Magarsaa Qilxuu


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Amharcha
Toifa: Siyosat


Hundumtuu guuteet miti
Irra keessa kolfinaa
Kan kaleessaayyu hin qoorre
Madaa keenya hin horfiinaa!
we love Our flag!🟥🟩🟥

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Amharcha
Toifa
Siyosat
Statistika
Postlar filtri


#OduuAmmee
---
1.Eritiraan meeshaa Waraana Azarbajaan irraa mootummaan Abiy bitate doonii sadii galaana diimaa irratti boojitee fudhatte. Itiyoopiyaa waraanuuf qophii xumurtee of qopheessitee jirti.
2. Humnoonni Faannoo kuma 24 tahan Eritrea keessatti leenji'aa turan Waraana kana Eritrea gargaaruuf of qopheessaa jiru.
Walumaa gala Oromoon Waraana Chuchaan Eritrea Waraanna jedhee itti qophaa'aa jiru fashalaaheera. Humni Abiy ammatti Waraana Eritrea loluu hin dandahu. Yoo cinaannatee Waraana kanatti seeneef diinni Oromiyaa keessaa WBO lolu ni xiqqaata. Kiiloon 4 qabadhuun sana booda akka ajaahibatti nuuf salphata.
Kanaaf Uummanni keenya Waraana isa dhumaa WBO'n gaggeessuuf jedhu kana itti daabalamtanii loluun Oromiyaa Walaba gochuuf akka qophooftan dhaamsa kooti!


Oduu Ammee
---
Imbaasiin Itiyoopiyaa Eritrea jiru cufamee jira!


Qabsoon Bilisummaa Oromoo Uummata gadadoon garbummaa saggoo cabs-e garbummaa irraa cabs-anii aangomsuudha malee; ofii uummata garbummaa keessa jiru irratti aangomu miti. Aangoo sirriin uummata aangome keessatti dhugooma!


Oromiyaan Biyya jechuu kan dandeessu yoo waraa-na Oromootti amante qofadha. Biyyi waraa-naan tikfamti. Walabummaan af-jechaan osoo hin taane waraa-naan mirkanaa'ee, waraa-naan tikfama. Biyya walabummaa qabdu kan tiksu waraa-nadha. Waraa-na jabaatu Oromiyaaf ijaaramaa; garbummaa qolataa jira. Xumura qolannaa garbummaatti Biyya Oromiyaa ishee dhugaa daangaa ishee waliin nii sarara. Alaabaa ishees gadi nii dhaaba! Waraa-na Walabummaa Oromiyaa mirkaneessuuf kuffis-ee kuf-aa jiru jabeessuun, hamileessuu, waan dandeessu hundaan faana hiriiruun dirqama warra Orom-Biyyatti amananiiti!


Muudama: Waliigalan alaa galan👇🏽

1. Obbo Yaadasaa Nagaasaa (Jaal Sanyii) Sad. Hog. Biirootti gorsaa nageenyaa Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

2. Obbo Oromiyaa Rabbumaa Tasammaa(Jaal Jireenyaa) Hog.I/A Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa

3. Obbo Toleeraa Raggaasaa (Jaal Shurrubbee) Hogganaa I/A Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa ta’uudhaan muudamaniiru.

Muuxannoof sadarkaa barnoota isaanii osoo eeramee das nama je'a ture😉


Mata Dureen Maree Fakkeessii Araaraa ABO, KFO Kibxata Darbe Hoteela Ililliitti Wal Ga'ame  Barame


Mareen lafa jala baatii tokkoof ABO, KFO fi PP gidduuti  humna Oromoo bakka tokkotti jabeessinaan dubbatamaa ture bifa maqaa maree araaraa fakkaatuun Kibxata Guraandhala 18,2025 Hoteela Ilillii keessatti bakka qaamoleen affeeraman ABO, KFO fi qaamoleen hawaasaa argamanitti eegalama jedhamee eegamaa ture osoo hin jalqabiin dhimmoota adda addaan harkifachuun Kamisa har'aa eegalee jira.
Hirmaattotni koonfirensii fakkeessii maree Araaraa kana Wiixata Hoteela Kiingistanii fi Ilillii kan seenan ta'us waltajjiin osoo hin eegalle taa'aa turuun Roobii kaleessaa waaree dura qindeessitotni hirmaattotni akka wal baran kallattii kennuufiin waaree booda ammoo ajandaa maree Sanaa kennuufiin  akka itti qophaa'anii dhaqaniif saaqinsa taasisan.

Waltajjiin Kamisa har'aa ajandaalee dursee qophaa'ee irratti akka mari'ataniif kennameen ifatti eegalameera. Mata dureen maree qabxiilee 6 of keessaa kan qabu yoo ta'u, dhimmootni Bilxiginnaan akka haaraa fi fala Oromoof ta'a jechuun gaaffii yeroo dheeraa fi hundu beeku, kan garuu Bilxiginnaas ta'e warri isa dura turan deebisuu hin feenee fi har'as goyomsaaf  dhiyeessan kunis   waa'ee nageenya buusuu fi tiksuuti.

Maddeen keenya irraa akka adda baafannetti ajandaa kana keessatti Waraanni Bilisumaa Oromoo maal akka ta'uu qabu  ni  mari'anna   jedhu.  Haa ta'u malee WBO yeroo adda addaatti Bilxiginnaan araaraan galan jedhuu fi maqaa abbootii gadaa fi koree teekinikaan armaan dura galchan har'a maal irraa akka jiranii fi Bilxiginnaa maree ABO-WBO waliin araara Taanzaaniyaa magaalaa Daare Selaam keessatti geggeeffamaa ture diige ba'e dhimma WBO waliin  araara nagaa buusuuf fedhii  akka hin qabne irra deddeebiin ragaan irratti dhiyaachuun komatama.

Qabxiin akka mari'ataniif ka'e tokko dhimma daangaa Oromiyaa, Finfinnee fi bakkoota biraa yoo ta'u, lafa Oromoo Kaaba Shaggar Dharraa fi naannoo sanaa finxaaleyyiin Amaaraan saamame, Horroo Guduruu Wallaggaa, Baha Wallaggaa keessatti uummatni finxaaleessaan dhumaa jiru akkasumas bara bulchiinsuma Bilxiginnaa aanaalee fi magaalota Oromiyaa  godina addaa Amaaraatti  akka eeyyamamuuf gaafachaa jiran keessatti dhimma  ijoo fi maree hin barbaanne garuu seeraanis seenaan deebiin isaa ifa ta'e deebisee miidhamaa,  abbaa dhimma fi qabeenyaa mariisisa.

Waa'ee tokkummaa fi ijaarsa Oromiyaa akkasumas sabaa fi sablamii Oromiyaa  keessa jiranii, Gadaa fi Siiqqee, hariiroo Oromiyaa fi  mootummaa federaalaa akkasumas Oromiyaan mootummaa federaalaa irraa maal barbaaddi kan jedhu yoo ta'u, sanas Bilxiginnaa gaaffilee ijoo warraaqsa Oromoo micciree hanga ammaatti dhimmi Finfinnee fi gaaffiin afaanii hin deebisne, akkasumas qondaaltotni Bilxiginnaa Abiy Ahimed dabalatee Oromoo gandaan qooduu fi  seenaa sabichaa oduu duriiti jechuun xiqqeessuun kan warra Oromoo  miidhanii akka kan isaatti sabichi akka fudhatu gochuu irratti hojjechaa turan irraa tokkummaa fi ijaarsa Oromiyaa eeguun hojii Abiy Ahimed waggoottan 6 fi baatii 11 keessatti hojjete dagachuu dha.

Maree kana irraa qooda kan fudhachaa jiran paartiilee lamaan keessaa namoota 22 yoo ta'u, qaamolee hawaasaa irraa namoota shan shani. Qaamoleen hawaasaa kunis:
Jila Waaqeffataa
Jila Abbootii Qaalluu
Jila Haadha Siiqqee
Jiila Abbootii Gadaa
Jila Yaa'ii Finfinnee
Jila Waayillan Marii ta'uun barameera.

Akka maddeen keenya  Bulchiinsa Mootummaa  Naannoo Oromiyaa, Biiroo Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaatti dhiyoo ta'an irraa argannetti baasiin maree kanaa murna Bilxiginnaan kan uwwifame yoo ta'u, eegumsa isaas waraana raayyaa ittisa Bilxiginnaa fi tika federaalaatiin ta'uun barameera.

Maddi: ✍ Arraata Biyyoolessa Oromiyaa


Godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu keessatti WBOn tarkaanfii laalessaa waraana PP irratti fudhachuu beeksise

ONM-ABO Gurraandhala 19, 2025 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn Zoonii Kibba Baha Oromiyaa guyyaa kaleessa Gurraandhala 18 waraana faashistii PP maqaa sakattaa WBO jedhuun bobbaate Arsii Baha aanaa Jajuu ganda Gurree iddoo addaa Maaramii jedhamu keessatti tarkaanfii  jajjabduu  irratti fudhateen ergamtoota  sirna nama nyaata  Abiy Ahimed torba ajjeesee 10 madeessuu of booda deebisee jira.


Injifannoon Uummata Oromoof❗


Oromoon Maalitti Jirtaa?
=====================
Perezadant Eritrea 🇪🇷 Lola xoopiyaa 🇪🇹 irratti Banuuf Waraana kuma 30 gara Daangaa Ethiopia Fe'uudhan Qophii xumuranii jiru

Lola kana irratti Perezadant Tigraay Durani Dabraxiyon Eritrea 🇪🇷 Waliin akka hirmaata jiru dhagahame jira

Perezadant Durani xoopiyaa 🇪🇹 Eritrea 🇪🇷 fi Tigraay Lola Waliin xoopiyaa 🇪🇹 irratti Banuudhaf Qophii Xumuruu isanii Dr.Mulatuun Al-Jaziraa Afaan English tiin Addunyaan akka nurraa dhorgitu jechuudhan Himatanaiiru

Sababa Muddamsuu kanaatiif bulchaan Impaayera Ethiopia Partilee Siyaasa Oromootin Na gargaara Lola jechuudhan Araaraaf Marii irraa jira.


Herregni Biyyummaa Waraa-naa, dippilomaasii fi polotikaa dorgomaa ta'een argama. Dhaloonni kun maal akka dhabe hubachuutu isarra jiraata. Hanga waan dhabne hin beeknetti waan argachuuf gaafannu hin beeknu. Gaaffiin polotikaa waraa-na dhalcha. Gaaffii polotikaa karaa nagaa gaafatamee deebii dhabeef deebiin ajjee-chaa juumlaa fi hidhaa juumlaa ta'e. Gaaffiin polotikaa kaleessa gaafatamaa ture deebisuuf salphaa ture. Har'a gaaffiin sun sadarkaa isaa ol bultee jira. Humna biyyummaa walabummaa mirkaneessutu itti of ijaare. Humna gaafficha deebisee nagaa lammiilee tiksutu hiriire. Humni kun utuu nii dhaabna jedhaniyyuu matumaa waan dhaabbatu miti. Humna kana dhaabuuf biyyoota ollaa Keeniyaa hanga Sudaan daboo itti waammatan. Humnichi humna kaayyoof tarsimoon socho'u waan ta'eef kattaa jabaa caalaatti jaratti ulfaate. Amma humnichi gaaffii Walabummaa fi Birmadummaa qabatee imalatti jira. Imala isaas walakkaarra ol dabarseera. Kana booda shirris ta'e humni isa dhaabu akka hin jirre ofitti amaneen dubbadha. Jarri gaaffii polotikaaf qoodama aangoo qopheeffatti, sun immoo abjuu ta'ee hafa. Biyyaa gaafattee aangoo akka coocoo qooddattee hin galtu. Dhaloonni gaaffii isaa bareechee beeka!


Namni Suura Eenyummeessaa Armaan Gadii Kanarra Irratti Argamu Gaafa Guyyaa 11/06/2017 Galgala Keessaa Naannoo Sa'a 1:00 tti Balaa Konkolaataan Lubbuunsaa Darbee Hospitaala Hoolataa Waan Jiruuf, Waraqaan Eenyummeessaa Isaa Mattuu Ganda G/ Odaa Waan Jedhuuf, Namoonni Beektanis Ta'e Kan Hin Beekne Share Gochuun Maatii Fi Firoottan Isaa Biraan Nuuf Ga'aa!


Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
Kun Yeroo "Gootichi Sadeen Sooddoo Magaalaa Acabaraa keessaa nyaapha gugsee baase dha!

Kadireen Magaalaa keessa Shugguxi diratte qeerroo harka duwwaatti bokooktu tokko gaafa leencichi itti marsuu boolla kam seente baddii ?
IUOf


Gartuun Dhimbiibbaa tokko Solooloo irraa gantee OPDOn OPDOdhuma. "Haadholii Gadaa" Seattle fi Biyya Arabaatu gansiise. 😊 Mooraan qabsoo bilisummaa Oromoo shirtuu irraa qulqullawaa jirti.


Tarkaanfii Bofa Mataa Muruu

Buraayyuu

Gareen diina Oromoo adabu har'a Guraandhala 18,2025 galgala kana toora sa'a 1:30tti  magaalaa Shaggar Sitii bulchiinsa magaalaa Buraayuu kutaa bulchiinsa magaalaa Kattaa keessatti buufata poolisii Aanaa 1ffaa naannoo manneen Fooniitti argamu boombiin haleeluun miidhaa guddaa qaqqabsiisanii jiru.

Bilxiginnaan dhukaasa boombii kanaan erga miidhaan qaqqabe Ambulaansii geessuun namootaas achii ari'aa jirti.

Bofa jabaa ilmaan Oromoo hidduu,  guddina fi nagaa Oromoo hin feene adabuun itti fufa ❗

Dhaloota hin jilbeenfanne❗💪




Koonfirensiin fakkeessii maree araaraa ABO fi KFO Bilxiginnaa waliin walii galchu abbootii gadaa fi amantaan magaalaa Finfinnee keessatti yoo eegalu, Oromiyaa keessatti Bilxiginnaan lolaa fi miidhaa uummata irraan ga'uu itti fufe

Murni Bilxiginnaa humna sabboonummaa Oromoo cabsuun Oromiyaa  afuura Itoophiyaa uffachiisee deemsisuu akka gara aangootti dhufeen piroojektii eegaleen qe'ee fi uummatni Oromoo gaaffii siyaasaaf deebii dhabuun abiddaan gubachaa jiru.

Rakkoo kanaaf Bilxiginnaan furmaata fiduu irra waraana isaa itti bobbaasee miidhaa lubbuu fi qabeenyaa irra geessisuun dabalatatti hawaasa hunda maqaa hin taane itti maxxansuun duguuggaa sanyii fi mancaatii qabeenyaa geessisaa jira.

Rakkoo kana furuuf ABO-WBO fi dhaabbileen siyaasaa biroon mareen karaa nagaa bakka qaamni 3'ffaan argamanitti haa geggeeffamu jedhanis qaamni hojii hannaa bare Bilxiginnaan karaan ani jedhe malee hin ta'u jechuun Waraana Bilisummaa Oromoo uummataan sakattaasisuu, abbootii gadaa, haadholii Siinqee, jaarsolii biyyaa fi abbootii amantaa bobbaasuun waamicha nagaa jechuun kottaa galaa jechisiisaa ture.

Haa ta'u malee mareen araaraa fedhii Bilxiginnaa guutuu dide kan Taanzaaniyaatti marsaa 2 taa'ames ta'e, diraamaan qotiyyoo, fardaa, daa'immanii fi hawaasa bal'aa dirqiin hirmaachisuun Kaaba Shaggar, Baha Shaggar, Kibba Lixa Shaggar fi Arsii keessatti lukkeelee Bilxiginnaan geggeeffames qaamolee PP waliin duruma hidhata qabanii fi ABO-WBO'n badii naamusaan of keessaa baase qofa argachuun, akkuma ABO-WBO'n irra deddeebiin  mariin araaraa Bilxiginnaan fedhu nagaa fiduu hin danda'u jedhu nagaa fi tasgabbii uummatni fedhu osoo hin agarsiisin hafe.

Hojiin Bilxiginnaan gochaa jiru ammas kan Abiy Ahimediin itti fufsiisee aangoo irra tursu akka hin taane yeroo hubatu yeroo dhiyoo asi ammoo ABO fi KFO  Bilxiginnaa waliin walii galchuuf maqaa Koonfirensii  Maree Araaraa jedhuun Abbootii Gadaa, Jaarsolii Biyyaa, Abbootii Amantaa, Haadholii Siinqee fi namoota tokko tokko hirmaachisu har'a  Guraandhala 18,2025 ganama irraa eegaluun geggeessuuf qopha'aniiru.

Namootni Koonfirensii Fakkeessii Maree Araaraa kanaaf  paartiilee fi qaamolee hawaasaa irraa argaman guyyaa kaleessaa Hoteela Kiingii fi Ilillii buufatanii jiru.

Waltajjiin kun Hoteela Ilillii keessatti geggeeffama. Abbootiin Gadaa, Jaarsolii fi Abbootiin Amantii ABO fi KFO erga amansiisanii booda Bilxiginnaa waliin walitti akka fidan kallattiin itti kennamee jira.

Haa ta'u malee Bilxiginnaan rakkoo siyaasaa uummataa Oromoo furuuf bulchiinsa dhuunfaan ykn monopoly'n qabate gadhiisee bulchiinsa hunda hirmaachise akka ijaaramu ni godha jedhanii eeguuf Abiy Ahimed kanaan booda Itiyoophiyaa keessatti mootummaan ce'umsaa hin barbaachisu jedhus ABO'n Daawud Ibsaa piroojektii keenya Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaatu fudhatame jechuun dubbachaa jiraachuu odeessi magaalaa Finfinnee irraa argame ni addeessa.

Kun kanaan osoo jiruu, murni Bilxiginnaa gama tokkoon koonfirensii araaraa rakkoo siyaasaa Oromoo furu jechaa gama biraan ammoo duula lolaa fi saamichaa Oromiyaa keessatti itti fufanii jiru.

Ajjeechaa haadhaa fi daa'imman lama aanaa Mana Sibuu magaalaa Waankii keessatti Roobii darbe Guraandhala 12,2025 waraanni faashistii PP raawwatan qondaaltotni waraanaa fi kaabinootni PP dhoksuuf uummatni qaama miidiyaa kamiifuu   yaada akka hin laanne jechuun hawaasa magaalichaa doorsisaa jiru.

Oromiyaa bakka cufatti Bilxiginnaan maqaa galii guddisuun saamicha, dirree waraanaatti erguuf dargaggoota humnaan qabuu fi kooriidara magaalaa jechuun manneen jiraattotaa diiguu akkasumas ajjeechaa,  hidhaa  fi lola geggeessaa jiraachuu jiraattotni Oromiyaa bakkoota adda addaa irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


Telegramootaa  armaan Gadii kana👇👇👇 Join godhaa hordofaa
ከታች ያሉትን ቴሌግራሞች 𝐂𝐡𝐚𝐧𝐚𝐥𝐨𝐜𝐡 ይቀላቀሉ 👇👇👇
                   𝐉𝐨𝐢𝐧
                     𝐉𝐨𝐢𝐧
                      𝐉𝐨𝐢𝐧
                        𝐉𝐨𝐢𝐧
the Telegrams 𝐜𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 below👇👇👇
https://t.me/magarsaaqilxuu

https://t.me/AbboomaaMitikkuuWaaqoo

https://t.me/Qalboo5
https://t.me/Falmataa_Kabbadaa430
https://t.me/BaarooTumsaa5
https://t.me/kellomedia5
https://t.me/Jaalshoddee
https://t.me/BoojiaaCaalii
https://t.me/Galaana_Gaaromsaa
https://t.me/surraagindaabaa
https://t.me/Jawarmohammed5






Sarara diimaa sirnii kun qaxxaamuraa jiruu kana callisaan ilaaluun imaammata ganna 60 duraa eenyummaa Oromummaa yakka taasisee sana simaachuudhan tokkoo!

Wanti haaroomsa Aadaa jedhamuu Kan diinni murna waanbadee waliitti qabee ittiin adeemu kun guutummaan guututti akeeka Oromoo Akka hin kaanettin cabsa isa Jedhee Sana raawwiitti jiruu.
Jalqabarraatti Aadaan maali? Aadaan ni haaromaa? Aadaa saba tokkoo maaliif haaroomfamaa? eenyuutu haaromsuuf gaafatamaa qaba. Aadaa jechuun finnaa(waliin jireenya hawaasummaa) safuu fi safeeffannaa sabni tokkoo walfaana ittiin jiraatuudha. kunimmoo safuu (core believes) fi duudhaa/dhugeeffannaa/ amantaa sabni tokkoo qabuu hundaa akkaataa itti gaggeeffatuu fi jiruuf jireenya isaa guyyaa keessatti gaggeeffatuudha.
Aadaan ittiin jiraatu, itti buluu, fudhatanii ittiin qajeelfamuu malee hin haaroomsan. Aadaan hin dulloomu(jaatamuu) ykn hin moofa'uu. Gadaatu dullooma(jaatamaa). Kanaaf osoo taheeyyuu Kan haaroomfamuu Gadaadha. Gadaanis maalin? akkamiin? eenyuun? fi maalif? haaroomfamaa waan jedhuu qaba. Gadaa keessaas waan xuqamuuf hin xuqamneetu jiraa. seeraa waaqaa lafaa, Malkaa Tulluu, aadaaf duudhaa Kan hin xuqamneetu jiraa. tumaa hawaasummaa kanneen ilaalamii yeroof jijjiirama haala jireenya hawaasaa waliin adeemsisuuf haaroomfamuutu jiraa. kanaas Kan gochuu danda'uu warraa Gadaan Hulluuqee, Gadamoojii gahee waan caffeef ardaa sirnaan dhangi'aameefi warraa geettiin Hayyoomeetu, akkasumaas warraa duudhaa ykn mataa sirna warraa muudaan Yoo fudhatamee waliitti dhufee isaayyuu yeroof marsaa isaa eeganii Yoo feesisee gaggeessu.

Duureyyiin diinni waliitti fuudhee Aadaa haaromsinaa jettuu kun jalqaba waan Aadaa nibeektii? Aadaan Oromoo utuba sirna oromtichaati, sirna keessa jiruu? sirnuimti Oromoo maal Akka qabuhoo beekuu? kanahoo itti bulaniiruu? Akeeknumtiif ajandaan kuniyyuu maaliif dhufee? yeroo kanaatti waan kunii kahuun Maaf barbaachisee.

Xuxxuqaa diinni ittin xuqxee nama ilaalu kana callisanii ilaalanii akka qoosatti bira taruun of madaalchisuudha. Oromoon bar Aadaa isaa dhiigaan tikfatee as gahee, qoosaa seetee atii? seeraa Aadaa horaa irraatti bar aadaa malee quxisuun dhaaluu dhufnaan korma loonii dhabnaan korma namaan qalaa jedhee Kan of gorra'ee gahee isaaf aadaa kabachiise waan Aadaan hawaasaa tikfamuu qabuufi.

Uummanni tokko badee ykn liqimfamee kan jedhamuu wantoota isa ibsaan dhawataan Yoo dhabamsiifamaa dhufeedha. fknf Jewishonni har'aa Addunyaa raasaan kun gaafa addunyaarra bittinfamaan waan biraa illee Yoo dagataan amantaaf Afaan isaanii daa'iimmaan isaanii manaatti barsiisaa guddatuu turee. kanaaf waggaa 1048 bittinanii booda biyya isaanii dhuunfatanii sirna ofii ijaarratan, ofirraa darbanii Addunyaa tohaatan.
Kan Oromoo immoo kanumallee ilaalcha keessa galchuu dhabdee, diigumsa fi aggaammii baii eenyummaa oromummaatti xiyyeeffatee irraatti Wal faana hirmaatee dibbee tumuuf adeemsa.
*Mee seenessi waloo isiin nuuf ijaartan isa kamii?
.Seenaa weeraara susiniyoos Kan gosoota Oromoo duguugee seena waloo nuuf taasisuufi moo weeraara Seera oromummaa yakkee Kan baraa mootonni impaayeera bulchaa Kan Oromoo taasisuufi? moo duguuggaa sanyii fi Haleellaa eenyummaa Oromoo irraatti adeemsifamee kan Oromoo taasisuufi?
mee jalqaba irraatti Aadaan Oromoo bu'uurrii isaa dhugeeffannaa oromoon itti bulaaf jiraata turee qaba. akkamiin Kan optic Christian waliin ykn Christian biraa waliin ykn immoo Aadaa amantaa ammayyaa biraa waliin walfaana tokko taasistuun?

Walumaagalaatti aggaammii PPn siniitti fayyaadamtee eenyummaa Oromoo rukutuu fi Oromummaa diiguuf gootu kana keessaa harka baafachuun gamnummaadha.
Aadaan saba dhalee nuguddisee kun har'aa mitii gannaa 100n duraayyuu haaraadha. baraan haaraadha, addunyaatu hudduun duubaatti deemee malee Oromoon ammaallee durseetuma jira. warrii biraan kana dhaaluufi baree ittiin buluuf inaafa warrii qaroome, warrii alagoome immoo oromummaa cabsee balleessuuf watwaata.

kunii saraara diimaadha.
Oromiyaan lafumaa
Oromummaan nafumaa...
Kan lafaa callisnee ilaallan
Kan nafaatti nudhufaan yaa taabooree.....
kanaas argineetuma callisnaaree...


Hunda dura warraaqaa tahuuf kaayyoo galmaan gahuuf itti ifaajaa jirtuu fi kiyyoo adeemsa kee danquuf deemu addaan baaftee sirriitti hubachuu qabda. Garuu Kaayyoo ifaa mul'ata qabu keessaa baatee, kaayyoo kiyyoo dimimmisa dukkanaa keessa seenuun kee qaaniidha.
Yeroo kamiyyuu, ammoo irbaanni gantoota barabaraan qaaniidha/saalfiidha.

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.