Hunduu Waan Qabu Kenna! •═•
Lagni bishaan siif kenna
Gaafa ati dheebottu
Manni ho’a siif kenna
Gaafa ati dhaamottu
Muka bosonaa argatta
Kan mana ittiin ijaartu
Galaanni immoo qurxummii
Kan affeellattee nyaattu
Mi’a gatii jabeessa
Gabaa qaalii irraa argatta
Riqicha bishaan qabu
Bidiruudhaan dabarta
Waan hin qabne argachuuf
Isa qabu harka ilaalta
Atis waan qabdu hiixadhu
Xiqqaatu tokko in caalta!
Garuu......Xaddee foon hin kadhatin
Qoraattiin si waxalti
Salphoo ulfina hin kadhatin
Udaaniin siqabatti
Machooftuu hin hammatin
Bulgaatiin si lollaati
Nama badii hin qoccolin
Dhuftee hiriyaa kee taati
Addaggeetti hin shirkoomiin
Mataa irratti ol si baati
Daa’ima qullaa hin baatin
Wayyaa kee irratti albaati
Kotte duudaa hin hooksiin
Ilkaantu sirraa dhuma
Hunduu waan qabu kenna
Jireenyatu akkasuma.
@Gaggeessummaa@Gaggeessummaa✨。\|/。🌺
Walaloo Jaalalaa