YOUTH FOR CHRIST MINISTRY


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha
Toifa: Din


Engaged for Christ
TastE & SEE THE LORD IS GOOD
Come join us for an inspirational word from God. We are an imperfect people serving a perfect God! So, let’s exalt His name together and worship Him in the beautify of His holiness!
God loves you💝

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Toifa
Din
Statistika
Postlar filtri


Akkuma nyaanni foon keenya irraa waantota baayyee ittisu, nyaanni sammuu keenya waantota baayyee ittisa. Kanaaf nyaata sammuu keef ta'u argachuuf channalii kana join godhachuun sammuukeef soorata taasisi.
🤜🤛👇🤜🤛


Channel hedduu fayyadan waantota irraa argachuu dandeenyu filachuun join godhadhaa
Waver 👉 @Daani28
👇👇


KRISTOS, [KATTAA ISA RUKUTAMEE BISHAAN JIRAATAAN KEESSAA BURQE]
====================
Kunoo, Ani achi Siinaatti Kattaa tokko irra si dura nan dhaabadha; ati immoo Kattaa sana in rukkutta, bishaan isa keessaa in burqa jarris isa in dhugu” jedhe; Museenis ija maanguddoota Israa’el duratti akkasuma in godhe. (Bau 17:6)

Hundumti isaanii dhugaatii Hafuuraa Isa tokkicha sana dhuganiiru; isaan Kattaa Hafuuraa Isa guddicha, Isa isaan wajjin adeemaa turettii dhuganiiru; Kattaan guddichi sun immoo Kristos ture. (1Qor 10:4)

Yommuu kutaalee kana ilaallu akka Museen katticha rukkute argina. Kattaan rukutame kun, karaa biroon kattaa bishaan jiraataan keessaa burqu isa jedhamuu dha. Kan Waaqayyo ibsuuf dhimma itti ba’es, yommuu Kristos humna seeraatiin rukutame, akkasumas du'ee erga du'aa ka'een booda ol ba’ee, Hafuura Isaa nuuf erguu Isaati.

Kattichi, akkuma Museen geggeessituun sabaa rukutee bishaan keessaa burqe; Kristosis abboota seeraa, geggeessitoota Mana Qulqullummaa, Farisotaa fi Lubootaan itti murtaa’ee, rukutamee du’ee erga du’aa ka‟ee gara Abbaatti ol ba’ee, Hafuura Qulqulluu nuuf erge. Egaan, akka abboonni seeraa Kiristos Katticha irratti ajjeechaa raawwatan, sagaleen Waaqayyoo dhugaa ni ba’a.

Warri Yerusaalem jiraatanii fi warri isaan geggeessanoo akka inni fayyisaa ta’e hin beekne, sagalee raajotaa isa Sanbatuma dhuftu dubbifamus hin hubanne; utuma ta’uu iyyuu immoo Yesusitti faraduu isaaniitiin isa raajonni dubbatan raawwataniiru. (HoE 13:27)

Maarree Museenis, Katticha irratti murtii rukkuttaa fudhateetu, bishaan keessaa isaaniif ba’e. Geggeesitoonnis ta’e, warreen Yerusaalem keessa jiraatanis, fayyisaa ta’uu Isaa osoo hin beekin, itti murteessan. Inni garuu, akkuma dur murtoo ta’etti itti murteeffamee ajjeefame. Karoorri kun isa Waaqayyo uumamuu biyya lafaa dura murtoo godhee, yeroo Isaatti mullisedha.

Kanaan ati humna keetii fi yaada keetiin, akka ta’uuf kan ati dur murtoo goote, raawwatan. (HoE 4:28)

Waan godhan wallaalanis murtoo Waaqayyoo fiixaan baasaniiru. Museen, gaafa Gooftaan keenya gaara irratti ulfina Isaa mullise, dhufee Yerusaalem keessatti du’a akkamii akka du’u, itti himeera.

Ulfinaan mullatanii, waa’ee waan Inni du’a Isaatiin Yerusaalemitti raawwachuudhaaf jiruu dubbatan. (Luq 9:31)

Egaan, Kattaan burqaan bishaan jiraataa, garaa Isaa keessaa burqu Kristosiin akka ta’e Yesus iyyuu,Yoh 7:38 irratti dubbateera. Bishaan jiraataan kunis Hafuura Qulqulluudha.

Inni dubbii kana waa’ee Hafuura Qulqulluu, Isa warri Isatti amanan fudhachuuf jiraniif dubbate;… (Yoh 7:39)

Hafuurri Qulqulluunis, akkuma kattichi erga rukutameen boodatti bishaan isaaniif yaase, erga Gooftaan du’ee du’aa ka’ee gara ulfina Isaatti ol fudhatamee, isaaniif, nuufis bara baraan bishaan yaa’aa jiraataan burqe. Utuu Yesus iddoo ulfina Isaatti ol hin ba’in, Hafuurri qulqulluun hin kennamne ture; (Yoh 7:39). Kan bishaan bara baraan bonaa fi ganna, waqtiin utuu hin daangofne yeroo hundumaa keessaa burqu, Kristoosidha.

Dubartii Samaariyaatti (Yoh 4:14) inni bishaanicha irraa dhuge, lammaffaa deebi’ee (bara baraan) akka hin dheebonne dubbateera. Warri Yesus irraa dhugan, Hafuura Qulqulluu dhugan, akkasumas, bara baraan deebi’anii hin dheebotan. Garuu, warri katticha isa gaaddidduu Kristos ture irraa dhugan, jiraatanii dheebochuuyyuu mitii ni du’an. Amma garuu, inni kattaa Museen rukkute irra caalu, nuuf kennameera. Amma isa katticha irra dhaabatetu nuuf rukkutame.
=============
YESUUS DHOKSAA WAAQAYYOO ISA MULLIFAMEDHA!

t.me//Youth4Christ1


🔔 Channelee Barnootaa Gurguddoo gadi tuquudhaan join taasisaa! 💖
Click to join

➿➿➿
👇👇👇
'https://t.me/addlist/4e8EfR1mqNFlY2E8' rel='nofollow'>           ⇣
╔┓┏╦━━╦┓╔┓╔━━╗
║┗┛║┗━╣┃║┃║╯╰║
║┏┓║┏━╣┗╣┗╣╰╯║
╚┛┗╩━━╩━╩━╩━━~

💓 Best channel collection
Click to join

➿➿➿
    👇👇👇
            ⇣
▣ Click to join ▣
      ▣ Join ▣
      ▣ Join ▣
      ▣ Join ▣


💓 Wave 01 collection channels
Click to join

➿➿➿
   👇👇👇
             ⇣
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█


✍️ Contact: @Getu_Abera


Akkuma nyaanni foon keenya irraa waantota baayyee ittisu, nyaanni sammuu keenya waantota baayyee ittisa. Kanaaf nyaata sammuu keef ta'u argachuuf channalii kana join godhachuun sammuukeef soorata taasisi.
🤜🤛👇🤜🤛


Channel hedduu fayyadan waantota irraa argachuu dandeenyu filachuun join godhadhaa
Waver 👉 @Daani28
👇👇


Sagalee Wareegamtoota Wangeelaa dan repost
#TAJAAJILAA ‘REINHARD BONNKE’ IRRAA QABXIILEE 10 BARANNU!
#10 IMPORTANT LESSONS FROM EV. REINHARD BONNKE
==========
#Waggaa 19ffaa isaaniirraa jalqabanii hojii Wangeela Mootummaa Waaqayyoo waggoottaan 60 darbaniif tajaajilaa kan ture H.Wangeelaa Reinhard Bonnke, Gonfoo Ulfinaa isaaniif qophaa’e fuadhachuuf Muddee 07, 2019 waggaa 79ffaa isaaniitti gara Gooftaa deemaniiru.
#Nama guddaa kanarraa maal baranna?
#Qabxiilee 10 gabaabsee siif katabeera…, irraa baratta jedhee amana…

#1ffaa: Umriisaa guutuu Wangeelaaf of kenne: Waggaa 9’tti Gooftaatti amanee, waggaa 13 osoo  hin taane adeemsa Wangeelaa jalqaba gara Afrikaatti godhe. Hojii Wangeelaa kana cimsee hojjadhuudhaaf mul’ata addaatiin ‘Christ For All Nations’, Ministirii/Tajaajila Wangeela saba hundumaaf jedhu bara 1974, ALA’tti hundeesse.

#2ffaa: Awuroppaatti dhalatanii Afrikaarratti hojjatan: Ardii Awurooppaa biyya Jarmaniitti dhalatan, mul’ata addaa ‘Africa shall be saved!’, Afrikaan Wangeelaan fayyuu qabdi jedhanii ka’an. Tajaajillisaanii addunyaalessa (ardiilee hundumaarratti, biyyoota addunyaa baay’ee ta’uuyyuu) iaalchaa bal’aadhaan, ardii fi biyya isaarra darbanii, ardii Afrikaa, biyyoota Afrikaarratti  (Cape Town to Cairo and from Dakar to Djibouti) xiyyeeffannaa guddaadhaan hojjatan.

#3ffaa: Tajaajila bu’a qabeessa tajaajilan: Tajaajilasaanii waggaa 60 keessatti namootni miliyoona 77 ta’an Gooftaa Yesuusitti amanan.

#4ffaa: Ayyaana/Dibata addaa Gooftaan isaaf kenne amanamummaan itti fayyadaman: Bonkeen lallabaadhas, barsiisaadhas, raajiidhas…tajaajilasaa keessatti dinqii fi milikkita gurguddaatu ta’a ture. Kana hundumaa keessatti garuu Maqaa WAAQAYYOOF kabaja kennuu malee maqaa fi ulfinasaanii hin dubbatan.

#5ffaa: Hojjata Wangeelaa ta’anii jalqabanii Hojjataa Wangeelaa ta’anii xumuran: Bara namni maqaasaa yeroodhaa yerootti Hojjataa Wangeelaarraa gara Raajii, Paastarii, Ergamaa, Ergamaa guddaa…jedhaa jirjiiraa oolu kanatti, bara hojjataa Wangeelaa jedhamuu hin barbaadamne kana keessatti, Hojii Waaqayyoo hojjachuu malee maqaa fi ulfinasaaniitif dhimma hin qaban. Jalqabaa hamma dhumaatti maqaa Hojjata Wangeelaa jedhuun xumuran.

#6ffaa: Barumsa Macaafa/Kitaaba Qulqulluu kan baratan turan: Bible College of Wales’tti barumsa baratanii tajaajilatti bobba’an…

#7ffaa: Kitaabota Barreessuu: Kitaabotaa fi barreeffamoota adda addaa afaanota 100 oliin maxxansiisuun biyyoota 55 ol ta’an dhaqqabsiisaniiru…

#8ffaa: Xiqqaarraa jalqabanii guddachuu: Tajaajillisaanii biyya Jarmanii waldaa tokkotti jalqabe, ergasii gara Afrikaatti dhufee, yeroo jalqabaatiif biyya Leeseetootti namoota 100 ta’aniif Wangeela lallabuudhaan jalqaban,…ergasii tajaajillisaanii guddachaa dhufee sagantaa tokkorratti namootni miliyoona jaha ta’an hirmaatanii turan…

#9ffaa: Hundeessa Minisitirii CFAN ta’anii gaggeessumma dhaloota haaraadhaaf dabarsan: Bara namni anatu dhaabbata hundeesse, anatu hamma dhumaatti/du’aatti hogganuu qaba jedhee jaalala aangootiif du’u kanatti, Ministirii hojii Wangeelaa hojjatu bara 1974 hundeessan sanarratti yeroo dheeraadhaaf erga gaggeessaa turanii booda, osooma/utuma lubbuun jiranuu tajaajila Lammii biyyaa USA (Ameerikaa) Daniel Kolenda jedhamuuf bara 2011 ALA dabarsanee kennuun fakkeenyummaa gaarii kaa’an.

#10ffaa: Xumura bareedaadhaan xumuran: Umriisaanii guutuu Wangeelaaf of-kennanii, amanamummaadhaan Gooftaasaanii tajaajilanii, iddoo maatiinsaanii walitta qabamee jirutti Muddee 07, 2019’tti gara Gooftaatti deeman. Fiigichasaaniis milkaa’inaan xumuran.

#Ergaa xumuraa: Dan. 12:13, Ati garuu hamma dhumaatti deemi. In boqotta. Guyyaa dhumaa sanattis Gonfoo ulfinaa sana fudhatta. Akkuma Ergamaan Phaawuloos jedhe (2Xim. 4:6-9), fiigicha kiyya xumureera, amantii kiyyas eeggadheera. Kana booda Gonfoon ulfinaa na’eeggata akka jechuu dandeessuuf jabaadhu. WAAQAYYO GOOFTAAN xumura kiyyas, keetis nuuf haa midhaassuu. Ameen.
#Waan guddaa irraa baratteerta jedhee amana, hiriyoota keetis dhaqqabsiisi. Eebbifam!




Channel hedduu fayyadan waantota irraa argachuu dandeenyu filachuun join godhadhaa
Waver 👉 @Daani28
👇👇


Channel hedduu fayyadan waantota irraa argachuu dandeenyu filachuun join godhadhaa
Waver 👉 @Daani28
👇👇




CUUPHAA FI TAABOTA
===================

✍ Yeroo ayyaana cuuphaatti taabota baatanii ba'uun barumsa eessaa dhufedha? Macaafni Qulqulluun hoo nu ajaja? Obbolootni koo Ortodoksoonni yeroo baay'ee "Ayyaana cuuphaa irratti taabota baatanii ba'uu macaafa qulqulluutu ajaja" jedhu. Gocha isaanii kanaafis akka ragaatti kutaan Macaafa Qulqulluu isaan dhiyeessan tokkichi immoo luqqisii Macaafa Iyaasuu boqonnaa 3:3 irra jiru dha.

📖 “Namoota ajajanii, "Sanduuqa kakuu Waaqayyo gooftaa keessanii isa Lewwoonni warri luboonni baatan yommuu argitan, iddoo buufattanii ka'aatii isa duukaa bu'aa!” (Iya. 3:³)

✔️ Jalqabuma irrattiyyuu kutaan kun ayyaana cuuphaa wajjin waan wal qabatu tokkollee hin qabu. Sababni isaas ummataan "Taabota duukaa bu’aa" kan jedhameef Iyaasuun ayyaana cuuphaa waan kabajaa tureef miti. Itti fufees bara Iyaasuutti ummatni kan isaan hordofan "T𝑎𝑎𝑏𝑜𝑡𝑎 k𝑎𝑘𝑢𝑢" isa Museef kenname malee muka 𝑘𝑜𝑙𝑘𝑜𝑙𝑙𝑒𝑒 namni barbaade akka fedhetti bocu hin turre. Bara kanatti luboonni mukoota isaan baatanii deeman "G𝑎𝑏𝑎𝑡𝑒𝑒 ykn ጽላት" dha akka hin jenneef mukoota sana irratti fakkii 𝑔𝑖𝑙𝑙𝑎𝑠𝑎𝑏𝑜𝑜𝑡𝑎 “Wareegamtootaa ykn Qulqullootaa” dha jedhamanii waldittii keessatti amanaman akkasumas ergamootatu bocamee mukicha irra taa'ee jira malee Abboommiin kurnan irratti barreeffamee hin argamu.

💐 "Taabota" akka hin jenneefis haalli inni itti hojjetame Taaboota Musee irraa adda kan ta'e dha. Akkaataa taabotni itti qophaa’u Seera Ba’uu boqonnaa 25:¹⁰⁻¹⁸ irratti bal’inaan ibsameera. Taabotni bultoo gabatee (የጽላት ማደሪያ) dha. የጽላት immoo gabatee abboommiin irratti barreeffame dha. Har’a yeroo ayyaanni cuuphaa biyya keenyatti kabajamutti luboonni mukni isaan mataa irratti baatanii deeman taabotas gabatee araaraa (ጽላት)'s osoo hin taane muka qofa.

🪐 Mana amantaa Ortodoksii Teewaahidoo Itiyoophiyaa keessatti Ta𝑎𝑏𝑜𝑡𝑎 k𝑎𝑘𝑢𝑢 M𝑢𝑠𝑒𝑒 kan jedhamu kun har'as Mana Kiristaanaa Tsiyoon Maariyaam keessatti argama jedhamee amanama. Egaa akkuma jedhame Taabotni Israa'elootaa biyya keenya jira erga ta'ee har'a akka bara Iyaasuu maaliif taaboticha qofa fudhatanii hin baane? Sirna kabaja taabotaa bara Iyaasuutti geggeeffamaa tures maaliif hin raawwannee? Taabotichis maaliif angoo dhabeessa ta'ee? Taabotni kakuu Itoophiyaa jira jedhame sheekkoo qofa waan ta'eef kana gochuu hin danda'u!

🍒 Kan biraan immoo Macaafuma Iyaasuu kana boqonnaa 3:4 irratti ummatni yommuu taaboticha hordofanitti waa'ee fageenya namootaa fi taabota gidduu jiru yeroo dubbatu, 📖 “Isin kanaan dura karaa kana baatanii waan hin beekneef, amma isa ilaaltanii yoo adeemtan, karaa irra adeemtan in beektu; haa ta'u iyyuu malee sanduuqichi akka dhundhuma kuma lamaa isinittii fagaatee haa adeemu; kana caalaa itti hin dhi'aatinaa!" jedheen.” jedha. Har’a fageenyi ummataa fi luboota taaboota jedhamee mukoota baatan gidduu jiru dhundhuma lama illee hin guutu. Kanaaf ragaan sirna kanaa kutaa Macaafa Qulqulluu kana yoo ta’e, ummanni maaliif saanduqa kakuu jedhame kana irraa dhundhuma kuma lama hin fagaatanii?

👉 Sababoota kanaa fi kan kana fakkaatan irraa kan ka’e, guyyaa ayyaana cuuphaa jedhamee kabajamu kana irratti taabota fuudhanii ba'uu fi maalummaa 𝑚𝑢𝑘𝑎 Ortodoksiin taabota jettee luboota baachistee deemtuu yommuu qorannu, kutaa Macaafa Qulqulluu kana wajjin walitti dhufeenya akka hin qabne hubachuu dandeenya. Akkuma yeroo hunda arginu sirna ayyaana cuuphaa irratti 𝙢𝙖𝙘𝙝𝙞𝙞, jeequmsa, 𝙙𝙖𝙧𝙗𝙖𝙣𝙣𝙖𝙖 𝙡𝙤𝙤𝙢𝙞𝙞 𝙛𝙞 𝙨𝙝𝙪𝙗𝙗𝙞𝙨𝙖 malee wanti waaqeeffannaa fakkaatu hin jiru. Bakka fooliin Wangeelaa hin jirre dirree taphaa Seexanaa ti. Kanaafuu ayyaanni cuuphaa biyya keenyatti kabajamu ayyaana amantii calaqqisiisu utuu hin taane kabaja sirna aadaati yoon jedhe na hin sobsiisu.

© Haaromsa Ortodoksiif (FB) 🙏

#Yesus_Fayyisaadha 🥰
#Ani_Dhuga_Baatuudha ✊
#Lubbuutu_Na_Marara 🥹

      📍Join Us📍
@UumamaHaaraa1
@ErgamaGuddicha
t.me//Youth4Christ1


🔔 Channelee Barnootaa Gurguddoo gadi tuquudhaan join taasisaa! 💖
Click to join

➿➿➿
👇👇👇
'https://t.me/addlist/4e8EfR1mqNFlY2E8' rel='nofollow'>           ⇣
╔┓┏╦━━╦┓╔┓╔━━╗
║┗┛║┗━╣┃║┃║╯╰║
║┏┓║┏━╣┗╣┗╣╰╯║
╚┛┗╩━━╩━╩━╩━━~

💓 Best channel collection
Click to join

➿➿➿
    👇👇👇
            ⇣
▣ Click to join ▣
      ▣ Join ▣
      ▣ Join ▣
      ▣ Join ▣


💓 Wave 01 collection channels
Click to join

➿➿➿
   👇👇👇
             ⇣
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█


✍️ Contact: @Getu_Abera


MARKABA TOKKO KEESSA
NOHI FI UUMAMNI HUNDI AKKAMITTI MARKABA TOKKO KEESSA TURAN?

==================
Nohi bidiruu kophaa tolche malee kophaa keessa hin jiraanne. Waggaa 120 bidiruu hojjetatee guyyaa 57(ji'a lama) qofa keessa jiraate. Lubbuu isaa oolchuutti lubbuu maatii isaa oolchuu qofatu dabalame miti; uumama hundumaatu itti galfamee oole.
Uumamni Nohi waliin Markaba isaatti galfame kun uumama Markabaa alatti wal nyaatu, wal loluu fi wal miidhu ture. Bofti Markabaa alatti nama hidditu markaba keessatti hadh'aa ishee liqimsitee uumama hundumaa wajjin nagaatti jiraatti. Sababni isaa Markaba(waldaa) keessatti wal hiddaa jiraachuun hin danda'amu.
Waraabessi inni du'aa foolii fuudhee barbaadu, raqa dhiisee uumama qulqulla'aa waliin matkaba keessa Qulqulluummaan jiraachuutu dirqama. waan du'aa(cubbuu) laaqanii dhufanii bakka barbaadan akka barbaadanitti jiraachuutu markaba keessa hin jiru.
Leenci inni yeroo dheeraa hirribaan dabarsee achii gaafa ka'u baroodee uumama naasisee humnaan qabee nyaatu; Markaba keessatti afaan qabatee gad of deebisee tarree hantuutaa fi raammoo markaba keessa jiraate. Sababni isaa markaba keessatti(Waldaa keessatti) anatu caalaan hin hojjetu.
Uumamni wal nyaatu waliin nyaachuu, Uumamni gumaa waliin qabu gumee waliin qabee, Uumamni qilleensa irra jiraatu gadi bu'ee, Uumamni garaa lafaa keessaaf bishaan keessa jiraatu ol ba'ee fi Uumamni lafa irra jiraatu Markabatti ol seenee waliin wal qixa jiraate.
Egaa Nohi abbaan Mul'ataa ana waan ta'eef kaffaltanii galtu yookiis faayidaa caalun argadha hin jenne. Akka gaafa Waaqayyo uumama biyya lafaa uumee jannata keessa uumama hunda waliin jiraachisaa turee Nohi uumama hundumaa wajjin Markaba tokko keessa jiraate. Sababa cubbuuf uumamni wal baqatee ture, Bara Nohi immoo nama cubbuu biyya lafaa mancaase irraa hafe Nohi wajjin walitti deebi'ee Jannata( Bidiruu) tokko keessa jiraate.
==> Namni manca'ummaa amantii daheeffatee bara kana mana amantii fi sirna biyyaaf addunyaa keessatti mo'aa jiru kana irraa hafe, saba qofa utuu hin taane uumama walitti araarsa.
Kanaafuu Waldaan Bidiruu Nohitti fakkeeffama. Gama biyyaan immoo Biyyi Itoophiyaa kunis akka Markaba Nohi sana fakkaatti. Gosa baayyeetu keessa jira. Egaa inni ol barrisuu barbaadu gadi haa bu'u, Inni qotamee awwaalames ta'e inni gadi buufamaan ol haa baafamu; Inni toora irra jirus bidiruchatti ol haa galfamu. Wal caaluuf wal nyaachuun hafee waliin jiraachuutu seera qabeessa. Nohis uumama isa fayyadu qofa utuu hin taane uumama isa hin fayyadne. Warra nyaataaf ta'an qofa; utuu hin taane warra nama iyyuu nyaatanis ofitti qabee keessa galche. Kanaaf biyyiif amantaan warra isaan fayyadan qofa yoo ol galfatanii isa kaan immoo gad ari'an diigamsaatu dhufa. Kanaafuu Mee Markabni keenya kun hunduma iyyuu baachuu haa baru.
Bidiruun Nohi faayidaa garee tokkoo qofa miti! uumamni hunduu Waliin keessatti oolu! Waldaanis biyyis kan maluuf mala haa taatu!
Eebbifamaa

SAGALEE WANGEELAATU AKKAS JEDHA!

👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/Youth4Christ1


Akkuma nyaanni foon keenya irraa waantota baayyee ittisu, nyaanni sammuu keenya waantota baayyee ittisa. Kanaaf nyaata sammuu keef ta'u argachuuf channalii kana join godhachuun sammuukeef soorata taasisi.
🤜🤛👇🤜🤛


DARGAGGOONNI FI ABBOOTTIN MUL'ATAA QORUMSA ISAAN IRRA
GA'UU MO'UUF MAAL MAAL GOCHUU QABU?

❖Qabxilee gurguddoo torba(7)akka
itti aanuutti isiniif dhiyeeseera sirritti qalbeefadha.

1.Bakka wanti nama qoru jiru baqachuu.
✿Phawuulos ximootiwoosin yeroo goorsu
"Ati immoo kajeellaa yeroo dargaagumaatti hammaatu irraa baqadhu!" jedhe
2Ximo 2:22. Yoosef yommuu dubaartittin fedha foonii wajjiin raawwaachuf isa qorte. Uffata isaa harkaatti gatee baqatee biraa sokke
Uma 39:7-12

2.Wanta nama qoru of duraa fageessuu.
✿Akkuma qoruumsa baqachun jiru qorumsa ykn waan nama qoruus of duraa fageessudhaan qorumsa mo'uun ni daanda'ama. Wanta gadhee ija koo duraa kaa'ee hin taa'u. Far.101:3

3.Yaada garaa ofii eeggachuu.
✿"...Yaada garaa kee ba'eessa godhii eegadhu!" Fak 4:23

4.Waaqayyoof bitaamu.
✿Waaqayyoof bitaamani seexanaan immoo yoo mormaan, inni qoruumsa namaatti fidu seexanni nama baqata Yaq 4:6-7

5.Dubbii Waaqayyottin guutamuu.
✿Gooftaan keenya #Yesuus_Kristos yeroo seexanni halkaan afurtamaa fi guyyaa Afurtama isa qoorte kan inni ittiin mo'ate Dubbii waaqayyootin ture.Nus Dubbiin waaqaayyoo guutummaatti yoo nu keessa jiraate,seexana ni moona. Dubbiin Waaqayyoo kanaanis guutamuun akka nu irra jiru sagaleen waaqayyoo nu abbooma Qol.3:16

6.Of qabuu.
✿Of qabuun cubbuu nama moosisa.Namoonni baay'en yommuu arrabsaman sabaaba of qabuu hin daandenyef aarani nama ajjeesudhaan cubbuu keessa galu.Warrii kaan immoo fedhii foonii yeroo itti dhaga'amuu sabaaba of qabuu hin dandeenyef cubbuu ejjaatt kufu. Phaawuloos garuu "Foon koo nyaaq godheen qaba.nan abbomsisaas"jedhee duubbate.phaawuloosumti eergaa tiitoosif erge keessatti, "Ayyaanni waaqayyoo kunis, kajeellaa biyya lafaa isa hamaas gannee bara kana keessa of qabuutti,qajeelinatti namoota waaqayyoo taanee akka jiraannuf gorsee gara gaariitti nu deebisa"jedhe
Tit. 2:12

7.Waan hamaa gaariidhaan mo'uu.
✿Isa hamaa namaaf yaaduudhan nama qoruu barbaaduf wanta gaarii gochuun qorumsa nama moosisa. Gatii waan hamaa yoo hamaa deebisan garuu qorumsaan ni mo'amu. Cubbuu keessattis kufani argaamu. kanaafuu sagaleen waaqayyoo "Waan gaariidhan isa hamaa mo'i malee,hamaan si hin moo'in!"jedha Rom 12:21.

Kanaaf egaa abaan mulataas dargaggoonni qorumsaan mo'amuu utuu hin ta'in qorumsa karaa hundaa itti dhufuu mo'atanii itti gaafatamummaa isaanii ba'uuti irraa eegama.
#Eebbifamaa

#Like,#Share,#Comment Godhatii waliif dabarsaa

t.me//Youth4Christ1


🔔 Channelee Barnootaa Gurguddoo gadi tuquudhaan join taasisaa! 💖
Click to join

➿➿➿
👇👇👇
'https://t.me/addlist/4e8EfR1mqNFlY2E8' rel='nofollow'>           ⇣
╔┓┏╦━━╦┓╔┓╔━━╗
║┗┛║┗━╣┃║┃║╯╰║
║┏┓║┏━╣┗╣┗╣╰╯║
╚┛┗╩━━╩━╩━╩━━~

💓 Best channel collection
Click to join

➿➿➿
    👇👇👇
            ⇣
▣ Click to join ▣
      ▣ Join ▣
      ▣ Join ▣
      ▣ Join ▣


💓 Wave 01 collection channels
Click to join

➿➿➿
   👇👇👇
             ⇣
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█


✍️ Contact: @Getu_Abera


Waaqayyotti qoosanii...

a. #Joon_Lenoon: Sirbituun kun “Ani har’a Yesus irra caalaa beekamaa ta’eera” jedhe; garuu utuu baayyee hin turiin rasaasa 6 irratti gilgilchamee ajjeefame.
b. #Reenkredoo_Navis namni jedhamu biyya Biraaziliif perazidaantummaaf yeroo dorgomutte “Ani paartii koo keessaa sagalee deggarsaa 500000 utuun argadhe nama haa turuu Waaqayyo iyyuu prezidaantummaa irraa na hambsuu hin danda’u” jedhe. Akkuma kanaan sagalicha argatee Prezidaantuumaaf dorgomee mo’ate. Garuu akka boruu gara taaytaatti darbuuf yeroo qophaa’aa jirutti halkan du’ee siree cisaa isaa irratti argame.
c. #Kaazuuzaa: Namni kun sirbituu biyya Biraazil ture; guyyaa tokko timboo xuuxaa jiru aaraa isaa gara samiitti ol gadhiisuun “Waaqayyo kun immoo ga’ee keeti waan ta’eef xuuxi” jedhe; garuu utuu hin turiin umurii isaa waggaa 32tti kaanseerii sombaan haala hamaa ta’een miidhamee du’ee.
d. #Harladii_fi_Woolf: Namoota Taaytaankii ijaaran immoo “Kana booda Waaqayyo iyyuu doonii kana galaana keessa dhidhimsuu hin danda’u” jedhan. Garuu dooniin sun dhidhimtee akkam akka taatee seenaan ishee in beekna.
e. #Dubartiin_Biraazil tokko ijoollee ishee durbaa bashannana deemuuf hiryoota isaanii waliin konkolaataadhaan ba’aa jiraniin harka ishee gara isaaniitti raasuun “Ijoollee ko egaa Waaqayyo isin waliin haa ta’u” isaan jennaan isaan keessa ishiin tokko “Harmee ko konkolaataan guutuu waan ta’ee Waaqayyoof iddoo hin qabnu” jette. Ergasii Km muraasa erga deemanii booda konkolaataan sun bifi isaa wallaalamuutti gaggaragaluun hundii isaanii achi keessatti dhuman.
f. #Maariliin_Moniroo: Dr. Bilii Grahaam Hafuura Qulqulluun geggeefamee gara ishee dhaquun yeroo inni waa’ee Yesus Kristoos dhugaa ba’uuf “Yesus kee an hin barbaadu” ittiin jette. Dubartiin sun garuu torbeedhuma sana keessa siree ishee irratti duutee argamte.
g. #Kristiin_Heewit: Gaazexeesituu beekamtuun lammii Jamaaykaa “Addunyaa kana irratti kan akka Macaafaa Qulqulluu nama jibbisiisu hin jiru” jette. Dubartiin kun guyyaa tokko utuu doqiddoqqeedhaan fintiriiraa jirtuu kufaatii hamaan garagaltee ibiddaa ishee qabateen bifa ishee illee addaa baasuun hanga dadhabamutti gubattee duute.

Eeyyeen, Macaafin Qulqulluun akkas jedha: “Ammas Waaqayyo, ‘Kunoo, saba lafa irraa keessaa ati akka xinnaattu, raawwattees akka tuffatamtu nan godha; ati yaa isa mana kee iddoo ol jedhaa irratti ijaarrattee, yaa isa holqa dhagaa keessa jiraattuu, 'Eenyutu lafatti gad na buusa?’ jettuu, of tuulummaa garaa keetiitu si gowwoomse” (Oba.2-33).

“Waaqayyo kan itti ga’isan miti’o, hin gowwoomina! Namni immoo waanuma facaase in galfata” (Gal.6:7).

Jara keenyaa, ilmaan namootaa wanneen Universii kana keessa jira kan isaan ijaan argan (arguu fi beekuun iyyuu garaagara) %5 qofadha jedhama. Kanaaf waa’ee isa hafee %95 waan argine hin qabnu. Wanni biraan yoo hafe Waaqayyoo isa %95 san keessa jiraachuu danda’a jedhanii yaaduun illee maaliif dadhabamee?
Hubanna nuuf haa kennu!

Guyyaa gaarii!

Share!

t.me//Youth4Christ1


Waaqayyo Ibidda Xap Godhudha 🔥🙏

Mee Akkasumatti itti fufaa , amma naasuun isinitti dhufaa
Isa 29:9

Maaloo obsumaan dubbisii xumuri 🙏

Sababni balaa ibiddaa guddaan American Los Angeles tti ka'ee uumama daaraa botoroo godheef uumaa jalaa hin dhokatu ,
Garuu namootni kan isaan kaasanii dubbachaa jiran median addunyaa tokko tokkos ifoomsaa kan jiru.. balaa ibiddaa kana dura January 5/2025 taateen namatti hin tolle tokko ta'ee ture

Innis maalidha ??
Akkastu ture Badhaasa golden globe 82ffaa kan kan namoota taatewwan fiilmiwwan gurguddaa hojjetaniif kenname wal gahii akka biyya sanaatti jira jedhamutu ta'ee ture

Iddoo kanatti qopheessituu ykn qindeessituun sagantaa kanaa "Niky glaser" kan jedhamtu table tokko qopheessitee turte , table isheen qopheessite kunis badhaafamtoota 14 keessaa , waan galateeffatan tarreessiteef maatii,biyya , Waaqayyo fi kkf ta'uu danda'a

Egaa jara kana 14 keessaa Namni 11 Cast&Crew yoo galateeffatan namootni 3 immoo maatii isaanii galateeffatani , isheenis achirratti osoo hin dhiisin "GOD" Jettee ofii isheetii itti dabaltees table sana keessatti iddoo God jedhu fuulduratti "0" keesse , maal kana duwwaa erga "0" keessees callistee hin dhiisne,, akkas jette "WAAQAYYO WAAMAMUUF GALATEEFFAMUU DHIISUUN ISAA MAGAALAA KANA KEESSATTI WAAN NAMA DINQISIISU MITI " Waaqayyoon magaalaa keenya keessaa baasneerra jette .

Hub . Kun ta'uun January 5/2025
Ibiddi akka amma argitan kanaan magaalaa sana barbadeessuun isaa immoo January 7/2025 dha.
Egaa namootni hedduun kun akka dheekkamsaa fi waaqayyo akka jiru itti argisiise jedhanii wal harkaa fuudhanii haasa'aa jiru , anis isaan keessa tokko dha

Kan isin dhibu gaazaan lolaan barbadaa'uun ishee amma waggaa tokko gaazaa deebisanii ijaaruuf kan barbaachisu ammayyuu Dollar USA Bil 80 gaafata jedhame. Los angels garuu guyyaa lama gidduutti manneetii gubatan maleeyyuu Dollar America Bil 300 hanga 400 seenaa jira jedhama .

Yoomiyyuu waaqayyo hin jiru warri jedhan in bullaa'u .

Eenyuuniyyuu haa ta'u waaqayyo waan gurguddaa lama irratti nama hin qusatu , Innis maqaa isaaf ulfina isaa irratti dha .

Gaafa waaqayyo loluutti ka'u kan dura dhaabbatee ittisuu danda'u eenyuree , innoo ibidda xap godhudhaa 🥺

Namni yoo nama lole jaarsatu araarsa
Biyyi yoo biyya lole biyyatu araarsa
Yoo waaqayyo nama lole eenyutu waaqayyotti nama araarsaree ???

Safuudha isaaf
Kanaaaf jaallattus jibbitus , milkooftus milkaa'uu dadhabdus , sitti tolus sitti badus, ol baatus gadi buutus waaqayyo jira .

Waaqayyo gaariidha .

t.me/Youth4Christ1



20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.