Walaloon Jaalala


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha
Toifa: San’at


Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Statistika
Postlar filtri


Bifaaf taanaan...
Ati jirbii, an eeleedha,
an kan jinniin haleeleedha!
ati gugee, an wakkallee,
asiin dhufnaan, gargar galle! 🙌

Horiis taatu...
Kee sanyiin abbaa qabeenyaa,
nuuf liqiin araada keenya!
Beeka kankee akka hin gitne,
kun ol kaanaan gargar citne! 🙌

Qomoo jennaan...
Kee lakkoofsi yeroo fixa,
koo sanyii kurupheen qixa.
kanas taanaan haal-dureenkee,
an deemeera gaanfureenkee🙌

Haala jiruu keenya lachuu,
gaafan qaroo keessa galchu,
si hawwuunkoo mataan isaa,
ija-hin-fuunee na taasisa!

Maal ilaalee akkan dhufe,
maalumakeef akkan kufe,
hin-jirree uumee sin sobu,
nan gaafatin deebii hin qabuu! 🙅

Akeekakoo siif akeekee,
ibsuu baadhus, ibsa beekee...

Tarii kuni...
Itti-ergaa waaq, akka hoodaa,
bu'aa qaroo gara boodaa,
miira qophii sammuun alaa,
RIFUU-LIPHII ta'uu mala!
🤔🚶🚶

Aga Guddaa
@Walaloon_Jaalala


Eebba Fiilmii “ABBAA MALKA” 🎬✨

Guyyaa beellamaa keenya tokko lama jennee lakkaawachaa, Eebba Fiilmii “ABBAA MALKA” geenyeerra!

📅 Guyyaa: Dilbata / Sambata-Guddaa (Gurraandhala 16)
⏰ Sa’a: 7:30
📍 Iddoo: Galma Tiyaatira Biyyooleessa

🎟 Tikeeta Seensaa:
400 ETB
1,000 ETB
5,000 ETB
10,000 ETB

Nurraa hin hafinaa ! 🔥🎥
Koree Eebba Fiilmii “Abbaa Malkaa”


Ka'eemmoo....

Yaada galaasee
Dhaamsa lolaasee
Koottu jedhee osoon si waamee
Ka'ee namaan sitti dhaamee,

Dhuftee na qaanessitaa?
Moo
Haftee na yaaddessita?

Garuu anoo...
Dhuftee si simachuu
Haftee si komachuu
Addayyuun baafadhu
Namas hin gaafadhu!

Maal anoo...
Gamat hafteekee,
Hossaan rafteekee
Tokko beeka tokko hin beeku.
Deebi'uukee...
Asiin eega achiin eegu.
Anoon beeku😊

Daraartuu Beekaa
@Walaloon_Jaalala


Etiyoo Telekoom dan repost
Join waan gootaniif qofa Dollar 3$ kan siniif kaffalu yoo hojjattan ammoo waan gaarii kan irraa argattan airdrop bareedaa kana dafaatii itti bu'aa
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇


USDT fi crypto kamiyyuu gatii bareedadhaan namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.

Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu


Silaa walaloon durba taatee....🙍

Ani kun lafaa ka'een, waloo ta'een,
Fiixa quba kootii qara mutaan direen,
Marama qoodiroo dirra lamaan hireen,..

Walaloo jechootaan mookseen,
Toora itillee qubootakoon hookseen

Dhim'uu dhiiga kootii qubeedhaan xaragaa,
Suutashee qaqqabeen, miiraan ishee tapheen
Siree barruurratti gadishee maraga!

Maaltu haferee...
Rirrittaa qubakoon miira keessa galtee,
Walaloon shaarmuxxee erga siree kortee..

Ani waloon, maafan hin sagaagaluu,
Walalootti ejjee, maan gaannamin-galu?

© Oli Wak


Inni 'guddaa' se'amu,
Tan 'diqqaa' jedhamu,
afuura-baasaan hundisaa
wal-ga'eetuma bubbisa🤔

Yeroo hunduma - arfaasaa
Gara kamitti nama baasa?

Kanaa’ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala


Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
ABBAA MALKAA

New Afaan Oromo Movies Trailer

📅 Guyyaa: Gurraandhala 16/2017
📍 Iddoo: Galma Tiyaatira Biyyoolessaa
⏰ Yeroo: 8:00 Local Time

Kabajaan Afeeramtaniittu!

ABBAA MALKAA – A Grand Film Premiere!

📅 Date: February 23, 2025
📍 Venue: National Theatre of Ethiopia
⏰ Time: 8:00 Local Time

A night of cinematic brilliance awaits! Stay Tuned!

አባ መልካ

📅 ቀን: የካቲት 16/2017
📍 ቦታ: ብሔራዊ ቲያትር
⏰ ሰዓት: 8:00 local time

#Share
@AbbaaLataaActing


Abbaa Lataa Acting Academy dan repost
Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
Abbaa Malkaa Teaser

Guyyaan Eebbaa:- Guraandhala 16/2017 (Fub,23,2025)
Iddoon Eebbaa:- Mana Tiyaatiraa Biyyoolessaa
Sa’aatiin Eebbaa:- 7:30 LT
#AbbaaLataaActing
#Share@AbbaaLataaActing


USDT fi crypto kamiyyuu gatii bareedadhaan namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.

Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu


Akka deemtu,
osoo naa himtee,
sin barin hin hafu
Erga dhiyeetu,
maalummaan ifaa,
kan miilaaf ifu!
...
Ifni (yoo baay'atu) mufachiisaadha
Dukkanni (xinnoonuu) gufachiisaadha
...
Ergan dhabee hafee
Waa'eenkee naaf ife!
...
Otoon akkakee ta'ee, deemuukoo hin dhoksu
Akka-hamma dukkanaa'utti abdataaf hin ibsu!

Kanaa'ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala


Abbaa Lataa Acting Academy dan repost
🎬 Abbaa Malkaa 🎬

Fiilmii Leencoo Fiqiruu mata dureen isaa Abbaa Malkaa jedhu, kan Taatoowwan buleeyyii fi Barattoota akkaadaamii taatummaa Abbaa Lataan akkasumas ogeessota gurguddoo industirii Fiilmii fi Muuziqaa biyya kanaa keesaatti shoora guddaa taphataniin kan hojjatame haaldureewwan isaa hunda xumuree jaallattoota aartii Oromoof dhiyaachuuf jedha.

Fiilmii Afaan Oromoo Haaraa Sadarkaa idil-addunyaatti akka ilaalamuuf subtitles waliin kan dhiyeete Fiilmiin Abbaa Malkaa galma Tiyaatiraa Biyyoolessaatti gaafa guyyaa 23/02/2025 (16/06/2017) kan eebbifamu ta'uu isaa yemmuu sin beeksisnu gammachuu guddaadhani.

አባ መልካ

በሌንጮ ፍቅሩ የተሰራው አባ መልካ የሚል ርዕስ ያለው ፊልም በነበረና አዳዲስ የአባለታ ትወና ትምህርት ቤት ተማሪዎች የተሰራ በታዋቂ የፊልም ባለሙያዎች የተዘጋጀ ድንቅ ፊልም ቅድመ ዝግጅቱን ጨርሶ ለአርት ወዳጆች ሊቀርብ ነው

ደረጃውን የጠበቀ አዲስ የአፋን ኦሮሞ ፊልም በአለም አቀፍ ደረጃ ለእይታ እንዲበቃ ተደርጎ ከእንግሊዘኛ subtitle ጋር የተሰራው አባ መልካ ፊልም የካቲት 16/2017 ዓ.ም በኢትዮጵያ ብሔራዊ ቲያትር የሚመረቅ መሆኑን ስንገልጽ በታላቅ ደስታ ነው


Anatu:
Waan si keessa hin jirre of keessatti yaadee
Akka at feetu dhiisee isan fedhu barbaade!
Anatu:
Iddoo't naaf hin qabne si keessa of kaa'ee,
Teessoon jirre uumee ofiin sirra taa'e!

Isat #sheenoftee na seensifte
Onneen aangoo na feesifte!

Maal an!
Galanniyyuu kan sii malu sin himadha si lafafee,
Arraba dheeraa qalbii hir'uu bakkee afee🥲

An ammayyuu...
Hin dammaqne ofiyyuun barre
Nama akkakoos hin agarre!

Daabee ✍️
@Walaloon_Jaalala


USDT fi crypto kamiyyuu namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.

Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu


Lataa Qana'ii Aagaa dan repost
Ijayyuu hin bananne
Fuulayyuu hin haqanne
Anoo biqiltuudha
Baalayyuu hin naqanne!
Ifa addunyaa arguuf
Barnoota filadhee
Reefuun qalamaafi
Dabtara bitadhe!
Abjuudhaan fagaadhee
Laga meeqa ce’ee
Baay’een of abdadhe
Nan guddadha se’ee…
Ni hafe egaa kunoo
Abjuun koos karaatti
Na kutan - nan cite
Deemeera nagaatti!

Ani waggaa kudhani (10)
Hamaafi gaarii hin beeku
Dabareen dhufanii
Na micciiran ceekuu..
Iyyee…boo’ee…boo’ee
Imimmaan of jiisee
Afaan na cuqqaallaan
Humna dhabeen ciise..
Achitti….
Gudeeda koo banan - miila koo harkisan
Innumtuu xiqqaatee
Mukaatti ol baasanii funyoon na fannisan!

Gidiraan Oromoo
Anas na waammatte
Hireen koo ijoollummaa
Kanumaan raawwatte!
Dhiiga kiyya jigu
Lafee kiyya cabu
Dhugaa koo falmitu
Jedhee abdii hin qabu!
Ani obbaafadheera
Ergan boolla seenee maaltu na doorsisaa?
Isin warri haftan
kanuma dandeessu boo’aa wal boossisaa!

Ana, Simboo Birhaanuuti!

Warra jiraatti du’e hundaaf!

@LataaQanaii


Gabaa qaamaa

Qaama kee rakasa gootee
Hidhii sagaltama hootee
Hallattee goorroo dhiirotaa
Rakasa maalif of goota?
Jaalala fakkeessaan of hiitee
Miira kee guutuuf of miitee

Waamicha hundaaf owwaattee
cobdee dhumtee akka shaamaa
Of gurguruuf deddeebitee
mi'eeffatte gabaa qaamaa
Abbaan arge hidhiif qaama saalaa
Maalif akka fedhetti si haama...?

Ihim...
Maalif kabaja kee gad buusta
Xoofoo heexoo maalif kuusta?
Luka kee hundaaf maaf saaqxa?
Galmee kee balfaan maaf laaqxa?
Salphoo soqolatte soqolaa gargaaru
Yooti ofin eegne waaqnuu sin maaru
Ow...
Mi'a rakasa taatee
Gabaa hundaatti maaf baate?

Nyaata afaan banaa bule
nyaachuu namuu hin dharra'u
Bor balfatti si gatee darba
harki har'a mudhiitti si rarra'u

Ee...
Hin ta'in halaleef raatuu
Akkasitti naman taatu...
Rabbi qalbii siif haa laatu

Ishee jirtuuf gabaa qaamaa
Erga kana qofaan dhaama

© Kenbon A.


QOOSAAKEE...
... 😆💔😆...
"Onneen ati banaa dhiiste,
Natti boossus garaa jiistee,
Imaluukeen, qabaadhullee, akkaan madaa,
Tolaan hawwa, gammachuukee, nan gammada..."
Jechuuf ka'een, jecha bada.

Dhugumattuu...
"Kan filatte faana waari,
Bakka bu'iif haadha gaarii,
Wal bulluqsaa! Walitti ho'aa!
Wal qoraasaa, dhadhaa bahaa!
Waliin raagaa, bookas... coomas, waliin nyaachaa"
Siin jechuukoo, dhugaan eegdaa? Moo ni baacca? 😆

Moo...
"Karaan keessan dugda lukkuu!
Hiddaan dheessaa! Hidda fokkuu!"
Jedhee eebbaaf hurgufamuu?
Ati kun bar, qoosaakeetu, hin quufamu! 😆
Moo...
"Halkan ifaa! Akka qorsaa,
Ganna lataa'kka coqorsaa!
Bonas ta'aa marga baddaa.."
Siin jedhuuree? Maal qalladdaa? 😆

Abadan...
Siif hin dhaamu nagaa gaarii,
Ta'us... Sin taasisu dhagaa daarii,
Aniifi onneen, si sookka'uuf, dhabnus humna,
Cidhakeetiif, sin eebbisnu, garuu in dhufna!
🥺🥺🥺

© Aga Guda


USDT fi crypto kamiyyuu namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.

Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu


Durillee....
Naman qabaaf of abdadhee
Hundumaa ittan obsa
Of bukkeetti qabaadheen
Waan hunda itti obsa

Har'ammoo....
Naman qabuun jibbamee
Akka cubbuu lagatamee
Imimmaankoon cobsa
Hiree kiyyan arrabsa😥

#Bilisummaa_Shibbiruu ✍🏻
@Walaloon_Jaalala


"elaame fira koo"
An hin jiru
Danda'e hin tirtiru

Akkuma kaleessa
Kuno na madeessa

Qaama koo kutata
Dhugaa koo butata
Mudaa koo dubbata

Gadda naaf farrisa
Maaltu naaf girrisa


Hunduu natti gama
Qaawwa natti bana

irreedhaan dubbata
Qaamni koo hin gubata
Kunoo hin kulkulfata

Na balleessudha galmisa
Jiraachuu kooti gaddisa
Nan ukkamame hinuman
Callisa


Kamiinan dubbadha
Kamiinan himadha

Hundu na madeessa
Hundu na ajjeesa

Hundu na darbata
Hundu na balfata

Hundinu na dheessa
Garaa na madeessa

Garuu...

Barri Kun hin darba
Yaroodhaaf na sarba

Abdii hin kutadhu
Dhugaa koo hin dagadhu.

Boonaa_maccaa
@Walaloon_Jaalala

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.