Postlar filtri


The 48 laws of power

LAW 5

SO MUCH DEPENDS ON REPUTATION—GUARD IT WITH YOUR LIFE

Reputation is the cornerstone of power. Through reputation alone you can intimidate and win; once it slips, however, you are vulnerable, and will be attacked on all sides. Make your reputation unassailable. Always be alert to potential attacks and thwart them before they happen. Meanwhile, learn to destroy your enemies by opening holes in their own reputations. Then stand aside and let public opinion hang them.

@etbisahusen




Lookhoo!
---------------- kutaa 2ffaa
" ulee lookhoo lamaan muree,
Lachuu ulaagaadhaa
Geeysee maalan godha,
lookhoo muruun Aadaadhaa.
Macaacilee cabsii,
Qaccee baalaan dhooysii
Wanii dhooysan dhumtee,
Siin wal dhabnee obsii."
-------
Warri gurbaa tokko gaafa ilma isaaniitiif intala takka kadhachuuf karra Ambaa dhaqan, jalqaba heera guutachuu qabantu jira.
Guyyuma intala San qaadhimatan San Abbaafi
Haatii gurbaa mana warra intalaa keessatti ulee lookhoo suuqqatan. Wani kana godhaniif tokko yoo warri intalaa, intala tana nama biraatiif kanne,ykn intaltti nama biraa jala deemte, haatii gurbaa ulee lookhoo tana qabachuun qaadimaa ilmi isii tahu heeraan falmatti.
Kan lamadaa, gaafa gurbaan kun intala tan manatti galfate booda yoo akka taasaa itti roorrise intaltti tun ulee lookhoo ( siinqqee) tana qabachuun mirga isii heeraan gaafatti.
Akkuma beekamu Aadaa fuudhaafi heeruma oromoo keessatti gostii gurbaa hirmaannaa guddaa qabdi. Gaafa gurbaan isaanii intala takka fuudhuuf guyyaan muraasnii hafe, ykn gaafa Ayyaamnni cidhaa gahe, gostti gurbaa kana harka halangaa kaayan. Mal'attoon halangaadhaa akkuma beekamu aangoo qofa ossoo hin tahiin mal'attoo itti gaafatamuummaa fudhachuutii.
Guyyaa kana irraa kaassee gurbaan kun mirga jaarttii isaa eeguu keessatti haa tahu hawaasa keessatti warra daadaa isaatiif fakkeenya gaarii tahuuf dirqama gosa irraa fudhata.
Heerri gosaa kun, heera fuudhaafi heeruma sirna gadaa odaa bultum keessatti beekamaadha. Namni halangaa harkatti qabachuun hayyamameef Jara sadii qofa. Ilmi dhiiraa gaafa fuudhu inni ol'aanaadha jaarttiin isaatiis ol'aantuudha. inni bultii Afurtama halangaa harkatti qabata.guyyaa kana keessatti warra daadaa isaa, warra sadarkaa doorii fi raaba keessa jiru bultti irratti kakaasaa. Bakka dhaqe hundatti " dammaqi"
Jechuun hamilee daadaa isaa kakaasa.
Isiin hamma umrii isii ulee lookhoo ykn siinqqee San mana keessa ol kaayatti.
Gaafa guyyaa cidhaa, yeroo gara mana intalaa deeman hiriyyoonni isaa warri fardaan isa dabaalu, martti isaanii filaa diimaa suuqqatan.
Warri hafe " beellamaan dhufe, sirbii qeeyroo "
Jechuun dhichisaa hamma mana intalaa geessu.
Yeroo mana warra intalaa gahan hiriyyoonni intalaa hullaa duratti gad bahuun heellee taphatan keessaa takkaan isiin yaadachiisa.
" heellee Agoobara naannoo
Agoobara heellee (2)
Lagaalaga saakhayyee Agoobara heellee
Gurbaan dhufe Addiyyee Agoobara
Naannoo, Agoobara heellee.."
' Armaan gadii gaaraa hurree qabu
Gaara hurree qabu
Way soddaan dhufe
Ka harkaa halangaa qabu
Ka harka halangaa qabu..."
Guyyaa cidhaa San, yeroo intaltti mana haadaatii ulee lookhoo harkatti qabattee gad baatu, hiriyyoonni isii, warri Addee waliin turan akkana jechuun weedduu heelleetiin gaggeesan:-
" Lookhoon baate, ulee lookhoon baate
Addeen tan Ambaa taate. (2×)
Lookhoo wal cinnaan lagarraan magartee
Heellee Martuu raasuun duruu sidabrtee,
Addeen tan Ambaa taate.
Silaa akka keenyaatiin addaan nun baasanii
Hiree maal goonagaa heeruman oolanii,
Addeen tan Ambaa taate.
Muraada kee gahee warraa si khanatee
Guyyaan kee Arrumaa jajjaabaadhu Aaddee,
tan Ambaa taate.

https://t.me/etbisahusen


The 48 laws of power

LAW 4

ALWAYS SAY LESS THAN NECESSARY

When you are trying to impress people with words, the more you say, the more common you appear, and the less in control. Even if you are saying something banal, it will seem original if you make it vague, open-ended, and sphinxlike.

Powerful people impress and intimidate by saying less. The more you say, the more likely you are to say something foolish.

@etbisahusen


The 48 laws of power

LAW 3

CONCEAL YOUR INTENTIONS

Keep people off-balance and in the dark by never revealing the purpose behind your actions. If they have no clue what you are up to, they cannot prepare a defense. Guide them far enough down the wrong path, envelop them in enough smoke, and by the time they realize your intentions, it will be too late.

@etbisahusen


The 48 laws of power

LAW 2
NEVER PUT TOO MUCH TRUST IN FRIENDS, LEARN HOW TO USE ENEMIES

Be wary of friends—they will betray you more quickly, for they are easily aroused to envy. They also become spoiled and tyrannical. But hire a former enemy and he will be more loyal than a friend, because he has more to prove. In fact, you have more to fear from friends than from enemies. If you have no enemies, find a way to make them.

@etbisahusen


THE 48 LAWS OF POWER

LAW 1

NEVER OUTSHINE THE MASTER.

Always make those above you feel comfortably superior. In your desire to please or impress them, do not go too far in displaying your talents or you might accomplish the opposite—inspire fear and insecurity. Make your masters appear more brilliant than they are and you will attain the heights of power.

@etbisahusen


Dur, naannoo harargetti, intaltti duraa takka gaafa umriin isii 16 guute, hiryyoota isii, warra marsaa gadaa tokko keessatti waliin dhalatan wajjin hiriyyummaa uumatti.warri shamaranii, warri sadarkaa kana keessa jiru maqaa warri baaseef irra maqaa hiriyummaa kan " aaddee "
Jedhu ykn akka naannoo carcaritti maqaa " 'gooyduu' jedhu kanaan wal waamu.
Meseensi aaddee waliin jedhu, warri daadaa takkaa kun hedduu tahus akkuma walitti dhihaataniin nama lama- sadii tahuun aaddummaa cimsatu.
Gaafa magaalaa dhaqn tahee, yeroo migira buqqifatan uffanni sadeeta isaanii haa tahu Gumeefi kulkultaan, callee mormaatiif foroorii gurraa wal fakkaata. Kan biraa dhisii dhawaan naannoo isaanii cifraan takkittii.
Isaan keessa gaafa maatiin isaanii takka wadaaja tahuu, haajaan wahii takka itti galtee hiriyyoonni kun walitti dhufuun bishaan waraabuun haa tahu, mooyyee talaantaluun aantummaa hiriyyummaa wal garsiifatan.
Akkana jechuudhaaniis talaantala mooyyee keessatti walitti qoosuun wal jajjabeessu:-
" dukko, dukkanaan hin dulanii,
Ji'aan hin godaananii
Dukkogaa, jaarsii jaartii lamaa
Takka irra jaalataa
Rabbiin waa sin dhiisuu
Dukkogaa, way sumaan gaafataa.
Sa mooyyeen maaluma na seete,
Tan nyaattee dhuuyne na satee,.
Sa mooyyeen maaluma na seete
ta tumtee daayne na seete....
Hiriyyoonni kun akka afoola gara garaa keessatti hubanutti irra caala gaafa migira guuruuf ykn buqqifachuuf deeman weedduu gara garaatiin akka wal faarsaa turaniifi naatoo Waliif qaban heellee keessatti bifa adda addaatiin Waliif ibsu
Fakkeenyaaf ;-
" hogogorraa suutaan migiraa
Suuta deemii aaddee qoree sidiraa.
Hadaamii hin daraarinii
Hadaamii hin daraarinii
Aaddee hirriyyoo qoree sin waraaninii
Qoreen sin waraaninii......
.... itti fufa...
@etbisahusen


Lookhoo !
-----(kutaa 1ffaa)
" Lookhoon baate, uleen lookhoon baate
Addeen tan Ambaa taate. ( 2x)
Silaa akka keenyaatiin addaan nun baasanii
Hiree maal goonagaa heeruman oolanii.
Lookhoon wal cinnaan lagarraan magartee,
Heellee Martuu raasuun duruu sidabartee,
Aaddee tan Ambaa taate.
Muraada kee gahee, warraa si khanatee,
Guyyaan kee Arrumaa jajjabaadhu aaddee,
tan ambaa taate.
Hireen nu dursitee, namu ni heerumaa
Boochee nun boochisin, tan Ambaa taate. "
Heelleen Armaan olitti barreeffamte tun yeroo kam akka jedhamtu hedduun keenya ni beeyna. Garuu ulee lookhoo jechuun maal jechuudha? Deebbii isaatiif hin rakkatinaa, lookhoo jechuun akka naannoo harargetti
" siinqqee " jechuudha. Akka Aadaa fuudhaafi heeruma naannawa harargetti intaltti dubraa takka gaafa heerumtu yoom? Akkamitt ? ulee lookhoo qabatee akka baatu ibsuu kiyya dura haala duree garasitti nu geesaatiin dhiheessuu Barbaadaa Na hordofaa Dur, naannoo harargetti, intaltti duraa takka gaafa umriin isii @etbisahusen


Discover the rich heritage of the Oromo Gadaa System, a unique democratic governance model that has guided the Oromo people for centuries.

Celebrated for its egalitarian principles, Gadaa emphasizes social justice, equality, and community participation. This indigenous system divides leadership roles among age groups, ensuring balanced power and wisdom.

Recognized by UNESCO, Gadaa is not just a cultural treasure but a timeless example of sustainable governance. Explore the legacy of Gadaa and be inspired by its enduring values.
ancient history of oromoo
@etbisahusen


Beautiful Tulama Oromo girl from shewa in 1885GC!
#seenaa #oromoo #Ethiopia #kush

@etbisahusen

#ancient_history_of_oromoo


abtew kebede in 1978 E.C Full Album

#ancient_history_of_oromoo

@etbisahusen


Birmajii jemmaa qondaala Arsi Bara 1900 . Source- bnf Gallica a french catalog.

#ancient_history_of_oromoo

https://t.me/joinchat/AAAAAE7dzv--x9j2S4HTfw


SEENAA LIJ-IYYAASUU
KUTAA 2FFAA
~~~~
Raas Mikaa'el finfinnee dhufee Raas Abaatee Kambaataa irraa waamee maq-dhalatti hiissise Kana giddutti kallattiin bahee mul'achuu irraa of dhoksee kan ture ejjennoon Fitawraarii HabteGiyoorgis(Qusee Dinagdee) cimaa dhufe Kambaataa Abaataan dhabe dabalachurra darbee hogganaa Makaanintoota Shawaa ta’ee olbahe. Yeroo tarkaanfin Iyyaasuu Mokaanintoota yaaddoo keessa galche Iyyaasuu angoo irraa buusuuf qindeesse. boodas yeroo abbaan Iyyaasuu Raas Mikaa’el ilma isaa angootti deebisuudhaf yaalii godhe fashaleessuu keessatti hojii addaat hojjate. Jabanni mootummaa Iyyaasuu jabana hibboodhan guutamedha.
Afaan guutanii gaarummaa isaa fi gadhummaa isaa dubbachuun nama dhiba. Carraa isaa ta’ee jabanni Iyyaasuu gabaabaa yoo ta’uu kan isa booda taayitaa qabate Tafariin faallaa isaa baroota dheeradhaf Itoophiyaa bituu isaa irrayyuu akka maqaan iyyaasuu tolaan ka’u hin barbaadu ture. Kanaafuu kitaaboota seenaa baay'ee keessatti irra deddeebi’amee kan himamu muslima ta’uu isaa, qoosaa fi tapha jaallachuu Iyyaasuuti. Kitaabota caalaa ummata qubee hin lakkaa’intu waa’ee tola Iyyaasuu dubbata. Bareedinni isaa, dandeetti dubbii fi nama ispoorti ta’uun isaa kan qalbii ummataa hawwatan keessaa turan. Qeeqa dalgaa mootummaaf xiyyeefannaa hin kennu jedhuufillee kun kan ta’eef ijoollummaa isaa irraa kan dhufe jedhee falmaafii ture ummatni. Iyyaasuun yeroo taayitaa isaa gabaabduu sana keessatti tarkaanfii hawaasummaa fi guddina dinagdee cimsu jedhaman tokko tokko fudhateera Qabeenyi dhuunfaa akka kabajamu fi gibirri yeroodhan akka sassaabamu, sirni himataa fi himatamaa walitti hidhee gidirsu akka hafuuf tarkaanfii fudhatera Akkasumas sirna Leebaa shaayii( Hattuu adamsanii qabu) jedhamee beekamu, garuu kan namootni ittiin haaloo walirratti bahuuf itti fayyadaman seera qabsiisudhaaf yaalera.
kutaa 3ffaan itti fufa

#ancient_history_of_oromoo

@etbisahusen


Gostii oromoo takka takka jaarraa 12ffaa dura akka kibba somaaliyatiifi kaabaa somaaliya keeyssa jiraachaa turttee ragaa barreeffamaa hedduu dhiheesuun Ni dandahama.

qorataa biyya arabaa (Arab geographer) Kan ture Ibn sa'id jaarraa 13ffaa keeyssa gaafa kibba somaaliya qubsuma gosa Somaali lafa hawiye (hamarii) daawwatu warra gosa Oromoo irraa tahan Kan ganda Adda addaa keeyssa qubatee taa'u,( lakkooysaan "warra" shantam tahu) naannoo Magaalaa markaatti argee akka ture barreesse jira.

harbert s. Lewis barruu ibn sa'id "Arab geography" gubbatt barreesse kana waabeeffachuun kitaaba "African journal history"jedhu gubbatti seenaa kana galmeesse jira.

"Arab script" Barruu warra arabaa hedduu gubbatti maqaallee gosa oromoo warra lafa somali keeyssa jalqaba irraa qubatee ture arguun Ni dandahama.

fkn:- Al umarii Fi qorataan biyya Morocco Ibn baattutaa jaarraa 14ffaa keeyssa gaafa naannoo moqadisho daawwatan warra gosa Oromo irraa tahan .

fkn:- Warra gosa dhaaye, warra Ribii, warra boonii k.k.f Barruu isaanni gubbatti akka maqaa dhahan yaadachuun barbaachisaadha.

Gara biraatiin gostii oromoodhaa bal'innaan Akka kaaba somaaliya keeyssa qubachaa turttee warri seenaa oromoo qoratan warri akka Harbert Lewis, Guillian(1856), Abu Al-fida (1848), curulli, Fleming (1964) Murdock (1959) Schleicher (1892)...

Warri Kun hundi gostii Oromoo jaarraa 13ffaa dura akka kaaba somaaliya keeyssa qubachaa turttee irratti Walii galu.

Gostii oromoo takka takka keeyssattuu warri kaaba somaaliya keeyssa qubachaa ture Adda cituudhaan gosa somaleetii akka galan ragaan takko tokkoo ifa godha.

fkn:- warri gosa Akkichuu irraa buqa'ee
Warri Dulbahantee Fi warri bulee tokko tokko Gosa somalee Ishqtti akka galan Abu Al- fida'n galmeesse jira.

Qorataan warra Arabaa Abu Al-Fidan Barra 1848tii manguddoo gosa Akkichuu
Kan gosa dirti galee tokko nama mahe samee jedhamu Wal dhala gosa isaa akka Armaan gaditti galmeesse jira:-

> Mahe samee
> Abdullaahi mahe
> Sa'iid Abdullaahi
> Abdi sa'iid

#ancient_history_of_oromoo

@etbisahusen


Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
Hey buddy! Check out @Bums!
Join now and level up from a bum to the king of the streets!


Biyyii ityoophiyaa jedhamtu tun bifa Amma qabdu kana akka horatuu kan godhe oromoodha.jaarraa 16ffaa keeyssa silaa oromoon Atse sarsa dingil injifachuu baatte sabaa -sablammoota arr'a ityoophiyaa keeyssa jiran
Kana arguu hin dandeenyu ture.kan biraa dhisii
Biyyii Somalia jedhamtu tun seenaan isii ni jijjirama ture.kan biraa silaa oromoon bara 1559ti Amiir nuur injifachuu baatte arr'a silaa manneen Amantaa gojjaam keeyssa jiruufi masraan mootootii gondar kun hin jiraatu ture.
Lola bara dhibba sadihiif maqaa amantiitiin deemaa ture oromoon dhaabsisuun isii gaanfa afrikaa keeyssatti jijjirama waaraa fide.Duuba saboonni kibbaafi bahaa ityoophiyaa jiran irra guddaan isaanni injiffannoo oromo tana akka wabii jireenya isaanitti fudhachuun oromo wajjiin gammachuun jiraachuu itti fufaniis Amaarii garuu akka diinatti qofaa mitti guffuu akeeka isaanni gufachisteetii oromoo laalluu eegale. bara mooticha sarsa dingil bara 31 guutuu injiffannoo oromotiifi seenaa oromo addunyarratti baleesu irratti hojjachaa turan.keessattuu bara 1593ti Atsen sarsa dingil
Qeensicha Isa Jala deemee waa barreessaafii ture nama Abbaa baharey jedhamutii dhimma bahuun seenaa oromo jallisee akka barreessu godhe.barri kun bara marsaa gadaa mul'ata keeyssa ture.bara Amaarii guutuu guutuutti Oromoodhaan itti Injiffatame qofa ossoo hin tahiin bara mul'ata gadaa isaa gojjaam keeyssatti tumateedha.bara oromoon lafa Abbaa isaanni tana walloo keeyssa jirtu lafa seenaa qabeessa lafa waaqaatiifi laga bishiloo
Deebisttee harkatti galfateedha.mootoota warra
Amaaraa keeyssaa mootiin akka sarsa dingilitti
Baraa dheeraa oromo wajjiin Lola gageese hin jiru.dadeebi'ee oromoon injifatamuun isaa akeeka Amaarii bara dheeraaf hamma Somalia ti babal'achuuf qabaachaa ture santu Isa wajjiin Injiffatame.haa tahu malee sumiin inni awwaale hamma ammaa ni jirtti.kan biraa dhisii seenaa Abbaa bahareen barreesse sun ykn seenaan oromoon jaarraa 16ffaa keeyssa alaa dhuftte jattu sun barreessitoota seenaa warra kitaaba Abba bahary waabefate warra akka " _ Manuel de almeide
- hirb ludoit
- Herbert Lewis
-Baxer Paul k.k.f seenaa oromo gubbatti akka dogogora hojjatan isaan godhe.

#ancient_history_of_oromoo

@etbisahusen


#ancient_history_of_oromoo
@etbisahusen


=> Saddaffaan, Garee qeeyroo jedhamtu yommuu tahuu gareen kuniis nagaya eegduu (poolisii naannoo) jedhamuun beekamti. Fkn yeroo gareen murtii guutoo fi raaree diina saanii waliin dirree waraanaa irrattii falmii gochaa jiran akka diinii kun kallattii biraatiin itti hin dhufne warreen eegan jedhama. Leenjiin garee kanaa kennamuus sochii qaamaa dabalate akka bifa ammayyaa fakkeessanii muka jajjabaa kanneen akka ejersaa dumucaan cabsuudhaan leenjii fudhata jedhama. Akassumaas meeshaan waraanaa kan gareen kun loluun xiyyaa, mencaafi kan akka qottoo, wacaafaa dhagaa furgugsuufii k.k.f lolan jedhama. Leenjisaan garee tanaatiis akkuma garee raareettii riyyaa jedhamuun beekkama.

Eegaa kabajamtoota dubbiftoota keenya akkuma beekkamu lolli calii calanqoo irratti gaggeeffame irratti gootichi hogganaa waraana oromoo tahe Bakar Waaree gootummaa fi onne qabeessummaa isaarraa kan ka’e miila isaa kan irraa cite osoo ifin dhagahin hanga lolli goolabamuuf gahutti kan ture tahuu isaatu himama. Miilli isaa eessatti fi akkamiitti akka irraa cite wanni beekkamu waan hin jirreef achi buutee tahe. Warri harargeetiis akka afoola ykn maakmaaksaatti jecha kana itti fayyadamuun waan tasa badee hin argamne takka “Achi buutee miila Bakar Waaree” jadhanii himu.

Yaadannoo gooticha kanaatiifiis siidaan yaadannoo farda isaa waliin siidaa yaadannoo wareegamtoota Calanqoo kan dhiheenya kana eebbifame keessatti ijaarameefii jira. Gama kaaniin tulluun fuul dura iddoo siidaan itti ijaarame gamatti argamtu durumarraa tulluu Bakar Waaree jadhamuun beekkamti. Waraanni Murti Guutoo kan isaan hogganamuutu achirra qubatee ture jadhama

@etbisahusen

#Ancient_history_of_OROMOo


“Bada Bakar Waaree yaa ba’eessa nama,
Osoo si deessee haatee marraa lama” …

Lolli Calanqoo lolaa ittisa imala gabroomfattoota nafxanyaa ture. Lolli kun Amajjii 6 bara 1887 humna Minilikiin hogganamuufi ummata Oromoo, Oromiyaa bahaa jiraatan kanneen gooticha Bakar Waaree tiin hogganamu giddutti taasifame. Bakar Waaree kan dhalate Aanaa Jaarsoo bakka Laga Mixee jedhamutti. Bakar Waaree gumii bultumaa tan Raabaa fi Doorii Bareentummaa Addeellee maadheftattee Fugug bulchitu keessatti qondaala guddaa Birmajii yeroo sanaa ture. Keessattuu dhaddacha mooraa Fugug tan teessuma man-bultii gorguddoo kudha lamaan Alaa: Nuunnu, Meettaa,Diiramu, Goollo, Buubbu, Abbay, Galaan Abbaadho, Ere, Kaako, Arroojjii, Gutayyu keessatti haala sochii siyaasaa fi hawaasummaa irrattii addaa durummaadhaan murtii (hoggansa) kennaa kan ture.

Gootichi kun nama cimaa gootummaa, hayyummaa fi dandeettii hoggansaa jalqabummaan horatee ture. Gootichi kun seenaa fi faaruu Oromoo keessatti bakakyyuutti faarfamaa jira. Fakkeenyaaf, warrii dubartootaa (haawwan) eenyummaa gooticha kanaa ibsuudhaaf helle keessatti akkas jedhanii faarsan:-

“Bada Bakar Waaree yaa ba’eessa nama,
Osoo si deessee haatee marraa lama” …
Warrii dhiirootaa immo dhiichisa keessatti akkas jechuun faarsan:-

“Innaawaa gamnummaa dubbiin jalan galtuu,
Yoo arjummaa taatees dhaabbee biraan galtuu,
Gootummaan duranii roorroon ittiin galtuu,
Bakariin tuttuqaan killee dhagaan loltuu”
Bakara Waaree, seenaa qabsoo Oromoo keessatti waan hedduun yaadatama. Keessayyuu, Oromootni Oromiyaa Bahaa keessa jiraatan ilmaan ykn ijoolleen Qalloo afran /afran Qallo/ jachuuniis(Daga, Oborraa, Baabbile, Ala) fi ijoolLeen Anniyaa sadachaa fi kodheellee lola weerartoota nafxanyaa ofirraa ittiisuuf godhamu irratti hogganaan waraana saba Oromoo(murti guutoo) eenyu akka tahuu eega marii godhatan booda abbaan duula kan isaan hogganu akka Bakar Waaree tahu filatan.

Mariin kun kan taasifame eega ergaan miila qallaa Abbaa Gadaa yeroo sanii Wadaay Galmoo Kormoosoo irraa mooraa fugugitti isaan geesse booda ture. Fillannoo kana irrattiis sooreeyyiin beekkamoon gosoota bakka bu’an kan argaman yammuu tahu isaaniis Anniiyya irraa Hargaaya, Afran Qalloo irra, Wedaay Galmoo Kormoosoo, Orfoo, Katabee Wadaay Dugaa fi Mareenyi yommuu tahu kana keessahiis Hargaayaa fi Wadaay Galmoo Amiir Abdulaahii(amiira adaree) waliin tahanii haala walii gala waraana kanaa akka hogganan gaafatan.Tahuus Amiirtichi tole hin jenne. Sababniis yeroo sanatti Amiirtichi Abbaa isaa Kan deeggarsa oromoo qabu mootummaa Gibxii waliin angoo irraa fonqolchee gara angooti dhufuun isaa yeroo xiqqoo waan taheef haala waliigala waraana sanii hogganuu hin dandeenye.

Adeemsa qophii leenjii waraanaatiin wal qabatee gareen waraanaa ykn loltootni weerartoota nafxanyootaa kanan loluuf qophaa’aniis bakka sadiitti qodamu. Isaaniis:-
=> Gareen tokkoffaan Garee murtii guutoo jedhamu yammuu tahu gareen kun akkuma maqaa isaarraa hubannutti garee isaa ol’aanaafi hanga murtiin isaanii guutamuufittii humna diinaa dura dhaabbachuun kan falmatu jechuu dha. Garee kanaafiis leenjiin kennamu baayyee cima jedhamee himama fkn waraanaa(eeboo) fi gaachena qabatanii farda yaabbatanii arihuudhaan osoo fardii fiigaa jiruu farda garaajala naannahuudhaan hiddii lafaa akka kaasan gochaa leenjiin kennamaafi jedhama.
Hogganaan waraana murtii guutoo Bakar Waareetiis leenjii garee kanaa waliin akka fudhate himama. Iddoon leenjiin itti kennamaafii turees Aanaa gurawaa raada yaayyaa bakka gambeella jedhaamutti fi fiinxee gara mul’ataa bakka dabbaal mootii gaaraa jedhamtutti nama maqaan isaa lallabaa lihoo jedhamuun akka leenjiifaman himama.

=> Lammaffaan, garee Raaree jedhamtu yammuu tahu gareen tuniis akkuma garee murtii guutootti tan fardaan leenjite taatullee leenjiin garee kanaa kennamu akka leenjii garee murtii guutootiif kennamuttii cimaadhaa miti jedhama. gareen kuniis leenjii iddoon itti fudhate Aanaa Gurawaa naannoo rakkoo barzaalaa bakka raaree
jedhamtuttii yammuu tahu leenjiisaan garee tanaatiis Riyyaa jedhamuun beekkama.

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.