gaggeessummaa.com dan repost
Qophaa'aa Ta'i! | Ready YourSelf
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ Jireenya jettee ati addunyaa kana irratti jiraattu kun yeroo hundaa akka ati feete siif hin taatu. Wanti ati har'a of harkaa qabdu guyyaa tokko akka dhabdu beekuu qabda.
Mee fakkeenya tokkon siif fudhadha: Nama ati hedduu jaalattu yeroo hundaa of biraa dhabuu hin feene yoo dhabdemmoo jireenyi kee hiika akka hin qabnetti fudhattee ija kee irraa buqqisuun illee si sassachiisu osoo of biraa du'aan dhabdehoo?? Ykn namni sun akka ati isa jaalatutti si jaalachuu dhiisee onneekee madeessee osoo deemehoo??
Argitee jireenya kana gaafa jiraattu dhiphinaaf, dhabaaf, gaddaaf, rakkinaaf qophaa'aa ta'uu qabda. Sababni isaas yeroo hundaa gammachuun hin jiru gaddi ni jiraata, jaalalli akkuma jiru jibbis ni jiraata, wal arguun akkuma jiru gargar bahuunis ni jiraata. Nama jaalatturraa gargar bahuu yaaduun ulfaataa ta'us guyyaa tokko dirqama nama sanarraa adda ni baata kun seera uumamaati! Kanaaf gammachuun yeroo hundaa waan hin jirreef gaddaaf of qopheessi!
Gaafa rakkinni sitti dhufu hin laafiin, jireenyi rakkina kanaa booda akka waan hin jirreetti fudhattee mataa hin cabiin jabaadhu. Bor guyyaa addaa ta'uusaa bari.
Jireenya addunyaa kanaa salphisuus ulfeessuus kan danda'u suma mataa keedha. Al tokko tokko rakkinoota nu quunnamanirra rakkinichaaf deebiin nuti kenninu hedduu nu miidhu kanaaf jireenya kee salphistee jiraachuu yoo feete wanta har'a argite boru akka hin jirre, akkasumas adda bahuu namni ati hin feene guyyaa tokko akka irraa adda baatu beektee yeroo hundumaa qophaa'aa ta'uu qabda
Halkan akkuma jiru bariin illee dhufee halkanicha akka seenaatti ni haasofta, hin darbu wanti ati jette darbee boqonnaa haaraatti ni ceeta, guyyichas seenaa jettee dubbatatta. Kan jaalatte si jibbus kan abdatte si ganus godoon ati ijaarratte si jalaa diigamus guyyaa tokko hunduu darbee galmee seenaa kee irratti ni galmaa'a.
❍ Kanaaf yeroo hundumaa ati nama jabaa akka taateefi rakkinni si moo'uu akka hin dandeenye ofiiti dubbadhu! Gochi ati gootu firii yaada kee waan ta'eef waan gaarii yaaduu shaakali yeroos waan gaarii hojjetta jireenya kees salphistee jiraatta.
❍ Sababa malee namni kamuu addunyaa kana irratti hin uumamu, atis akkasuma sababa dhalatteef qabda; kanaaf gaafa rakkinni sitti dhufu guyyaa uumama kee hin abaarin! Dukkana booda ifni ni jira dukkanni har'aas darbee kaleessa ni ta'a isas borirra dhaabattee ni haasofta.... Ati uumama kaleessaa fi boru walitti araarsitee har'a gammachuudhaan jiraachuu danda'uudha; kanaaf ati yeroo hundaa nama addaati!! Jabaadhu jireenya moo'i malee jireenyi sin moo'in!
Jijjiiramni amma eegala.yeroo gaarrii qabadhaa