Oshoo Official dan repost
Jireenya jiraannu keessatti yeroo hundumaa wanta nu mudatuuf of qopheessuutu nurra jira.Wanta nu mudateef deebiin kenninus hanguma waan nu mudateen garaa garaadha.Wantootni nu mudatan tokko tokko kan jijjiirru gariin immoo kan ofitti fudhannuudha.
Duubdeebiin keenya ta'iiwwan kanaaf nuti deebisnu, mataa keenya haalota waliin waliif galchiisnee jireenya fooyya'aa akka jiraannu nu gargaara.
Wanti tokko yeroo nu mudatu carra qabeessa yoo taane, namoota nu bira dhaabbatan ni qabna.Kan nu jajjabeessan, kan nu qananiisan, kan humna nuuf ta'an,kana biraan namoota guutummaan guutuutti bakka nu bu'uun itti gaafatamummaa nuuf fudhatanis ni qabna.
Kunis waan qajeelaa fi jajjabeeffamuu qabuudha. Garuu, yeroo tokko tokko immoo namootni kun nu waliin ta'uun isaanii fiixee/xumura mudannoo sanaa osoo nuti hin argiinii fi hanga xumuraatti humna/dandeettii keenya guutuudhaan osoo dura hin dhaabbatin gara duubaatti kan nu deebisu ta'a.Kun immoo dandeettii keenya ta'iiwwan damdamachuu fi ta'iiwwan akka jiranitti fudhachuu gadi buusa. Sababni isaa namoota guyyaa rakkootti ol kaawwanne waan qabnuuf. Kun immoo jireenya keessatti yeroo hundumaa wal fakkaataa ta'uu dhiisuu danda'a.
Jireenyi hin qoramne hiika hin qabu akkuma jedhamu, yeroo tokko tokko qormaatni ulfaataan nu quunnamuu ni mala.Yeroo kanatti immoo ofii keenyaaf itti cichinee sirreessuu ni dandeenya. Adeemsa kana keessatti immoo ciminni keenya niqorama. Kanaafuu, qormaata kana darbuuf yeroo tokko tokko eeggattummaa namoota sanaa malee wantoota qofaa keenya cichinee dabarsuutu nurraa eegama.Kun immoo cimaa akka taanu nu taasisa.