Forward from: KUTANNOO ✊
WAA SADII" KANAN BOHAARAA!
*
*Waa sadii ilkaan malee nama nyaata
1 Yaada
2 Jaalala
3 inaaffaa
ILMI SADII
1 Kan abbaa caalu
2 kan abbaa dhaalu
3 kan abbaa dhaanu
* Waa sadii waa sadiirraa eegan garuu isumaan eegan
1,Dargaggeessa shamarree irraa eegan garuu isumaaf eegan
2,waraabessa harree irraa eegan garuu isumaaf eegan.
3,Dubarti gumbii irraa eegan garuu ishumaaf eegan
* waa sadii waa sadiin tola.
1,Haasawan hiriyaan
2,Hojiin karooraan
3,jaalalli amanamummaan
* Ani sadiin beeka sadii waaqatu beeka.
1,Hamman nama jaaladhu beeka,hamma namni na jaalatu waaqatu beeka.
2,Bor akkan hojjedhu beeka,waanan hojjedhu waaqatu beeka.
3,Akkan du'u beeka,guyya isaa waaqatu beeka.
* Waa sadii hin dagatin
1,Eessaa akka kaate
2,Eessa akka jirtu
3,Eessa akka dhaqxuu.
*Waa sadii nu haa baraaru
1,Jaarsa dhugaa dabsu
2,Bishaan dhagaa cabsu
3,Nama nama arrabsu
GALATOOMAA!
See ➡️⬅️➡️more