Postlar filtri


“Injifannoon Adwaa Faajjii gurraachotaa walqixxummaa namoomaa dhugoomsedha” – Obbo Shimallis Abdiisaa
*******************
Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa guyyaa inifannoo Adwaa 129ffaa ilaalchisuun ergaa dabrsnii jiru. Ergaan isaanii guutuun akka armaani gadiitti dhiyaata:-

Dhalli namaa birmadummaa guutuu gonfachuuf wareegama kaffala; Kan walqixxummaatti hin amanne ammoo kan biraa garboomsuuf yaaluu seenaan darbe ni mul’isa. Taateen waltajjii marii konfiraansii Baarlin Afrikaanota qircachuuf taa’ame madaala namoomaa kan diige garaa garummaa ilma namaa jidduutti kan bu’uureesse ture.

Mirmaduufi Garba akkasumas warra boodatti hafoo fi qarooman jechuun ilmaan namaa gargar qoode.

Ergaa PMO Obbo Shimallis Abdiisaa




Hojii misooma sululaa Godina Harargee Lixaa Aanaa Xulloo

📷: Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa


Adwaa


"Mul'anni Giddugala konveenshinii idil-addunyaa Addis magaalaan keenya Finfinneen taateewwan keessummummaa Ardii fi idil-addunyaatiin akka Afrikaatti dursituu taatee arguu yemmuu ta'u imalli guddaan kuni ifatti eegaluun Itoophiyaanota hundaaf boonicha olaanaadha waan ta'eef irra deebiin baga gamnaddane!"

Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Adaanechi Abeebee


Soomni Ramadaanaa Gurraandhala 22, bara 2017 eegalama
******
Soomni Ramadaanaa bara kanaa Gurrandhal 22, bara 2017 kan eegalu ta'uu, Pirezidaantiin Mana Murtii Shari'aa Waliigalaa Federaalaa Sheeh Mubaarak Muhammad Awwal beeksisan.

Addeesse har'a waan mul'atteef, Soomni Ramadaanaa boru kan eegalu ta'uu pirezidaantichi eeraniiru.

Hordoftoota amantaa Islaamaatiinis baga Rabbi ji'a Sooma Ramadaanatiin nagaadhaan isin gahe jedhaniiru Sheeh Mubaarak Muhammad Awwal.

Hordoftoonni amantaa Islaamaa ji'a Sooma Ramadaanaa kana keessa wal tumsuu cimsee akka itti fufus dhaamsa dabarsniiru.

Laaluu Itaalaatiin


Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa torbanitti guyyaa afur gara Poortootti balallii jalqabuufi
************
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Adoolessa 19 bara 2017 irraa eegalee gara Portugaal, magaalaa portootti torbanitti guyyaa afur balallii akka eegalu beeksiseera.

Balalliin haaraan kun imaltoota Awurooppaa deemaniif tajaajila si'ataa fi filmaata balallii ta'uun ala balalli Awurooppaatti taasisu akka guddisu akka ibsee ragan daandii qilleensaa Itiyoophiyaarraa argame ni muli 'sa.


Kilabiin Kubbaa Miilaa Shaggar ramaddii isaa garaa garummaa qabxii 14n dursuu eegale
***** ********
Har'a tapha ramaddii A Istaadiyeemii nam-tolchee Hawaasaatti Walqixxee waliin kan taphate Shaggar, goolii 1-0n injifateera.

Eebbisaa Mi'eessaa goolii injifannoo Shaggar daqiiqaa 63 irratti galcheera.

Shaggar ramaddii A tiin qabxii 38 qabatee sadarkaa 2ffaarra kan jiru Buna Beenchii Maajiirraa garaa garummaa qabxii 14n fagaatee dursaa jira.

Tapha ramaddii B Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaa Finfinnetti taphatameen ammoo, Sulultaan Nageellee Arsii waliin goolii 1 qixa bahe.

Kiyyaa Warquu goolii Sulultaa, Misgaanaa Malaakuu ammoo goolii Nageellee Arsii galchaniiru.

Ramaddii Bn Kilabiin Nageellee Arsii qabxii 26n dursaa kan jiru yoo ta'u, Sulultaan ammoo qabxii 15niin sadarkaa 7ffaarra jira.

Nuuroo Amiinootiin


Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
Adwaa


Korporeeshiniin Biroodkaastingii Itoophiyaa/EBCn Mana Marii Federeeshinii irraa beekamtii argate
*******************

Manni Marii Federeeshinii dhaabbilee miidiyaa milkaahina guyyaa Saboota, Sab-lammootaa fi Uummatoota Itoophiyaa 19ffaa keessatti qooda ol’aanaa gumaachaniif beekamtii kenneera.


Waltajjii magaalaa Aarbaa Miincitti qophaahe kana irratti, Manni Marii Federeeshinii Korporeeshinii Biroodkaastiingii Itoophiyaatiif beekamtii kenneera.


Dhaabbileen miidiyaa kanneen akka Addis Miidiyaa Neetwoorki, Tajaajila Oduu Itoophiyaa, Korporeeshinii Miidiyaa Faanaa fi Televizyiiniin Kibbaa mana marichaan beekamtiin kennameeraaf.




Waliigalteen daldalaa US Ameerikaa fi UK gidduu jiraatu taarifa malee ta’uu danda’a - Pirezidantii US Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi
***********************

US Ameerikaa fi Yuunaayitid Kiingdam/UK gidduutti waliigalteen daldalaa baayyee saffisaan waliigalamuu danda’aa jedhan Pirezidantiin US Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi ibsa waloo Muummee Ministiraa UK Sir Kiir Istaarmer waliin kennan irratti.

Istaarmer Waayit Hawusitti wayita daawwatan Tiraampi akka dubbatanitti, UK waliin daldalli taarifa malee jiraachuu danda’a.

Pirezidaanti Tiraampi aangootti erga gara dhufanii as, biyyoota michootaa wajjin daladala qaban irratti taarifa akka kaawwamu akeekkachiisaa jiraachuun isaanii ni beekkama.

Gabaasni kan BBCti.


Gumiin Balal marsaan 41ffaan mata duree "Seeneessa Waloo ijaarsa biyya sabdaneettif" jedhuun adeemsifamaa jira
********************
Maricharrtti ijaarsa biyyaaf seeneessi waloo murteessaa ta'uun kan ibsame yoo ta’u, biyyi seenessa waloo hin qabne guddachuu hin dandeessuus jedhame.
Gumii Balal 41 kanarratti barreeffamni Qorannoo Qormaataa Fi danqaalee seeneessa waloo Dhiyaateera.

Seeneessa waloo hunda hammataa, haqa qabeessa, madaalawaa, tokkummaa fi heddumina jajjabeessu, aadaa fi afaani keessummeessuu, saboonni hundi kan keessatti of argan, kan sirnoota walqixxummaa fi hirmaachisummaa dagaagsaan, kan tooftaalee nagaan walitti bu'iinsa furuu akka gumaa jajjbeessu, adeemsa dinagdee hunda fayydu qabate fi walitti dhufeenya cimsuun bu’ura tokkumma biyyaa cimsurratti xiyyeeffachuun barbaachisa akka ta’e ibsameera.

Seeneessi kanaan dura ture kan gartokkeetti xiyyeeffate ture ta'uu fi kan hojjetu caalaa kan odeessuu ol guddisaa kan ture ta’uu himameera.

Guutuu dubbisuuf kana tuqaa



14 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.