Singer Megertu Official


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha
Toifa: Din


Barsiisa macaafa qulqulluu, faarfannaa, ergaalee hafuuraa guyyaa guyyaan ni argattu.
https://adsly.me/@singer_megertu_official
Buy ads: https://telega.io/c/+Kk4BOOez0WM1ZmY0
youtube.com/@Singer_Megertu_Official
Contact: @Megertu_Dhugasa

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Toifa
Din
Statistika
Postlar filtri


"Ati rakkina kee in irraanfatta; akka bishaan yaa'ee darbee duwwaatti isa in yaadatta.
Jireenyi kees guyyaa saafaa caalaa in ifa, dukkannis akka ganamaa in ta'a" Ameen!
Iyo 11:16-17


Dammaqaa!

📖1Tas. 5¯¯¯¯¯¯⁵ Isin hundumti keessan ilmaan ifaa ti, ilmaan guyyaa tis; nuyi warra halkanii yookiis warra dukkanaa miti.⁶ Egaa kottaa in dammaqnaa, of in qabnas malee, akka warra kaanii rafuu in dhiifnaa!
✝️Of qabuu jechuun of bituu, of abboomuu, of dhowwuu jechuudha.
✝️Waanuma namatti dhufe akka hin dubbanne ykn akka hin nyaannee, bakka namatti toe hundumaa akka hin dhaabbannetti of qabuudha.
📖1Qor 9:27“Ani warra kaan dorgomeetti waamee ofii kootii akkan keessaa hin hambifaneef, dhagni koo itti baree waan itti dhufu hundumaa akka danda'u haleelee akka abboomamus gochuun anaaf in ta'a.”
✝️Of abboomuun waan guddaadha.
❓Harra maal irratti dammaquu qabna?
➀.Haxxummaa Seexanaa Irratti
📖1Phe. 5¯¯¯⁶ Kanaafis Waaqayyo yeroon isaa yommuu ga'u akka ol isin qabutti, harka isaa isa aango-qabeessa jalatti gad of deebisaa!⁷ Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!⁸ Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beela'utti aadaa naanna'utti, nama liqimsuu barbaadee in naanna'a.
✝️Seexanni hin du’u, abdii hin kutatu; yeroo kamiyyuu in naanna’a, karaa barbaada. Kanaaf, dammaquu barbaachisa.
✝️Seexanni gowwomsaadha yookin fakkeessaadha; wallaalchisaadhas.
📖2Qor 11:14 “Seexanni iyyuu ergamoota ifaa fakkaachuudhaaf waan wallaalchifatuuf, kun waan dinqisiisu miti.”
✝️Kana adda baafachuu fi dammaqanii taa’uun barbaachisaadha.
➁. Bara Irratti
✝️Namoonni baayyeen, “Nagaadha, rakkoon hin jiru.” Utuuma jedhanii badiisi isaan hin beekin irra ba’a.
📖1Tas 5:3 “Namoonni, "Nagaa dha, gabii dhas" utuma jedhanii, badiisi itti hin yaadamin akka ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufutti isaan irra in ga'a; kana jalaa ba'uunis hin jiru.”
✝️Barri gad hin taa’u; waan hamaas waan gaariis baatee dhufuu danda’a. wanta barri baatee deemu hubachuu kan danda’u nama dammaqaadha.
📖1Sen 12:32 “Sanyii Yisaakor keessaa yericha kan hubatan, Israa'elis maal gochuun akka ta'uuf warri beekan, aantii isaanii warra ajaja isaanii jala jiran hundumaa wajjin angafoota dhibba lama turan.”
✝️Barichi kan hubatanii Isiraa’eliin maal gochuun akka isaaf ta’u kan himan ijoollee Isaakor dhibba lamatu turan.
➂. Of Irratti Dammaquu Qabna.
✝️Eessan jira, maal gochaan jira? Adeemsikoo attamii?” jedhanii of ilaaluun baay’ee barbachisaadha.
📖1Qor 10:11-12
¹¹ Wanti kun hundinuu warra kaan qoqqobachuudhaaf isaanitti dhufe, nuyi warra dhumni barichaa irra ga'eef immoo barumsa akka nuuf ta'uuf caafame. ¹² Kanaafis namni dhaabatee waan jiru itti fakkaatu, akka hin kufneef of haa eeggatu!
✝️Waldaan Laa’odeqiyaa, “Ani jira.” Ofiin jetti, garuu duutuudha; uffadheen jira jetti garuu garuu qullaadha; nan arge jetti garuu jaamaadha. Of irratti dammaquu hin dandeenye.
📖Mul 3:17 "Atis, 'Ani sooressa, geessifadheera, wanti ana barbaachisus hin jiru' in jetta; ati nama gadadamaa namni boo'uufiin ta'u, deegaa, jaamaa, qullaas ta'uu kee hin beektu.”

Haa damaqnuu!


“Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa! Ammas irra deebi'ee nan jedha, gammadaa!”
— Filp. 4:4
Obbolota koo jalatamoo biyyaa lafaa kana irraa kan nama gammachisuu bayyeen jirachuu danda'u garu kan yero murasatii nuyii itti kan gamanuu fi ittin kan gamanuu ilmaa waaqayyoo qofa dhaa. ilmaa waaqayyoo yesusti gamada.


Hojii Erg. 4:22
12 Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne" jedhe.

Hojii Erg. 4:20
20 Nuyi garuu ofii keenyaa kan arginee fi kan dhageenye himuu dhiisuu hin dandeenyu" jedhan!

Mul'ata Yoh. 22:13
13 Ani Alfaadha Omeegaa dha, isa duraati isa booddee ti, isa jalqabaati isa dhumaatis" jedhe.

Singer Megertu Official



928 0 10 5 25

Abdiin fayyina keenyaa hafuurasaati!

📖 Rom 14:7 Nu keessaa tokko illee akeeka ofii isaatiif hin jiraatu; tokko illees akeeka ofii isaatiif hin du'u.
👉 Waaqayyoo gara biyya lafaa kanaatti gaafa nu fidu, hojiif yaada qabaaf nu fide.
👉Anaan(Raaji Masarat) gaafa gara biyya lafaa kanaa gaafa na fidu, wangeela isaa akka lallabuuf, akkasumas warra hidhaman akkan hiikuuf. Kana immoomaatiikoo irraan dhaale miti; kennaan kun abbaa qaba, isa yaadachaan hojii kana hojjedha. Kanan jiraadhuufis kanumaafi.
👉 Keennaa gaarii gochuu, kennaa ayyaana isaa kana, dhalootaan yookiin namootarraa utuu hin taane, waaqayyo isa abbaa ifaa biraa arganna.
👉 Anis isuman uumameef sanaafan jiraadha.
📖 Iyob 14: 7"Mukti yoo murame iyyuu deebi'ee waan latuuf, damee godhachuun isaas waan hin oolleef abdii qaba; 8 hiddi isaa lafa keessaa yoo dulloome iyyuu, gufuun isaa lafa keessatti yoo goge iyyuu, 9 foolii bishaaniitiin in lata, akka biqiltuu haaraas damee in baasa;
👉 Abdiin muka murame kana lalisiisu maali? Foolii bishaaniiti.
🎤 Jireenyi kee goge, gaa'iilaaf hojiin kee goge maaliin lalisa? Humna hafuura qulqulluutiin.
🎤 Haala rakkisa jiraatu iyyuu abdii hin kutanne. Atis abdii hin kutatin!
🎤 Rakkinnii ati keessa jirtu hammamuu yoo cime, abdii hin kutatin.
🎤Rakkinni waan sitti baay'ateef hin baddu; dhukkubni kee waan sitti cimeef hindutu.
👉 Iyyoob itti dabalee akkas jedhe, "17 Hafuurri koo haadha manaa kootti in xiraa'e, obbolaan koos ana irraa in baqatan. 18 Ijoolleen illee na tuffatu, yommuun ka'u isaan ana irratti in dubbatu. 19 Firoonni koo warri ani amanadhu hundinuu na ciigga'an, warri ani isaan jaalladhus ana irratti in ka'an; 20 gogaan koo foon kootti, lafee koottis in goge; foon ilkaan kootii duwwaatu iddoo jira. (Iyob 19:17-20)
👉 Rakkinni ga'e kan nuyi kutaa kana irraa dubbifnu baay'ee ulfaataa yoo ta'e illee abdii hin kutanne. Furiin akka isaaf dhufu abdata ture.
👉 Kana hundumaa keessatti abdii qaba ture.
📖 Iyob 33:4 Hafuurri Waaqayyoo na uumeera, hafuurri inni hundumaa danda'u anatti baafate sunis ana in jiraachisa.
🎤Abdiin keenya yeroo hundumaa Hafuura Waaqayyooti.
📖Far 104:29-30 Yeroo ati isaan irraa achi garagaltu, isaan na'anii abdii in kutatu; yeroo ati hafuura isaan baafatan keessaa fuutu, isaan in du'u, deebi'aniis biyyoo in ta'u.
30 Yeroo ati hafuura kee itti ergitu immoo, isaan in uumamu; ati immoo irra-lafaa in haaressita.
🎤 Hafuurri Waaqayyoo kun waan hundumaa iddootti deebisuu danda'a
📖 Rom 8:11 Hafuurri Waaqayyoo inni Yesusin warra du'an keessaa kaase, isin keessa yoo jiraate, inni Kristosin warra du'an keessaa kaase, hafuura isaa isa isin keessa jiraatuun, dhagna keessan isa du'us immoo in jiraachisa.
🎤Kanaaf nuyi amanuuf abdii qabaachuu qabna; akkuma Abrahaam waan hin jirre gara jiraachuuttii dhufuu akka danda'u amane.
📖 Rom 4:17 Abdiin kun fuula Waaqayyoo dura jira, "Saba baay'eedhaaf abbaa akka taatuuf ani si dhaabeera" kan jedhu caafameera. Abrahaam immoo Waaqayyo isa warra du'an jiraachisu, isa waan hin jirre akka jiraatu godhutti amaneera. 20 Inni amantiitti jabaatee Waaqayyoof hooqubaa dhi'eesse malee, amanuu dhabuudhaan abdii Waaqayyo kenneef hin dhabne.


Waaqayyo, "Ifni haa ta'u! jedhe."

📖 Uumama 1:3 Waaqayyo, Ifni haa ta'u! jedhe; ifnis in ta'e. 4 Waaqayyo ifichi gaarii akka ta'e in arge; ifichas dukkanichattii gargar in baase. 5 Waaqayyo ificha Guyyaa, dukkanichas Halkan jedhee in moggaase; galgallis ta'e, ganamnis ta'e; kun guyyaa tokkoffaa dha.
💡Ifni wanta gaariidha. Sababiinsaa akkuma macaafni jedhu, namni guyyaadhaan adeemu, ifa aduu waan arguuf hin gufatu.(Yohannis 11:9)
💡 Ifa keessatti sobniif dhugaan salphaadhumatti gargar ba'u.
❓ Ifti kun maali? Ifa uumamaa kannee akka ifa aduu, urjii yookiin addeessaati?
💡 Ifti kun waantota sadii kan bakka bu'u yoo ta'u isaanis:
👉 Yesus Ilma Waaqayyooti
👉 Sagalee Waaqayyooti
👉 Nuun, ilmaan waaqayyooti.
👉 Me gaabsinee kanneen sadan haa ilaalluu.
➀. Ifti kun Yesus Ilma Waaqayyoo bakka bu'a.
📖 Yohannis 8:12 "Yesus ammas namootatti dubbatee, Ani ifa biyya lafaa ti, namni ana duukaa bu'u ifa jireenyaa in qabaata malee, dukkana keessa hin adeemu isaaniin jedhe."
🌏 Biyyi lafaa kun harka isa hamaa jalațti koloneeffatamtee jirti. Isatus ishee seerratta. Yesus garuu namoota mootummaa dukkana kana jalaa baasuuf ifa ta'ee mula'ate.
🌏 Sababiii hojii ishee isa dukkanaan guutuu kana, biyyi lafaa kun ificha simachuu hin dandeenye.
📖Yohannis 1:9 Ifichi inni dhugaan, inni gara biyya lafaa dhufe, namoota hundumaaf in ibsa. 10 Inni biyya lafaa keessa ture; biyyi lafaas isumaan ta'e; biyyi lafaa garuu isa hin beekne. 11 Gara biyya dhuunfaa isaa dhufe; namoonni isaa garuu isa hin simanne.
➁. Sagalee Waaqayyooti
👉 Macaafni qulqulluun, " Saaqamuun dubbii keetii ifa in kenna, wallaalota iyyuu in hubachiisa." (Faarfannaa 119:130) akkuma jedhu dubbiin waaqayyoo madda ifaati. Akkuma kana Far. 119:105 irrattis "Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha, daandii koo irrattis in ifa."jedha. Kanaaf dubbiin isaa ifa.
👉 Dukkana isa nukeessaayyuu kan ari'e ifa sagalee isaati.
📖2 Qor 4:6 (MACQUL) Waaqayyo isa, Dukkana keessaa ifni haa ifu! jedhetu, beekumsa ulfina isaa isa fuula Kristos irraa mul'atu ifatti baasuudhaaf garaa keenya keessatti nuuf ibse.
➂. Ifti kun duuka buutota Yesus bakka bu'a.
💡Gooftaa Yesus Mat. 5:14 iratti, “Isin ifa biyya lafaa ti, mandarri tulluu gubbaatti ijaarame dhokachuu hin danda'u.”nuun jedhe.
👉 Akkanu ifa taanu kan ni taasise, Kiristoos isa nu keessati. Kanaaf macaafni qulqulluun 2Phex.1:19 irratti, "Ammas dubbiin raajonni dubbatan kun caalchisee nuuf cime; isinis hamma boruun baqaqutti, bakkalchi garaa keessan keessa ibsus hamma ba'utti, dubbii kana akka ibsaa iddoo dukkanaatti ibsutti yaadaan duukaa yoo buutan gaarii gochuu keessan."jedha.
🔊 Har'as sagalee Waaqayyoon, "Mana keerratti, hojii keerratti, barnoota keerrattii, ifni haa ta'u!

Galatomaa.


Ayyaanni Gooftaa keenya Yesus Kiristoos Hundumaa keesan Wajjin haa ta'u🙏🙏🙏








Waaqayyo guddaa isin haa eebbisu eebbifamaa!

Amallee namooni soft copy garaagaraa of harkaa qabdan jaalala gooftaan nuuf qoodaa...!


Obbolootaa/Amantootaa/Duka-Buutota Kiristoos/Ilmaan Waaqayyoo/Qulqulloonni Dhiigaa Kristosiin Bitamtan.
“Baaraa Isinii Hafte Kanaatti Ulfina waaqayyooTif Jiraadhaa”

Jireenyi kee Waaqayyoon haa ulfeessuu!

“Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii, abbaa keessan isa waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessan akkuma kanaatti namoota duratti haa ifu!" jedheen.”
— Mat. 5:16
Gochi Keessan Jechi Keessan Ulfina waaqayyoo yo tif Haa Oolu 🙏

“Egaa yoo nyaattan yookiis yoo dhugdan yookiis waanuma hojjettan hundumaa ulfina Waaqayyoof hojjedhaa!”
— 1Qor. 10:31

Ija kee yesus irraa kaa'adhu !

“Nuyi gara wanta ijaan hin argamnee ilaalla amalee, gara wanta ijaan argamuu hin ilaallu; wanti ijaan argamu yeroodhumaaf ta'a, wanti ijaan hin argamne garuu kan bara baraa ti.”
— 2Qor. 4:18

Yesus deebi'ee dhufaa !






"Nama ragaa ijaa namaa dhabe
======================
Yooseef gaafa haadha manaa phooxifaaratin qabamu, haala mijataa sana keessatti cubbuu diduu isaa Ragaa ijaa hin qabu ture garuu ragaa ija waaqaa qaba.
Maalif yooseef namni galaa ta'ee akka garbaatti bitamee mana namaa gale kun affeerraa kana dinqifachuu didee? Yookaan maalif mullata ijoollummaa isaatii qabee himachaa ture kanatti safarachuu didee laata?
Isa cubbuu dideef cubbuu godhe jedhameet ragaadhaan himtame
Ragaadhumaan mana hidhaattis darbatame. Egaa namni hanga Yoseef sadarkaa amaa kana irra ga'utti Lakki dhugaa malee miidhamaa jira jedhee isaaf falmu hin argamnne. As keessatti dhoksaa guddaan wanit Yoseef irraa arginu
1, Ragaa ija namaan dhabe malee ragaa ija waaqaa qaba jedhee amaniitdhaan waan isa mudate hundumaa gammachuudhaan fudhatee obsaa jiraata.
2, Kakuun waaqayyo isaaf gale Ragaa sobaan daangeffamee akka hin afne amanee jiraata.
@ As keessatti gahee Waaqayyoo gaafa ilaallu
1,Yeroo hundumaa wajjin ta'a/Wajjin jira

“Waaqayyo garuu Yoseefii wajjin waan tureef, wanti inni hojjetu wal qixxaateef; inni mana gooftaa isaa nama Gibxii sanaa keessa ture.”
— Uma. 39:2

2,Kakuu isaaf amanamaadha

“Mootiin Gibxii yommus Yoseefiin, "Ani abjuu abju'adheen ture, garuu namni tokko illee anaaf hiikuu hin dandeenye; ati garuu abjuu yoo sitti himan hiikuu in dandeessa jechuu nan dhaga'e" jedhe.”
— Uma. 41:15

3,Dhugaa isaa baasuuf mootii abjuu abjoochise

Kana hundumaa yeroo ta'u Waaqayyo ni arga.

“Kana irratti mootiin Gibxii ergee Yoseefin in waamsise; isaan boolla mana hidhaa sana keessaa ariifachiisanii isa fidan; inni haaddatee, uffata isaas erga diddiirratee, gara mootii Gibxiitti in dhi'aate.”
— Uma. 41:14

Waaqayyu akkuma nama ragaa sobaan danqame yeroo isaa egee baase.




“Ani jireenya koo guutuu Waaqayyoon nan jajadha, hamman jirutti jajuu Waaqayyo koo nan faarfadha!”
Far. 146:2❤️




✓“Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha, inni immoo Kristos Yesus isa nama ta'ee mul'atee dha.”
— 1Xim. 2:5
✓Efe. 4
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁴ Akkuma abdiin waamichaa inni isin itti waamamtan tokkicha ta'e, dhagni tokko, hafuurris tokko;
⁵ gooftaan tokko, amantiin tokko, cuuphaan tokko.
⁶ Waaqayyoo fi abbaan waan hundumaa tokkicha, inni waan hundumaa irra jira, waan hundumaan in hojjeta, iddoo hundumaa jiras.

Galatomaa.

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.