Kottaa Kolfaa


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha
Toifa: Telegram


Kottaa kolfaa, bashannanaa, taphadhaa, gammadaa bohaaraa nu waliin taanaan dubbiilee bohaarsoo fi bashannansiisoo yeroodhaan ni argattu!

Связанные каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Statistika
Postlar filtri


🐰 illeettiitu "suuqii" dhaqee: "kaarotii 🥕 qabduu" jedhee gaafate. Isaanis "lakkii hin qabnuu" jedhaniin. Guyyaa itti aanus illeettiin 🐇 kun dhufteetuma ammas "kaarotii qabduu" jetteen. Jarris aaree " kaarotii hin qabnu siin jenneerra,yoo itti deebitee nu gaafatte mataa keetti madooshaa dhaan 🔨 mismaara rukunna" jedhaniin.
Guyyaa 3ffas illeettiin ammas dhuftee:" madooshaa 🔨 qabduu" jetteen. Jarri suuqiis "LAKKII" jedhaniin. 🐇 Tole "mismaara hoo qabduu" jetteen.
Jarris "LAKKII" jedhaniin.
Yeroo kana illeettiin 🐇 fataa jettee , "Kaarootii qabduu?" 🤣😂 jetteen.

Isa Mala sitti Baasuuf yaalu Of irraa Ilaali.

Seexanni/Sheeyxaanni akka si sodaachisuuf karaa hin baniniif. Inni homaa harkaa hin qabu. Kaayyoo kee qofa irratti xiyyeeffadhu

😂😂
Kottaa kolfaa 😁😂😢




Dhugaawwan Xiin-sammuu Ajaa'ibsiisoo!

🔥 1. waa'ee nama tokkoo baay'ee yaadaa jirtu yoo ta'e; Namni isin yaadaa jirtu sun Isin Dura Waa'ee keessan yaadaa ture!

🔥2. Ummata addunyaa irra jiran keessaa %1 qofatu miira isaa milkiin dhoksuu danda'a!

🔥 3. Cimanii Hojjachuun milkaa'ina caalaa gammachuu fida!

4. Abjuu keenya keessatti irra deddeebiin waa’ee nama tokkoo abjoochuun; Namni sun akka nu yaadee fi Waa'ee keenya akka yaadaa jiru Agarsiisa!

🔥5. Namoonni dhibbeentaan 90% Ergaa isaanii Afaaniin dubbachuu caalaa Barreeffamaan dabarsutu salphataaf!

🔥6.Namni wanta wayiitiif dhimma akka hin qabne of fakkeessu nama Wanta saniif Eenyu Caalaayyuu dhimmamuudha!

🔥7. Akka qorannoon hedduu agarsiisutti; Nama tokko akka hin Yaadne Yoo fakkeessinee miira keenya Nama saniif qabnu yoo dhoksine, kan duraa caalaa nama sana akka Yaadnu nu taasisa!

🔥8. Halluuwwan gara garaa fayyadamuun kalaqa Duraan qabnu daraan akka nuuf dabalu taasisa!

🔥9. Hirriba Halkanii rafuu dadhabuun Ykn hirribni nu diduun Namni wayii Waa'ee keenya Abji'aayaa akka jiru agarsiisa!

Itti fufa... 👍

Share😂Kottaa Kolfaa 🤣
Share😂Kottaa Kolfaa 🤣




KOFLA ILKEE MALEE 😄 😂

Share😂Kottaa Kolfaa 🤣
Share😂Kottaa Kolfaa 🤣




Wantoota 10 kan Dubartii jaalattee of Harka tursiisuuf si gargaaru.

1. Yeroo hunda ija jaalalatiin ilaali
2. Yeroo mana falmii seentan harkaan ishee hammadhuuti hafuura keetin morma ishee jala ho'isiif.
3. Yeroo isheen dadhabde Bishaan ho'aan suuta jedhi Miila ishee dhiqiif.
4. Yeroon isheen Hojii irraa gaaltu ati nyaata bilcheessi mana qulqulleessi eegi.
5. Mudhiis ta'e dugda ishee massage kenniif.
6.  hammadhuti mana Hirribaa siree irra ciibsi.
7. Yomuyyuu tanaan hin rukutin
8. Yoomuyyuu tanaan hin loliniin
9. Yoomuyyuu tanaan hin sobin
10.Yoomuyyuu tanaan onneedhaan ishee Amani.

Gaafa Ji'a tokko akkanatti waliin turtan mataa irratti si baate sirratti dhichisti😂 Kun Dubartii kabajaa hin jalanne qofadha malee dubartii hunda hin ilaalatu
      😍😘😍


BAACOO AJAA'IBAA 😁

Gurbaa dhiiraa tokkotu mucayyoo takka jaalatee manasaanii yoo deemu isiin abbaa waliin mana isaanii bira jirti.
INTALA : obboleesso maal barbaada dhufte?
GURBAA : kitaaba 'shall we meet' jedhu barbaadeen dhufe, ni qabdaa?
INTALA : dhiifama isa hin qabu garuu kitaaba 'wait me at the door i will come' jedhu qaba.
GURBAA : garuu isa anillee nin qaba,kitaaba 'ok do it faster please' jedhamuhoo qabdaa?
INTALA : eeyyee isaafii kitaaba 'ok my sweet' jedhus nin qaba jetteen.
ABBAA ; intala tiyya kitaaba kana mara kan dubbistu taanaan baayyee cimtuudha, barana 1ffaa ba'uu hin ooltu...Garuu kitaaba tokko irraanfatte malee.
INTALA : kitaaba kam abbaa koo?
Abbaa: kitaaba isa I am not stupid I can understand everything' kan jedhu dagatte malee... jedheen... jedhama...

😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂

Qoosaalee hedduu argachuuf chaanaala keenna join nuuf godhaa

Share😂Kottaa Kolfaa 🤣
Share😂Kottaa Kolfaa 🤣


✅ Jaalallee yookiin haadha manaa baay'ee jaallattu waliin umurii dheeraa turuu yoo barbaadde wantoota 5n kana gochuu hin dagatin,... See More

🎺 See More
      See More


💘 Maaliif barbaachise,... Itti fufuun dubbisi!


Yoo fuudhuu barbaadde wantoota ati gochuu qabdu...👇

1.Fuudhuuf jettee nama fuudhee gadi lakkiseen hin mari'atin!
2. Fuudhuuf qarshii hammam na barbaada jettee nama hin gaafatin!
3. Akka gabbara kaffaluun jiru hin yaadatin of irraanfachiisuu yaali.😑
4. Ergan fuudhee booda, maalan nyaachisa jettee hin dhiphatin, waanuma ati nyaattu nyaatti malee wanti addaa hin jiru.
5. Utuu hin fuudhin waa'ee daayippeerii mucaa bituu hin yaadda'in yoo cime baalaan martee baattaa!😁
6. Namoota utuu hin fuudhiin Umuriin isaanii 30 ol ta'e irraa fagaadhu!😀

Share😂Kottaa Kolfaa 🤣
Share😂Kottaa Kolfaa 🤣


Seexanni Birrii na Harkatti Barakaa Dhowwiitu inaatin 😌


💐Jaalallee ofii amala gaaridhaan qabachuudhaaf dubbiilee akkamii akka fayyadamtu,....👉 Asitti bu'ii ilaali!

👉 See More
       See More


Chiikii takka Telegram irratti osoo haasofnu.. Ilaali jettee Video Size 54.6MB 📹 natti ergite
.
.
.
Anis Paakeejiin intarneetii birrii 5n hidhadhe na jalaa Dhumachuu irra jedhee..

Video Isheen naaf ergite Osoo hin Laalin Hhhh😂👏  jedhee Ergeef

Viidiyoon isheen naaf ergite turee bulee paakeejii namni biraa naaf biteen banee ilaale Viidiyoon sun Garuu yoo maal ta'e gaariidha?....

Qophii Awwaalcha Du'a Abbaa isheeti

Kottaakolfaa
Kottaakolfaa
😁😂😢




Osoo inni deemuu bofti isa hidde. Boficha qabeetuma mana yaalaa dhaqeen. Sababni dhukkubbii isatti jirtu hoggaa laalu gaafii ogeessonni gaafatan bofuma san laalanii akka isa yaalaniif.
Bofaatu si ciniinee? Eessa si ciniine? Bofti ka akkami? Bifti isaahoo?, haalaan fiigaa? Akkamitti si ciniine? Gaafii jettu hundaaf akka deebisaa takkittii tahuuf boficha qabee geesse.

Garuu waan si ajaa'ibu namoota mana yaalaa san jiran hunda keessaa isa qofaatu boficha qabatee mana yaalaa san keessatti hafe. Tiyyaan na baasii😯🤣.

Amagaa Kiiwuu jeechun😁😁🫢

Kottaakolfaa
Kottaakolfaa
😁😂😢


An: Kophee kee maalin miiccita?
Inni: isa diimaa moo isa gurraacha?
An: isa diimaa
Inni: bishaanin.
An: isa gurraacha hoo?
Inni: isas bishaanini kaa.
An: maaliin gogsita?
Inni: isa diimaa moo isa gurraacha?
An: isa diimaa
Inni: aduu dhan
An: isa gurraacha hoo?
Inni: isas aduudhaani ka
An: ishi eessatti qalama dibsiifatta?
Inni: isa diimaa moo isa gurraacha?
An: isa diimaa
Inni: lestirootti
An: isa gurraacha hoo?
Inni: isas lestirootti kaa
An:😡maal taatee tu inni ati "isa diimaa moo isa gurraacha" jettee na gogsitu?
Inni: inni diimaan waan kan koo ta'eefi
An: inni gurrachi hoo?
Inni: innis kan kooti kaa
An:🗡

Kottaakolfaa
Kottaakolfaa
😁😂😢


❤️ ✍️ Ergaalee miira jaalalaa ittiin ibsachuu dandeessu kanneen baay'ee barbaachisoo ta'an,...🔜 As tuquun dubbisaa.

➡️ See More
       See More


SEEROTA DINQISIISOO KOORIYAA KAABAA 🤣

1. Kooriyaa kaabaa keessatti amantiin kamiyyu dhorkaadha. Waaqni jira jechuun nama adabsiisa.

2. Kooriyaa kaabaa keessa tiraafikii durbaa qofaatu jira. Tiraafikiin dhiiraa hin jiru

3. Filannoon Kooriyaa kaabaa waggaa 5, 5niin geggeeffama. Garuu kaardiin filannoo maqaa nama tokkoo qofaa qaba.

4. Kooriyaa kaabaa keessatti yoo yakka hojjette amma dhaloota sadii fi maatiin hundi itti gaafatama.

5. Namni kamiyyu rifeensa isaa akkaataa mootummaan eeyyamuun qofa sirreeffata. Akka pireedizantii isaanii uffachuun ta’e rifeensa sirreeffachuun dhorkaadha.

6. Konkolaataa yookiin computerii bitachuuf eeyyama mootummaa argachuu qabda.

7. Akka biyyaatti TV sadii qofaatu jira.

8. Kaalendarii isaanii bara 1912 yeroo mootiin isaanii Kim sung 2ffaa dhalatee kaasanii lakkaa’u. Amma akka addunyaa 2020 irra hin geenye bara 109 irra jiru

9. Dhiirri tokko durba waliin waa’ee jaalalaa kan inni haasa’uu danda’u yoo kan ishee fuudhu ta’e qofaadha. Gaafa guyyaa gaa’ela isaanii bakka awwaalcha Kim Sung 2ffaa daawwachuun dirqamadha.

10. Kooriyaa kaabaa keessa akka biyyoota biroo taaksii fi gibirri ummata irraa hin funaanamu.

11. Yeroo mucaan dhalatu maqaa pirezidantii isaanii baasuun hin danda’amu. Yoo osoo pirezidentiin isaanii hin muudamiin dura baasaniif ta’e maatiin maqaa mucaa jijjiiruuf dirqamu.

12. Biyyattiin rakkoo humna ibsaa waan qabduuf yeroo hundaa akka guutuu biyyaatti halkan ibsaan ni bada.

13. Maatiin ijoollee barsiifachuuf gara mana baruumsaa yeroo ergu taa’umsa kennuun dirqama.

14. Uffata jiinsii bifa samii (blue) uffachuun dhorkaadha. Akka sirna impeeriyaaliizimii USA tti ilaalu.

15. Magaalaa guddoo piyongyang keessa nama eeyyemameef qofaatu jiraachuu danda’a.

16. Biyyattii keessa qaama miidhamaan hin jiru. Ni ajjeefamu.

17. Humni nama baratee 100% dha. Namni hin baranne hin jiru.

18. Raadiyoo biyyattii sagalee hiri’suu malee dhaamsuun dhorkaadha.

     Ajaa'iba!!!

Kottaakolfaa
Kottaakolfaa
😁😂😢


❤️ Miirri isaanii guyyaatti jijijjiiramuuf baay'ee ariifata, Kunis sababa gurguddoo shaniif...See More
             👇👇👇
         ✨See More✨
         . See More a✨
               👆👆👆👆


🤦‍♀️ Maaliif??,... See More
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯


Seeroota Kubbaa Miilaa Yeroo Ijoollummaa! 😂

1. Mucaan inni furdaan yeroo mara goolii eegaadha. Yoo mucaa furdaan hin jirre namni miili isaa dhukkubsatu kan oliif gadi fiigee taphachuu hin dandeenyes gooli eegaa ta’a.
2. Eenyu akka taphatuuf bakka inni taphatu kan murteessu abbaa kubbaati.
3. Taphataan hin filatamin yeroo itti aanu taphachuudhaaf kubbaa dhiitamtee ala baatu funaanee taphattootaaf dirreetti deebisa.
4. Abbaan kubbaa dallane taanaan taphichi ni dhaabbata ykn ni xumurama😂
5. Yoo akka tasaa osoo taphattuu miilakee dhagaan dhahee akka dhiigu agarte, akka gargaarsa jalqabaatti wanti ati gootu daddaftee bakka dhiigu sanatti biyyee naquudha.
6. Yoo abbaa kubbaa bira geessu kubbaa miliqsuun yookiin Loocee Baasuun hin danda'amu Akkas goote taanaan taphichi ni dhaabbata ykn ni xumurama 😂
7. Abbaan seeraa hin jiru Ofiif wal amanuudha
Ykn abbaama kubbaatu seeras eega. Taphaan ala (offside) wanti jedhu hin jiru🚶‍♂️
8. Adabbiin kan kennamu taphataan kufee dhukkeen haalaan yoo ka'e qofa.
9. Eenyullee waan abbaan kubbaa raawwatu irratti yaada kennuu hin danda'u.
10. Namni tapha hin dandeenye xumurarra filatama!
11. Taphataa cimaan yeroo mara garee abbaa kubbaa keessatti filatama😂
12. Garee faallaa adda baasuuf gareen tokko dirqama qullaa taphata 😂
13. Yeroo rukuttaa adabbii (Penality) gooli eegaan abbaa fedhetti jijjiirrama😂
14. Taphi kan xumuramu yoo dukkanaa'e qofa. kana jechuun hanga kubbaan argamtutti taphi itti fufa.
15. Taphi erga xumuramee booda gareetti wal qoodanii waldhiitaa /waltumaa galu🥹
16. Obbaleewwan lama garee tokko keessa taphachuunilleen dhoorkaadha.
17, Abbaa kubbaa yoo akka carraa maatiin isa barbaadan kubbaa isaa fudhatee sokka. Taphnis ni dhaabbata.
Kan hafe itti guutaa!
Kan hafe isin itti dabalaa!

#share gochuu hin dagatina

Share😂Kottaa Kolfaa 🤣
Share😂Kottaa Kolfaa 🤣

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.