GAGGEESSUMMAA


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Amharcha


Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
Website: gaggeessummaa.com
Buy ads: https://telega.io/c/Gaggeessummaa
Yaadaaf: @Gaggeessummaa_bot

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Amharcha
Statistika
Postlar filtri


Amaloota Ijoo Hogganaa Guddaa
Hogganaa fooyya’aa ta’uun adeemsa barachuu fi of fooyyessuu itti fufiinsa qabuudha. Gorsa imala keessan irratti isin gargaaran tokko tokko kunooti:
👇👇
https://gaggeessummaa.com/hoggansa/


Kallattii kamiiniyyuu haa ta'u namni kophaa isaa milkaa'inaan jiraachuun hin yaadamu, network uumuu, tokkummaan jiraachuun bartee baay'ee barbaachisaa ta'ee fi milkaa'ina jireenya namootaaf iddoo olaanaa qabudha. Network tokko keessa yommuu jiraattu, dammaqinaan hirmaachuu kee mirkaneessi. Hubannoo kee hiriyootaaf qoodi, gaaffii gaafadhu, marii irrattis gumaachi. Kunis hariiroo ijaaruu fi hawaasa keessatti of hundeessuuf si gargaara. Guutummaatti dubbisaa ❣️👇👇👇

https://gaggeessummaa.com/neetworkii-fi-garee-ogeessotaatti/


💔 “Utuu wal hin fuudhin dura abbaan manaa koo jaalala naaf qabu jechoota jaalalaa adda addaatiin ibsa ture. Amma garuu jechoonni jaalala ittiin anaaf ibsu hin jiru. Yeroo natti haasa’ullee waa’ee hojii qofa dubbata. Erga kokkolfaa na haasofsiisee bubbuleera. Kolfa, gammachuu, jecha jaalalaa nan barbaada. Garuu sana naaf kennuu hin dandeenye. Hiriyoonni koo kaan jaalala waan qabaniif yeroo natti haasa’an natti tola. Jaalala isaa akka abbaa manaa kootti yoo naaf hin ibsine, namoonni kaan garuu jaalala isaanii yoo natti ibsan maal naaf godha? Yoon gadhiise (hiike) cubbuu dhaa? Jaalalli ani isaaf qabu badeera. Maal na gorsitu?” Itti fufaa dubbisaa❣️👇👇👇

https://gaggeessummaa.com/kunuunsa-gaaelaaf-godhamuu-qabu/


Namummaa Gaarii! ❤️
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➡️ Amalli namummaa gaarii namoota kabajamoo fi kabaja guddaa namaaf qaban biratti argama waan ta'eef, jireenya keenya keessatti namoonni amaloota adda addaa qaban hedduun nu mudachuu danda'u. Waaqni namoota amala namummaa gaarii qaban waliin isin haa jiraachisu! Namummaa gaarii qabaachuun jalqaba ofiif kanarra darbee maatii fi biyyaaf! Namoonni amala namummaa gaarii hin qabne yeroodhaaf waan of gargaaran itti fakkaachuu danda'us booddeen isaanii garuu gaabbii ta'a!

@Gaggeessummaa
Gaggeessummaa.com


⭐️⭐️⭐️ Website keenya Subscribe Gochuudhaan Odeeffannoo haaraa fi Ergaalee jajjaboo guyyaa guyyaadhaan gadhiifamu bilisaan argachuu dandeessu!

Galatoomaa
🙏

Website:
Gaggeessummaa.com


✍️ Jaalallee Barbaaddachuun Yeroo Kamuu Caalaa Amma Ulfaataadhaa?

Haala jireenya ammayyaa kana keessatti dhimmi jaalallee barbaaddachuu dubbii ijoo haasa’amu ta’eera.
👇👇👇
https://gaggeessummaa.com/jaalallee-barbaaddachuun-yeroo-kamuu-caalaa-amma-ulfaataadhaa/


Gaggeessummaan Toora Websitedhaan dhufee jira.

Seenuudhaan Subscribe gochuudhaan qophiilee bashannansiisoo fi barsiisoo ta'an bifa miidhagaa ta'een guyyaa guyyaadhaan argachuu ni dandeessu!

Galatoomaa 🙏🙏

Website Keenya: gaggeessummaa.com ✅️


⚠️"Yoo miira kee too'achuu baatte warra miira isaanii too'atetu akka kubbaatti siin taphata."
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
1. Callisi - aarii ho'aa keessatti!
2. Callisi - yoo ragaa hunda hin qabaanne ta'e!
3. Callisi - yoo seenaa sana hin mirkaneessine.
4. Callisi - yoo jechi kee nama dadhabaa ta'e mufachiise.
5. Callisi - yommuu yeroon yeroo dhaggeeffachuu ta'e.
6. Callisi - yeroo wantoota qulqulluu ifa godhachuuf qoramtu.
7. Callisi - yommuu waa'ee cubbuu akka qoostuuf qoramtu.
8. Callisi - yommuu jecha keetti qaanoftu!
9. Callisi - yommuu jechi kee yaada dogoggoraa dabarsu.
10. Callisi - yoo dhimmichi dhimma kee hin taane.
11. Callisi - yeroo soba ifa ta'e akka dubbattuuf qoramtu.
12. Callisi - yoo jechi kee maqaa nama biraa miidhu.
13. Callisi - yoo dubbiin kee hiriyummaa tokko miidhu.
14. Callisi - yeroo qeeqni sitti dhaga'amu.
15. Callisi - osoo hin iyyiin jechuu yoo dadhabde.
16. Callisi - yoo jechi kee calaqqisiisa gadhee hiriyootaa fi maatii keetii ta'e.
17. Callisi - yoo booda jecha keetti gaabbita ta'e.
18. Callisi - yoo duraan yeroo tokko dubbatte ta'e!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa


Dubbiilee Gaggaarii Guyyaa Guyyaadhaan ofirratti Dubbachuu Qabdu ✍️
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
1. Ani nama gaarii dha!
2. Ani bareedaadha!
3. Ani nan hojjedha!
4. Ani nan jaaladha!
5. Ani dhiifama godha!
6. Ani nama mul'ata qabudha!
7. Ani nan galateeffadha!
8. Ani nama abjuu qabudha!
9. Ani nan baradha!
10. Ani nan dubbisa!
11. Ani nama gadi jedhudha!
12. Ani obsa nan qaba!
13. Ani ajajamaadha!
14. Ani nama milkaa'aa dha
15. Ani tattaaffii godha!
16. Ani fayyaa qaba!
17. Ani dhaggeeffataa dha!
18. Ani nan gammada!
19. Ani dureessa!
20. Ani nama kabaja qabudha
21. Ani nama dubbii koo eegudha!
22. Ani amanamaa dha!
23. Ani carraa qabeessa!
24. Ani gaggeessa dha!
25. Maallaqa koo sirnaan itti fayyadama!
26. Ani nama kennudha!
27. Ani nama yaada gaarii qabudha!
28. Ani nama gatii guddaa qabudha!
29. Ani jabaadha!
30. Yerootti sirnaan fayyadama!
31. Ani nama tasgabbaa'adha!
32. Ani michuudha!
33. Ani namummaa gaarii qaba!
34. Ani boqonnaa qaba!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa

16.4k 2 109 1 101

Reading PDF dan repost
FAAYIDAA DUBBISUU

Kitaabonni dhuguma hiriyyoota kee warra ciccimoodha. Sababni isaas yeroo isaan irratti hirkachuu amaleeffattu miirri nama nuffisiisuu fi mufachiisu, dhiphinni, kophummaan yookiin ni aariin gonkumaa sitti hin dhaga'amu. Yeroo barbaaddetti si waliin deemuu fi miira kee guddisuu danda'u. Yeroo kamiyyuu odeeffannoo fi beekumsa siif qoodu. Kitaabonni gaariin yeroo hunda jireenya keessatti daandii sirrii irra si qajeelchu.

Faayidaaleen Kitaabilee Dubbisuu Maal fa'a:–

Of Fooyyessuu: Dubbisuun yaada gaarii akka qabaattu si gargaara. Dubbisuun barbaachisaa waan ta’eef sammuu kee guddifattee hubannoodhaan akka gaggeeffamtu su taasisa. Beekumsa garmalee akkasumas muuxannoo fi barumsa jireenyaa si gonfachiisa. Waan tokko ariitiidhaan hubachuuf si gargaara. Addunyaa naannoo kee jiru caalaa sammuun kee akka socho'u taasisa, ni guddisa. Dandeettii kalaqaa kee jabeessa.

Dandeettii Walqunnamtii: Dubbisuun jechoota kee fooyyessuu fi dandeettii walqunnamtii (hariiroo) kee ni guddisa. Akkaataa dubbii kee kalaqaan itti fayyadamtu akka cimsattu si gargaara. Walqunnamtiin gaariin gama jireenyaa hundumaa keessatti barbaachisaa dha.

Beekumsa Dabala: Kitaabonni aadaa, duudhaa, aartii, seenaa, teessuma lafaa, fayyaa, xinsammuu fi dhimmoota gama jireenyaa biroo hedduu akka ilaaluu dandeessu si taasisu.

Dhiphina Hir'isa: Kitaaba gaarii dubbisuun addunyaa haaraa fi dhiphina guyyaa guyyaa kee akka salphistu si gargaara. Waan gaarii hedduu qaba. Sammuu, qaamaa fi lubbuu kee irratti dhiibbaa gaarii geessisa. Sammuu kee ni kakaasa, maashaaleen fayyaa kee cimaa akka ta’u taasisa.

Gammachuu Guddaa Kenna: Kitaaba tokko yeroon dubbisu gammachuudhaaf dubbisa. Al tokko Kitaaba akka malee na booji'e gonkumaa dhiisuu hin barbaadu, dubbisuu nan jalqaba hangan xumurutti. Yeroo hunda kitaaba gaarii dubbisuun gammachuu guddaa kenna.

Kunuunsa Yaadaa: Dubbisuun gara addunyaa yaadaa fi kalaqa kee guddisuutti si geessa. Dubbisuu ilaalcha adda addaatiin qoratta. Osoo kitaabota dubbistuu yaada, suuraa fi yaada haaraa fi kalaqaan sammuu kee ijaaraa adeemta. Akka kalaqaan yaaddu, bilisummaadhaan akka yaaddu fi yaada kan kee akka fayyadamtu si taasisa. Kunis yaada (imagination) jedhamuun beekama.

Dandeettii xiinxala kee ni guddisa: Dubbisa sochii qabuun gama jireenyaa kallattii hedduun qoratta. Waan dubbiste gaaffii keessa galchuun yaada kee guddifatte akka ibsitu si gargaara. Yaadonni haaraan dubbisa sochii qabuun sammuu kee keessatti akka ka'anii fi hiika barbaachisaa akka uumtu si deeggaru.

Nuffii Hir’isa: Marsariitiiwwan hawaasummaa hunda irraa ta'uu baatus wanta gaarii barbaaddee argachuun dubbisuun adeemsa nuffisiisaa ta'uu danda'a. Kitaabni harka kee irra jiru garuu haala nuffisiisaa irraa si oolchu.


Goolaba

Amalli dubbisuu amaloota gaarii namni tokko qabaachuun barbaachisudha. Kitaabonni hiriyyaa kee isa guddaa ta'uun isaanii sababa qabatamaa fi guddaa qaba. Kanaaf amala dubbisuu gaarii horachuun baay’ee barbaachisaa dha. Hundi keenyaa dubbisuu qabna. Guyyaa guyyaan yoo xiqqaate daqiiqaa 30f firii mi’aawaa kana argachuu. Bakka tasgabbaa'aa taa'anii gammachuu guddaadhaan dubbisuu. Kitaaba gaarii dubbisuun muuxannoo hunda caalaa nama gammachiisu qabaachuun ni danda’ama.

@Reading_pdf
@Reading_pdf


Waan Kana Itti Yaadi!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🕖Bara haaraa kanaaf guyyoota siif kenname hundumaa sirnaan irratti hojjechuuf sammuu kee qopheessi! Altokko waan kana itti yaadi, dogoggora kee hundaaf yaada garaa kee geeddari! Guyyoota dabarsite keessatti bu'aa hojii Keetii herreegi! Waan guddaa hojjettee yoo jiraatte galateeffadhu. Yoo itti gaddite gatii dhiisi malee waa'ee waan darbee utuu gaabbituu yeroo kee hin balleessin! Murteessii jireenya haaraa jalqabi! Boqonnaa isa jalqabaa irratti uumaa kee galateeffadhuu eegali. Isa itti aanu hundumaatti mo'icha galmeessita. Sammuu kee beekumsa baachisi malee oduu bara si'anaan hin butuchin. Gurra kee gara barsiisa gaariitti qabi! Humna kee immoo waan hundee qabu irratti bobbaasi! Yoo dandeesse amala nama wajjin si jiraachisu horadhu. Nama naamusa qabu ta'i. Nama rakkate gargaaruu hojii kee godhadhu!

Maxxansa kana yoo jaalatte share gochuu qofaan hiriyoota kee onnachiisi! Kaayyoon jireenya dhala namaa tokko namoota biroof taajajila kennuu, waan gaarii yaaduu fi gargaaruudha. ✅

🕖 @timevalue24

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa


Seenaa Dhugaa Kana irraa Maal Baranna?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
📌 Ergaa Barattoota Kutaa 12ffaaf ta'udha

✍️ Biliyeena beekkamaadha. Namoota 100,000 ol qacaree  hojjechiisa. Awurooppaa keessatti warshaa qorichaa beekamaan kan isaati. Biyya Garman keessatti biliyeenara tokkoffaadha. Akka addunyaatti Dhaabbata 120 qaba. Akka tasaa ta'ee yeruma tokkoon kisaaraa cimaan isa qunname. Innis kisaaraa koo kana taa'ee ilaalurra ija namaa jalaa sokkuu wayya kan jedhu sodaan keessa isaatti uumame. Battaluma sana mana jireenya isaatii bahee Baabura🚊🚊 saffisaan fiigu jala of buusun lubbuu of dabarse😭

Wanta nama ajaa'ibu inni Du'ee guyyaa sadi booda wantootni isa sodaachisan hunduu  sirreeffamuun haalonni mijatee ture. Inni garuu sodaa mo'achuu dadhabee lubbuu of dabarse. Seenaa dhugaa bara 2008 kufaatii Dinagdee biyya Jarman keessatti uumamedha. Namichi Adolf markel jedhama.

Wanta baay'ee sodaachuu dandeessa. Qabxiin koo gadi bu'e namni maal naan jedha jettee ofitti gadduun abdii kutuu dandeessa. Ofiima keef gaddita malee eenyumtuu jireenya kee siif hin jiraatu. Pls Namni maal naan jedhaa of keessaa gati abdii kutuu keen dura mee uumaa kee yaadadhu!🧏🏽‍♀️Bar inni  tasumallee si hin gatu. Uumaa kee jechuun isa abdattee raftee qilleensa ati hargantu kana balbala jalaan siif galchudha. Uuman kee iddoo addaa siif qaba. Namoonni baay'een qoramanii, garuu firii isaanii osoo hin argin darbaniiru. Ati carra qabeessa firii kee argiteetta. Kan sii ol fidan dhiisi, kan sii gadi fidan kumaatama ilaalii gammadi. Isaan sunniin qabxii kee hawwu. Osoo beektee lubbuun jiraachuun kee qofti abdiidha. Daandin milkaa'inaa immoo kumaatama.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa


Gatii Jireenyaa | Gatii Yeroo
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
📌 Gatii Jireenyaa

⏰️ "Gatiin jireenyaa dheerina guyyootaa keessa utuu hin taane akkaataa itti fayyadama guyyoota sanaa keessa jira. Namni tokko waggaa dheeraa jiraatee jireenya xiqqoo jiraachuu danda'a." (Michel Montaigne)

👍 Dhugaan jiru jireenya kee akka feete gochuu dandeessa. Garuu si'a tokkoo ol jiraachuu hin dandeessu. Namootni guddaa yaadan jireenya isaanii guutummaatti jiraatu. Isaan muuxannoo isaanii guddifachuun addunyaa isaanii bal'ifatu. Kanaaf yeroo baay'ee namoota sammuu dhiphaa caalaa milkaa'odha.

📌 Gatii Yeroo

Yeroon jireenya, jireenyi yeroo dhaan murtaa'a. Yeroon akkaataa jireenyi keenya bu'a qabeessa ta'u murteessa. Yeroo hogganuu hin dandeessu, yeroo keessatti garuu jireenya kee hogganuu dandeessa. Yeroon qabeenya qabeenya caaluudha. Yerootti fayyadamuu jechuun ofiif yaaduu jechuudha. Ammas yerootti fayyadamuun jireenya kee gaggeessuuf murtoo jalqabaa fi olaanaadha. 🕖

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa


🎆 Carraa Kanatti Fayyadamaa!

Namoota hojii #online hojjetaa jirtanii fi channel telegram barbaaddan maraaf:

Channel telegram gatii xiqqaadhaan bitattanii irratti hojjechuu namoonni barbaaddan karaa keessaa na dubbisaa!

✈️🎉 Channel Telegram qarshii 500 (Dhibba shan) irraa kaaftanii nu biraa argattu! Ammuma Abbaa channel telegram ta'uu dandeessu.

🔵 @Getu_Abera
🔵 @Getpostbot

🔔 Hanga ammaatti chaanaalii hedduu gabaaf dhiheessinee daldala amanamaa gaggeessudhaan hin komatamnu.

Inbox: ✉️ •➤  @Getu_Abera

Telephone
😀 •➤  0919872853
📞 •➤  0943088394

⭐️ Odeeffannoo Dabalataaf:
@hopepromotion
@bittaafigurgurtaachannel


Dhugaan Ni Boqachiisa dan repost
🎓 For college and University students, if you need support on Masters degree and Bachelor's degree academic tasks such as:

Research
Assignment
PROJECTS*
🟢 Business plan

Join Us Our Channel and Feel free to contact Us: 👇
@Academic_Research_Center
@Academic_Research_Center


Time Value dan repost
Ergaa 🔻

🕖"Yeroo keetti qoosaa jirta yoo ta'e yeroonis sitti qoosuuf jira!"
▬▬▬▬▬▬▬▬
✨ Namoonni utuu karoora baay'ee qabanii, Abjuu baay'ee qabanii akka tasaan karaatti hafan baay'eedha. Namoonni kun guyyaa boruu utuma abju'atanuu guyyaa har'aa kana dhaban. Ofii kee ilaali Uumaan yeroo kana guutummaatti akka ati ittiin jijjirama fidduuf siif kenne. Nama itti fayyadama isaa beekef yeroon Furmaata waan hundumaati. Yeroo qabdu kamiyyuu keessatti kutannoodhaan itti fayyadamuu dandeenyan garaagarummaa ni fidda. Kutannoo kana tapha kubbaa miillaa irraa fakkeenya fudhachuu dandeessa. Taphattoonni kubbaa miillaa daqiiqaawwan jalqabaa irratti yoo garee isaanii irratti kubbaan gale xaphachuu hin dhiisan, yookiin immoo hamma yeroo boqonnaa duraatitti garee faallaatiin durfaman "moo'amneerra waan ta'eef boqonnaa booda hin taphannu" hin jedhani. Maalif? Yeroo muraasa hafe keessatti garaagarummaa uumuu ni dandeenya!! Yeroo hafte kana keessatti mo'achuu in dandeenya jedhanii waan amananiif hamma daqiiqaan isaaniif kenname dhumutti Kubbaa garee faallaatti galchuuf yaaluu isaanii hin dhiisani.

Yeroon addunyaa kana irratti akka ati ittiin jijjirama fiddu, akka ati ittiin mo'attuuf siif kenname ammayyuu ganaa hin dhumne. Kanaaf atis tattaafachuu kee hin dhiisin. Hamma yoonaatti jireenya kee kessaatti wantoonni si injifachuuf yaalan baay'een jiraachuu danda'u... yookiin immoo akka Kubbaan garee tokko irratti galu sana si biras akkas ta'uu danda'a.... garuu yeroon siif kenname hin xumuramne waan ta'eef dirree jireenyaa keessaa hin ba'in. Yaaluu kee hin dhaabiin. Akka injifattu amanii tattaaffadhu!!

✅✅✅✅✅
Kaayyoo
⁃ Karoora
⁃ Kutannoo QABAADHU!

✅✅✅✅✅

❍ Gatii baasuu qabdu hundumaa baasii waan hojjechuu dandeessu hojjedhu! Ammuma hojjedhu! Kana hin qabu, sana dhabeera hin jedhin! Wanti gochuu dandeessu baay'een jiru. Of amansiisi! Yeroo keetti fayyadami! Kaayyoon kee beekii, wanta amma hojjechuu qabdu ammuma raawwadhu! Wanta yeroo itti aanu hojjechuuf yaada qabdu immoo karoora addaa qopheessi! Karoora kee gara fiixan bahuumsatti fiduuf kutannoo qabaadhu!

3K QABAADHU:

①. Kaayyoo: Kaayyoon si milkeessiti! Kaayyoo qabaachuun abdiidhaan akka jiraattuu fi obsaan akka turtu humna siif taati!

②. Karoora: Karoora yoo qabaatte waan hojjechuu qabduu fi waan hojjechuu hin qabne adda baafatta.

③. Kutannoo: Milkaa'ina barbaaddee fi guddina hawwitetti seenuuf kutannoo qabaachuun hunda caalatti barbaachisaadha.

🕖@timevalue24

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa


🔠🔠🔠🔠🔠 🔠🔠🔠 🔠🔠🔠🔠

🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
🌼 2️⃣0️⃣1️⃣7️⃣ 🌼
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa


Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
"Itti fayyadama yeroo" 🧭

Barsiisaa fi Barreessaa Eebbisaa Baayisaa

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa


BAGA GEESSAN 🎉
🎉

⚪️ Telegram keessaan Premium Gochuu namoonni barbaaddan gatii muraasan isiniif gochuu dandeenya💠
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
3 Month - 1,840 birr 💠

6 Month - 2,730 birr 💠

1 Year - 3,954 birr 💠

🔣 Contact me:@Getu_Abera ✅️


🌼 BARA HAARAA KANATTI QOPHII AKKAMII QABDA? 🌲🎄
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Baay'ee ariifataa jirta nan beeka. Mee takkaa as gori. Asuma gara dubbii kanaatti. Boodan deebi'aatti kan boodaatu si qabata. Yaadaa fi qalbiin dhuftee? Galatoomi! Dubbichi dubbii salphaa miti! Baay'een kana hubachuu dhabuudhaan warqee fi albuuda dhalootaaf isaan keessa jiru ukkaamsuun imala achiin hafuutti sokku.

✅ Amaleeffannaa gatii hin qabne, dhaala dhalootaaf hin malle, kan jaarraa duraa irraa isa hafootti darbee miidhu ta'uu isaaf bakki awwaalchaayyuu ragaadha. Eeyyeen bakka awwaalchaa!
📌 Argannoo haaraa,
📌 Kalaqa hedduu,
📌 Qabeenya hin tuqamne,
📌 Beekumsa humna guddaa qabu baay'eetu lafa awwaalchaa jira. Kuni immoo, galaa fi galma dhalootaatti hongee buusuun rirmaaf hiixannaa hiikkaa hin qabne ta'a. Kanaaf sababni isuma waliin ilaaluuf jirru, summii dhalootaa sana!

🌟 Maalinni laata? Hojii har'aa beellamaan dabarsuu sanidha! "Booda,... bor,.... bor oolee,... bara dhufun hojjedha," isa jedhamu. Hojii har'aa boruuf qusachuu isa ta'e. Qusannaa ba'aa malee bu'aa hin qabne! Gochaa yookaan hojii har'aa boruuf ol kaawwachuun qusannaa osoo hin taane qisaasa'insa yerooti. Yeroon qisaasa'e immoo abbuma isaa aarsaa hin malle kanfalchiisa. Hojiin har'aa har'uma malee kan boruuf taa'u miti. Yoo boruuf darbe kan borus boruuf jira.

✅ Amaleeffannaan akka kanaas teessoo jireenyaa ofiitti dhibaa'ummaa affeera. Dhibaa'ummaan affeerame immoo dhiibee hiyyummaa gam-hundaatti nama kenna, galaa dhalootaas lolaa badiisaatti darbata.

➡️ Kanaafuu waan amma hojjechuun nurra jiraatu ammuma haa hojjennu. Karoora qabna, mul'ata qabna. Kana immoo fiixaan baasuuf, akka hojii har'aa bulfachuun nu miidhu baruun isa jalqabaati. Isa utuu hin beekiin, haala akka kanaan dabarsaa turreefis ofiif dhiifama gochuun fala.

Kanaa booda gara hojiitti galuudha. Tole! Hojii har'aa bulfachuu dhiisuunis egaa beellama hin barbaaduutii, ammumaa haa eegallu. Kan ammaa ammuma hoo, amma isuma ammaa! Hayyee!

✍️ Kan ammaa ammuma.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.