Siif Mala
Kutaa 5ffaa
Sirba Haacaaluu Hundeessaa “Maalan Jiraa” n jedhuun tokko jedhe ogummaa qajeelchummatti kan seene namni kun, Sirbi kun ga’umsa ogummaasaatti abdii akka qabaannnu qofa otuu hin taane kan seenaa viidiyoo Muuziqaa Oromoo jijjiiru ta’eetu as ba’e. Fiilmiiwwan dokumenterii hedduufi diraamawwan TV kannen akka DHEEBUU editarummaan ykn gulaaluudhaan hirmaateera.
Dhaabbata Miidiyaa gara garaa keessatti gita hojii gara garaan kan hojjatee fi hojjataa jiru yemmuu ta’u, Suuraan Mata duree Siqqee Ulee koo jedhun dadhaasa idil addunyaa argateera. Suuraaleen inni sagantaalee gara garaa irratti kaasu sammuu namoota hedduu keessa jiru.
Hojiiwwan isaa keessaa sirboota
Haacaaluu Hundeesaaa “Maalan Jiraa?”
Zarihun Wadaajoo “Hin Oolu”
Kamaal Ibraahim fi Shukurii Jamaal “Dubbii Lafaa…”
Andualem Gosaa “Darbee Laallaa”
Galaanaa Gaaromsaa “Wal agarraa”
Guutuu Abarraa “Anatu”
Alii Birraa “Awaash” dabalatee hojiiwwan qajeelchuu dinqisiisoo nuuf gumaacheera.
Kana malees dookumantarii gababaa waa’ee Irreechaa irratti xiyyeefate ‘Irreechaa: Color & Treasure of Oromo’ jedhuun tokkummaa uummata Oromoo fi miidhagina Oromoo agarsiisuu danda’eera.
Namni kun
Amansiisaa Ifaa dha. Hojiiwwan isaatiin yeroo hedduu sagntaalee gara garaa irratti kaadhimamaa ta’uun cinatti badhaasota hedduus fudhateera.
Egeree dhaloota keenyaaf saba keenyaaf umurii isaa kanatti waan hedduu hojjateera. Jiraatti wal jajjabeessufi wal galateeffachuun aadaa keenya yaa ta’u. Amansiisaa Ifaa Galatoomi. 🙏
Suuraa Amansiisaa Ifaa dorgommii ittiin moohate. Haawwan Jilaa, Dubaroota Booranaa faayaa,saqaa-siiqqee fi uffaata aadaa isaanitiin bareedanii Jila Baallii bara 2017irratti hirmaatan keessaati👇
YW Kaachuu ‘n qophaa’e 🙏
@Fiilmiin