Musaab Naasir Official


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha
Toifa: Telegram


Join Share Naaf godhaa
Lammiin kiyya hundumaa
Waan Na woliin Jirtaniif
Hundumtuu Galatoomaa
DM👉 @MusaabNaasir

Связанные каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Statistika
Postlar filtri


Baadiyyaaf magaalaan
Lammiin kiyya martuu
Biyya Alaaf Keessaa
Ashamaa Akkam jirtuu

Xiqqoo Badeen Jiraa
Haala Koo Jijjiiree
Wolaloo barreessuu
Yeroof dhiiseen Turee

Ammalleen Deebinee
Gara Waloo Duraa
Du'aayii jabeessaa
Naaf kadhaa Adaraa😭

@Musaab_Naasir🌟
@Musaab_Naasir🌟

681 0 1 13 32

Akkaataa ofitti amana
mummaa itti horatan:

• Waan duraan galmaan
geesse ilaali.
• Wantoota irratti ga’umsa
qabdu yaadi.
• Galmoota tokko
tokko kaa’i.
• Hojii itti bohartu
argadhu.

#Jechoota #onnachiisoo
@Musaab_Naasir🌟
@Musaab_Naasir🌟


General knowledge

Ani sadii fi Shan
Gidduudha, garuu
Afur miti.

Ani Eenyu?

@Musaab_Naasir🌟
@Musaab_Naasir🌟


Gaaffii salphaa.

Abbaan Mararaa
Ijoollee shan qaba.
Isaanis:
1.Caalaaa
2.Caalee
3.Caalii
4.Caaloo
Maqaan mucaa
isa hafee eenyu?
👍Mararaa

❤️Caalasaa

😁Caaluu

😊Wabii


Kufe Jettee hin gaddin
Kufaatiin daandii milkaa'inati
Jabaadhu! Bakka kuftee ka'i
Imala kee itti Fufi.🏃

Daandiin milkaa'inaa cinqii
Baay'ee waan qabuuf abdii
Hin Kutatin🤺

"Dhama'ummaa jechuun
wanuma walfakkaatu irra
deddeebi'anii Hojjechaa Bu'aa
Harawa eeguudha"
🤷‍♂...Albert Einstein

Jabaadhu Nama koo♥️
#motivation #jabaadhu
@Musaab_Naasir🌟
@Musaab_Naasir🌟


Hiikkaan Mammaaksa
Kanaa Maali?

Sobni nama oolcha
malee,
Nama hin bulchu•

@Musaab_Naasir🌟
@Musaab_Naasir🌟


Biyya lafaa kana keessatti
namoonni miidhama jiratan
gosa afurtu jira!

❶ Namoota namaaf yaadan
❷ Namoota garaa namaaf
laafan
❸ Namoota nama Amanan
❹ Namoota nama jaallatan

#motivation #poems
@Musaab_Naasir🌟
@Musaab_Naasir🌟


Qarshiin maal siif godha
Qabaattus kumaatamaa
Osoo Xiyyaaraa qabduu
Deemteetu Awwaalamaa

Mana Baay'ee Qabaattus
Haga Darbii Afurtamaa
Qabeenyi du'an oolchuu
Mee Hubadhaa yaa Namaa

@Musaab_Naasir🌟
@Musaab_Naasir🌟


💪𝗔𝗿𝗿𝗮𝗯𝗮 𝗞𝗲𝗲 𝗘𝗲𝗴𝗴𝗮𝗱𝗵𝘂
💪𝗙𝗮𝘆𝘆𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲 𝗘𝗲𝗴𝗴𝗮𝗱𝗵𝘂
💪𝗺𝗶𝗶𝗱𝗵𝗮𝗴𝗶𝗻𝗮 𝗸𝗲𝗲 𝗲𝗲𝗴𝗮𝗱𝗵𝘂

@Musaab_Naasir🌟
@Musaab_Naasir🌟


Jiruuf dhiphattee
Jirachuuf Arraa
Rakkataa miitee
Guddaa gargaaraa
Boru yaadadhu
Suma Dararaa
Maaloo mee dhiisi
Kun ni dabbaraa

@Musaab_Naasir🌟


Hiikkaa Mammaaksa
kanaa barbaadaa.

Heeruma Dharraanee
Heerumnee rarraane
Jette Intalli.


Hiikkaan Isaa Maali?

3k 0 3 15 63

Bu'ee Ba'ee Boo'ee
Jaalalaan Raata'ee
Namni Bara Kanaa
Maalumadha Ta'ee

Silkiisheef Bilbilee
Nagashee Gaafataa
Sin Jaalladha Jechuu
Garuu Ni Sodaataa

Osoo Akkas Boo'uu
Woggaa Kudhan ga'aa
Isheen Heerumuudha
Kanafaa Dhaga'aa

Kanatti Maraatee
Daandii gubbaa Ta'aa
Ni Machoofte Jedhee
Namni Bira Ya'aa

Jechuu Kan Kee booda
Homaa Maaltu Dhufaa
Ergaa Kee Dubbisee
Gaddee maafin Hafaa

Ergaa Kallattiidhaan
Gurbaan Natti Himtee
Jabaadhu Maal goota
Woggaan sitti Dhumtee

@Musaab_Naasir🌟
@Musaab_Naasir🌟


Ilaa Yaa Lammii koo
Kanan taa'e maramee
Dubbataan dachii guute
Hojjataatu dhabamee

Harras Ka'eema Iyyaa
Lubbuun tokko yoo ba'uu
Reenfa Post Gochuudha
Kan Namni Kun Qophaa'uu

Gocha Tokkorraa Baree
Fuulduraaf Ofin Eeguu
Guyyaa Lama boo'eetu
Dhiisa silaa waa Eeguu

Harruma reeffa Kaasee
Suuraa imo godhatee
Guyyaa Lama yoo bulu
Du'uu Keetuu Dagatee

Kana Gochuudhaa mana
Afaan Qabateen Ta'uu
Like Argateedhaa
Kan innimmoo lakkaa'uu

Uffee Yaa Namaa🙆‍♀️
Dadhabne Dubbachuu
Reefuu Lafaa Dhuftuu
Daa'imaniif Kichuu

Harma Hooteen guune
Kuttanikaa Kichuu
Kanatu Na Dhibee
Waa tokko dubbachuu

@Musaab_Naasir
@Musaab_Naasir


Kaayyoo qabaadhu

Hin dhaabatin yoomuu
Laaltee oduu namaa
Kayyoo fi hawwii kee
Kan beeku si'umaa

Jireenya gammachuu
Jiraachuu barbaadee
Galma kaate gahuun
Diinni baayyee gaddee

Gaafa kana goote
Maaltu dhufa booddee
Kan xinneenya kee eegdu
Dhaabiit hafti mugdee

Atimmoon dagatin
Eessaa akka kaatee
Eenyu si daangessee
Eesat akka dhaabatte

Hin dhaabatin ati
hunduu ni odeessaa
Si'in Kan daangessu
Si'uma dhageessaa

Sidhaabuu hin qabu
Qoreen dhoqqee keessaa
Hayyootni milka'an
Akkana seenaansaa

@Musaab_Naasir
@Musaab_Naasir


Sin Yaada #maamii koo

Nama Hunda Jiran
Irra Dachii Gubbaa
Si Yaade Harmee koo
Siin Ala Hin Qabuu

Guyyaadhaafi torbeen
Baatiin Lakkaawwamee
Woggaadhaafi woggaan
Jaaarraan Yoo kaayamee

Halkan Abjuu Keessaa
Siinin Arga Harmee
Atillee Na Yaadduu
Kanan Yoomin himee

Xiqqoo Teessuu Gadi
Ammas immoo olkaatee
Nama Kamuu Dhiistee
Waa'ee Koo Dubbattee

Sababa Na Dhabdeef
Nyaatafaa Lagattee
Guyyaan Dukkanaa'ee
Alkan Sitti Fakkaatee

Ta'uu Kee Dhaga'ee
Onneen Na dhaa'attee
Rakkoo Hundaa irraa
Waa'ee Koo dhubbattee

Ilaa Yaa Harmee Koo
Guyyaan Ga'uuf Jiraa
Yoomiyyuun yaadda'in
Harmee koo na duraa

Dhufeen si Maramaa
Akka daa'imaattii
Ammasuu naa obsi
Naa Ta'i Nagaattii

@Musaab_Naasir
@Musaab_Naasir


Dhugaa kamtu qaba?

Harki Nyaata fidee
Garaa Beela baasaa
Garaanis Bulleessee
Gaarii Adda Baasaa

Qaama Hundaa hiree
Waanuma Argatee
Miillis Tolan Taa'uu
Hundaa deema baatee

Miillis Bakkan Beekuu
Yoo Ijjin Agarree
Ijjis Arguun Duraa
Sammuun yoon karoorree

Tokkummaa Yoo Dhabe
Miillii Deemuu Didee
Harkis Hagumasaa
Nyaata Fiduu didee

Silaa Nyaata Baree
Afaan nyaataan dhiisuu
Eessaa Haa Kaa'uree
Yogguummoo bulleessuu

Kanarraa lagatee
Onneen Dhiiga Raabsuu
Qaamni Kee Jeeqamee
Sombis Didde Hargansuu

Furmaata Maal Qabdaa
Dubbii qaamaaf Jiruu
Lubbuun Kana Keessaa
Bahuun wanta jiruu

@Musaab_Naasir
@Musaab_Naasir


Maal naa buusaree

Eegan lubbuun darbee
Huccuu gaddaa bittee
Mandara deddeemtee
Maqaa koo Faarsitee

Maal Naaf Gootaaree
Lubbuun deebiin qabduu
Duraanoo Nan beektuu
Osoo Yeroo qabduu

Eegan Lubbuun Darbee
Maal Naaf Baasa Aadduu
Osoon lubbuun Jiruu
Maaliif Nan Barbaadduu

Jedhu Abbaafi Aayyoon
Miidhu Beelaaf dheebuun
Si guddisaa Turanii
Osoo Namni Si Jibbuu

Ammuma Bilbiliif
Yoo jiraatan Lubbuun
Siniif Jira Jedhiin
Nattin Himin jibbuu

@Musaab_Naasir
@Musaab_Naasir


Dhugaa jirtu®️
®️
Eeyyee dabarree
Seeqaatti Kolfaa
Biyyee Xiqqootu
Seenaa kee Balfaa
®️
Kaleessi Dabree
Harri Dhufeeraa
Umriif Guyyaan
Numa deemaaraa
®️
Eenyu Yaadatee
Umriisaa duraa
Jaarsi duraanii
Deeman dachiirraa
®️
Dhageessuu kanaa
Kan Gamaa Gamanaa
Umriin Ni Deemaa
Ni dhaabbatan se'inaa
®️
Guyyaan hojjiidhaa
Halkan Hirribaa
Boru Ga'eetu
Waan arraa Gaabbaa
®️
Turuun Kee kunii
No Suma Dhibaa
Kuni Dhugaadhaa
Qoricha Qabaa
®️
@Musaab_Naasir
@Musaab_Naasir


Find three hobbies:
●~one to make you money,
●~one to keep you in shape, and
● ~one to keep you creative.

@Musaab_Naasir


Modern English.
Long and Short

@Musaab_Naasir

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.