Hir'achuu Miindaa?
Michuun ani baay'ee jaalladhu tokkotu utuma odeessinuu haala jireenya isaa jijjiiruuf karaa galiin argamu waan barbaadaa jiruuf Muuxannoo qacarrii irratti inni qabun isa gaafadhe. Innis muuxannoo hojii qacarrii irratti waggaa 10 fi isaa ol akka qabu natti hime. Anis waggaa 10 dura galiin miindaa ji'aa isaa hangamiifi amma immoo meeqa irra akka gaheerun gaafadhe. Waggaa 10 dura qarshii 2000 fi galata isaa jechaa amma akka qarshii 10,000 gaheefii natti hime. Waan hundumaafuu galateeffachuu isaa jaalladheera. Garuu " Miindaankee hir'ateerakaa!" kan jedhu gaaffii ani isaaf dhiyeesse ture. innis " Yaa Sool wanti atin finne hin jiruum, hir'ateera jechuunkee maal jechuukeeti?" naan jedhe. Anis gaaffii isaa gaaffiidhaanin deebiseef!
📌Gaaffii ani gaafadhe " waggaa 10 dura gatiin buuphaa yookaan hanqaaquu meeqa ture?"
📌Deebii inni naaf deebise "qarshii 1n hanqaaquu 2"
📌Gaaffiikoo " tokkoon ishee adii tokko(50cent) jechuudha. Amma hanqaaquun 1 meeqa?"
📌Deebii isaa: "Hanqaaquun tokko qarshii 12, 13"
📌Gaaffiikoo: hanqaaquu akka ilaalcha jireenyaatti fudhanneetu, waggaa 10 dura miindaakee ji'aa sanaan utuu akka jiruun hanqaaquu bittee meeqa siif bita ture?
📌Deebii isaa: hanqaaquu tokko adii tokkoon waan binnuuf hanqaaquu 4000 bituu ni danda'a ture.
📌Gaaffiikoo: Ammahoo?
📌Deebii isaa: tarii hanqaaquu 830 bita.
📌Gaaffiikoo: Miindaan lakkoofsaan guddatee waan barbaaddu bituuf dandeettiin isaa harka 75tiin hir'ateeraa jechuudha.
📌Deebii isaa: Eeyyee
📌Gaaffiikoo: dhugaa yoo dubbanne dhugumatti Miindaankee hir'ateeramoo hin hir'anne?
📌Deebii isaa: Hir'ateera.
📌Gaaffiikoo:waggaa 10n dura qarshii 2000n jireenya ati jiraatte jiraachuuf karaa hanqaaquun kan tilmaamne qofaan osoon taane Miindaan ji'aakee gara qarshii 48,000tti guddachuu qaba tureyyuu. Jechuun hanqaaquu 4000 yoo qarshii 12tiin baay'isne jechaadha. Kana yaaddeettaa garuu?
📌Deebii isaa: iiii lakki lakki!
Kanaafuu deebiin isaa maaliree?
Dachee kana irratti rakkoon furmaata hin qabne hin jiru!
Tokkoon tokkoon rakkoo jiranii gaarummaa isa madaaluu ykn kan isaan olii fi carraa gaarii qabteeti kan jiru. Kanaafuu carraa gaarii qabatee jira.
Kanaan Dubbisee irraa.
@meraraf