus Waaqadha (Yohannis 1:1-2 ,Yohannis 10:30)

2, Allahn Muhammad cubbamaadha jedha (Sura Al Ghaafir 40:55,Sura Al Fath 48:1-2
*Iyesuus cubbuu tokkollee hin qabu (2Qoronxos 5:21)

3, Muhammad dinqii tokkollee hin hojjannee, lubbuu namaa ajjeessuun alatti,(Sura Al Israa 17:90-95,Sura Al Imraan 3:183,Sura Al Maaida 5:33,Sura Al Ankaboot 29:50-51
*Iyesuus dinqilee gurguddaa hedduu hojjate ,isaan keessaa muraasa;
~Bishaan daadhitti jijjiree (Yohannis 2:1-11)
~Du'aa boollaa kaase (Yohannis 11:1-44, Marqos 16:4-6)
~Bishaanirra deemeera (Yohannis 6:16-24)

4, Raajiin Muhammad akkaa dhufu ragaan ibsuu tokko illee hin jiru
*Iyesuus, Dhalachuu,jiraachuu,du'uu fi du'aa akkaa kahuu raajonni hedduun dubbataniiru fakkeenyaaf (Isaayyas 9:6)

5, Muhammad diinota isaa fi namoota kamiyyuu kan ajajamuufi didaan ajjeessaa ture (Sura At Tawba 9:5)
*Iyesuus diinota keessan jaaladha jedha (Matiyoos 5:43-44)

6, Muhammad ilmaa isaa niitii hiiksisee ofiif fuudhe (Sura Al Ahzaab 33:36-37)
*Iyesuus haadha manaa keessan hin hiikinaa jedha (Matiyoos 19:7-8)

7, Muhammad hordoftoota isaatin namoota amantaa isaa hin fudhannee irratti waraana banaa jedhee labsa (Sura Al Maaida 5:33,Sura At tawba 9:29
*Iyesuus duuka buutota isaatiif aangoo seexana baasuu fi dhukkubsattoota hundumaa fayyisuu kenneef (Matiyoos 10:1,Marqos 6:12-13

8, Muhammad hordoftoota isaatiin deemaatii dirqisiisaa warraa hin amannee irraa gibira 20% gootaraa kootti galchaa jedha (Sura At Tawba 9:29)
*Iyesuus namoota horii hin gaafatiinaa jedha (Matiyoos 10:8-9,Luqaas 10:7)

9, Muhammad magaalaa ykn Mandarrii tokko amantaa Muslimaa yoo fudhachuu didanii ajjeessaa jedhee ajaja ( Sura At Tawba 9:5,Sura At Tawba 9:29,Sura Nisaa 4:89)
*Iyesuus hordoftoota isaatiin namni tokko ykn mandarrii tokko yoo isin simachuu baate dhiisaatii adeemaa jedha (Matiyoos 10:14-15 fi 23)

10, Muhammad hordooftonni isaa lubbuu isaanii dabarsanii isaaf akkaa kennaniif ajaja (Sahih Muslim 4413)
*Iyesuus lubbuu isaa osoo hin maraarsifatiin dabarsee dhala namaa hundumaaf kenne (Yohannis 11:52,Yohannis 18:11,1ximotiyoos 2:6,1phexros 3:1811, Muhammad gaafa du'uu warraa Jewish fi kristaanaa lafarraa duguugaa jedhee dhaame,(Hadith Malik 511:1588)
*Iyesuus yeroo du'uuf gahuu yaa Abbaa waan godhaniif hin beekanii dhiisiif jedhe (luqaas 23:34)

12, Allahn nama amantaa Muslimaa hin fudhannee hin jaalatu jedha Muhammad, (Sura Ar- Room 30:45,Sura Al Imraan 3:32,Sura Al Hajj 22:38)
*Iyesuus akkas jedha,waaqayyoo Ilmaa isaa tokicha hanga kennuufitti akkasumatti biyyaa lafaa jaalate jedha (Yohannis 3:16)

13, Muhammad dubartoota dhagadhaan dhahaa ajjeessaa jedhee ajaja (Muslim 4206)
*Iyesuus immoo isin keessaa namni cubbuu hin qabaanne yoo jiraate innii jalqaba dhagaa dubartii kanatti haa darbatu jedheen (Yohannis 8:7)

14, Muhammad warraa amantaa Muslimaa hin fudhannee jalaa qabeenya isaanii saamaa jedha (Bukhari 44:668,Ibn Ishaq 674)
*Iyesuus hin hatiinaa jedhee abboomaa (Matiyoos 19:18,Bau 20:15)
15, Muhammad Soba eeyyameera (Sahih Muslim 6303,Bukhari49:857)
*Iyesuus Sobaan nama irratti ragaa hin bahiinaa jedha (Matiyoos 19:18)

_16, Muhammad daldaala garbaa hojjataa ture (Sahih Muslim 3901)
*Iyesuus ofii isaatiin gatii warraa cubbamootaa baase (Qolosaayis 2:14)

17, Muhammad namoota isa arrabsaan ajjeessaa ture (Bukhari 56:369,Bukhari 4:241)
Iyesuus dhiifama waliif godhaa jedha ( Matiyoos 18:21-22,Matiyoos 5:38)

18, Muhammad dubartoota 13 fuudhe ,akkasumas garboota isaa wajjin ciiseera (Bukhari 5:268,Sura Al-Ahzaab 33:50)
*Iyesuus gonkumayyuu hin fuune (Jesus was celibate ) akkasumas dubartii faana hin ciifne

19, Muhammad mucaa waggaa 9 fuudhee wajjin ciiseera (Sahih Muslim 3309,Bukhari 58:236)
Iyesuus gonkumaa dubartii bira hin geenye


🗣️ Dhiirri tokko gaa'elaaf gahaa erga ta'ee booda sababoota muraasaaf gaa'elatti galuu dhiisee turuu danda'a. Gaa'elli dhiibbaa alaatiin utuu hin taane karooraa fi dhiibbaa jaalala keessaan dhufuun kan ijaaramu ta'uutu irra jiraata. Guutummaa isaa website keenya seenuun dubbisaa👇👇

https://gaggeessummaa.com/qophii-gaaelaaf-barbaachisu-2/


Kan Caafamee alatti "Mullata addaan arge, Abjuu dinqisiisaan ,Arge, utuun taa'aa jiruu Namni dheeraan dhufee akkas naan jedhe..." Wanti jedhamu hundi Soba ykn Kanaan fayyadamee Humna Hojjechaa jirutu jira, jechuudha.

Yesuus Akkas jedha.

"Raajota Sobduu Irraa of Eeggadhaa, isaan Hoolaa fakkaachuudhaaf Raroo Hoolaa uffatanii gara Keessan in dhufu, keessa isaaniitiin garuu Yeeyyii Butatanii dha..." Jedha.
Maatewoos 7:15-21, Dubbifadhaa.

Kanaaf yeroon Kun Yeroo ija keenya Gooftaa Yesuus irra keenyee, Sagalee isaa dhaga'uuf Immoo Wangeela Qu'achuu qabnuu dha waan ta'eef Dhaloonni Burjaaja'uu irraa Akka of eeggatu dhaamsa Waldaa Kristoosi.
Gooftaan Haxxee fi Haxxummaa bara Si'anaa irraa dhaloota haa baraaruunis Kadhannaa Keenya.


WAA'EE DIBATAA MACAAFNI MAAL JEDHA?

Kiristiyaanni Waan hundumaa Waan isa mudatu hunda Waan haaraa fakkatu hunda Deebisaa kennuu isaatiin dura" Waa'ee kanaa Macaafni qulqulluun maal jedha" jedhee gaafachuu qaba. Gowwoomsaa Seexaanaa, "Anatu siif beekaa" Diyaabloos gooftaa Iyyesuus yeroo of irraa dhowwe sana "Akkas jedhamee Caafameera" jedhee dubbachaa ture.
Kanaaf Qajeelfamni keenya Macaafa qulqulluu dha, Nuyi Erga Kristiyaana taanee, Qajeelfama Kakuu haaraatiin deemna, Yeroo ammaa iddoo baayeetti Waa'ee dibataa ilaalchisee Namoonni Baayyeen "Isin dibna" jechuudhaan, Saliixa Ejersaa Namoota dibuudhaan, Saliixa ykn Zayitii irratti kadhatame jechuudhaan Kan gurguranis Akka jiran Beekkamaa dha.
Garuu Kun Kakuu Haaraa keessa jiraa laata? Gooftaa Yesuus kana godheeraa laata ? Ergamoonni gooftaa ho kana godhaniiruu laata?
Duraan Dursa Waa'ee Saliixa ykn Zayitii Macaafa Kakuu haaraa keessatti Nama dhukkube iddoo dhukkube sana Dibanii akka Kadhataniif Macaafa Yaaqob keessatti Caafameera, Kanaa ala garuu Zayitii dibanii Humna namaaf kennuu kan jedhu hin jiru.

DIBANNI KRISTIYAANA IN BARBAACHISAA?

Deebisaan kanaa gabaabduutti "Eeyyee, in Barbaachisa"
Akkamitti argatu ? Eenyutu diba ? Isa jedhuuf.

Kan dibu Waaqayyoo dha, Yoom diba isa jedhuuf immoo Gaafa Wangeelaaf Abboomaman Dibatni kun Kennama,
Pheexroos Akkas Jedhee dubbate:-

" Yaada garaa Keessanii geeddaradhaa, Cubbuun keessanis akka isiniif dhiifamuuf maqaa Yesuus Kristoosiin Cuuphamaa, Kennaa hafuura qulqulluus in Fudhattuu" Jedhe.
(Hojii Ergamootaa 2:38)

Egaa "kennaa afuura qulqulluus in fudhattu" isa jedhu kana keessa dibanni jira, Yommuuttii Cuuphaman sana kennaan kun kennama, Waan ijaan mullatu miti, garuu kennaa kana In fudhanna,
Yeroodhuma Ergamootaa sana iyyuu "Isin dibna" Kan jedhu barsiifni dogoggoraa kan turee dha, kanaafiti Yohaannis Akkas jedhee Dibata ilaalchisee dubbate.

" kanas Waa'ee Warra karaa Irraa isin Kaachisuutti jiruufan Isiniif Caafe, Dibanni Isin Fudhattan garuu Isin keessa jiraata....." Jedha,
1ffaa Yohaannis 2:26-27

Maal jedhe ? " Dibanni isin fudhattan" jedha Yohaannis.

Pheexroos hoo maal jedhe?
"Kennaa afuura qulqulluu in fudhattu" jedha. Hojii ergamootaa 2:38.

Ammas Yohaannis:-

"Isin garuu isa Qulqulluu sanaan dibamtaniittu.." jedha 1ffaa Yohaannis 2:20.

Phaauloosis :-
"Kan nu dibe Waaqayyoo dha" Jedha, 2ffaa Qorontoos 1:21.

Kakuu haaraa keessatti Ergamootaa Namoota Zayitiidhaan dibus Hin agarru, Kakuu Haaraa Keessatti Meeshaa fayyinaa Jedhamee Waan Horiitti gurguramus Hin agarru, Bishaan gurguruu, Zayitii gurguruu, Kanateeraa irratti kadhatame jedhamee gurguruu fi bituun hin jiru, Egaa Afaan guutuudhaan " barsiifni Akkasii fi Shaakalliin Akkasii Sobaa fi barumsa Haaraa dha" Dubbanna.
Dhaloonni baayyeen beekumsa Macaafa qulqulluu dhabuudhaan, Rakkoo Addaa addaa keessatti dhiphachuudhaan, Soba kana jala deemanii Mootummaa Waaqayyoo keessaa kan ba'an baay'ee dha.
Waaqayyo akkas jedha "
"Sabni Ko karaa ittiin na beeku Waan dhabeef Balleeffame" Jedha.
Hoseaa 4:6.

Egaa Waan Macaafa qulqulluu irra hin jirre garuu Sammuu namootaa keessaa ba'ee ittin Hojjechaa jiru kana irraa of eeguun baay'ee barbaachisaa dha, Sababni isaa Yeroo isin dibna jedhanii diban kana "Kristoos isa Orijinaala sana baasanii, Kristoos Ofii Uummatan sana galchuufi"
Kristoos Akkas Jedha :-

"Masihoonni Sobaatii fi Raajonni Sobaa Ka'anii yoo dandaa'ame Warra Waaqayyoof Fo'aman iyyuu akka Wallaalchisaniif Milikkita gurguddaa fi dinqii baayyee in ojjetu" Jedha.
(Maatewoos 24:24)

Eenyu Warri Waaqayyoof fo'aman ? Warra Wangeelaaf Abboomamee, Cuuphamee Kennaa hafuura qulqulluus fudhate, (Hojii erga.2:38, 1 Yoh.2:20, 2:27)

Kanaaf dhaloota kanaaf Kan Barbaachisu Gara Macaafa qulqulluutti deebi'anii Qo'achuu, qayyabachuu, dubbisuu fi Meditate gochuu duwwaa dha, mootummaa Waaqayyoo keessatti "Hin beekuun" hin hojjetu, Akka beekuu dandeenyuuf Kunoo Sagaleen dubbii isaatii barreeffamee harka keenya keessa jira waan ta'eef.

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.