ASOOSAMA GABAABAA
😘 DHUNGOO 😘
KUTAA 8️⃣ FFAA
.....Leello koo jedheen kadhadhe. Garaa laafuu hin haftu, "Harmeen haa dhuftu hodhaa ishee gurgurattee waan nyaatamu homtuu gundoorra hin jiru," naan jette. Amma miira ishee jijjiiraa dhufuu isheetti gammadee ijashee keessa ilaalaa Leellooko atumti cancala harka koorraa kana naaf hiiki malee anuu nyaata bareedduu ishee qopheessee waliin nyaannan, jedheen. Isheenis beela'uu hin haftu eessaa fiddee qopheessita osoo naan hin jedhiin, "Tole," jettee dhagaan cancala harkikoo ittiin hidhamee ture naaf reebutti kaate. Cituu dide, itti ulfaate, ittuma cimtee naaf kutte. Uffee nan boqodhe. Ammammoo ofiikoo kan miillikoo ittin hidhamee jiru, cancala dhagaan reebuttin eegale, nan kutadhe; utaalchan karra ba'een fiiguu eegale garagalee ofirra ilaallaan Leelloon iyyaa, “Qabaa! qabaa! naaf qabaa uu uu uu..” jechaa na waliin fiigaa jirti. Karra Amartii koofaa dura yoon gahu namoonni lama uffata gaddaa uffatanii natti dhufan; lapheen na tarsa'e; nan nahe; na ilaala hidhii xuuxu. Biruma darbeen utaalchaan Qe'ee Amartiifaa yoon seenu, Harmeen
Amartii uffata gaddaa irraa fi jalaan uffataniiru. Mataa isaanii shaashii
gaddaan haguuggatanii; mudhii jabeessanii hidhataniiru, "Wayyoo wayyoo kichuukoo, wayyoo guddiseekoo, wayyoo Amartiikoo, " jechaa natti deeman, waan jechaa miti waan gochaatu na duraa bade. Namooni dunkaana gaddaa keessa turan hunduu gadi yaa'anii akkuma kanniisaa adeeman (goondaan) gaaguratti nam'eetti hursanii iyyuu eegalan. Akka nama cabbiin qaama isaa irratti gadi naqameetti nan hadoode,
akkuman afaan banettin hafe. Haala kanaan xiqqoo ergan dhaabadhee booda, ofirra gad taa'ee, kufee ka'ee, gangaladhee uffata ofirratti ciraa, wayyoo Amartiikoo jedhee boo'uun eegale. Osoon boo'ee boo'icha koo hin xumuriin manguddoon tokko duubaan
dhufanii mudhii koo naaf qabanii, "Dhalakoo ofi hin miidhin ofiifuu jaatanii irra turte boqodhu boqonnaa sammuu si barbaachisa. Osoo boo'ichi kan du'e galchee Hacaaluu Hundeessaa Boonsaatu gala; osoo jabaan du'a oolees Ebbisaa Addunyaa Jaallataafaa, Jeneraal Taddasaa Birruu, Huseen Buunee Daraaraa, Agarii Tulluu, Injineer Tasfaahun Camadaa maalan himee fixa isaan kanatu gala ture; osoo kichuun du'a oola ta'ees daa'ima waggaa kudhanii Caalchisaa ani du'ee saba koof bilisummaan haa dhufu jechuun lubbuu isaa tokkittii jijjiirraa hin qabne dabarsee kennetu du'a hafa ture," naan jedhan. Ol jedhee takkaa qofa ija isaanii keessa ilaaleen callise.
Namoonni hunduu sagalee boo'ichaa gadi qabatanii Dunkaana Gadda sana keessa tattaa'an. Namoota addaan saaqadhee Harmee Amartii, Aadde Jaalannee cinaan taa'e. Aadde Jaalannee, ammas ija keessa na ilaalaa imimmaan ijatti isaan dhufti.
...itti fufa
GALATOOMAAA!!!!!
@AsoosamaafiWalaloo