"Meenuun Nyaataa , Hin bade Moo Hin Sirreeffame?"
Barattoonni yuunivarsiitii mootummaa keessa jiran, sagalee isaanii gama hunda irraa dhageessisaa jiru. Komiin isaanii garaagaraa miti, rakkoo wal-fakkaataa himatu: qulqullinni fi hamma nyaataa irratti xiyyeeffata. Barattoonni akka dubbatanitti, haalli dhiyeessii nyaataa kun gonkumaa haaldureewwan nyaataa hin guutu.
"Baajati Dabalame Maal Jijjiire?"
Guyyaatti birrii 15 ramadamuun erga barattoonni waggoota dheeraaf komatan booda karaa birrii 22tti waggaa tokko dura olsiqeera, kunis haala jirrenyaa yeroo ammaa waliin sababa wal hin simneef mootummaan daballii baajataa guyyaatti birrii 100 godhee jira. Haa ta'u malee, daballiin kun rakkoo wayyeessuuf osoo hin taane, komii barattootaa daran hammeesseera.
"Rakkoon nyaata keenyaa daran hammaateera. Daballiin baajatichaas homaa hin wayyeessine," jechuun barattoonni komii isaanii jabeessan.
- "Guyyaatti birrii 100 jechuun tokko tokkoof wanta guddaa fakkaachuu danda'a. Garuu nuuf, rakkoo qulqullinaa fi baay'ina nyaataa furuuf bu'aa tokko illee hin fidne,"
- "Meenuun nyaataa haaraa labsame waan hojiirra oole hin fakkaatu,"
Nyaanni Hir’ate, Qulqullinni Hirdhate sagelee barattootaa Yuunivarsiitiilee garaa garaa irraa miidiyaa @Abdii_Sabaa dhaqqabaa jirudha.
Rakkoon nyaataa qulqullinaa fi baay'inni isaa ka duraarraa hammaataa akka jiru barattoonni ifatti ibsu. “Mana nyaataa keessatti nyaata dhiyaatu ijaanillee daawwachuun namatti hin tolu” jedhu barattoonni
Kana malees barattoonni “Cost Share” ni kafalu sababa ta’eef guyyaatti qarshii 100, torbanitti qarshii 700 irratti kan shallagamu ta’uu yaaddoo barattootaa daran hammeessee jira.
Kanaan dura Yuunivarsitiileen Bajata mataa isaanii irraa qooduun barattootaaf kan ammaarra nyaata fooyya’aa dhiheessaa turaniiru, haa ta’u malee yeroo ammaa kana ministeerri barnootaa Meenuu haaraa baasuun erga labsee asitti haalli dhiheessii nyaataa komii guddaa kaasuun Yuunivarsitiilee hedduu keessatti jeequmsa uumeera.
Yuunivarsitii Maqalee, Yuunivarsitii Dabire Birhaaniifi Dabaarq kanumaan walqabachuun jeequmsi akka ture gabaasuun keenya ni yaadatama.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡