😱YESUUS KIRISTOOS WAAQA TA'UU ISAA DUBBATEERAA?
Kutaa 7ffaa (
https://ewnetlehulu.net/or/yesuus-rabbi/)
________________________________________
🩸Mul’ata Yohannisii fi Ragaawwan Waaqummaa Kiristoos Iyyesuusiin Argisiisan.
📌 Jechooti Yesuus Kristos luqqisii armaan gadii keessatti argaman gara samiitti erga ol ba’ee booda kan inni dubbatedha.
• Isa duraa ti isa boodde ti
💡“Ani Alfaa dha Omeegaa dha, isa duraati isa booddee ti, isa jalqabaa ti is dhumaa tis” jedhe
(Mul. 22:13).💡“Yommuun isa arge akka nama du’ee miilla isaa jalatti nan kufe. Inni immoo harka isaa mirgaa ana irra kaa’ee, “Hin sodaatin!
Inni duraa,
inni booddees ana; inni jiraatus ana. Takka illee du’een ture, amma garuu kunoo, baraa hamma bara baraatti jiraachuuttan jira; du’a irratti, balbala iddoo warra du’anii banu irrattis ani gooftummaa qaba”
(Mul. 1:17-18).📌Luqqisiin Kakuu Moofaa dubbii kana dubbachuu kan danda’u
Waaqayyo qofa ta’uu isaa argisiisa:💡“
Waaqayyo mootiin Israa’el inni Israa’eliin furu,
Waaqayyo gooftaan maccaa, “Ani isa jalqabaa ti, isa dhumaa tis, ana malee Waaqayyo kan biraa hin jiru; kan akka kootii eenyu? Mee achii as ba’ee of haa beeksisu, dubbatees amansiisa isaa anatti haa mul’isu! Ergan namoota warra durii uumee jalqabee, wanta ta’e, wanta dhufuuf jirus, duraan dursee haa himu!’”
(Isa. 44:6-7).• Yaada namaa fi garaa namaa kan ilaalu.
💡“Kanaanis waldoonni kristiyaanaa hundinuu,
inni yaada namaa fi garaa namaa fonqolchu ana ta’uu isaa beekuuf jiru”
(Mul. 2:23).📌Kan namootaa yaada dhokataa sakatta’ee beekuu kan danda’u
Waaqayyo malee eenyu ta’uu danda’a? 📌Luqqisiin Kakuu Moofaa itti fufee jiru
dubbii kana dubbachuu kan danda’u Waaqayyo qofa ta’uu isaa argisiisa.💡“
Ani Waaqayyo garaa namaa fi yaada namaa isa dhokataa qoree nan ilaala; nama hundumaafis akka akeeka isaatii fi akka ija hojii isaatiitti nan kennaaf”
(Erm. 17:10).
• Nama hundumaaf akka hojii isaatiitti kan kennu.
💡“Kunoo,
ani dafee nan dhufa,
gatii isa ani adduma addaan akka hojii isaatiitti namaaf kennus fidee nan dhufa” (Mul. 22:12).💡“
Ani immoo tokkon tokkon keessaniif akka hojii isaatiitti kennuufan jira” (Mul. 2:23).📌
Gaafa guyyaa firdii isa dhumaatti nama hundumaaf akka hojii isaatiitti kennuu kan danda’u Waaqayyo malee eenyu ta’uu danda’a?• Waaqayyo dha ofiin jedheera.
💡“
Inni teessoo irra taa’e immoo, “Kunoo,
ani waan hundumaa haaraa nan godha!” jedhe; itti dabalees, “Dubbiin kun amanamaa, dhugaas waan ta’eef, kana caafi!” naan jedhe. Akkasumas, “Ta’eera!
Ani Alfaa dha, Omeegaa dhas, isa jaqabaa ti, isa dhumaa tis; ani isa dheeboteef burqituu bishaan isa jireenya kennuu irraa tola nan kennaaf. Inni mo’u kana itti darbee argachuuf jira;
ani Waaqayyo isaa nan ta’a, innis ilma koo in ta’a” (Mul. 21:5-7).📌Akka luqqisii kanaatti Alfaa fi Omeegaa, kan jalqabaa fi isa dhumaa kan ta’e
Waaqayyo ta’uu isaa dubbata.
📌Mul. 22:12-13 irratti Alfaa fi Omeegaa kan jalqabaa fi dhumaa kan ta’e kun dafee akka dhufu dubbata.
📌Boqonnaa
22:20 irratti dafee kan dhufu kun Yesuus ta’uu isaa nutti dubbatameera.
📍Kanaafuu
Alfaa fi Omeegaa kan ta’e dafee akka dhufu kan dubbate
boqonnaa 21:7-8 irratti Waaqa ta’uu isaa kan dubbate
Gooftaa keenya Yesus Kristos ta’uun isaa ifaa dha.🔺
Kutaa darbe (6ffaa) Argachuuf 👉🏼
https://t.me/Gosp22/1194📅 Kutaa 8ffaan Itti fufa..Yeroo Gaarii Isiniif Hawweera❣️!!Yohaannis 8:3232 Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jedhe.
🔔GWP-Media ||
Sagalichi Jireenyadha!📥Yaada Yoo Qabaattan Asirratti nu dubbisa
👉🏼
@Believe_In_Christ79📍
JOIN US ON ||👉🏼
🔔GWP-Media || Sagalichi Jireenyadha!