Dirree Ispoortii


Channel's geo and language: Ethiopia, Amharic
Category: Sport


Oduuwwan Ispoortii biyya keessaa fi Alaa
channell kanarraa argachuu dandeessu Afaan oromoo guddisuu fi waa'ee ispoortii waan jiru waliif dabarsuun kaayyoo keenya isa guddaadha!!
Afaan oromoo hundaa olii ittiin haa dubbannu, haa dubbisnu haa barreessinu!

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, Amharic
Category
Sport
Statistics
Posts filter


"Xumura isaa dhiyoo jira" – Ronaaldoo

Tapha kubbaa miilaa keessatti seenaa guddaa kalaqe fi mo’ataa Baloon Do’or shan injifate, Kiristiyaanoo Ronaaldoon, umurii isaa taphicha keessatti xumuruuf akka dhiyaachaa jiru dubbateera.

Ronaaldoon har’a guyyoota dhaloota isaa 40ffaa kabajee, haala isaa ilaalchisee, "Xumura koo akka dhiyaachaa jiru nan beeka. Jireenyi koo kubbaa miilaa alaan bakkuma haaraya seena" jedhee dubbateera.

Haa ta’u malee, yeroo ammaa bututuu isaa dabarsuun akka hin karoorfanne ibseera. Akkasumas, gara kilabii Sportiing Lissibon deebi’uun fedhii isaa keessatti akka hin jirre ibsuun, yeroo ammaa Al-Nasr keessatti tapha isaa xumuruuf yaaduu isaa ifa godheera.

Kilabii Sa’udii Arabiyaa Al-Nasr, har’a dura Ronaaldoon dhaloota isaa kabajuu isaa ibsanii jiru. Ronaaldoon tapha kubbaa miilaa addaan kutuu isaa yeroo dhiyootti ta’uu nimala, garuu inni seenaa isaa taphni booda akkamitti itti fufa? Kun yeroo dhiyootti beekama.


Mikel Arteta Bucayo Saka boqonnaa fudhatee maatii isaa waliin yeroo akka dabarsu itti himee ture, garuu Bukayo sakan bashannanuu dhiisee garee isaa onnee guutuu jaallatu jajjabeessuuf Emirates ture. kun jaalala mucaa kun kilabii isaaf qabu agarsiisa deeggartoon Arsenaal immoo nama meeqatu mucaa kana jaallata❤️❤️❤️❤️ Odeeffannoo dabalataaf channel Asii gadii #Like join Share godhuun nu hordofaa jenna 👇 @dirreeispoorti
Namoon mucaa kana jaallattan qofti lakkoofsa 1 barreessaa


Tapha deebii Kaaraabaawoon Arsenaal Niwkaastil waliin har’a taphata

Morkii darbe dirree isaa irratti 2-0 kan injifatame Arsenaal marsaa itti aanutti darbuuf dirqama goolii 3-0 fi isaa ol lakkoofsisuu gaafata.

Morkii Seentu Jamsi Paarki irratti gaggeeffamuun marsaa jalqabaan dirreen ala kan injifate Newkaastil tapha har’a deeggartoota isaa duratti gaggeessu kanaan tilmaama marsaa itti aanutti darbuu argateera.

Maanchistar Yuunayitidiin injifatamee waancaa FA Cup ala kan ta’e gareen Arteettaa tapha har’aa kana kan injifatamu yoo ta’e, morkii waancaawwan keessatti hirmaataa jiru afur keessaa 2tti hir'isa.

Arsenaal tapha Pirimeerliigii torbee 24 ffaa dirree isaa irratti Maanchistar Siitii keessummeessee gahuumsa dinqisiisaan 5-1 injifachuun isaa ni yaadatama.

Gahumsa Maanchistar Siitii irratti agarsiise yoo irra deebi’e gara marsaa itti aanutti darbuuf wanti isa dangeessu hin jiruun yaada Ispoorteessitoota hedduuti .

Taphni kun har’a galaga sa’aatii 5:00 irraa eegalee gaggeeffama.


Tapha Guutuu
Cheelsii 2-1 West ham

Injifannoo guddaa fi barbaachisaa warra #Cuquliisotaa jennee dubbachuu dandeenya kun kilaba injifannorraa fagaataa jiruuf qabxii murteessaa hamilee itti horuudha Baga Gammaddan deeggartoonni Cheelsii.


Love ❤️


Like 👍


.
💓Aleksaandar Ayisaaq
↘Utubaa Niiwkaastil Yunaaytid Yeroo ammaa taphataa gahuumsa dinqii qabuun waltajjii kubbaa miilaa miidhagsaa jiru.
↘Aleksaandar Ayisaaq Taphataa hiddi dhaloota isaa baha Afrikaa tahefi amala qabeessa namaati.
↘Taphataan kun Lammiilee Ertiriyaa irraa Sawuudiin magaalaa Istookoolmitti dhalate kubbaa miilaaf jaalala guddaa qabuun gamana dhufe.
↘Aleksaander Ayisaaq Nama Amala hedduu gaariifi Baay'ee of jajuuf ol of qabuuf hin cinqamne Nama Amala qabeessa jechuun leellifama.
↘Akkaataan tapha fi kubbaa qabannaan isaa yeroo baay'ee kan taphataa Arsenaal duraanii Teerii Daaniel Heeneriin Walfakkeeffama.
↘Bara dorgommii kana Taphataan kun galchiiwwan 17 lakkoofaisuun 5 mijjeessuun hiriyoota isaaf laachuun gahuumsa dinqii baasaa jira


.
💓Aleksaandar Ayisaaq
↘Utubaa Niiwkaastil Yunaaytid Yeroo ammaa taphataa gahuumsa dinqii qabuun waltajjii kubbaa miilaa miidhagsaa jiru.
↘Aleksaandar Ayisaaq Taphataa hiddi dhaloota isaa baha Afrikaa tahefi amala qabeessa namaati.
↘Taphataan kun Lammiilee Ertiriyaa irraa Sawuudiin magaalaa Istookoolmitti dhalate kubbaa miilaaf jaalala guddaa qabuun gamana dhufe.
↘Aleksaander Ayisaaq Nama Amala hedduu gaariifi Baay'ee of jajuuf ol of qabuuf hin cinqamne Nama Amala qabeessa jechuun leellifama.
↘Akkaataan tapha fi kubbaa qabannaan isaa yeroo baay'ee kan taphataa Arsenaal duraanii Teerii Daaniel Heeneriin Walfakkeeffama.
↘Bara dorgommii kana Taphataan kun galchiiwwan 17 lakkoofaisuun 5 mijjeessuun hiriyoota isaaf laachuun gahuumsa dinqii baasaa jira



.

_🎯Football Is Game
@Dirreeispoorti


Comment nuuf barreessaa


Christopher Nkunku Cheelsiin ni tura!

Taphataan sarara fuulduraa Faransaay Kiriistoofar Nkunku Kilabii Bluus gadhiisuuf odeeffamaa ture Cheelsii keessa turuun isaa mirkanaa'eera.

Maanchistar Yunaayitid fi Baayermuunik taphaticha fudhachuuf mari'achaa kan turan yoo ta'u, paawundii miiliyoona 65 gaafatame akka jaallatan himamaa ture.

Maanchistar Yunaayitid taphaticha liqiidhaan mallatteessisuuf gaaffii dhiyeessan, garuu fudhatama dhabuu isaanii The Athletic gabaaseera.

Jijjiirraa baatii Guraandhalaa galgala kana xumuramu irratti Feeliks liqiidhaan Cheelsiin gadhiisa jedhamee eegama jedhamee gabaafameera.


Maarkus Raashfoord ifatti kilabicha gadhiise!

Kilabiin Piriimiyerliigii Ingiliiz Aston Viilaan taphataa sarara fuulduraa Red Devils Maarkus Raashfoordi liqiidhaan mallatteessisuu isaa beeksise.
Hanga xumura bara kanaatti kontiraataan kilabicha gadhiisee kan ba'e Maarkus Raashfoord, paawundii miiliyoona 40n dhaabbataadhaan mallatteessuu filannoo dabalata.

Leenjisaan olaanaa Aston Viilaa Una Emre taphaticha kanaaf fedhii akka qaban yeroo ifa ta'e kilabichaaf gaaffii dhuunfaa dhiyeesse.

Maarkus Raashfoord taphoota kudha lamaan darbanitti Yunaayitid waliin tapha tokkollee taphachuu hin dandeenye.

Raashfoordi, ''Kilaboota lamaan waliigaltee kana akka raawwatamaniif galata guddaa qaba,'' jedheera ''Aston Viilaa filachuun murtee salphaa ture.

"Taphachuu barbaada, Aston Viilaatti taphachuuf gammachuu guddaatu natti dhagahama." Maanchistar Yunaayitid bara kana hafeef waan gaarii hawwa, Maarkus Raashfoordi

Maarkus Raashfoord tapha FA Cup irratti Leyton Orient waliin taphachuun guyyoota muraasa booda kilabichaaf yeroo jalqabaaf ni taphata jedhamee eegama.

Raashfoordi hanga bara 2028tti Maanchistar Yunaayitid waliin kontiraata qaba.




Gurbaan qaxalee kun Manchester United gadhiisee gara Aston Villa deemeera. Marcus Rashford kilabasaa gadi bu'uurraa of baraaruuf tattaafatu dhiisee kilaba haarawaa UEFA Champions League seenuuf morkatutti makame. Miindaasaa %75 ol kan ta’u Astonviilaatu kaffalaaf. Manchester leenjisaa haarawaa jalatti taphattoota haarawaa fuda jedhamee eegama. Antooniin edda gara Real Betis Balompié deemee gahumsa ajaayibaa agarsiisuun taphataa cimaa taphaa ta’e filatamaa jiraachuunsaa ammoo rakkoon jiru taphattoota bira osoo hin taane sirna bulchiinsa taphattootaa bira ta'u agarsiiftuudha.
Milkaayaa Dr Raashfoord😉

Jadon Sancho ammoo ergaa " He's back "jedhu barreessuunsaa Raashfoord amma reefu fayye waan jedhu fakkaata.


Dhukasatoni injifannoo mi'aawaa argataniiru!

Arsenaal tapha Piriimiyerliigii Ingiliiz Maanchistar Siitii waliin taasise 5 fi 1n injifate.
Maartiin Odegaard, Kai Havertz, Nwaneri, Lewis Skelly fi Thomas Parte galchiiwwan injifannoo the Ganners fii galchaniiru.

Arsenaal waggoota digdamii lamaan asitti yeroo jalqabaaf Maanchistar Siitii waliin goolii afur ol lakkoofsiseera.

Waggoota kudha jaha booda Arsenaal taphoota liigii walitti aansuun Emiraats irratti taphateen Maanchistar Siitii injifachuun isaa jalqabaati.

Sadarkaan liigii isaanii maal fakkaata?
2️⃣ Arsenaal :- Qabxii 50
4️⃣ Maanchistar Siitii :- Qabxii 41

Sagantaa taphata itti aanu?
Dilbata - Leesteer Siitii fi Arsenaal
Dilbata - Maanchistar Siitii fi Niwukaastil Yunaayitid


📌Ajaaks Taariq Laamptee Biraayitan irraa fudhachuuf fedhii qaba.

📌Serjiyoo Raamoos gara Monterey jijjiirraa xumuruuf gara Meksikoo osoo hin deemin dura qorannoo fayyaa gochuuf jira.

📌 Neymaar gara Saantoositti deebi'eera.

ODUU BIRAA
📌Guyyaa akka har'aa waggaa 9 dura Maanchistar Siitiin Peep Gaardiyoolaa dhufuu isaa beeksise.

Peep Gaardiyoolaan tapha leenjisummaa Siitii keessatti:
6x Piriimiyerliigii Ingiliiz
2x Waancaa FA
4x Waancaa Liigii
2x Gaachana Hawaasaa
1x Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa
1x Waancaa Addunyaa Kilaboota

jijjiirraan xumuramuuf guyyaa 3 qofaatu hafe nutiis guyyoota hafan kana keessatti jijjiirraa kilaba deeggartanii isin biraan geenya faana nu bu'aa channel keenya jion fi react gochuun nuu deggeraa


BREAKING/Oduu jijjiirraa Sambata galgalaa dubbisaa
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

𝗗𝗘𝗔𝗟 𝗗𝗢𝗡𝗘:Maanchistar Yunaayitid Arsenaal irraa Ayden Heeven mallatteessiseera. Taphataan ganna 18 kun hanga bara 2029tti kontiraata waggaa afurii mallatteesse..
𝗗𝗘𝗔𝗟 𝗗𝗢𝗡𝗘: Laas Paalmaas Isteefan Baajčetić Liivarpuul irraa ergisaan bara dorgommii hafeef mallatteessiseera.

📌🚨 𝐁𝐑𝐄𝐀𝐊𝐈𝐍𝐆: Marcus Rashford dhunfaan gara Aston Villa eegisaan imaluuf waliigale mariin kilaboonni lamaan taasisaa jiran gara xumuraa deemaa jira.. 🟣🔵[Fabrizio]

𝗗𝗘𝗔𝗟 𝗗𝗢𝗡𝗘:Ahliin Gaaleenoo Poortoo irraa kaffaltii €50M mallatteesise..

𝗗𝗘𝗔𝗟 𝗗𝗢𝗡𝗘:Maarseen Amine Gouiri Reennes irraa kaffaltii naannoo €21/22m mallatteessitee jira

𝗗𝗘𝗔𝗟 𝗗𝗢𝗡𝗘: : Weestibiroom Wiil Laanksheer Tootinaam irraa ergisaan hanga xumura bara dorgommii kanaatti mallatteessisuu isaa mirkaneessee jira.

📌Alvaro Morata gara Galatasaray waliigaltee xumuramee jira. Waliigaltee ergisaa filannoo bitachuu waliin.

📌Santiyaagoo Gimeeneez gara AC Miilaanitti imaluuf waliigaltee xumuraa jira. Feyenoord' kaffaltiin waliigalaa €35m argata

📌Paatriik Dorguun Maanchistar kan seene yoo ta'u, Yunaayitidiiuf qorannoo fayyaa taasisuuf karaa irra jira.

📌 Tootinaam taphataa Maanchistar Yunaayitid Alejandro Garnacho fudhachuuf gaafii dhiyeesse Mathys Tel garas deemuu diduun ni yaadatama..

📌 Maanchistar Yunaayitid Maatis Teel fudhachuuf Baayern Muuniikiif afaaniin gaafii dhiyeessee jira.

📌 Maatis Teel Tootinaamitti makamuurra ergisaan gara Maanchistar Yunaayitid deemuu filata.

📌Maanchistar Yunaayitid yeroo jijjiirraa osoo hin xumuramin taphataa sarara gidduu Kaaseemiroo gurguruuf yaaluuf ergamtoota hedduu bobbaasee jira.

📌Maanchistar Yunaayitid taphataa sarara qarqaraa" ganna 17 Geovany Quenda ganna kana Ispoortiin irraa mallatteessisuuf waliigalaniiru.

📌Taphataan Arsenal barbaadu Sverre Nypan egeree isaa irratti murtee dabarsuuf jira..

📌Kiristaal Paalaas Been Chiilwel Cheelsii irraa ergisaan fudhachuuf fedhii qaba.

📌Maarseen Aarón Anselmino Cheelsii irraa ergisaan fudhachuuf fedhii guddaa qaba.

📌Tootinaam Aksiil Diisaasii fudhachuuf gaafii chelsiif dhiyeesse..

📌Cheelsiin osoo foddaan hin cufamin Biraayitan irraa Evaan Ferguson fudhachuuf dorgommii taasifamaa jirutti makamaniiru.

📌Woolvis amma Keevin Daansoo mallatteessisuuf baay'ee itti dhiyaate..

📌AC Milan Fikaayoo Toomoorii Tootinaamitti akka makamu dhiibaa jira. Gurgurtaa isaatiin taphataa sarara ittisaa haaraa mallatteessuu barbaadu.

📌 Fikaayoo Toomoorii AC Miilaan Turuu kan barbaadu yoo ta'u sadarkaa kanatti gara Tootinaam jijjiirramu hin barbaadu..

📌Joonaataan Deevid jijjiirraa bilisaan ganna kana Liil gadhiisa jedhamee waan eegamuuf Niwukaastil isa mallatteessisuu barbaada.

📌Al nasir osoo Jhon Duran hin mallatteessiin dura Liverpool waliin Nunez fudhachuuf haasa'uu barbaade garuu Liivarpuul taphataa sarara fuulduraa kun gatii kamiinuu gurgurtaaf akka hin taane itti hime tur

📌Al Nassr ji'a kana keessa Raafaa'eel Leão'f Yuuroo miliyoona 100 dhiyeessee ture garuu AC Milan dide.

📌 AC Milan hanga xumura bara dorgommii kanaatti Joao Felix ergisaan mallatteessisuuf qarqara irra jira.

📌Naapooliin Alaan Seent Maaksimiin mallatteessisuuf Al-Ahli waliin waliigalteerra ga'eera.

📌Barnley taphataa sarara fuulduraa Ispoortiin Maarkus Edwaards mallatteessisuuf marii olaanaa irra jira. Walii galteen sadarkaa dhumaa irra jira.

📌Borussia Dortmund marii Raayan Cherkii mallatteessisuuf taasifamaa jiru irratti guddina agarsiisaa jira. Taphataan sarara gidduu Faransaay kun jijjiirraa kanaan Yuuroo miiliyoona 22.5 gadhiifamuu kan qabu yoo ta'u, jijjiirraa kanaaf ibsa magariisa kenneera.

📌 Liillee waliigaltee ergisaa Chuba Akpom Ajax irraa bitachuuf filannoo waliin waliigalaniiru, dargaggeessi ganna 29 kun Fiorentina fi Sunderland caalaa Lille filateera. Chuba Akpom medical isaa Lille darbee jira.

📌Joordaan Hendersan kilabicha waliin erga mari'atee booda Ayaaks keessa ni tura. Gara Moonaakootti jijjiiramuun isaa dhaabbatee jira


HERE WE GO

📌Maarkus Raashfoord ergisaan Gara Astonvilaa makamuuf walii galteerra gaheera.

📌Miindaa isaa 70% Astonvilaatu kaffala.
📌Qorannoo fayyaa isaa amma taasisaa jira
📌Astonvilaan paawundii miiliyoona £40n turtii waggaa 3 fi walakkaa isa tursiisu mallatteessifachuuf filannoo bitachuu qaba.

📌Rashford seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaatiif hidhannoo kilaba biroon arguuf jirra


Forward from: Free onlin
🎉 $10,000 $SOL Rewards for XMAS HODL Game Season #3 — Distributed! 🎉

Wizards, your earnings for the Spell x @cube Christmas HODL Game Campaign are now available in the #SpellWallet Magic Boxes! 🎁

⚡️ How to Claim:

1️⃣ Open Spell Wallet:
https://t.me/spell_wallet_bot/
2️⃣ Find your Magic Box
3️⃣ Claim your prizes

🛑 Important: Magic Boxes will expire on February 11.

Don’t forget to share your #CryptoRewards and tag us — we’d love to see your #Solana wins!

Have something to ask? Spell Moderators Wizards are here for you to help, join:
https://t.me/spell_wallet_bot/wallet?startapp=r-spell1rj0xmjz4u2vfmfarz628742uzre7q8xuumlyfc


🟢Airdrop Haara project qophaahedha.
🌌Haalli hojii isaa invite Nama 10 Yoo gotee giveaway $1.5 argaata akkasumasa coin waltii qabachuu hojjechuudhaan ni dandessu

✔️Project kun yeroo gabaaba kessaatti mallaqa argachuu dandesa wanti ati gochuu qabduu invite qofa hanga nama 15ttiii.
Namoonni hin jalqabne Yeroon isaa Amma waan taheef ammuma jalqabaa.
⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️
https://t.me/spell_wallet_bot/wallet?startapp=r-spell1rj0xmjz4u2vfmfarz628742uzre7q8xuumlyfc__utm-friendsTabRef



20 last posts shown.