Haadha Manaa Ogeettii


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha
Toifa: Ta’lim


Jaalalaa fi hariiroo jaalala dhugaa, bultii gaariidhaaf miira onnachiisuu fi kakaasuuf gargaara.
Contact us: @todo_24

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Statistika
Postlar filtri


✍️ Akkuma Haati Manaa Giiftii taate Abbaan Manaa immoo Gooftaa dha. 🔵

• Abbaan manaa kee bareedina, galiidhaan, beekamtiidhaan, ogummaadhaan, hubannaadhaan, umuriidhaan, yaadaan, guddina qaamaan maalinuu sii gadi haa ta'u inni Abbaa manaa keeti. Kanaaf kabaji!
• Abbaa manaa waan wayiin haadha manaa isaa caaluuf kabajama utuu hin taane seera Waaqayyo abbaa manaa fi haadha manaa dhaaf kaa'e waan ta'eefi dha.
• Haati manaa galiidhaan abbaa manaa caalti jechuun abbaa manaa abbaa manummaa isaa iddoodhaa isa sochoosa jechuu miti.
• Maatii tokkoof abbaan manaa mataa dha. Abbaan manaa hoogganaa mana sanaati.
Hoggansa sana keessatti haati manaa qooda guddaa qabdi ta'us hoggansa sana kan dursu abbaa manaati.
• Haati manaa abbaa manaa ishee irraa jaalala akka feetu abbaan manaa immoo haadha manaa isaa irraa kabaja barbaada.
• Abbaan manaa hogganaa/gooftaa mana isaa ta'uu akka barbaadu haati manaa immoo giiftii mana ishee ta'uu ni barbaaddi.
Wanti dubartiin tokko ta'uu hin dandeenye dhiira dha. Wanti dhiirri tokko ta'uu hin dandeenye dubartii ta'uu dha. Kun seera uumaa ti.
• Dubartii fayyaalettiin tokko yeroo kamiyyuu dubartummaa ishee jaalattee/kabajjee jiraatti. Akkasuma, dhiirri fayyaalessi kamiyyuu dhiirummaa isaa jaalatee/kabajee jiraata.
• Haadha manaa kee yookiin abbaa manaa kee tuffachuu yeroo jalqabdu bultii kee tuffachuu akka jalqabde bari!
• Namoota keessaa namni ati ofii keetti aansitee itti dhiyoon haadhaa manaa/abbaa manaa kee akka ta'e hubadhu.

@haadha_manaa_ogeettii 💡

@Gaaela_Gaarii
@Marriage_Counseling


🗣️ Hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin hariiroo cimaa qabaachuu yoo barbaadde, atii fi hiriyaan kee amaloota armaan gadii kana fudhachuu qabdu: 💔
👇👇

https://gaggeessummaa.com/hariiroo-cimaa-qabaachuu


🗣️ Addunyaan keenya faallaa lamaan guutamtee jirti. Jireenyi namaa wantoota adda addaa lamaan kanaan daawwatama. Gaddaa fi gammachuu, kisaaraa fi bu'aan, gammachuu fi kolfa, yaaddoo fi boqonnaa, salphinaa fi ulfina kunneen karaa jireenyaa ilmi namaa keessa darbudha. 👇👇

https://gaggeessummaa.com/dukkana-koo-ibsita/


Arjummaan humna ofii, qabeenyaa fi yeroo ofii aarsaa gochuun nama gargaaruu qabdu bira dhaabbachuuun gargaaruudha. Kunis, waan qabanii fi danda’aniin namoota rakkoo keessa jiran
gargaaruu, haala namoonni biroo keessa jiran hubachuun bira dhaabbachuudha!


Waa'ee haadha manaa keetii Waaqayyoo wajjin yommuu dubbattu (yeroo kadhattu):

🙏 Isa kan isa sodaattu,
👏 Gargaaruu kan dandeessu,
😍 Jaalala namootaaf kan qabdu,
💔 Mana ishee kan kabajju,
🙏 Akka dubbii Waaqayyootti haadha manaa jiraattu akka siif kennu fedhii garaa kee akka ta'e kadhadhu!

Warra hin fuune/hin heerumne hundaaf Waaqayyo haadha manaa gaarii fi obboloota shamarraniif dhiira hubannaa qabu isiniif haa kennu. 🙏

Yoo heerumte/fuute gaa'elli kee maqaa Yesuusiin eebbifamaa, jaalalaan kan guutame haa ta'u! Ameen ❤️

@haadha_manaa_ogeettii 💡

@Gaaela_Gaarii
@Marriage_Counseling

✉️✍️ @Gaaelabot


➡️ "Yaada ofii haareffachuu jechuun yaada garaa isa akeeka Waaqayyo nu uumeef, milkaa'ina jiraachuu qabnu irraa duubatti nu hambise ofirraa gatuudhaan eenyummaa haaraa simachuu jechuudha. Yaada garaa ofii geeddachuun qulqullummaan Waaqayyo waliin Jiraachuu nama dandeessisa." 👇👇

https://gaggeessummaa.com/yaada-ofii-haareffachuu/


🗣️ Kakuun gaa’elaa guduunfaa yookiin chaappaa jaalala mirkaneessutti fakkeefamuu ni danda'a. Kakuu (waadaa)'n dubbii gati jabeessa waan ta'eef kabajuun, of eeggachuufin, utuu hin ariifatin kakachuun ba’eessa. Sababni isaas kakuun yoo eegame eebba qaba. Yoo cabe, abaarsa fida waan taheef dha. Guutummaa isaa as tuquudhaan dubbisaa,...👇👇

https://gaggeessummaa.com/kakuu-waadaa/


🗣️ Dhiirri tokko gaa'elaaf gahaa erga ta'ee booda sababoota muraasaaf gaa'elatti galuu dhiisee turuu danda'a. Gaa'elli dhiibbaa alaatiin utuu hin taane karooraa fi dhiibbaa jaalala keessaan dhufuun kan ijaaramu ta'uutu irra jiraata. Guutummaa isaa website keenya seenuun dubbisaa👇👇

https://gaggeessummaa.com/qophii-gaaelaaf-barbaachisu-2/


Yeroo Kadhannaa Kristaanotaa

Akkam Jirtu Obboloota Kiristaanaa fi Obboloota Muslimaa: Har'a yeroo kadhannaa kristaanotaa waliin ilaalla, sababni isaas Muslimoonni tokko tokko Kiristaanummaa keessa kadhannaan (pray) kan hin jirre (waan rafan) waan itti fakkaateef. Amantoonni yookiin kiristaanonni yeroo kadhannaa hin raawwatan jechuu miti. Kiristaanonni yeroo kadhannaa (7) kan qaban yoo ta'u, Muslimoonni immoo guyyaatti yeroo (5) kadhannaa raawwatu.
Guutummaa isaa Website keenya irraa argadhaa
👇👇

https://gaggeessummaa.com/yeroo-kadhannaa-kristaanotaa/


🗣️ Wanti dhoksaatti hojjetamu cubbuun kamiyyuu jireenya hafuuraatiin akka dadhabnu taasisa. Araada pornogiraafiin qabamee namni jiru kadhachuu, sagalee waaqayyoo dubbifachuu fi amantoota biroo wajjin tokkummaa qabaachuun itti ulfaata. Guutummaa barumsa kanaa fi kanneen biroo website keenya irraa argadhaa 👇👇

https://gaggeessummaa.com/miidhaa-pornogiraafii/


🗣️ Kaayyoo Gaa'elaa Kiristaanotaa

Kiristaanummaa Keessatti Kaayyoon Gaa'elaa Maali? Wanti Waaqayyo qopheesse hundi kaayyoo fi sababa qaba. Kaayyoo gaa'elaa kiristaanotaa jalqabbii irraa kaafnee yoo ilaalle, Waaqayyo uumama isaa hundumaa keessatti waan sirna qabeessaa fi itti yaadame kan qopheesse ta'uu isaa hubanna. Guutummaa isaa website keenya seenuun argadhaa! Namoota jaalattaniifillee share taasisuu hin dagatinaa 👇👇

https://gaggeessummaa.com/kaayyoo-gaaelaa-kiristaanotaa/


Waaqayyo gaa'ela qajeelaa siif kenna. Amanadhuu eeggadhu!


🤔 "Boru gaa'ela ta'uu danda'a jettee jaalala hin jalqabin! Ati nama yaalin irratti gaggeeffamu miti. Mirkaneeffadhuu jalqabi! Waan jalqabde immoo xumuri."

@haadha_manaa_ogeettii 💡


Wal Hubachuu 🆗

Wal hubadhu haadhoo
Haadhoo garaa tokkoo
Yoo diddee waljeeqxe
Wal dhabda gaaf tokko

Har'a jirta kunoo
Kan borii hin beektu
Waliif garaa laafi
Utuu lubbuun jirtu

Gargaaruu dadhabdus
Harka gabaabbattee
Rakkoo haadhoo keetii
Maali yoo hubatte?

Madaan isaa hin mullatu
Xin-sammuun hiyyeessa
Rakkinni wal guuree
Onneesaa bobeessa
Namnis hin hubatuuf
Arrabaan gaggeessa

Dubbachuu dadhabee
Of keessatti iyyaa
Imimmaan soorachaa
Garaachas yoom fayyaa?
Cal jettee hin dhiisin
Wal hubachuu wayyaa

Ati inni qabduu
Ati inni dureessaa
Gargaari haadho kee
Baasi hiyyuma keessaa
Yoo ati harka isaa qabde
Innis of jabeessa

Rakkinaan machaa'ee
Amala yoo dhabe
Inni haadhoo keeti
Haadhoo hamileen cabe
Nan dhageessu hin jedhin
Rakkootu isa qabe.

Tuttuqqaa hin jaallatu
Abiddaaf hiyyeessi
Galata irraa dhabdus
Dhiifamaan gaggeessi
Jireenya itti aanuuf
Gammachuu qindeessi

Namni yeroo hundaa
Gammadee hin jiraatu
Waan guute fakkaatee
Yeroo inni hir'atu
Abdii hin kutatin
Waaqayyo sin gatu
Ani hubadheera
Akka inni sirratu

Atis of sirreessi
Hin hawwinis findee
Obsaan dabarsuum
Rakkoo haalli fide
Wal hubachuu wayya
Isa guutuu dide

Barris ni dabarti
Guyyaanis ni dhufa
Warri si darbatu
Harka keetti kufa
Wal hubachuun dhibnaan
Rakkoon itti fufa

Tasa wal hin simu
Haalli itti jirruuf
Karoorri jireenyaa
Haadhokee hin dhabiin
Rakkinni jiraatus
Isatu qabeenya
Wal hubadhuu darbii
Lafa irraa yoo dhabdes
Olii qabda Beenyaa


💐 "Keessaa filadheen nama tokko waliin hafee jiraadha" jettee namoota baay'ee haasofsiisaa jirta yoo ta'e, akeekkadhu! Jaalala of keessatti ajjeesuu dandeessa. Jaalalli gaafa si keessaa du'e bultoo ijaartee nama tokko waliin jiraachuuf si rakkisa. Nama hundumaaf onnee kee bantee galchuun amala waan sitti ta'uuf jaalalli sirraa ba'a malee ulfa jaalalaa taatee gaa'ela da'uu hin dandeessu. Dhukkuba qoricha bare irraa fayyuun ulfaatadha. Murteessi haasa'i, dafii filadhu! Yoo kan kufuu qabu ta'e kuffisi! Yoo kan ta'udha ta'e dabarsii itti fufi malee walumatti guurtee hin baatin waan hundumaa!

@haadha_manaa_ogeettii 💡


"Nama tokko ergan jaaladhee booddeen amala sirrii hin taane irratti arge maal gochuun danda'a?"

Utuu si ta'ee maal goota?

Waan yaada keessan keessa jiruu fi furmaata ta'a jettanii yaaddan comment jalatti nuuf barreessaa.

@haadha_manaa_ogeettii 💡


💓 "Nama dhugaadhaan si jaallatu irraa gonkumaa hin fagaatin, sababni isaas yeroo ammaa jaalala dhugaa argachuun baay'ee rakkisaadha!"

"Never avoid the person who loves you truely, because nowadays its hard to get a true love!"

@haadha_manaa_ogeettii 💡


Akeekkadhu! ⚖️

Waan si jaalatu fakkaata kutaa 2ffaa, ammas shamarraniif

Hariiroo jaalala jalqabuuf yeroo jettu dhiira:

1. Yeroo kan siif hin laanne, akkuma siin wal bareen yookiin gaaffii jaalalaa siif dhiyeessen ariifatee si mudda yoo ta'e, miiraan hogganamaa jira yookiin hinaaffaa yookiin na darbuu hin qabdu yaada jedhu keessa jira ta'a. kanaafuu yeroo tasgabbaa'uu fi harka keessa si galfatu si dagachuu fi filannoo biraa deemuu waan danda'uuf daftee hin kufiin! Namni akkasii suusii shamarran haasofsiisuu qabaachuu danda'a. Adda baafadhu!

2. Yeroo hundumaa ol of kaasuudhaan qabeenya isaa, maati isaa fi hiriyoota isaa sitti dhaadata yoo ta'e, maatiin koo waadaa naaf galaniiru, waan akkasii naaf kennuuf, waan akkasii immoo naaf bituuf jechaa jiru jechuu jaalata yoo ta'e, akka waan si bitachaa jiruutti yookiin kana irraa hin haftu jedhuutti yaada jira ta'uu danda'a.

3. Gaaffii jaalalaa si gaafateef da'ootti wal agarree waa raawwachuutin deebii waliif laanna jedha yoo ta'e, deemsa gaa'ela isa sirrii irraa waan maqeef akeekkadhu. Da'oon daana'oo shamarraniiti.

4. Amma adeemsa jaalalaa jalqabne adeemsa keessa gara gaa'elaatti dhufna jedha taanan akeekkadhu, gaa'elli yaalii keessa milkaa'a utuu hin taane mirkaneeffattee akkasumallee milkeeffattee itti galta. Ati nama yaalii jaalalaa irratti gaggeessan miti.

5. Tajaajilaa yookiin nama Waaqayyoo fakkaatee raajummaa fi lallaba sitti baay'isaa dhufa yoo ta'e, adda baafadhu, gaa'elli raajummaan hundeeffame baay'een hin jiru. Waaqayyo jalqabatti wantoota baay'ee "kun haa ta'u" jedhee uume. Fakkeenyaaf ifni haa ta'u jedhe. Kun sagalee raajummaati, garuu nama itti yaadee harkaan hojjete. Hewaanin gaafa tolches sagalee itti baasuu wallaalee Addaamin raffisee irraa tolche miti. Gaa'elli adeemsa mataa isaa danda'e qaba.

6. Irra deddeebi'ee waan ati hin qabneen si jajuu yookiin ol si kaasuu baay'isa yoo ta'e,  saayikoolojii jaalalaatin si bituu yaadee ta'uu danda'a, itti yaadi! Manni ashawaa fi simmintoo qulqulluu hin taaneen ijaarame dafee jiga. Biyyoon ashawaa keessaa kanaaf miicama. Namichi miicamuu qaba.

7. Waa'ee waan tokkoo irratti kan har'a sitti haasa'e yeroo biraa immoo irraanfatees haa ta'u bareechuuf jedhee jijjiiree yoo sitti haasa'e sobaan si burjaajessuu barbaadeeti, akeekkadhu!

@haadha_manaa_ogeettii 💡


Waan si Jaallatu Fakkaata! 💞

Fakkaata jechuun ta'eera jechuu miti. Namoota baay'ee yeroon ilaalu waan tuubboon jaalala qaama isaanii hundumatti godhame fakkaatu. Miira daqiiqaa muraasa fayyadamanii "sin jaalladha" namaan jedhu. Miiraan hoogganamnaan sin jaalladha jechuun hin barbaachisu sin fedhe yookiin sin barbaada jechuudha malee. Jecha sin jaalladha jedhu bakka galuu hin malle galchanii jaalala waan burjaajessaniif  namoonni dhugaadhan nama jaallatan yaada isaanii ibsachuudhaf baay'ee rakkatu. Namoonni akkasii raabsitoota jaalalaa fakkaatanii nama ija isaaniitti tole hundumaa hawwaa fi jechaan burjaajessaa jiraatu. Gama kanaan kanan baay'ee komadhu dargaggoota dhiiraati. Shamarranis waan dhiirri dubbate akka sagalee waaqaatti waan amananiif yakka raawwatame kana jalaa bilisa jechuu koo miti. Bor gaa'ela ijaartee akka jiraattu beekun har'a dirree gaa'elaa seenii bara eeggadhu jechuu miti. Dirree gaa'elaa seenanii itti jiraatu malee bara gaa'elaa eeggatu miti.

Hanqaaquun yookiin killeen yeroo ilaalan ni bareeda, yoo bilchaates ni mi'aawa. Lafa bu'ee yoo cabe garuu irratti tufanii bira darbu malee ijaan iyyuu ilaaluf namatti hin tolu. Garaajis hin qabu. Yaa shamarree of eeggadhu! Yeroo baay'ee dhiirri gaaffii jaalalaa yeroo siif dhiyeessu dafee gara yaada kee kan dhufu gaa'ela akka ta'e ani iyyuu beeka. Innis yeroo si gaafatu akka waan har'a si fudhatee galuutti jechoota si amansiisan walitti qindeessee sitti hima. Akka waan guyyaa gaa'elaa qabatee si bira  dhufeetti muddamee yeroo si muddu dhugaa sitti fakkaatee tole jechuu dandeessa. Erga ati tole jettee immoo sababa funaanuutiin si amansiisuu fi ofjala si oolfachuu jalqaba. Miilakee jala taa'ee si kadhatee erga ati tole jettee immoo qolee kee irra taa'ee si bulchuu amala dhiira isa dhokataadha. Gaaffii dhiirri si gaafatu keessaa Gaa'elli mata duree ta'ee dhufa taanan dhaabadhuu itti yaadi! Deebii ofii kee isaaf kennituun milkaa'uu fi miidhamuu kan si dandeessisu bakka ati jirtu dha. Yeroon isaa siif yeroo ati gaaffii kana deebisuuf ga'umsa qabdu miti yoo ta'e miidhamuu dandeesssa. Baay'een ijoollee shamarranii warri umuriin bilchaatoo hin taane gaaffii jaalalaa maalin deebisu beektu? Gochaa dhaan deebisu. Gaaffiin jaalalaa eyyee yookiin lakkiitiin deebi'a malee.

@haadha_manaa_ogeettii 💡


⏰️ Yeroo Sirrii

Jaalala Jalqabuuf Yeroo Sirrii Beekuun Baay'ee Barbaachisaadha. Guutummaa isaa karaa weebsitii keenyaa seentanii argachuu dandeessu.
👇👇👇

https://gaggeessummaa.com/yeroo-sirrii/

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.