Dhaloota dhugaa


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha
Toifa: San’at


Karaa sarara channel kanaa:
Dubbii Waaqayyoo waliin baranna.
◇Jechoota gorsaaf oolan,
◇Barreeffamoota bashannansiisoo,
◇Jechoota onnachiisoo fi ilaalcha gaarii nama keessatti uumaan argachuu dandeessu!

Связанные каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Statistika
Postlar filtri


💔 Jaalalli shamarranii dhiirota kuffisuuf karaalee 3n akka ta'e ni yaadama, Kunis,...➖ See More

👉 See More
See More


❌ Dhiironni ariitiin jaalala simatan dhuma irratti,...➡️ See More


🔔 Channelee Barnootaa Gurguddoo gadi tuquudhaan join taasisaa! 💖
Click to join

➿➿➿
👇👇👇
'https://t.me/addlist/4e8EfR1mqNFlY2E8' rel='nofollow'>           ⇣
╔┓┏╦━━╦┓╔┓╔━━╗
║┗┛║┗━╣┃║┃║╯╰║
║┏┓║┏━╣┗╣┗╣╰╯║
╚┛┗╩━━╩━╩━╩━━~

💓 Best channel collection
Click to join

➿➿➿
    👇👇👇
            ⇣
▣ Click to join ▣
      ▣ Join ▣
      ▣ Join ▣
      ▣ Join ▣


💓 Wave 01 collection channels
Click to join

➿➿➿
   👇👇👇
             ⇣
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█


✍️ Contact: @Getu_Abera


Namoonni free promotion barbaaddan channaliin keessaan 3k,5k,10k, 15k,ta'e free promotion keenyatti dabalachuu feetan karaa username ko kanaan naaf barreessaa 👇
👉 @Daani28


SOLA BEDASA post's dan repost
642
========
#shammarran_qofa_ilaallata!
dhiirri tokko Dhuguma Jaalala Dhugaaf si barbaade taanan Amala armaan gadii kana sitti mul'isuu hinqabu.

1.sitti hin kooru hinqabu
Yeroo ati bilbiltuuf,Yeroo ati itti haasoftus amala of jajuu sitti mullisa taanan dhiirri akkasii jireenyaaf kana malu miti. sababnisaaa Mucaa durba tokko akka haadha isaatti onnee guutuun jaallate taanan wanti of Isa bokoksu hinjiru. haadha ofiitti hin bokokan, ittis of hin tuula waan taaheef.

"innoo Amala isaatim,Ni koora miti akkasumaa malee... "jettee hin odeessin dhiis. ijjollee dhiiraa Dhugaan nama jaallatan shamarran dhiisi hiriyyaa isaanii dhiirattu hin kooran. kanaaf jaalalleekee sitti koora taanan jaalala siif hinqabu na amani. Jaalalli kee keessa isa mo'u qaba.

2.Waa'ee jireenya borii bali'naan sitti hin haasahu taanan.
dhiirri gaahelaaf barbachisu Isa waa'ee borii beekuu dha. Nama dhiisi #mixiin iyyuu Waa'ee borii ishee sirriitti beekti. Sababa #midhaan Ganna nyaattu bona walitti qabatti. Jaalalleen kee waa'ema har'a Wal arguu,waanuman waliin taphachuu, waanuman fashion hordofuu...Walumaa gala Waanuma har'a sitti odeessa taanan Dhiirri akkasii jala muri na amani gaahelaaf hin tahu. gaahela jechuun jireenya boriiti.fedha keenya kan ittiin har'a gutannu miti.

kanaaf dhiirota mul'ata borii hinqabne irraa fagaadhu. of hin shawwadin. jireenya kee karaatti hin hambisin. addatti immoo waa'ee jireenya borii gaafa isatti haasoftu oduu kan jijjiru yoo tahe,Amala nuffi kan qabu yoo taheef Na amani jaalalli keessan harka harka itti jedheera.

4.Amala nuffii kan baayisu
hubadhu har'a jaalala addaa sitti agarsise bor immoo amala cuqqaalamaa kan agarsiisuu yoo taheef , jechoota onnee kee miidhan dubatte kan si cabsu yoo taheef, namni kun Amala nuffii addaa sitti agarsiisaa jira . har'a "jira" jettee gaafati barbaaddu si jalaa badee,"hinjiru" jettee gaafa ati callistu immo dhufe Amala kanaan kan si jeequ yoo taheef jireenya keef miidha gudda qaba. har'a si arrabsaa bor si sossoba. har'a si gorsa bor si dheekkama taanan inni jireenya kee irratti qumaara tahachaa jira. Hin shawwadamin

5.Bilbilanis tahe Qaaman si arguuf fedhii kan hinqabne.

dhiirri tokko yeroo jaalala kee hirisa deemu, Qaaman si arguu mitii bilbilaanu sagaleen kee dhagahuu jibbaa deema. inumaayyuu siif bilbiluu dhiisi yoo ati bilbiltefuu bilbila sirraa kaasuuf baayee koora. Wal arguun keessan akka dhagaa itti ulfaata. Amala kaleessa Sitti agarsiisu irraa amala jijjiramaa addaa sitti mullisaa deema

5. badii isaa irratti dhiifama si hingaafatu.
wanti nama ajaahibu tokko badii Ofii beekanii dhiifama nama gaafachuu dadhabuun Amala dhiiraa heedduti. olaantumaa mullisu fi Ana caala baayisuun akkasii jireenyakeef bu'aa hinqabu. Miira #aggressive baayinaan kan irraa Mul'atu taanan jireenya keef eeggannoo godhi.
Itti fufa....

Obboleessa keessan Sola Bedasa.
#share waliif godhaa!

by @solabedasa
Kaayyoon keenya guddaadha!!
Muldhanni keenya fagoodha!!
Miseensa keenya ta'uu yoo barbaadan.
Ammumma
👇👇👇👇👇
▒►JOIN ►▒▓
GODHAN
      ✍ https://t.me/solabedasaa
      ✍ https://t.me/solabedasaa
      YAADA FI GAAFFIIF
👇👇
      @solabedasa
Fuula Facebook
👇
https://www.facebook.com/solaBedasa


➥ Guyyaa tokko qeerransaa fi gosoota saree baay'ee ciccimoo ta'an filanii dorgommiif dhiyeessan. Qeerransaa fi saree waliin
dorgomsiisuufi. Gara bakka dorgommii sanattis seensisan.

• Jalqabamuuf yeroo jedhu,
daawwattoonni hedduun falmii walitti kaasani. Inni kaan qeerransatu injifata jedha. Kaan ammoo lakki sareedha jedha. Osuma waliin falmanii abbaan seeraa dorgomtoonni akka
qophaa'an sagalee dhageessise.

• Saroonni hundi isaanii bakka ciisanii ol ka'anii akka dhaabbatan namoonni fidanii dhufan ajajan. Saroonnis ol jedhanii qophaa'an. Qeerransi
garuu ciiseetuma dhaggeeffata.

• Namichi fidee dhufes calliseetuma ilaala. Abbaan seeraa dorgommichaa akka fiigan yeroo ajaju, saroonni
utaalanii hanga humna isaanii fiiganii sokkan. Ammayyuu qeerransi ciiseetuma jira. Fiiguufis fedha hin agarsiifne. Daawwattoonni waan iyyaniif, abbaan seeraa namicha qeerransa fidee dhufe bira dhaqeetu, "Maaliif akka fiigu hin
taasifne?" jedheen. Namtichis deebisee,

➲ "Kanneen eenyummaa kee hin beeknee fi si hin madaalle hundatti ga'umsaa fi dandeettii kee agarsiisaa ooluun hin barbaachisu. Ani warra isa madaalan natti fakkaateen waliin dorgomsiisuu fide. Kan akka isaa waliin malee, kan isa hin fakkaanne waliin dorgomsiisuun isa tuffachiisa," jedheen.

➲ Eenyummaa kee bakka hundatti mirkaneessuu hin yaaliin!

Galatoomaa🙏


https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk

Na quunnamuuf 👉@sisay_Yadessa


👋Hi!

╔┓┏╦━━╦┓╔┓╔━━╗
║┗┛║┗━╣┃║┃║╯╰║
║┏┓║┏━╣┗╣┗╣╰╯║
╚┛┗╩━━╩━╩━╩━━~


🔵 Channelee Barnootaa fi beekumsaa akkasumas odeeffannoo barbaaddan hunda irraa argachuu dandeessan kanneen tuquudhaan join taasisaa!


Join All Channel
➿➿➿➿➿➿
┃_
@Gaggeessummaa 🥇
┃_
@Barruu_Beektotaa 🗣️
┃_
@Reading_PDF 📚
┃_
@Arara_tv_world_wide ❤️
┃_
@Gaaela_Gaarii 🎀
┃_
@Singer_Megertu_Official 🎤
┃_
@Yerusaalem_Haaraa 🎙
┃_
@Kakuu_Studio 📺
┃_
@Getu_Official ❤️
┃_
@Lebamsett 💔
┃_
@Spiritual_PDF
┃_
@Coba_Yaadaa 🔵
┃_
Hariiroo Jaalalaa 🌷
┃_
@Computer_Soln 🖥
┃_
Researchers Review ☁️
┃_
@Getu_Official ❤️
┃_
@Facts_and_quotes123
┃_
@MIIRA_JECHOOTA ‼️
┃_
@Seenaa_Tube ⭐️
┃_
@kutannoo123
┃_
@Walaloo_Faaruu🎙
┃_
@Spritpoem 🔔
┃_
@DirreeGN ▶️
┃_
@Walaloo_hafuuraa24 😀
┃_
@Kii_Sii ❤️
┃_
@kuusaa_Kitaabota_Haaraa
┃_
@Naar_dos 🧔
┃_
@Daandii_Guddinaa ♨️
┃_
Oro Inspire Center
┃_
@Walaloo_Jaalalaa24 ❤️
┃_
@kottaakolfaa 😂
┃_
@Dhimma_Fayyaa 💊
┃_
@Gorsa_Ganamaa ❤️
┃_
@AsoosamaafiWalaloo 📜
┃_
@Kutannoo123 📌
┃_
@top_books_store 🗂️
┃_
@Gech_pdf 📚
┃_
@MarsilTvWorldWide
┃_
@timevalue24 🕖
┃_
@BPEMBASSY 📖
┃_
@prophetamo
┃_
@Online_job724 💰
┃_
@Amharic_proverb
┃_
@students_material ✉️
┃_
How to Learn English
┃_
@Now_speak_English
┃_
@English_Oromo 📕
┃_
@Spoken_English24 🗣
┃_
@OrooNetflix 👊
┃_
Dare Tube 😀
┃_
Jifara Chemeda 🎓
┃_
Success Journey 🥇
┃_
Bible Quotes 📖
┃_
@Walaloo_Faaruu 📱
┃_
Beka Sport
┃_
Goal Tv 🔝
┃_
Best Classicals 🎧
┃_
➿➿➿➿➿➿
Join All Channels

@hopepromotion 🎺
@bittaafigurgurtaachannel 🛒

Contact: @Getu_Abera




GEGGEESSITOOTA MARAATUU
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
“‘Mootichi immoo deebisee warra dubbii dhokataa hiikuutti beekaman kanaan, "Ana biraa dubbiin citeera, isin abjuchaa fi hiikaa isaa yoo anatti beeksisuu dhaabaattan, harki keessanii fi miilli keessan akka isin irraa ciramu, manni keessan immoo diigamee tuullaa kosii ta'ee akka hafu nan godha.”’ (Dan 2:5) jedhe. Waaqayyo Nebukadnezaar mootichatti waan gara fuula duraatti ta'uuf jedhu keessattuu ka'uu paartilee siyaasaa adda addaa, geggeessitootni jal'oon dhaloota mancaasan ka'uuf akka jiranii fi waa'ee dhagicha isa mootummoota biyya lafaa hundumaa caccabsee iddootti galchuu (mootummaa Masihii) itti mul'ise.

Halkan yeroo abju'ate sana baay'ee na’ee raafamus, garuu ganama yeroo dammaqe sababa isaa himuun kan nama dhibuun abjucha irraanfate. Beektota Kaldootaa keessaa warra dubbii dhokataa hiikan walitti waamsisee, "Abjuun eda abju'adhee fi hiika isaa natti hin himtan taanaan isin fixeen tuullaa kosii isin godha" jedheen. Kan abju'atee irraanfate mooticha; "Natti hin himtan taanaan isinan fixa" kan jedhes mootichuma. Dubbichi isa abbaan warraa ofii balleessee niitii fi ijoollee mana keessaa kolla'uun wal fakkaata. Geggeessitoota mataan dhukkubu.....

Addunyaa kana irratti dhangala'uu dhiigaa guddaa fi dhumaatii akka malee namoota irra ga’aa turee fi ga’aa jiruuf sababa guddaa kan ta'an, akkasumas maddi rakkoo mootummootaa fi waldoota kristiyaanaa Itoophiyaa, Afriikaa fi addunyaa guutuu geggeessitoota mataan dhukkubu irraa akka maddu barreessitootni hedduun eeraniiru. Sababa kana irraa kan ka'e namootni biiliyoonaan lakkaa'aman du'a, godaansa, hiyyummaa, beela, mana hidhaatti dararfamuu, daa'imni hedduun abbaaf haadha malee hafuu fi rakkoolee balaafamoo hedduun mudataniiru.

Geggeessitoota mataan dhukkubu biyya lafaa kana irratti ka’anii turan keessaa angafootni:-

- Geggeessitoota addunyaa warra jalqabaa godhee Waaqayyo kan muude Addaamii fi Hewwaan rakkoo isaan uumaniin dhala namaa hunda irratti duunni injifannoo argate. Dogoggora warri ilmaan Waaqayyoo jedhaman itti dabalaniin immoo umuriin namaa waggaa 70-120tti gadi xiqqaate. (Uma 6).

- Aaron lubichi Israa'elootni gad dhiisaatti akka jiraataniif dibicha tolchuufiin dheekkamsi Waaqayyoo akka boba'uu fi namootni akka 3,000 du'uu isaanii fi abboommiin Waaqayyo harka isaatiin caafee Museetti kenne akka caccabuuf karaa baneef. (Bau 32).

- Daawit mootichi saba lakkoofsisuun Israa'elootni 70,000 ta'an akka dhumaniif sababa ta'e. (2Sam 24:1-17). Akkasumas Baatsheebaa haadha manaa Uriyaa jal'inaan fuudhuun Israa'el bara baraan dirree waraanaa akka taatuuf Waaqayyoon irratti kakachiise. Lolli Israa'el har'a itti jirtu kun Waaqayyo biraa waan kakatameef isa jaarsummaan hiika argatu miti. “Egaa sababii ati ana tuffatteef, sababii haadha manaa Uriiyaa Heetichaa haadha manaa kee godhatteef, billaan namoota sanyii kee irraa bara baraan hin deebi’u!’ jedhe. (2Sam 12:10)

- Geggeessaan iddoo aarsaa Shiiloo lubni Elii fi ijoolleen isaa rakkoo isaan uumaniin:- Sanduuqni kakuu Waaqayyoo ni booji'ame. (1Sam 4). Loltootni Israa'el lafoon 30,000 tu dhume. Sababa Ahimeelek lubichi Daawitiif galaa galaasee Waaqayyoonis gaafateefiif Saa'ol luboota 85 fixe. (1Sam 22). Kunis lubootni hortee Elii akka dhumaniif mana Elii irratti raajamee ture. “Kunoo, sanyii kee fi sanyii abbaa keetii keessaa jaarsi akka hin argamneef, yeroon ani ol adeemaa kee hundumaa karaatti hambisu in dhufa.” (1Sam 2:31). Lubni Abiyaatar jedhamus hojii lubummaa irraa kan inni ari’atameef horteen Elii hojii lubummaatiin buddeena cabaadhuma tokko illee ittiin nyaachuuf kadhatanii akka dhaban irratti raajamee ture. (1Mot 2:26). Waaqayyo warra jal'ootaa hamma hiddi ishee lafa irraa badduu baatutti faana dha'ee adaba.
Link seenuun na hordofaa

https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk




MICHUU📚 dan repost
Anaan waanti aarsu maali beektuu?

Isa seera barachaa harka tokkoon mujula baachaa harka biraan immoo surree ol butachaa deeman tokko🥺.

Yoomuma nuuf darbaa laata! Hubadhaa waggaa 4 guutuu surree ol butachaa deemuu jechuun waan salphaa miti😁


𝙃𝙞𝙞𝙠𝙖𝙖 𝙔𝙖𝙖𝙙𝙖𝙖 ✍️✍️✍ dan repost
#Du'a #Wayya 😄😄

Xiyyaara tokkootu Imaltoota 50 fuudhee lafa irraa ka'uun Samii gubbaa balali'uu eegale.

Xayyaarri kun Jaarsaa fi Jaartii qofa fuudhee imalaa waan tureef, namni iyyuu koolfee taphachaa jira.

Osoo gammachuudhaan Samii gubbaa balali'aa jiranii, Sagaleen Mootora Xiyyaaraa dhaabbachuu hubatan.

Haalli kun isaan dhibus garuu, maaltu akka mudate hin hubanne ture. Boodarra Kaappiteenii Micerphone Xayyaaraa keessaa sagaleen "Oduu Gaddaa!" jattu yoo dhaga'amtu, hundi isaanii oduu kana osoo hin hubatin iyyuu eegalan.

Itti fufuun "Kabajamtoota imalatoota keenyaa, rakkoo teeknikaa nu mudateef, Mootarri Xiyyaara keenyaa lachuu dhaabbateera.

Amma gara lafaa nuun deemaa jira. Kanaaf Daqiiqaa muraasa booda du'uu dandeenya jechuutu dhaga'ame.

Kana booda hundi isaanii iyyuu eegalan.

Garuu iyyuu utuu hin taane Uumaa isaanii kadhachuutu immoo furmaata ture.

Kanaaf hundi keenya Uumaa keenya balleessaa tokkoo tokkoo keenyaaf dhiifama haa gaafatnu sagaleen jettu dhaga'amte.

Yommuu kana hundi isaanii kadhata godhachuu eegalan.

Namni Kam iyyuu cubbuu walirratti hojjetan walitti himanii dhiifama wal gaafachuu eegalan.

Jaarsi tokko "Jaartii tiyya! Ani waggaa 3 guutuu obbaleettii kee waliin jiraachaa jira.

Ulfa iyyuu yeroo lama irraa baaseera.

Silaa yaadni keenya imala kana booda summii si nyaachifnee wajjiin bultii jaaruu ture" jedheen.

Isheenis "Dhiifama siif godheera!

Anilleen ijoollee kee irraa tokko malee hunda hiriyaa kee irraan godhadhe.

Silaa kaayyoon keenya Summii siif kennee isatti heerumuu ture" jattee isaaf deebifte.

Osoo isaan akka kanatti haasa'aa jiranii ammaas Kaappiteenii Maaykiraafoonaa keessaa "Baga gammaddan! Rabbiin kadhata keessan isiniif dhaga'e, amma Mootorri keenya hojjachaa jira.

Daqiiqaa 30 booda niqubattu" jachuun dhaga'ame.

Yommuu kana hundi isaanii "Lakkii! Kun ta'uu hin qabu" jachuun du'a filatan.

Haaluma jirutu kana!

#Galatoomaa






Fak. 11
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Miijanni sobaa Waaqayyo duratti jibbamaa dha, dhagaan safaraa inni guutuun garuu isatti in tola;
² yommuu of gurguddisuun dhufu, salphinni in dhufa; yommuu gad of deebisan ogummaatu dhufa;
³ balleessaa dhabuun warra qajeelotaa isaanuma in geggeessa; micciiramummaan warra hin amanamnee garuu, isaanuma in balleessa.
⁴ Guyyaa dheekkamsaatti soorumni homaa waa'ee hin baasu, qajeelummaan garuu du'a nama oolcha;
⁵ qajeelummaan warra mudaa hin qabnee, isaanumaaf karaa qajeelcha, jal'oonni garuu jal'inuma isaaniitiin in kufu ⁶ qajeelummaan warra gara-qajeelotaa isaanuma oolcha, warri hin amanamne garuu, kajeellaa hamaadhaan in qabamu.
⁷ Abdiin nama jal'aa yommuu inni du'u in bada, soorumni inni amanatus waan tokkotti illee hin galu;
⁸ namni qajeelaan rakkina jalaa in ba'a, namni jal'aan garuu, iddoo isaa rakkinatti in gala

https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk




Mo'attoota | Winners dan repost
Barsiisaa beekkamaan university tokkoo, yeroo tokko qorannoo armaan gadii kana ifoomsee ture!
Qorannichis, qubee Afaan Engiliffaa jalqaba irraa kaasee hanga dhumaatti tartiibaan kaa'e!
a b c d e f g h i j k l m n o p q r s t u v w x y z; lakkoofsas haala kanaan tartiibesse.
1 2 3 4 5 6 7 8 9 10 11 12 13 14 15 16 17 19 20 21 22 23 24 25 26!
Qubeelee hundasaaf tartiiba isaaniin laakkofsa kenneef!
Fknf;- A=1,B=2.....Z=26 kenneef!
Dhumarratti sadarkaa jechoota tartiibessuu jalqabe!!
1. Hojii cimaa!
{H+a+r+d+w+o+r+k}
(8+1+18+4+23+15+18+11)=98%
2. Beekumsa!
{K+n+o+w+l+e+d+g+e}
{11+14+15+23+12+5+4+7+5)=96%
3. Jaalala!
{L+o+v+e}
{12+15+22+5}=54%
4. Carraa!
{l+u+c+k}
{12+21+3+11} =47%
    ■Kanarratti hundaa'uun jechoonni armaan olii hundiyyuu kan 100% dhufe hin jiru! Jijjiirama fiduu akka hin dandeenye agarsiisa!
    ■Kanaafuu jijjiirama kamtu fiduu danda'a laata?
    ■Qarshii ta'aa laata?
5. Qarshii!
{M+o+n+e+y}
{13+15+14+5+25}=72%
    ■Kunis fiduu hin dandeenye!
    ■Hoogganaa ta'aa laata?
6. Hoogganaa!
{L+e+a+d+e+r+s+h+i+p}
{12+5+1+4+5+18+19+8+9+16}=97%
    ■kunis 100% dhufuu dide.
    ■Waan hundumaaf furmaata qaba!
Yaadni adeemsaa fi dhaabbii keenya jijjiira!
Tarii yaada ta'aaree laata? Mee haa yaalluu?
7. Yaada!
{A+t+t+i+t+u+d+e}
1+20+20+9+20+21+4+5}=100% dhufe.
    ■Kanaaf obboleessaa\tti jijjiiramaafi bu'aa 100%tii kan fiduu danda'u!
    ■Yaada akka ta'e qorannoon kun ifoomseera!!!
    ■Kanaaf namni yaada gaarii qabaachu fi yaada garii burqisiisuun nama guutuu 100% nama taasisa!
Isin hoo as irraa maal hubatuu?
Akkamitti bu'aa yaadaa ibsitu?


Kutaa 107🌹
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
#Waan_hin_qabne_akka_waan_qabnuutti_dubbachuuirra_waan_hin_qabne_argachuuf_hojjechuun_baayyee_gaariidha.

✍️Jireenyi gaariin kan warra yeroo hundumaa cichoominaan hojjetaniiti.
👉Jireenya keessatti wanti baayyee rakkisaan waan hin qabne akka waan qabnuutti himachuu, waan hin beekne akka waan beeknuutti dubbachuudha.

✍️Hundeerraa dhalli namaa jijjirrama hunda-galeessa qabaachuu kan inni danda'u, waan hin qabne gaafa dhugaan adda baasee beekudha.
✍️Namni waan hin qabne beeku, waan barbaadu bareechee beeka.
✍️Barbaachi keenya dhugaan waan nu barbaachisu gaafa ta'uu isaa beeknu, qalbii guutuun isa argachuuf xiyyeeffannoon yaada keenya irra keenyee hojjenna.
✍️“Namni harki isaa ba'eessa godhee hojjetu in mo'a, namni harki isaa dhibaa'u garuu, garbicha namaa in ta'a;”
— Fak. 12:24

✍️Laphee keenya guutuudhaan, hafuura dhugaa sanaan gaafa Waaqayyoon dhaggeeffannu abdii haala ol ta'een guutamna.
✍️Keessa keenyaas waan baraachisaa arganna.
✍️Namni hariiroo sirrii, Waaqayyo wajjin qabu, waaqasaa fi nama naannoo isaa jiru hin sobu.

✍️Dhugaatti ofii keenyaaf amanamoo gaafa taanu haalli rakkisaa fi cubbuun kam illee qabee karaa nu dhaabuu hin danda'u.
✍️Yeroo sana gara barbaachisaatti guddanna.
✍️Yeroo hundumaa humna dhugaa of keessaa qabuun guutamnee waan deemnuuf gararraa waan hundumaa taanee jiraanna.
🥰“Garuu warra jiraatan gidduu kan jiraatu abdii qaba; leenca du'e irra saree jiru wayya.”
— Lal. 9:4
✍️Abdii sobaan of guutuu irra dhugaa dubbii Waaqayyoon of qajeelchuun immoo carroomuudha.
“namni dhibaa'aan jabaatee wanta adamsu duukaa hin bu'u, namni dhimmee hojjetu garuu, wanta gati-jabeessa in argata;”
— Fak. 12:27
✍️Jireenyi gaariin, bilchinni, ogummaan, beekumsi kan baadhadhummaan Waaqayyo keessatti yoo ta'e bu'aa qabeessa nama godha.
“Namni horii jaallatu horii hin quufu, namni badhaadhummaa jaallatus isa hin quufu; kunis wanta waa'ee hin baafne dha;”
— Lal. 5:10
👇“Wanti hamaan ani aduu jalatti arge tokko immoo, isa namni badhaadhummaa tuulee deebi'ee ittiin miidhamuu dha;”

✍️Kana hundumaa keessatti ulfina isaa Waaqayyoof hin goonu yoo ta'e gatii nu jalaa dhaba
#Waan_hin_qabne_akka_waan_qabnuutti_dubbachuuirra_waan_hin_qabne_argachuuf_hojjechuun_baayyee_gaariidha.
Obboleessa keessan @Sisay Yadessa
#share gochuun namoota biraan gahaa.
Baayyeen sin jaalladha🥰

👇👇👇👇👇👇👉👉👉👉👉👉👉👇
https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk


HUMNA JABAA dan repost
Gorsa Koo Yeroo Hundumaa:
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➊. Lafa kana irratti namni tasa yookiin akkasumaan uumame hin jiru.
➋. Namni kophaa ofii jiraachuu danda’u hin jiru.
➌. Jecha ofiif kennitu ilaalladhu!
➍. Ilaalcha ati ittiin of miite caalatti kan si miidhu hin jiru.
➎. Jireenya keetiif eeggannoo cimaa godhi!
➏. Wantootatti of hin madaalin!
➐. Jecha namaaf utuu hin ta’in hojii keetiif iddoo kenni!
➑. Yeroo qabdu utuu hin dabarsin itti dhimma ba’i!
➒. Milkaa’inni fagoo miti, dhiyoo dha.
➓. Wanta dandeessu hojjechuuf of hin qabin!

👉 Waan hojjechuu dandeessu hojjechuuf gatii si baasisu sodaattee fiixaan ba’uumsa irraa duubatti hin deebi’in! Wanti gatii guddaa qabu tola hin argamu.
Galatoomaa!
Halkan Gaarii🥰

HUMNA JABAA keessan filannoo keessan godhadhaa


✍️Kutaa 106🌹

#Bultii_ijaarrachuun_mana_ijaarrachuurra_daran_caala.
✍️1 Bultii ijaarrachuun mana ijaarrachuurra daran caala. Yeroo tokko tokko naannoo jireenyakootti dargaggoota hangan mana ijaarradhutti ykn hangan konkolaataa bitadhutti hin fuudhu jedhan hedduun dhaga’a! Wanti kun hin barbaachisu jechuun goonkumaa hin danda’aamu, Yoo gowwumni itti abshaalome malee namni akkas jedhu hin jiru, bultiikee waan hundumaan bulchuu hin dandeessu taanaaniyyuu hin fuudhin! Waantotni ani kaase kun ba’eessa ta’us garuu rakkoo mataasaa danda’e ni qabaata; shamarreen isin wajjiniin bultii ijaarrattan gaafa mana ijaaramaatti galtu miira abbummaa dhabuu malti! Waan hundumaa goolabamaatti argite taanaan mana kiraayii galtee wajjin wal hin caalu! Kununsuu, tottolchuufi kankooti jettee qabachuunsheeyyuu baayyee gadi bu’ee argama. Ykn naannicha jijjiirranna , ykn gurgurree kan biraa bitanna ykn ijaarranna ykn kutaa isa kana akkas goona ykn halluu isaa jijjiirra ykn waanuma ta’e sana kana isiniin jechuu malti ; maalif? dadhabbii mana ijaaruun qabu dhiiga namaa akka annan qoqorroo keessaa danfuutti akka inni ol ka’u si faana hin miireffanne waan ta’eef dadhabbiikeetti gatii laattus goonkumaa hanga ati itti dadhabde siif beekuu hin dandeessu! sababni isaa dur yeroo qofaakee turte ijaarte amma garuu fedhiinis kan nama lamaati, yaadnis kan nama lamaati! Kanaafuu utuu gaafa lafa bitattan waliin marii’attanii, gaafa dhagaa, ashawwaafi simintoos ta’e biyyee isaa guuruutii hanga halluu mana keessan dibattaniitti wajjin marii’achaa utuu ijaartaniitii abeet yaa gammachuu manicha keessaa! Kaan gamoo ijaaramaa keessatti wal jeeqee wal hiika kaan ammoo mana kiraayii keessatti gammachuun wal eega! Bultiis Waaqayyootu ijaara Kanaafan dubbiikooyyiu Bultii ijaarrachuun mana ijaarrachuurra daran caala jedhee eegale!

2. Konkolaataa bareedaa, mana bareedaa, uffata barredaafi waantota bareedaa yeroo barbaaddetti kireeffachuu dandeessa GAA’ELA bareedaa garuu abadan 🙅 goonkumaa kireeffachuu hin dandeessu🙅

3. Uumama keessattis bakka Waaqayyo xuqaa kaa’ee uumama uumuu dhaabee deemeetii Yesuus waggoota hedduu booda dhufee hojii eegaluun isaas waanti guddaafi ulfina qabeesi gaa’ela caalu akka hin jirre nu barsiisuuf ture. Waaqayyo Addaamiin dabalatee, samii diriirsee, dachee dhisee, bineensota, biqiltoota, ilbiisota erga taasiseen booda hojii lafa jalaafi samii gidduu Hewaaniin Addaamiif kennuutiin ykn gaa’elaan erga gudunfee as oomaayyuu itti dabalaee hin uumne. Waggoota kumaatama booda ammoo Yesuus ilmi Waaqayyoos bakkuma abbaan xuqaa kaa’eetii hojii isaa tokko jedhee mana cidhaatti dinqii jalqabaa hojjechuun tajaajila isaa eegaluun isaa Fuula Waaqayyoo duratti waanti guddaan gaa’ela caale akka hin jirre nu barsiisa.
Via :Eba Keneni Hundessati

Suuraan Siifoo koo isheen mararfadhudha.
Guyyaa gaarii qabaadhaa.

Yaada kana jaallachuu irraan kan ka'e isiniif qoodeera.
Sisay Sif Elaa Niyaana

https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk



20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.