Barnootawwan 10n kitaaba "Humna Naamusaa" jedhu kan Daani'eel Waalter barreesse irraa fudhatame:
1. Naamusni garaagarummaa milkaa’inaafi kufaatii gidduu jirudha.
2. Of to’achuun bu’uura naamusaati. Kaayyoo kee galmaan gahuu yoo barbaadde miiraa fi fedhii kee to’achuu barachuu qabda.
3. Jabinni sammuu kan mo'attoota mo'amtoota irraa adda baasudha. Jabinni sammuu qaamaan cimaa ta'uu osoo hin taane, cimina yaadaa qormaata keessa darbuu nama dandeessisu qabaachuudha.
4. Naamusa guddifachuuf walitti fufiinsaan irratti hojjachuun furtuudha. Guyyaa guyyaan hojiitti jijjiiruu qabda.
5. Naamusa guddisuun adeemsani. Waan halkan tokkotti ta'u osoo hin taane, imala obsa, cichoominaa fi of kennuu barbaadudha.
6. Milkaa’inni mudaa kan hin qabne ta’uu osoo hin taane, guyyaa guyyaan galma kee bira ga’uuf tarkaanfachuudha. Yeroo wanti ulfaataan si muudatetti illee gara fuulduraatti tarkaanfachuu itti fufuudha.
7. Sammuun maashaa akkuma maashaalee qaama kamiiyyuu leenji'uu qabudha. Jabinni sammuu sammuu kee hanga daangaa isaatti dhiibuu irraa dhufa.
8. Waan guddaa tokko galmaan gahuu yoo barbaadde wareegama baasuuf fedhii qabaachuu qabda. Naamusni waan gara fuulduraatti caalaatti barbaadduuf waan amma barbaaddu kennuu gaafata.
9. Sababeessuun diina naamusaati. Yeroo hundumaa waan tokko hojjachuu dhiisuuf sababni ni jiraata, garuu karaa kamiinuu ta'u hojiitti jijjiiruun sirratti hundaa'a.
10. Naamusni adabbii osoo hin taane, kennaa ati ofiif kennitudha. Jireenya itti boontu uumuu fi abjuu galmaan ga'uuf furtuudha.
Waan dubbistaniif galatoomaa!
Join and share
https://t.me/Gorsaa_Ganamaa