SOBA
Yeroo durii mootiin tokko biyyaa bulchu keessa deemee galii sassaabaa ture. Ganda tokko keessa gahee yemmuu jiraattota haasofsiisuu fedhu, isaan immoo garuu rakkoo guddaa keessa akka jiran isatti himan. Finciluu barbaadan. Mootiin sun sodaatee ganda sana gadi lakkisee deemaa osoo jiruu dursaan ganda sanaa dubbichi boruuf rakkoo fiduu danda'a jedhee yaaduudhaan mootii ganda sana keessaa bahaa jiru fiigee eega qaqqabeen booda; "yaa Mootii si jibbinee miti. Rakkoo guddaa qabna. osoo rakkoo keenya hin barin hin deemin." Jedhee kadhate. Mootiin mana dursaa ganda sanaa eega taa'een booda rakko jaraa dhaggeeffachuu eegale.
Jiraatan inni tokkofaan; "Ganda keenya keessa manni barnootaa, barsiisan hin jiru. Dukkana keessa jirra. Sarara bilbilaa hin qabnu." Jedhe.
"Kun rakkoo salphaadha. Yeroo dhiyoo keessattan barsiisota hedduu isiniif ramada." Eega jedheen booda bilbila bilbiluun barsiisan akka ganda sanaaf ramadamu ajaje.
Jiraataa lammaffaan ;"Bishaan qulqulluu hin qabnu. Mana yaalaa hin qabnu. Riqicha hin qabnu. Kanaaf rakkoo Guddaa keessa jirra. "Jedhe rakkoon furmaata argata yaada jedhu laphee isaa keessatti abdii guddaa godhachaa.
" Bishaan akka isiniif bahun taasisa. Mana yaalaa isiniifan hojjachiisaa. Riqicha Yeroo Dhiyootti isiniif hojjachiisaa. Isin garuu gibira kanfaluu qabdu. "Eega jedhee booda ;" Heloo ..."jedhee bilbila bilbiluun ajaja dabarse.
Dursaan gandaa akkasumas jiraatonni akka mootiin isaan sobu beekuudhaan; " Yaa mooti,Nuti bilbila arginee dhageenyes hin beeknu. Sararri bilbilaa ganda keenya keessa hin seenne. "Jedhan. Mootiin yeroo kana qaanii guddaa keessa gale.
*Nama tokko yeroo heddu sobuu dandeenya. Nama hedduu garuu yeroo tokko illee sobuu hin dandeenyu.
@kolfimee
@asoosamaafiwalaloo ✅