Guca Aartii


Channel's geo and language: Ethiopia, English


Barumsa, Koorsiiwwaan Tiyaatiraa fi Fiilmii
I blog about marketing and sales
Buy ads: https://telega.io/c/Fiilmiin

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Statistics
Posts filter


Badhaasa Oskaarii (Oscar) Dilbata gaggeeffameen fiilmiin Anooraa jedhamu badhaasa guurrateera. Fiilmiin Siin Baakeriin qindeeffame kun Mikii Maadisan kan akka dubartii qullaa buusuutti shubbistuutti taphatte, badhaasa taphattuu cimtuun moatteetti.
Anooraan akaakuu ja'aaf badhaasa kanaaf kaadhimamee, shaniin mo'achuun ajaa'iba jedhameera.
Dubartii umrii waggaa 25 Maadisan, gaheeshee akka gaaritti taphachuuf dubartoota warra jireenyisaanii qullaa shubbisuutti hojette. Isheenis badhaasa kanaan taatoo milkooftuu badhaafamte taateetti.
Viidiyoo cidhaa hojjechuurraa hanga badhaasa 'Oscar' afur argachuurra kan gahe Siin Baaker, fiilmii tokkicha qofaarratti akaakuu afuruun badhaasa mo’achuu danda’eera.

Maddi:- BBC
@Fiilmiin


Madaqsuu fi Garagalchuu

Addunyaa aartii keessatti yaadonni wal fakkaatan hojjatamuun isaanii waan barataadha. Sababni isaa ammoo yaadonni gara sammuu namaa kan dhufan hawaa keessaati waan ta’eef walirra bu’uun yaadotaa uumamuu danda’a. Osoo hin beekin yeroon yaada wal fakkaataa hojjannu ni jiraata. Karaa biraan ammoo hojii afaan biraatiin hojjatame ilaallee yoo jaalanne abbummaa yaada sanaa laachuun akka nuuf ta’utti goonee madaqsuu ni dandeenya kunis ammoo waan baratamaadha. Fiilmonni baayyeen Hollywood irraa gara Bollywood ni madaqfamu. Faallaa kanaas Bollywood irraa gara Hollywood madaqfamanii yemmuu hojjataman ni Mul’ata.

Garagalchuu jechuun ammoo hojii biyya biraa yookaan afaan biraan hojjatame tokko otuu beekanii akka kalaqa mataa ofiitti eenyummaa fi amala qoodddattootaa irraa kaasee yemmuu abbantaa isaa ofiif laannee dhiyeessinu garagalchuu (Hatuu) jechuunii dandeenya. Wanti nama ajaa’ibu biyya kanatti qajeelchuu isaallee ni garagalchu. Dhiyoo kana Fiilmiin mata dureen isaa ጃናሞራ jedhamu Fiilmii Bollywood Kick jedhamu irraa copy paste ta’ee yemmuu dhiyaatu ka’umsa yaadaa jechuunillee credit hin lanne.

Yaada koo isa ijootti yemmuun deebi’u Yaada Gaazexeessaa Lalisaa Alamu kaleessa kaase irratti Fiilmiin በስንቱ jedhamu kan Tv EBS irratti darbu Sitcom taatoo gameessi Maartin Laawurrensi irratti hirmaate kan mata dureen isaa Martin jedhamu irraa waraabame kan jedhe irratti waan xinnoo jechuun barbaada. Dhugaadha sitcom’n kun Martin irraa garagalfame. Abbummaas hin laanne. Kuni biyya kana keessatti waan baratamaadha. Sitcom’n mata dureen isaa 9ኛው ሺ jedhus akkasuma qooddattoota hir’isuu irraan kan hafe dhibbantaa 95 Sitcom Friends jedhamu irraa garagalfame.

Kan biraan ammoo Basintuun cinatti Qooddattoota fi ga’ee hojii isaanii jijjiiruun ala Siitkoomiin ዞሮ መውጫዬ jedhamu achuma Tv EBS irratti kan darbu yaadonnii fi Ergaawwan isaanii tokkuma. Qajeelchaa fi Pirooduusarri siitkoomota lamaanituu kan ta’e Abriham Gazzaanyi Diraamaa walitti fufaa የእግር እሳት jedhamu irratti ka’umsi Yaada isaa Fiilmii Hollywood akka ta’e ni eera ture. Basintuu irratti maaltu akka isa tuqe rabbitu beeka. Kana kanaan Aartiin Oromoo hin komatamu 😂😂😂

Akka yaada dhuunfaa kootti akkaataa ijaarsa qooddattootaa fi akkaataa seenaa itti himnu qofa fudhannee otuu ofiifi naannoo keenya ilaallee Afoolonnii fi seenaawwan nuti beeknu akkam cinema’f miidhagina akka uuman tilmaamuun salphaadha. Afoolawwan akka Bulguu Fiilmoota Horror bareedaa ta’u, Seenaan Akkoo Manooyyee Diraamaa Serial kan Adventure baayyeen guutame ta’a. Hawwii

Kaachuu
@Fiilmiin


Eebba Fiilmii “ABBAA MALKA” 🎬✨

Guyyaa beellamaa keenya tokko lama jennee lakkaawachaa, Eebba Fiilmii “ABBAA MALKA” geenyeerra!

📅 Guyyaa: Dilbata / Sambata-Guddaa (Gurraandhala 16)
⏰ Sa’a: 7:30
📍 Iddoo: Galma Tiyaatira Biyyooleessa

🎟 Tikeeta Seensaa:
400 ETB
1,000 ETB
5,000 ETB
10,000 ETB

Nurraa hin hafinaa ! 🔥🎥
Koree Eebba Fiilmii “Abbaa Malkaa”


Forward from: Abbaa Lataa Acting Academy
Video is unavailable for watching
Show in Telegram
Abbaa Malkaa Teaser

Guyyaan Eebbaa:- Guraandhala 16/2017 (Fub,23,2025)
Iddoon Eebbaa:- Mana Tiyaatiraa Biyyoolessaa
Sa’aatiin Eebbaa:- 7:30 LT
#AbbaaLataaActing
#Share@AbbaaLataaActing


Title:- Abbaa Malkaa
Director:- Lencho Fikru
Producer:- ALA Academy
Date of premiere:- 23/02/2025
Location:- Ethiopian National Theatre






"Yeroon Barataa turetti Fiilmii daqiiqaa sadii hojjadhaa jedhamne. Ani Fiilmii 'The Death of Tarzan' jedhamun hojjadhe. Daqiiqaa sadi keessattin Taarzaan ajjeese. Adeemsa Fiilmii Hollywood waliin ijoollummaa koottin wal dhabe. Lammiileen Laatiinii fi Gurraachonni baayyee na jajan. 'Baga Ajjeeste' naan jedhan.

Gootota keenya akka hin irraanfannuuf Taarzaan nu haguugee waan tureef isa diigunan mormii koo dhageessise. Imala koo Siinimaa qabsoo kana fakkaatunan eegale." Jedha Pr. Hayilee Gariimaa

Seenaa Hollywood keessatti lammiilee Afrikaa dhiibbaa guddaa uuman keessaa adda dureedha. Adeemsa (Style) Hollywood cabsuun seenessa mataa isaa nama uumedha. Fiilmota inni hojjate keessaa Adwa African Victory, Harvest 3000, Sankofa, Teza fi kkf ni heeramu.

Yaadni olitti inni kaase waan sirriifi ogeessonni Siinimaa itti yaaduu qabanidha. Warreen dhihaa kun seenaa jajjaboo himatan waan hin qabneef Tarzan, Super Man, Iron Man, Spider Man, etc jechaa kalaqa sammuu isaaniin Dhugaa keenya haguugnee dinqisiifattoota qooddattoota isaan uumanii akka taanuf hojjatu. Afrikaan seenaa himamee hin dhumne danuu qabdi. Fagoo deemuun nun barbaachisu.

@Fiilmiin


Taatoo Beekamaan Bollywood Seef Alii Kahaan Hattoota mana jireenyaa isaa saamuf seenaniin albeen waraanamee mana yaalaa seenuun isaa himame.

Taatoo Jabaan kun Fiilmota baayyinaan 70 ol ta’an irratti qooda gara garaa fudhachuun kan hojjate yemmuu ta’u, Dinqisiifannaa fi Jaalatamummaa Guddaa Nama qabudha. Seef Alii kahaan umuriin isaa yeroo ammaa 54 yemmuu ta’u, Taatuu beekamtuu Kariinaa Kaappuur waliin gaa’ela dhaabbatee jiraachaa jira. Yeroo ammaa kana nageenya gaarii irratti argama.

@Fiilmiin


Golden Globe Award irratti maaltu uumame?

Badhaasa guddaa Hollywood keessatti qophaa'u keessaa tokkoo fi isa ijoo kan ta'e Golden Globe Award irratti wanti uumame balaa abiddaa magaalaa kaalifoorniyaa keessatti ka'e faana wal qabata jettanii yaadduu? Dursa maaltu uumame isa jedhu yaa ilaallu.

Sagantaa badhaasaa kana irratti dubarri waltajjii gaggeessitu maqaa Taatonni yeroo baayyee waaman jechuun tarree kaa'ame irratti Waaqayyoon sagalee zeeroo argate jechuun yemmuu dubbattu hirmaattonni sagantaa kanaa yemmuu kolfan mul'ata. Gaggeessituun waltajjii itti fufuun "Mandara Waaqa hin beekne kana keessatti silas eenyutu Waaqaf sagalee kenna" jettee itti dabaltee yemmuu dubbattu ni kolfu turan.

Egaa taateen kun uumamee guyyaa lammaffaa irratti balaan ibiddaa hanga ammaatti humna dhaabu hin arganne kun itti fufuun mandara Taatotaa kana gara daaraatti jijjiiraa jira. Kanuma irraa ka'uun namootni hedduun balaan kun Abaddii Waaqati jechaa jiru. Isinoo maal jettumee?

@Fiilmiin


Mandara Fiilmii Ameerikaa kan taate Hollywood balaa ibiddaa tibba kana Kaalifoorniyaa magaalota gara garaa keessatti ka'een gubateera. Balaa ibiddaa ka'e kana hanga ammaatti too'annoo jala oolchuun hin danda'amne. Inumaayyuu iddoolee gara garaa biraattis balaawwan ibiddaa haaraan ka'aa jiraachutu himama. Balaa amma kana deemaa jiruun Saamtonni gara garaa balbala namaa cabsanii haamicha raawwachaa jiru jedhameera. Balaawwan ibiddaa haaraa saamtota kanneentu kaasaa jira wanti jedhamus ka'aa jira.

Mandarri Fiilmiin keessatti hojjatamu Hollywoodis Fiilmii ta'aa jira. Kanumaan walqabatee manneen kuma kudhanii ol ta'an akka barbadaa'aniifi balaan kana caala hamaa ta'es uumamuu akka danda'u raagamaa jira. Taatoowwan Hollywood manneen qarshii miiliyoonaan lakkaa'amu Los anjalas keessaa qabanis yeroo kana manneen firaa fi buufata qubattootaa keessa jiraachutu himame. Balaa uumamaa kana humni dhaabu hanga ammaatti hin argamne.

@Fiilmiin


Diraamaan sagalee taatoowwan Hooliiwuud hirmaachisee fi The Abyssinians (Warra Abiisiiniyotaa) jedhu dowwattootaaf dhiyaachu eegale.

Diraamichi qaroomina Aksuum durii keessaa isa tokko irratti kan xiyyeeffatudha.

Barreessituun diraamaa kanaa Bannaa Dastaa, qarooma Afrikaa durii kana gara diraamaa sagalee (audio drama)tti jijjiruun lubbuu itti hortee jirti.

Seenaa Itoophiyaa keessatti mootittii abbaa irree fi falmisiistuu kan taate Yoodit akkasumas seenaan ijoolleeshee lamaa wiirtuu barreefamasheeti.

''Diraamichi hawwataa fi bashannansiisaa yoo tahu, dhaggeeffattoonni akka bashannannan barbaaduu irraan, akkasumas waa'ee Afrikaa ilaalcha qaban irratti hubannoo kennuufidha,'' jetti Bannaan.

''Ardiin Afrikaa osoo bulchiinsa gita bittaa jala hin seeniin dura hawaasni badhaadhinaan jiraatu akka jiru barreeffama agarsiisuu barbaadeen ture,'' jechuun ibsiti.

Yoomeessi diraamaa kanaa jaarraa 5ffaa keessa bulchiinsa Aksumaawwiitdha.

Bulchiinsi Aksumaawwiit yeroo fiixee qaroominaarra ture naannolee kaaba Tigraay, Ertiraa, Sudaan, Kibba Saa'udii Arabiyaa irraa hamma Yamanitti kan gahuufi dhiibbaa guddaa kan gochaa turedha.

Qaroomni Aksuum waggoota 1,000 akka ture kan amanamu yoo tahu, Dhaloota Kiristoosiin dura 100 irraa jalqabee hanga 960 Dhaloota Kirsitoosiin Booda turuutu himama.

Iddoon kun lafa amantiin Kiristaanummaan yeroo jalqabaaf itti seenee fi saantimoonni biyyattii yeroo duraaf itti maxxafamaniidha.

Aksuum daandii daldalaa Hindiifi Meeditaraaniyaan kan turte yoo tahu, dooniiwwan ishee Galaana Diimaa gama Aduulisiin akkasumas daangaawwan kaaba baha Afrikaa qaxxaamuru turan.

Aksuum jaarraa sadaffaa keessa qaroomawwan turan Faars, Roomii fi Chaayinaa waliin lakkaa'amti ture.

''Aksuum qaroomawwan kunneen irraa kan adda baate natti fakkaata. Argama qaroomina Itoophiyaati. Haatahu malee, seenaa addunyaa keessa akka hin jirretti natti dhagahama,'' jetti.

Maddi:- BBC
@Fiilmiin


Mee Gaaffii tokko Qajeelchaa muuziqaa Afaan Oromoo kan ta'e Leencoo Fiqiruu Gaafadhaa otuh jrfhamtanii yookaan Gaaffii kana qofa otuu naaf deebisee jettan barreessaa. Deebii isaa gaafannew siniif dhiyeessin.

@Fiilmiin


Siif mala Galatoomi 😍🙏
kutaa 3ffaa

Hawaasaa University irraa sport science'n Digirii isaa jalqabaa erga xumureen booda, gara Finfinneetti dhufuun hojii eegale.
• Mo’aa Tv : Hojii gaazexeessummaan.
-Yeroo muraasaan booda qoosaawwan gaggabaaboo karaa toora YouTube eegale.
+ Innis milka’eefii itti fufuun

• Garee Koomeedii (Comedy) “sirnakoo “ jedhu
1 hundeessuun
2 barreessuun
3 Taphachuun
4 Qajeelchuun itti fufe.

• Farfannoota Afaan Oromoo kan amantaa Protestant 45 ol qajeelcheera (director) +Faarfattoota armaan gadiif miidhagina suur-sagalee ida’uun waliin tajaajileera.
1 Biqilaa kabbadee
2 Solomoon Alemuu
3 Yaadasaa Shirrii
4 Abrahaam Tarree
5 Liidyaa Darrasee fi kkf

• Sagantaa Waltajjii “Kalaqan “ jedhu
1 Hundeessuun : sagantaalee ajaa’ibsiisoo marsaa sadiif GGAOti dhiyeesseera.

• Sitcom “Hirkoo” Dhabbata Televejiinii Itoophiyaa (ET) waliin ta’uun,
1 barreessuun
2 Qajeelchuun

+ Marsaa 1ffaa keessatti kutaa 52 dhiyeesseera.
+ Marsaa 2ffaa keessatti kutaa 21 ga’eera.
Hub: Ammas ilaalama jira.

• Podcast “Kalaqan Podcast “ jedhu hundeessuun
1 Namoota hojii isaaniin milka’aanii, fakkeenyummaa qaban waliin haasawaa taasisuun ammas hojii kanaan cimsee uummata keenya tajaajilaa jira.
Egaa namni kun Galataa Ejaaraa jedhama.
Galataan lubbuun jira. Jiraatti wal galateeffachuun aadaa keenya yaa ta'u! Egeree dhaloota keenyaaf saba keenyaaf umurii isaa kanatti waan hedduu hojjeteera.

Kanaaf…Geleta Ejara
Siif mala Galatoomi 😍🙏
✍️ Haftee Baqqalaa
@Fiilmiin


Jaanaamooraa

Filmoonni Afaan Amaariffaan hojjataman hedduun dhiyeenya kana karaa Yuutuubii fi TV Tv daawwattoota bira ga’aa jiru. Fiilmonni dhiyeenya kana Yuutuubii irratti lakkifamaan keessaa Fiilmiin tokko hedduu natti tole. Mata dureen Fiilmii kanaa Jaanaamooraa jedha. Akka fiilmota hedduu ammaan dura beeknuu Fiilmii kana jalqaba isaa ilaallee dhuma isaanii tilmaamnuu miti. Xumura hin eegamne qaba. Jar-gochi isaa laphee namaa hudhee qaba. Warabbiin isaa bareedadha.

Fiilmiin kun Fiilmii gochaadha (Action). Wantootni isaan yaalan na hawwateera. Story salphaa karaa walxaxaa ta’een dhiyeessuun isaanii dhimmichi dhimmi seenessuu ta’uu sirritti mirkaneessa. Hanqinootni baayyeenis keessa isaa ni jiru. Isa ilaaltanii akka baastan abdii qabna. Warreen hin ilaalin sin Affeerree jirra, kanneen ilaaltan ammoo waan sinitti dhaga’ame nuuf qoodaa.

@Fiilmiin


"Boonyee kadhannee wal awwaaluurra, boonyee kadhannee wal haa yaalchifnu".

Artiist Tasammaa Galataa dhibee dhukkuba Onnee fi Kaansarii Dhiigaatiin qabamee Hospitaala Phaawwuloositti yaalamaa utuu jiruu hanqinni maallaqaa waan isa muudateef deeggarsa ummata isaa gaafateen yaalamaa turuun ni yaadatama.

Haa tahu malee, amma yaalii fooyya'aaf biyya alaa deemee akka yaalamu boordiin Hospitaala Phaawuloos murteessee jira.

Tasammaa Galataa yaala gaarii argatee akka fayyu waan dandeenyu hundaan isa faana haa dhaabbannu🙏

Jiraadhaa!

Ergaa kana sheer godhaa hiriyyottan keessan biraan gahaa🙏

Lakk.Herreegaa...

CBE - 1000345360399 Tasammaa
Awash- 01320023848800 Tasammaa
Koree (CBE)- 1000654431136 Roman, Jima, Olii
#Share
@Fiilmiin


👆👆👆👆👆👆👆👆👆

Click gochuun carraa keessan yaalaa


Siif mala Galatoomi 😍🙏
Kutaa 2ffaa

Qajeelchaa Suur-sagalee Muuziqaati, Taatodha, Qindeessaa sagantaalee gara garaati, Abbaa dhaabbata Boraatii art and promotion ti. Dhaabbata Boraatii jalatti hojiiwwan gurguddoo kanneen akka koonsartii muuziqaa qopheessuu, koonsartii shubbisa aadaa qopheessuu, Goobee fi Shinooyyee, Guddifachaa, Inistiitiyuutii aartii kanneen itti gaafatamummaan ni gaggeessa.

Magaalaa Sabbaataatti kan dhalatee guddate yemmuu ta'u, Barumsa isaa sadarkaa tokkoffaattii hanga lammaffaatti achuma magaalaa Sabbaataatti xumure. Jalqabumaa kaasee fedhii Tiyaatira barachuu kan qabuu fi gumiilee garagara keessatti hojiiwwan aartii kan hojjatu namni kun carraa argate kanatti fayyadamuun Yuunivarsiitii Finfinnee gosa barnootaa barbaaduun seene.

Barnoota isaa xumuree erga ba'ee booda hojiiwwan aartii hedduu keessatti kan hirmaataa jiru yemmuu ta'u, Baayyeen keenya qajeelchaa suur - sagalee sirboota fi qindeessaa karniivaala Goobee fi Shinooyyee ta'uu isaan isa beekna. Sanaan alattis taatummaan Fiilmii Finnaaf irratti hirmaachun badhaasota gara garaa kanneen akka Gumaa fi Odaa Award argateera. Moodela ta'uun Sirba Lamlam H/mikaa'el irrattis hojjateera, Abbaa Murtii kennaa addaa ta'uu Hegeree Talent show irratti fi Abbaa Lataa Acting Academy hojjateera. Sirboota 50 ol ta'an kan qajeelche yemmuu ta'u kanneen keessaas sirba weellistoota akka,

- Taaddalaa Gammachuu
- Dabbabaa Addaamuu
- Jaallee Amante
- Sinnishaaw Mul'ataa
- Ibiddoo Galaan
- Geetaachoo Nugusee
- Tirsiit Gazzaany
- Margituu Warqinaa
- Gadaa Hamdaa
- Yoosan Geetaahun fi kkf sirboota isaanii qajeelchuun daawwattootaf dhiyeesseera.

Kanaan alattis hojiiwwan gurguddoo kanneen akka Guddifachaa, Feestivaala Shubbisa Aadaa Afrikaa fi Inistiitiyuutii Artiin as ba'uuf hojiiwwan hedduu nama xumuree jirudha.

Dargaggeessi gameesai kun Biruuk Girmaa Jedhama. Hojiiwwan suur - sagalee sirboota Oromoo ammeeyyeessuu keessatti nama shoora guddaa hojjateefi hojjataa jirudha. Biruuk Girmaa lubbuun jira. Jiraatti wal galateeffachuun aadaa keenya yaa ta'u! Egeree dhaloota keenyaaf saba keenyaaf umurii isaa kanatti waan hedduu hojjeteera.

Kanaaf… Biruk Girma Meskelu
Siif mala Galatoomi 😍🙏
@Fiilmiin


Siif mala Galatoomi😍🙏
Kutaa 1ffaa

Ogeessa fiilmiifi tiyaatiraati. Ijoollummaa isaarraa eegalee hojiiwwan aartiitti seene. Gumiiwwan dhabbata adda addaa keessatti ijoollee shaakalsiisuurraa eegalee sadarkaa hanga ammaatti ifaajjii guddaa aartii oromoo keessatti taasisaa tureera. Achiis akkuma nam-tokkoo university seenuun digirii isaa jalqabaa tiyaatiraan xumureera.

Namni kun umrii isaan olitti hojiiwwan aartii oromoo keessatti shoora olaanaa taphateera. Ta’aa (Actor ) qaxaleedha. Tiyaatira “Raawwii “ Jedhamu keessatti gahee hayyu duree taphachuun tiyaatira sa’aatii lamaa dhiyeesseera. Waltajjiiwwan adda addaarratti baacoo, walaloo fi qofdubbii dhiyeesseera.

Baayyeen keenya Qajeelchaa (director) ta’uu isaa qofaan isa beekna. Eeyyeen dhugaadha.
Qajeelchaa qaxalee sirboota Afaan Oromoo sadarkaa kanaan gahan keessaa isa angafaati. Sirboota Jaallatamoo 50 ol Qajeelcheera.

Sirba Leencoo Gammachuu "Muquuxxaa’een “ kan eegale yemmuu ta’u, Wellistoota kanneen akka
- Yoosan Geetaahun,
- Galaanaa Gaaromsaa,
- Guutuu Abarraa,
- Ittiiqaa Tafarii,
- Andualem Goosaa,
- Hawwii T Qananii,
- Dangaa T Qananii fi kkf hojii miidhagaa hojjeteera. Aartii keenyas ol kaaseera.

Wellistoota Afaan Amaaraan wellisan kanneen akka:
- Lij Ma’iki
- Wandimak
- Helen Barhe
- Netsanet Sultaan fi kkf
Wellu isaanii ajaa’ibsiisaa taasiseeraaf.

Egaa Leencoo Fiqiruu jedhama
Yeroo dhiyoo asimmoo mana barnootaa “ Abbaa Lataa Acting Academy “ hundeessuun dhalootaaf bu’aa guddaa buusaa jira. Mana barumsaa kanattis barsiisummaadhaan barattoota marsaa 3ffaaf ogummaasaa kanaan leenjisaa jira. Isa malee hojiiwwan abdii namatti horan hedduu qabate dhufaa jira. Nagaan kottu. Umrii nuuf dheeradhu.

Jabina isaa waan hedduu keessaan waan muraasa jedhe,
Leencoo Fiqiruun lubbuun jira. Jiraatti wal galateeffachuun aadaa keenya yaa ta'u! Egeree dhaloota keenyaaf saba keenyaaf umurii isaa kanatti waan hedduu hojjeteera.

Kanaaf… Lencho Fikru Kenea
Siif mala Galatoomi 😍🙏

✍️ Haftee Baqqalaa
@Fiilmiin



20 last posts shown.