Maarkus Raashfoord ifatti kilabicha gadhiise!
Kilabiin Piriimiyerliigii Ingiliiz Aston Viilaan taphataa sarara fuulduraa Red Devils Maarkus Raashfoordi liqiidhaan mallatteessisuu isaa beeksise.
Hanga xumura bara kanaatti kontiraataan kilabicha gadhiisee kan ba'e Maarkus Raashfoord, paawundii miiliyoona 40n dhaabbataadhaan mallatteessuu filannoo dabalata.
Leenjisaan olaanaa Aston Viilaa Una Emre taphaticha kanaaf fedhii akka qaban yeroo ifa ta'e kilabichaaf gaaffii dhuunfaa dhiyeesse.
Maarkus Raashfoord taphoota kudha lamaan darbanitti Yunaayitid waliin tapha tokkollee taphachuu hin dandeenye.
Raashfoordi, ''Kilaboota lamaan waliigaltee kana akka raawwatamaniif galata guddaa qaba,'' jedheera ''Aston Viilaa filachuun murtee salphaa ture.
"Taphachuu barbaada, Aston Viilaatti taphachuuf gammachuu guddaatu natti dhagahama." Maanchistar Yunaayitid bara kana hafeef waan gaarii hawwa, Maarkus Raashfoordi
Maarkus Raashfoord tapha FA Cup irratti Leyton Orient waliin taphachuun guyyoota muraasa booda kilabichaaf yeroo jalqabaaf ni taphata jedhamee eegama.
Raashfoordi hanga bara 2028tti Maanchistar Yunaayitid waliin kontiraata qaba.